Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Browsing Oromo Language, Literature and Folklore by Title
Now showing 1 - 20 of 382
Results Per Page
Sort Options
Item Aaccessa Gahee Miinimiidiyaan Mana Baruumsaa: Kallattii Barnoota Afaaan Oromoo Gabbisuu Keessatti Qabu Xiyyeeffannaa Manneen Barnoota Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee Magalaa Ejeree(Addis Ababa University, 2021-11) Kabbabuush Tashoomaa; Xilaahun Taliilaa (PhD)Qorannoon kun Qaaccessa Gahee Miinimiidiyaan Mana Barumsaa: Kallattii Afaan OromooGabbisuu Keessatti Qaburraatti manneen barnootaa magaalaa Ejeree keessatti argamanirraatigaggeeffame. Kaayyoon qorannichaas Gahee Miinimiidiyaan Mana Barumsaa: Kallattii AfaanOromoo Gabbisuu Keessatti Qabu maali , isa jedhu deebisuuf qoratame. Barbachisummaan firiiqorannoo kanaa, namoota gara fuula duraa mata-duree kanaan wal fakkatan irratti qorannoogeggeessaniif akka madda ragaatti fayyada. Barsiisota Afaan Oromoo barsiisan tooftaamiinimiidiyaatti fayyadamanii afaan barsiisanqorannoonkunwaankaa`uuirraafayyadamuudanda`u.Barattootaafaankanabarataniifdandeettiwwanafaaniiakkagabbifatanilleenifayyada.Qopheessitootasirnabarnootaaqorannoonkunbu`aamiinimiidiyaanbarnoota afaan Oromoo gabbisu keessatti qabu adda baasee waan kaa`uuf,qopheessitoota sirna barnootaaf illee sagantaa miinimiidiyaa akka sirna barnootaa keessagalchanii qopheessaniif ni fayyada. Bakki itti gaggeeffames Godina Shawaa Kaabaa AanaaHidhaabuu Abootee magaalaa Ejereeti. Malli qorannoon kun ittiin gaggeeffames akkamtaa yoota’u, mala iddattoo mitcarraatu hojiirra oole. Gama meeshaalee ilaalchisee immoomeeshaaleenragaaleen ittiin funaanaman daawwannaa, afgaaffiifi mariigareeti. Gaaffilee afgaaffiitiifi mariigaree gargaaramuun barsiisotaafi barattoota aanichaa keessaa warra miinimiidiyicha irrattibeekumsa qabaniifi gumiicha keessatti hirmaannaa qaban irraa ragaan haala gaariinfunaanameera. Yeroo dawwannaa immoo qorattuun qaaman argamuun kan ragaanfunaannameedha. Barsiisota aanicha keessatti Afaan Oromoo barsiisaniifi gumii miinimiidiyaairratti muuxannoofi beekumsa gabbataa qaban afgaaffiidhaan odeeffannoon irraafunaanameera. Ragaan akkaataa kanaan walitti qabames gadi fageenyaan kan qaacceffame yoota’u, achi irraayyis argannoon argameera. Akka argannoon argame mul’isutti, miinimiidiyaanmana barumsaa barattootafi barsiisotni dandeetti afaanii akka foyyeeffatan, afoola, aadaahaawasaa, safuufi safeeffannaa hawaasa Oromoo keessa jiru kan baratan, barattoonni wantootadareetti baratan caalaa sagantaa isaa irraa waan baal’aafi gadi fagoo akka baratan akkasumassagantaa miinimiidiyaa mana barumsaa kana irrattii illee kanhirmaatubarattootata’uarganneera..Yaboon qorannoo sagantaa miinimiidiyaa manabarumsaaqopheessuu irratti kanxiyyeeffatu irra caalaa barattootaafi barsiisota waan ta’eef osoo qaamni dhimmi isaa ilaalatuakkuma sagantaa barnootaatti yeroon itti kennamee irratti hojjetamee gumiin kun irra caalaaAfaan Oromoo gabbisuu keessatti bu’a qabeessa ta’a.vItem Adeemsa Raawwii Amantii Waaqeffannaa Galmaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat(Addis Ababa University, 2021-11-01) Nagawoo Isheetuu; Mulgeetaa Nagaasaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa raawwii amantii waaqeffannaa galmaa Godina ShawaaBahaa Aanaa Boosat irratti xiyyeeffachuun ragaalee malleen akka daawwannaa, afgaaffiiifimarii gareetiin guuraman ija uummata naannichaatiin xiinxaluudha. Qorannoo kanaaf ka‟umsakan ta‟e, amantiin waaqeffannaa galmaa kan ganamaa falaasamaafi beekumsa hedduunbadhaadhe umrii dheeraa qabaatee osoo jiruu hanga ammaatti osoo hin barreeffamin, hinqoratamin akkasumas dagatamaa waan jiruuf beekkumsa gabbataa osoo hin tuqamin jiru kanahanga tokko beeksisuufi barreeffamaan kaa‟ufidha. Qorannoo kana gaggeessuufmalaqorannooakkamtaafayyadamuunnamootawaa‟eeadeemsaraawwiiamantaawaaqefffannaagalmaanibeekujedhaman,malaiddatteessuumiticarraanfilatamanirraaragaaleenqorannichaaqaaccessa daawwannaa, marii gareefi afgaaffii gargaaramuun funaanamaniiru. Ragaaleenfunaanamanis akkaataa wal-fakkeenyaafi galumsa isaaniitti qindeessuun matadureeittikennuunxiinxalamaniiru.Qoratichiyaaxxina tajaajilaa bu‟uureffachuunfaayidaaamantiinwaaqeffannaa galmaa hawaasa keessatti qabu xiinxaleera. Adeemsa raawwii amantiiwaaqeffannaa, haala raawwii isaa, horata isaa, yoomessa raawwii isaa,dhiibbaa yookiin gufuuamantii waaqeffannaa, haala yookiin sadarkaa yeroo ammaa amantiin waaqeffannaa irra jiru,akkasumas eebbawwaniifi faaruuwwan amantii waaqeffannaa galmaa achi keessatti argamanergaan isaanii sakatta„amuun xiinxalamanii jiru.Argannoowwan qorannichaas amantiin waaqeffannaa galmaa adeemsa mataasaa kan qabu,yeroofi safuu hawaasaa eegee kan raawwatamu, qooda fudhattoonni isaa baay‟inaandargaggoota ta‟uufi amantiin waaqeffannaa galmaa kun dhaabbiidhaan torbanitti yeroo lama Dilbataafi Jimaata kan gaggeeffamu ta‟uu isaabiragahameera.Kanamalees,amantiinwaaqeffannaagalmaa siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa uummataa cimsuu keessatti gaheeguddaa akka qabuufi raawwiin amantii waaqeffannaa akka baduuf dhiibbaan gara garaa irragahaa turuun, yeroo ammaa garuu sadarkaa fooyya‟aarra kan jiruufi abdii kan namatti horuta‟uu isaa argannoodhaan bira gahameera. Gama biraatiin raawwiin amantii waaqeffannaagalmaa aadaa, eenyummaa, seenaafi ilaalcha saba Oromoo waan ibsuuf dhaloonni amma jirukun waa‟ee duudhaa amantii waaqeffannaa isa akaakileefi abaabileen keenya osoo hin baratinbarreeffama tokko malee argaa-dhageettiin asiin ga‟an kana gadifageenyaan qorachuunbarreeffamaan kaa‟ee, dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama hundaatItem Adeemsa Raawwii Gumii Me’ee Bokkoo Marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii(Addis Ababa University, 2024-06) Muluu Asaffaa; Taaddesee Jaalataa(PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa, adeemsa raawwii Gumii Me’ee Bokkoo marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii Xiinxaluudha. Qorannoon kana galmaan ga’uuf, kitaabileefi barruuleen adda addaa sakatta’amaniiru. Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti ba’aman kaayyoo qorannichaa bu’uureffachuun yoota’u, qorannoo mala ibsaandhiyaatedha. Kaayyoo irratti hundaa’ee qorannoo bu’uurati. Maddi ragaalee qorannichaa Abbaa Gadaa, Hayyuu seenaafi qorattoota sirna Gadaa Oromoo Gujii, akkasumas warreen jila Baalli walharkaa fuudhinsa Gadaa Gujii marsaa 75 ffaa irratti argamaniidha. Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, daawwiifi marii gareeti. Malli xiinxala ragaalee mala akkamtaatti dhimma ba’uun kan qoratamedha. Gama argannoo qorannoo kanaan immoo, Maalummaan Gumiin Me’ee Bokkoo adda baafameera. Innis Yaa’ii Gadaa Oromoo Gujii biratti bakka ardaa jilaa Me’ee Bokkoo jedhamutti waggaa saddeet saddeetin lallaba seerafi baallii walharkaa fuudhuuf dhimma itti ba’aniidha. Bakkifi haalli adeemsa Gumii Me’ee Bokkoo waan hedduu kan ofkeessaa qabuufi adeemsi isaa guyyaa Gumiin Qacha ijaaruu irraa hanga gumii teessisuun seerota adda addaa lallabuun argannoo qorannoo kanaati. Seeronni Gumii Me’ee Bokkoo lallabus seera gooroo, aadaafi seera jechuun akka qoodamaniifi isaanis maal jechuu akka ta’e adda baafamuu danda’eera. Akkasumas raawwiwwan tokko tokko kan jijjiramaniifi kan fufaan yoo ta’uu, warreen jijjiiraman maal akka ta’aniifi sababoota jijjiiramaniif adda baafamaniiru. Haa ta’u malee, tokkoon tokkoon seerota gumiin lallabdufi seerota ammayyaa biyyoonni adda addaa ittin bulan keessaa kamtu caalatti amala dimookiraasii walabaa akka ta’e osoo qoratameen yaboo qorannoo kanaati.Kana malees, wantoonni jila irratti jijjiiramaniifi fufan addatti qorannoo waan barbaaduuf yaboo qorannoo kanaa ta’a.Item Afseenaa Iddoowwan Seena-Qabeessa Aanaa Tolee(Addis Ababa University, 2018-08) asfaayee, Tolasaa T; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Dhagaa Dhaabbii Harmuufoo Sooleefi Iddoowwan Seenaa aanaa Tolee xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf ka‟umsi afseenaan dhagaa dhaabbii kanaafi iddoowwan seenaa aanittii keessatti argamanii carraa qorannoo argachuun raga barreeffamaa qindeessuun qabeenyawwan kanneen beeksisuufi kunuunsi qabeenyawwan kanneenii hawaasa biratti bifa tureen akka itti fufu taasisuufidha. Caalaattimmoo, afseenaawwan dhagaa dhaabbii Harmuufoo Sooleefi iddoowwan seenaa aanittii keessatti argamanii walitti qabuun addeessuu; faayidaa isaanii ibsuu; bobbocawwan dhagaa kanarratti argaman mul‟istuu maalii akka ta‟an ibsuu; fakkeenyummaa maaliitiif akka bocaman agarsiisuufi hubannoon hawaasaa maalirra akka jiru ibsuudha. Odeefkennitoonni qorannoo kanarratti hirmaatan jaarsoliifi hojjattoota waajjira aadaafi turiziimii aanaa Tolee keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatiin filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oolu funaanufis afgaaffii, daawwannaafi marii gareetti gargaramee jira. Ragaaleen malleen kanneeniin funaanamanis mala akkamtaatti gargaaramuun akkaataa kaayyoo gooreetiin qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan argannoon qorannoo kanaas dhagaan dhaabbii Harmuufoo Soolee kandhaabbate bakka jireenya ilmaan Oromoo Sooddootti akka ta‟eefi kandhaabbataniifis yaadannoo awwaala namoota du‟anii agarsiisuuf akka ta‟eefi dhagaan sadi walqixxaatanii lafa olkaa‟aarratti dhaabaman immoo bakka araaraafi bakka taa‟anii seera muraniifi marii gara garaa itti gaggeessan akka ta‟edha.Afseenaan holqawwan aanicha keessatti argamaniis bakka uummanni Oromoo keessa jiraachaa turanii kanibsaniidha. Siidaan Baalchaa Saafoo immoo Baalchaan kan du‟e aanittii keessatti waanta‟eef yaadannoo isaa agarsiisuuf kandhaabbate akka ta‟edha.Walumaa galatti argannoo qorannoo kanaarratti hundaa‟uun yaadni akka yabootti kaa‟ame jaarsoliin biyyaa, hojjattoonni waajjira aadaafi turiziimiifi namoonni dhimma kanarratti qorannoo gaggeessan hundi xiyyeeffannoo qabeenyawwan kanneeniif kennuun qabeenyawwan kanneen waraabuuniifi galmeessuun, akkasumas kunuunsa taasisuun hambaalee kanneen tursiisuun osoo dhaloonni haaraan akka irraa baratu taasifamee gaarii ta‟a.Item Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa Qanyii(Addis Ababa University, 2018-08) Kabbadaa, Sisaay; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa qorachuudha. Qorannoo kana gaggeessuufis ka’umsi, afseenaawwan namoota bebbeekamoo aanicha keessatti beekamoo ta’an carraa qorannoo argachuun beekumsa afaaniin daddarbaa ture gara barreeffamaatti jijjiiruun beeksisuufi jajjabeessuun itti fufiinsa akka qabaatu taasisuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, malli qorannoo qorannicha gaggeessuuf hojiirra oole, iddatteessuu miti-carraati. Tooftaa kana keessatti malli iddatteessuu kaayyawaafi eerumsaa mala odeeffattootni ittiin filatamanidha. Ragaan mala afgaaffiifi marii gareetiin funaanamuun m ala qulqulleeffataatii hiikamuun kan ibsamedha. Qabxiiwwan ijoo qorannicha keessatti hammatamanis, afseenaa namoota bebbeekamoo aanichaa funaanuu, afseenaa funaaname keessatti dhiibbaan sirna Nafxanyaa akkamitti akka mul’ate, haalli bulchitootni durii itti aangoo waliif dabarsaniifi tooftaa waraanaa isaan fayyadamaa turan haala kamiin akka dhiyaate, faayidaa afseenaan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa ibsuu keessatti qabu akkaataa kamiin akka mul’atee kan jedhudha Haaluma kanaan, afseenni namoota beekamoo: Jijoo Boosoo, Giddii Ginnaa, Yanfaa Guddataa, Mutuluu Laaftoofi afseenni namoota isaan waliin waa’een isaanii ka’uu kan bira ilaalamedha. Gama biraatiin, sirni Nafxanyaa yeroo isaatti, amantii, afaan, duudhaa, lafaafi qabeenya hawaasa Midaa irratti dhiibbaa taasisaa turuu isaati. Haala kana keessatti, Tulluu Waaqeffannaa bataskaana dhaabuun, lafa horaa ‘Tsabala’ jechuun, maqaafi amantii jijjiirsisuun olaantummaan amantii Ortodoksii, Afaan Oromoo Afaan Amaaraan bakka bu’uun, maqaan ganamaa haqamee kiristinnaa ka’uuniifi laftiifi qabeenyi saamamuun kan bira ga’amedha. Haala aangoo dabarsuu irratti, aangoon abbaarraa gara ilmaatti sanyiifi hangafummaan kan darbaa tureefi darbee darbee Baabboofi Mida keessatti fonqolchaan aangootti dhufuun kan mul’atedha. Haala waraana gaggeessuu keessatti immoo yoo ollaa ta’an, darbatteefi farda waraanaan kan walgitan yoo ta’e walitti dhaammachuun cimina isaanii ilaalu. Waraana fagoorraa yookaan nafxanyaa humna cimsatee dhufu yoo ta’e garuu walitti araaramuun dhokatanii waraanu. Kana malees, ga’ee afseenaan gama hawaasummaan aadaa, duudhaa, amantii, afoolaafi tokkummaa, gootummaa ibsuu, siyaasaa keessatti qaama olaanaafi gadaanaan jiraachuu ibsuufi dinagdee keessatti uummatni Midaa durirraa kaasee loon horsiisuufi lafa qotuun jireenya isaa gaggeeffachaa akka ture ibsuu keessatti qabu daran olaanaa ta’ee mul’ateera. Faayidaa afseenaa kana itti fufsiisuuf immoo, Waajirri Aadaafi Turizimii qorannaa bal’aa gaggeessuuf qophii osoo ta’e, Bulchiinsi Aanaafi Dhimmootni Koominikeeshinii deeggarsa maallaqaafi ogummaa taasisuun osoo maxxanfamee dubbisuuf mijataa ta’ee, manguddoonni odeeffannoo kennuu danda’an dhimma kooti jechuun hirmaannaa isaanii cimsuun ammallee osoo itti fufee, barattootni seenaarraa baranii, akkuma Mutuluu Laaftoo, Jijoo Boosoofi Yanfaa Guddataa seenaa hojjechuuf seenaa qorachuurraa duubatti osoo jechuu baatanii filatamaadha.Item Agarii Tulluu: Sirba Salaalee Keessatti (Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam)(Addis Ababa University, 2021-10) Taarikuu Margaa Dastaa; Asafaa Tafarraa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa ija ilaalcha oromootiin sirboota goota oromoo Agarii Tuluufi maatii isaatif sirbaman qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessufis malleen qorqnnoo garaagaraa gargaarameera. madda odeeffannoo ilaalchisee madda odeeffaannoo tokkoffaafi lammaffaati. malli iddatteessuu immoo akkayyoofi darbaa dabarsaatti fayyadamee jira. meeshaaleen funaansa ragaalee immo afagaaffii fi marii gareetti fayyadamuun odeeffannoo funaanname mala qaacceessa ragaalee keessaa mala akkamtaatin/qualitative/ ragaleen qaacceffamanii jiru. Akkasumas barruulee mata duree qo‟annoo kanaan wal qabatan sakatta‟uun akka raga lammaffatti odeeffannoon funaannamanii jiru. Qorannoon kuni Yaaxxina ilaalchaa /ideological theory/ jedhamu bu‟uureeffachuu kan gaggeeffameedha. Yaaxxina ilaalchaa kana immoo haala lamaan bu‟uureeffata. TokkoffaaYaaxxina yaadaa akka addunyaattifi naannoo qorannoon kun itti gaggeeffamu giddugaleeffachuuni. Argannoowwan qorannoo kanaas, gootichi Agarii Tulluu obbolotaa isaa wajjiin uummata isaa garbummaa sirna nafxanyaa jalaa baasuuf jedhee akka qabsoo jalqabe, uummanni oromoo salaalee immoo iddoo dhokannaa gooticha kanaa ta‟aa turuu isaanii sirbaan, geerrarsaan, dhadannaadhan deeggaraa akka turanifi dhaloonni ammaa jiran dhaloota yeroo sanii caalaa afoolawwan kanatti fayadamaa akka jiran qorannoo kanaan bira ga‟amee jira. yaboon qorannoo kanaa inni guddaan aanota godina shawaa kaabaa keessa aanaan dagam iddoo dhaloota goota Agarii Tulluu waan taateef qaamni dhimmi kun ilaallatu kamuu afwalaloo sirboota Agariifi maatii isaatif sirbaman irratti qorannoo gaggeessuudhan funaanee qindeessee akka ragaa tokkootti osoo kaa‟ee, dhaloonni dhufu wanta baay‟ee irraa argachuu danda‟a. kana malees barsiisonnis ta‟ee qaamni barate kamuu afwalaloowwan sirboota goototaaf sirbaman qoratanii bifa kitaabaan yookin barruuleen osoo kaa‟anii akkasumas sirboonni kunneen sirna bornootaa keessatti hammatamanii barattootaf osoo qophaa‟anii dhaloonni waan baay‟ee irraa barachuu danda‟a.Item An Exploratory Study on Public Relations Practices at the Ethiopian Federal Ministry of Education(Addis Ababa University, 2022-09) Tilahun G/Egziabher; Hailu Gutema (PhD)The main objective of this study is to explore the practice of PRs activity in the Ethiopian Federal Ministry of Education. Explanatory research design is employed with both qualitative and quantitative data types. The instruments of data collection namely questionnaire, interview, and document survey were used to collect relevant data from the respondents. A combination of simple random and purposive sampling was used to select the samples: 162 respondents for the questionnaire, and 5 interviews. Data were analyzed quantitatively and qualitatively. The finding of the study indicated the current practice of Public relations in the Ministry of Education is less organized, poorly understood, and financially budgeted, plus more politically affiliated. The major PRs tools used by the Federal Ministry of Education were events, campaigns, and social media. The internal staff of the Ministry of education views the practice of PRs are politically affiliated and given less emphasis by the officials seen as irrelevant and given less concern. The challenges of implementing PR principles and the PRs practices in the Ministry of Education were inadequate finance, lack of working equipment, and technologies, less skilled manpower, lack of training, and loose coordination between, and among departments, and internal and external stakeholders The PR offices were not professionally structured and organized, which emanates from belittling its role, especially from the top leaders. Yet, PR practitioners are trying their best to solve the problems which face by both the internal and external public themselves. The due recommendation is given based on the findings and conclusions drawn.Item Asoosama Dhiigni Dhiiga Hin Dhabu Yaaxina Diiganii Ijaaruun Qeequ(Addis Ababa University, 2021-11) Tashoomaa Araarsaa; Dastaa Dassaaleny (PhD)Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Asoosama dhiigni dhiiga hin dhabu yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequdha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama barreessitootaatiin qeeqa asoosamaarratti taasifame laafaa ta’uufi qeeqni asoosama guddina ogabrruuf bu’uura ta’uufi yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun qorattootaan xiyyeeffannoo kan hin arganne ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoo kana gaggeessuuf yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataatti dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee tokkoffaa asoosama filatamedha. Malli asoosamni filatame kun ittiin qo’atames mala xiinxala sakatta’a barruu fayyadamuun adeemsifame. Akkuma bu’aawwan qorannicharraa argameetti: jaalala/ jibba, gabrummaa/ bilisummaa, hiyyeessa/ dureessafi barachuu/ barsiisuu yaada walii faallaa ta’anidha. Dhimmoota diiganii ijaaruu hawaasummaatiin jireenya karaarra jiraachuu keessatti hawasummaan jiraatus, bakkichi dhaabbataa waan hintaaneef gara mana godhatanii jiraachu keessattti hawaasummaan kan jiru ta’uun hubatameera. Diiganii ijaaruu diinagdee dhabuun akkuma jiru, argachuun jiraachuusaa haalaan hubatameera. Dhumarratti, qorattoonni dhiibbaan diiganii ijaaruu oguma keessa akka jiru hubachuun qeeqa akka gaggeessaniif, gooroowwan oguma keessaa yaada walii faallaawwanii, dhimmoota hawaasummaafi diinagdee adda baa’anii jiru.Item Asoosamoota Gaggabaaboo Fayyadamuudhaan Dandeettii Barreeffaama Afaan Oromoo Dubbisuu Gabbisuu (Qorannoo Yaalii Barattoota Kutaa 11ffaa Irratti Gaggeeffame)(Addis Ababa University, 2018-11) Yohaannis, Masarat; Dasaaleny, Dastaa (PhD)Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa asoosamoota gaggabaabootti fayyadamuun dubbisa barsiisuun dandeettii barreeffama Afaan Oromoo gabbisuu qorachuu dha. Kanaafis qorannichi mala yaaliin gaggeeffameera. Odeeffannoon qormaataafi afgaaffiin barsiisotaan funaanameera. Qaacesii amamtaa sooft weera spss gargaaramuun independent T- testiin hojetameera. Mala qorannoo kana akka deegaraniif barsiisota afaan oromoo barsiisan ana malee 4 qofaa waan ta’aniif arfan isaaniiyyuu afgaaffiif filatamaniiru. Daree 11ffaaA akka iddattoo akkayyoon filataman isaan immoomala iddattoo carraan bakka lamatti 40 afurtamaan garee yaaliifi garee mitiyaaliitiin qoodamaniiru. kana booda garee lachuufuu qormaata dubbisa yaalii duraa kennameeraaf. Garaagarummaan isaas softweera spss vershina 24 fayyadamuun T-testiin hojjetameera. Qaphxiin isaas (T=0.497 df=78 p=0.621) waan ta’eef garaagarummaan istaatiksiin qabatamaa ta’eirratti hin mul’anne. Kunis Diin akka kooheen Diin ibsutti Effect size 0.1waan ta’eef walitti dhufeenya dadhabaa (weak effect ta’uu isaa agarsiisa) kanaafuu qorattuun garee lamaanuu barsiisuuf itti fufte. Garee yaalii asoosamoota gagabaaboo fayyadamuun dubbisa dubbisuu barsiistee garee mitiyaaliin immoo dubbisa biro barsiiste. Dhumarrattis garee lachuufuu qormaata wal fakkaataan kennameefii qabxiin isaanii sooftweera spss vershina 24 fayyadamuun T testiin akka hojjetameetti (T=2.422, df=78, p=0.018)waan ta’eef garaa garummaan qabatamaan (significant relashin ship)mul’ateera. Kunis p= 0.018 0.05 gadi waan ta’eef. Itti dabalees akka kooheen D ibsutti D=0.54 waan ta’eef ciminni walitti dhufeenya isaanii (moderet effect)ta’uu isaa agarsiisa. Kanaafuu asoosama gabaaboo barsiisuuf itti fufte. Garee yaalii asoosama gabaabaan fayyadamanii dubbisa barachuun gahee akka qabu agarsiisa.Item Bifiyyee Fi Qabiyyee Weedduu Jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu: Ija Siyaas Diinagieen Ilaalcha Ummataa Xiinxaluu (Lufaafi Fufaa)(Addis Ababa University, 2021-11) Atsaduu GebereMaariyaam; Mulgeeta Nagaasaa (PhD)Mataduree qorannoo bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu ija siyaas diinagdeen iaalcha ummataa xiinxaluu jedhu keessatti gabaabinaan kan dhiyaatan: akka kamusaatti, weedduun jaalalaa damee afoolaa waan ta‟eef afaaniin darbaa kan tureefi darbaa kan jiru ta‟ee,gama adda addaan dhiibbaa keessa kan tureefi dhiibbaa keessa kan jirudha. Qorattuunis dhimmuma kana bu‟uura godhachuun bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa irratti xiyyeeffachuun qorannoo kana geggeessite.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa bifiyyeefi qbiyyee weedduu jaalalaa ija siyaas diinagdeen ilaalcha ummataa xiinxaluudha Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf mala qorannoo akkamtatti dhimma ba‟ame.Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ames mala akkayyoofi darbaa dabarsaati. Malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee turan. Boqonnaa arfaffaa keessattis ragaaleen bifa af-gaaffii ,marii gareefi daawwannaan funaanaman xiinxalamaniiru. Xiinxala qorannoo kanaa keessattis maalummaa weedduu jaalalaa, gosoota weedduu jaalalaa kanneen akka, jaalala dhiiraafi dubara gidduu jiru, jaalala haadhaa, jaalala abbaa, jaalala obboleessaa jaalala gootaafi biyyaa ija siyaas diinagdeetin yaaxina haalawaa, yaaxina faay‟idaafi yaaxina bifeessummaarratti hundaa‟uun bifa bifiyyeefi qabiyyee isaaniitiin xiinxalamaniiru. Weedduun jaalalaa miira maraarfachuun waan jaalatan tokko qalbiifi miira jaalalaan guuteen leellifachuu kan ibsuufi dhamsawwan garaa garaa kan dabarsuudha. Yoomessi weedduu jaalalaa daanga‟aa kan hintaane ta‟uu isaa. Weedduun jaalalaa kan weeddisaan ykn weeddiftuun waan jaalatan sana hawwachuuf leellisuun garaa booressuun gara yaada ofiitti fiduuf kan weeddisanfi dhimmota adda addaa kan itti ibsatan ta‟uu,weedduun jaalalaa,badaa hurruubbii kan hin qabne, sadoommii garaa garaan kan ofkeessatti ammatu ta‟uu, duudhaafi safuu hawaasichaa kan calaqqisiisu,maleen dubbii garaa garaa kan dhiyaatu ta‟uu akkasumas kan wellisaan hirmaattoota ykn qooddattota malee qofaa isaa kan raawwatu ta‟uun isaa qaacceffameera. Dhumarratti cuunfaa,argannoofi yaboon qorannichaa dhiyaataniiru.Item Bifiyyee Fi Qabiyyee Weedduu Jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu: Ija Siyaas Diinagieen Ilaalcha Ummataa Xiinxaluu (Lufaafi Fufaa)(Addis Ababa University, 2021-11-01) Atsaduu G/Maariyaamv; Mulgeeta Nagaasaa (Phd)Mataduree qorannoo bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa Godina Shawaa LixaaAanaaJalduuijasiyaasdiinagdeen iaalcha ummataa xiinxaluu jedhu keessatti gabaabinaan kan dhiyaatan:akka kamusaatti, weedduun jaalalaa damee afoolaa waan ta‟eef afaaniin darbaa kan tureefidarbaa kan jiru ta‟ee,gama adda addaan dhiibbaa keessa kan tureefi dhiibbaa keessa kanjirudha.Qorattuunis dhimmuma kana bu‟uura godhachuun bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaairratti xiyyeeffachuun qorannoo kana geggeessite.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa bifiyyeefiqbiyyee weedduu jaalalaa ija siyaas diinagdeen ilaalcha ummataa xiinxaluudha Kaayyoo kanagalmaan ga‟uuf mala qorannoo akkamtatti dhimma ba‟ame.Malli iddatteessuu qorannoo kanageggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ames mala akkayyoofi darbaa dabarsaati. Malleenfunaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee turan. Boqonnaa arfaffaakeessattis ragaaleenbifa af-gaaffii ,marii gareefi daawwannaan funaanaman xiinxalamaniiru.Xiinxala qorannoo kanaa keessattis maalummaa weedduu jaalalaa, gosoota weedduu jaalalaakanneen akka, jaalala dhiiraafidubara gidduu jiru, jaalala haadhaa, jaalala abbaa, jaalalaobboleessaa jaalala gootaafi biyyaa ijasiyaas diinagdeetin yaaxina haalawaa, yaaxinafaay‟idaafi yaaxina bifeessummaarratti hundaa‟uun bifa bifiyyeefi qabiyyee isaaniitiinxiinxalamaniiru. Weedduun jaalalaa miira maraarfachuun waan jaalatan tokko qalbiifi miirajaalalaan guuteen leellifachuu kan ibsuufi dhamsawwan garaa garaa kan dabarsuudha.Yoomessi weedduu jaalalaa daanga‟aa kan hintaane ta‟uu isaa. Weedduun jaalalaa kanweeddisaan ykn weeddiftuun waan jaalatan sana hawwachuuf leellisuun garaa booressuungarayaada ofiitti fiduuf kan weeddisanfi dhimmota adda addaa kan ittiibsatanta‟uu,weedduunjaalalaa,badaa hurruubbii kan hin qabne, sadoommii garaa garaan kan ofkeessatti ammatuta‟uu, duudhaafi safuu hawaasichaa kan calaqqisiisu,maleen dubbii garaa garaa kan dhiyaatuta‟uu akkasumas kan wellisaan hirmaattoota ykn qooddattota malee qofaa isaa kan raawwatuta‟uun isaa qaacceffameera. Dhumarratti cuunfaa,argannoofi yaboon qorannichaa dhiyaataniiru.Item Caasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbii(Addis Ababa University, 1999-08) Siyyum, Yiheeyyis; Tasfaayee, Wandiwasan(PhD)Afaan Oromoo manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa keessatti harki irra jireenyi akka afaan tokkoffaatti kan tajaajiluudha. Kuni ammo tooftaalee barnoota afaan barsiisuu keessaa isa waliindubbii (Communicative Approach) tiin haala barattoota hirmaachisun osoo barsiifame/baratamee baayyee filatamaa akka ta’e hayyuuleen adda addaa ni gorsu. Haa ta’u malee, haqnni jiru osoo kana ta’uu, barattootni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaanicha kana baratan caasaa/ seerluga Afaanichaatti fayyadamudhaan ofibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka’umsa barsiisonni kutaa kana barsiisan fi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliindubbii seerlugaarratti qabaniidha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolinsa tooftaa barnoota waliindubbii seerluga Afaan Oromoo sakkatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa kaabaa keessatti argaman keessaa Mukaxurii sadarkaa Lammaffaa” fi “Caanccoo Sadarkaa Lammaffaa” keessatti kutaa saglaffaarratti. Qabxiilee ijoo wiirtuu qorannoo kanaa ta’an keessaa: - Adeemsichi barsiisota moo barattoota jiddu galeessa godhata? - Tooftichi jedhame hoo hojiirra ooluu baate rakkoolleen muudatan maal fa’i? - Hubannoo /ilaalchi barsiisonni toofticharratti qaban maal fakkaata? fi - Caacculee kallattii yookin alkallattiidhaan adeemsicha tooftaa kanaatiin walqabatan ni argamu. Bu’aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda’ama, kan barsiisaa jiddu galeessa godhatee dha: carraan seerlugicha haala dalaga gochoota adda addaatii dalaguu hin jiru; kaka’umsi yookin si’aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruu fi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaa dhaan qofa dalagamaniidha. Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta’an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka’e, kaka’umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti.Item Duudhaa Fi Nageenya: Duudhaa Gondoroo Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuu Gujiifi Gede’oo Gidduutti Raawwatamu(Addis Ababa University, 2024-06) Ashabbir Taaddasaa; Dr Taaddasaa JaalataaQorannoon kun raawwii duudhaa Gondoroo araara nama dhuunfaaatiif raawwatamuufi akka gareetti Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf raawwatamu xiinxalee ibsuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan hawaasni Gujiifi Gede’oo raawwii Gondorootiin akkamiin waldhabdee dhaabee nagaa akka buusu, adeemsota raawwiin Gondoroo keessa darbuufi gochaalee duudhaa adeemsa raawwii keessatti raawwatamaniifi hiikkaa galumsaa qaban ibsameera. Akkasumas itti fufinsaafi jijjiirama raawwii Gondoroofi dhaabbilee duudhaa hawaasaa Gujiifi Gede’oos gadi fageenyaan xiinxalameera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi marii gareefi kuusaa galmee aadaa kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan Gujii irraa hayyuu 7 fi Gede’oo irraa hayyeechaawwan 4 tooftaa iddetteessuu kaayyootiin filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Waraabbii Raawwii Gondoroo 2010 ALI Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatames akka madda lammaffaatti itti fayyadamamee jira. Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti Gujiifi Gede’oo gidduutti Gondoroon waldhabdee dhaabee nagaa buusuu kan danda’uuf kuusaa beekumsa hawaasni Gujiifi Gede’oo waliin qoodatan waan ta’eef ta’uu hubatameera. Beekumsa hawaasaa Gujiifi Gede’oo keessatti “obboleessa obboleessa hinajjeesu; hoo akka tasaa ajjeese Gondoroo qaba” yaanni jedhu hawaasa lamaan biratti bifa walfakkaatuun ilaalama. Raawwiin Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatamu adeemsota Walgahuu Abbootii gadaa, falachuu, araara gochuufi sirna raawwii Gondorootiin mirkaneeffachuu qaba. Raawwii Gondoroo Gujiifi Gede’oo keessatti qaamoleen duudhaa hirmaatan Abbaa Gadaa, Qaalluu, Hayyuu gosaa (hayyeechaa) fi wayyoo (Gede’uffaan damee afuuraa) fi Waataan faloo qaluuf hirmaata. Gujiifi Gede’ootti dhaabbileen duudhaafi qaamoleen duudhaa raawwachiisan itti fufaniiru; duudhaan Gondoroos raawwiifi barnoota aadaa umuriidhan gahee taphatamuun dhalootaa dhalootatti darbuu itti fufee jira. Muuxannoo Gujiifi Gede’oo kana akka fakkeenyaatti fudhachuudhan sabaafi saba gidduutti waldhabdee daangaafi eenyummaan uumaman furuuf duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Dhaabbileen barnootas duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu qabiyyee barnootaa keessatti dhiyeessuun osoo barsiisanii walooma hawaasaa eeguuf baayyee fayyada. Jechoota Ijoo: Duudhaa, Waldhabdee, Nagaa Buusuu, Gondoroo, Gujii, Gede’oItem Faaruu Shimalaa Dhiichisaa Keessaatti Ija Xiinwalaloo Naannoo Hawaasa Aanaa Warra Jaarsoottiin(Addis Ababa University, 2021-03-01) Shaambal Waaqjiraa; Asafaa TafarraaKaayyoon qorannoo kanaa faaruu shimalaa dhiichisaa keessatti ija xiinwalaloo naannoo hawaasa aanaa Warra Jaarsoo maal akka fakkaatu qo’achuudha.Kaayyoo kanaas galmaan naaf ga’a jedhee malli iddattoo qorannichaas kan filataman,mala miti carraa kaayyeeffataafi iyyaafannoon namoota waliin afgaaffiifi Marii gareetiin adeemsifameera.kanaa malees,qorataan qorannoo kanaa,bakka dhiichisni jiruttiargamuun yoomessa uumamaa keessatti daawwannaa ggeessuun,dabalataanis,namoota dhiichisa irratti hirmaataniifi daawwatan waliin afgaaffii gaggeessuun odeeffannoo funaannateera.Yeroo daawwannafiafgaaffiin adeemsiffamu kanaas odeeffannoofunaannuuf maloota waraabbiisuursagaleefiuunkadaawwannaa (check list) guutuu nodeeffannoon barbaachisu walittiqabameera.Kana malees WaajjiraAadaafi Turizimii aanichaa dhaquun odeeffannoo argachuuf yaaluilleewaajjirrikunwaanshimalawalqabatu hanga har’atti wanti hojjetame hin jiru garuu garafuundurattikarooraakkaqabanodeeffadheera.Ragaaleenmaloota armaan olii kanaan walitti qabaman kanneen;yaaxxina haala,yaaxxina uummama naannoo/ecocritism/fi Yaaxxina naannoo faarsuu/ecopoetics/fayyadamuunmataduree garagaraa jalatti qoqqoodamaniiru.Itti aansuun,mala qorannoo qulqulleeffataattigargaaramuun,yaaxxina haala,yaaxxina ummama naannoofi yaaxxina naannoo faarsuu itti fufiinsaa bu’uura godhachuun odeeffannoowwan kunniiqaacceffamaniiru.Adeemsa qaaccessa ragaalee kana keessatti uummanni aanaa sanaa dandeettii kalaqaafi falaasamaa seenaa,duudha a,safuufi ilaalcha naannoo isaaniitii qaban dhiichisaa ibsachuu akka danda’an irra ga’ameera.Walumaagalatti, firiin qorannoo kanaa, uummata Oromoo Godina Shawaa Kaabaa yookaansalaale kan aanaa Warra Jaarsoo keessatti dhiichisni haalotii garagaraa kan akka siyaasaa,amantii,hawaasummaafi aadaa keessatti kan tajaajiluudha.Haalotii kanneen keessatti,ergaawwaanakkaonnachiisuu,balaaleffachutoo’achuu,walgorsuu,faarsuu/jajuu/kutannoon,barsiisuu,qeequfi quuqaa baafachuu of keessaa qaba.Dabalataanis, dhimmootii irratti xiyyeeffatanii dhiichisanirratti hundaa’ee hurruubummaan dhiichisaa garaagarummaa kan qabuudha. Kana jechuunis,akkaataan hurrubummaa kan kabaja sirna amantii Ortodooksiifi waaqeffannaa qaalluu tokkoomiti.Akkasumas,hurrubummaan dhiichisa xiiqiifi kan yeroo hojii haamaa gargariidha.Kanaaf,firiiwwan dhiichisaa kana bu’uura godhachuun dhimmi dhiichisaa kun dhimma kalaqaafifalaasa Oromoo waan ta’eefi dandeettii afaanii afran barsiisuuf akkuma goorowwan afoola biroo ga’ee guddaa waan qabuuf, qophii kitaaba barnootaa keessatti qophaa’ee yoo ittiin barsiifameefi ittiin baratame kalaqnifi falaasamni uummatichaa dabalaa akka deemuu danda’u; akkasumas,qaamni dhimmi kun ilaallatu afwalaloo dhiichisaa gara barreeffamaatti jijjiiranii maxxansuufisuursagaleen dhiichisawaraabanii olkaa’uun dhaloota dhufuuf akka dabarsan yaadni furmaataa kennameeraItem Fayyadama Af-Heddumminaa Mana Barnootaa Dhuunfaa Magaalaa Buraayyuu Gafarsaa Giriin Keessatti(Addis Ababa University, 2021-11) Fayisaa Fiqaaduu Nagaasaatiin; Taaddasee Jaallataa (PhD)Qorannoon kun fayyadama af-heddumminaa kan mana barnootaa dhuunfaa irratti xiyyeeffachuun haala mana barumsaa Gafarsaa Giriin Sadarkaa tokkoffaa keessa jiru kanxiinxaluudha. Qorannichaaf wanti ka’umsa ta’e yeroo garaa garaatti barattoonni afaan dhalootaa isaanii alatti afaan kanneen biroo baruufis ta’e itti fayyadamuu irratti ilaalchi dogoggoraa jiraachuufi sababa kanarraan kan ka’e af-heddummaa akka madda rakkootti ilaaluun waan mul’atuuf, hanqinaalee mul’ataniif furmaata kaa’ufi rakkooleen mul’atan immoo dhiibba hubannoo barattootaafi barsiisotarratti, adeemsa baruu barsiisuu keessatti uumuu danda’an adda baasuudha. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaaname immoo af-gaaffii barsiisotaafi barattootaa, bargaaffii barattootaafi daawwannaa daree barsiisotaafi barattoota irratti xiyyeeffatee taasifameeniidha. Odeeffannoon barattootarraa bar-gaaffiin argame mala hammamtaa fayyadamuun kan qaacceeffame yoo ta’u, kanneen af-gaaffii barattootaafi barsiisotaa, akkasumas daawwannaa daree taasisuun argaman immoo mala akkamtaan qaacceeffamanii jiru. Akka ragaaleen barattootaafi barsiisotarraa argameefi daawwannaa daree taasifameen hubatame mul’isanitti mana barumsaa qarannoon kun irratti taasifame keessatti ilaalchaafi hubannoo barattoonniifi barsiisonni af-heddummaa irratti qaban ilaalchisee ciminniifi hanqinni jiraachuun hubatameera. Haaluma kanaan akka argannoo qorannoo kanaatiin mana barnootaa qorannoon kun irratti geggeeffame keessatti barattoonni irra caalaan afaan dhalootaa isaanii cinatti afaanota kanneen biroo beekuufi itti fayyadamuu irratti fedhiifi hubannoo kan qaban ta’uu isaanii, akkasumas barattoonni muraasni ilaalchiifi hubannoon isaan af-heddummaa irratti qaban gaarii ta’uu dhabuurraan kan ka’e fayyadamuuf fedhii akka hin qabne ta’uusanii qorannoo taasifame kanarraa hubachuun danda’ameera. Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun qaamoleen kallattiin adeemsa baruu-barsiisuu keessatti qooda fudhatan, jechuunis barattoonniifi barsiisonni ilaalchiifi hubannoon isaan baruu-barsiisuu keessatti afaan hedduu gargaaramuun garaa garummaa ilaalchaa afaanota adda addaa irratti qaban furuufi af-heddummaa akka madda rakkootti ilaaluurra faayidaa inni qabu hubachuun itti fayyadamuufi waliin jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa akka qabu hubachuu itti fayyadamuu akka qaban akka yaada furmaataatti ka’amee jira.Item Fayyadama Afaanii Faaruu Amantii Keessatti Kitaaba “Ortodoksi Tawaahidoo Lakkoofsa 2FFAA”(Addis Ababa University, 2021-01) Magarsaa Galaanoo; Addunyaa BarkeessaaQorannoon kun Fayyadama Afaanii kitaaba faaruu kan Amantii “Ortodoksi Tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa” irratti gaggeessame. Kaayyoon gooroo qorannichaas fayyadama Afaanii faaruu kitaaba amantii Ortodoksi Tawaahidoo Lakk. 2ffaa keessaa xiinxaluudha. Faarichi Afaan Oromootiin barreefamuunsaa dagaagina hogbarruu afaanichaaf gumaacha qabaatullee hangan hubadhetti haala fayyadama afaanii irratti fuulleffatamee hojiin dalagame hinjiru. Kanumaan faarsaa amantii Manni Amantii Ortoodoksii “ kitaaba faaruu Ortodoksi Tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa”, fayyadama Afaanii keessatti haala kamiin dhimmi itti bahame kan jedhu baruuf madda odeeffannoo tokkoffaa kitaaba faaruu “ortodoksi tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa” iddattoo qorannichaa bifa kaayyootti yoo ta’u, faarsaawwan 302 keessaa faarsaan 20 mala iddatteessuu miti carraatiin foo’amaniiru. Meeshaa funaansa odeeffannoo sakkata’a dookimantiitti dhimmi bahameera. Faarsaa amantii kitaaba kana keesssa jiran mala akkamtaatti gargaaramuun saxaxa ibsaa fayyadamuun qaaccessuun kaa’amaniiru., unkaafi fayyadama afaanii as keessatti hammatame irratti hundaa’uun xiinxaalun ni danda’ama. Inni kun kallattii dagaaginafi guddina afaani Oromoo amma irratti argamu faana tarkaanfachuu waan ta’eef fuulleffannoo itti laachun murteessadha. Haala qindaa’inaafi fayyadama afaanii aadaafi dudhaahawaasichaahordofuun, walsimsiisuun ni hafa. Dabalataaniis waltina afaanif fulduratti kan naannolee biroollee itti ida’uun kallattii inni dagaagina afaanichaa cimsuu danda’un otoo walitti dabalamee mijataa ta’a.Item Firoommii Qabiyyee Qormaata Moodeelaafi Biyyooleessaa Kutaa 8ffaa Bara 2009fi Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 7fi 8(Addis Ababa University, 2019-08) Abarraa, Baayisaa; Dheeressaa, Dinqeessaa (PhD)Kaayyoon gooroo qorannoo kana Firoommii qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa bara 2009fi qabiyyee kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 7fi 8xiinxaluudha.Kanaaf meeshaaleen ragaan ittiin sassaabame sakatta’insa sanadaafi afgaaffii yoota’u, ragaa kanneeniin sassaabame qaacceessuuf malli makaa( hammamtaafi akkamtaan) faayidaa irra oolanii jiru.Ragaalee ammamtaa gabateen dhiyeessuun dhibbeentaafi lakkoofsaan tarreeffamanii jiru.Bu’aan qorannoo ragaalee irraa argame akka ibsuutti bara 2009 qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa dhiyaatan firoommii qabiyyee kitaabaa wajjiin qaban yemmu ilaallu qormaanni moodeelaafi qormaanni biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa kutaa7fi 8 wajjin firoommiin isaa,walgitiinsaa qabiyyeefi bakka bu’ummaa qabiyyee kan qabu miti. Qormaata biyyooleessaafi moodeelaa irratti garuu sadarkaan isaanii gama uffisaan seerlugni tokkoffaa, afoolli lammaffaafi hiikni jechoota kan itti aanudha.Karaabiraatiin, qabiyyee dandeettiiwwan afaanii (dubbachuu, dhaggeefachuufi barreessuun) kitaaba barataa irratti uwwisni kankennameef yoo ta’u, qormaata moodeelaafi biyyooleessaa keessatti haammachiifamanii hindhiyaatiin hafanii jiru.Kanaafuu,qormaanni moodeelaafi biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa wajjiin firoommii qabiyyee hinqabu. Akka yaada furmaataatti qorataan akka lafa kaa’etti qabiyyeewwan kitaaba barataa irratti xiyyeeffannoo olaanaa qaban baay’inni gaaffiiwwan qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti bahaniin firoomuu akka qabaniifi qabiyyeewwan dandeettii afaanii (dubbachuu, dhaggeeffachuufi barreessuu) hojiirra oolchuuf rakkisa ta’us, qophaatti barataaf dhiyaachuun qabxii qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti ida’amuun osoo kaahamee.Item Gahee Oduun Durii Dandeettii Dubbisanii Hubachuu Barattoota Afaan Oromoo Akka Afaan Lamaffaatti Baratan Cimsuu Irratti Qabu: Mana Barumsaa Fiitaawuraarii Abbaayinee Sadarkaa 2ffaa Kutaa 9ffaa Xiyyeeffachuun(Addis Ababa University, 2024-06) Mallasuu Wubatuu Daamxeetiin; Mulgeetaa Nagaasaa (PhD)Kaayyoon qorannichaa gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu guddisuu keessaatti qabu addaan baasuudha. Qorattuun qoranno mat-duree kanaan akka geggeessituuf wantoonni kaka’umsa ta’aniif keessaa inni guddaan adeemsa baru-barsisuu keessatti barsiisonni gosa barnoota Afaan Oromoo barsiisan dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf oduuwwan durii fayyadamuu irratti qaawwaa waan qaban fakkaatu. Kanaaf, gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuu irratti qabu mala yaaliin geggeffamuun bifa yaboon yoo dhihaate bu’aa ol’aanaa buusuu danda’a yaada jedhu irraa ka’uun qoranno kana geggeessitee jirti. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf immo qorattuun saxaxa qorannoo gariin yaalii (quasi-experimental research design) fayyadamtee jirti. Saxaxa qorannichaafi kaayyoo isaa qixa sirriin hojirra oolchuf immo qorattuun kun barattoota Mana Barumsaa Fitaawuraarii sadarkaa lamaffaa kutaa sagalaffaa mala iddatteessuu akkayyoo fayyadamuun iddattoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti. Barattoota mana barumscihaa kuraa 9ffaa baratan keessaa immoo tooftaa iddatteessuu carraa tasaa fayyadamuun barattoota dhira digdamaafi dubara digdama iddattoo xiyyeeffannoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti.Barattoota iddattoo ta’uun filataman irraa immoo qormaata yaalii duraafi yaalii boodaa fayyadamuun ragaalee qorannichaaf barbaachisan walitti qabattee jirti. Ragaalee walitti qabamaniis soofti weerii statistical packages for social science (SPSS) version 24.0 jedhamu fayyadamuun qaacceessitee jirti. Qaacceessi geggeeffamees, oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa dabaluufi dhiisuu isaa addaan baasuuf ragaalee qormaata duraafi boodaa irraa argaman walmadaalsiisuuf mala qaacceessaa birqabe Pirsan fayyadamtee jirti. Haaluma kanaan bu’aan qorannoo kanaas kan agarsiisuu oduun durii dandeetti dubbisanii hubachuu barattootaa waliigalaa, dandeettii agarsiisuun hubachuu barattootaa, dandeettii gadifageenyaan xiinxlauun hubachuu barattootaafi dandeettii hubannoo ofii yaada ofiin ibsuu barattootaa sadarkaa ol’aanaa (qabxii giddu-galeessa >3.5) n olguddisuu isaa hubatamee jira. Oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa waan olguddisuu danda’uuf, barsiisonni Afaan Oromoo sadarkaa lamaffaa irra barsiisan qabyyeewwan oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf yeroo hundaa yoo itti fayyadaman gaariidha. Kana malees, qorannoon bal’aan waa’ee gahee oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa guddisuufi dhiisuu irratti qorattoota gara fuulduraan osoo geggeeffamee gaariidha yaboon jedhu kennamee jira.Item Garaagarummaa Looga Afaan Oromoo Jiillee Tuulamaafi Wayyuu Arsii Gidduutti Mul'atu Gama Xinqooqa Hawaasummaatiin(Addis Ababa University, 2022-01) Zaambiyaa Abdulqaadir; Addunyaa Barkeessaa(phD)Afaan Oromoo uummata itti fayyadamu baay'ee ta’e qabaachuufi Oromiyaan lafa bal’aa qabdu irratti ummanni ishii addaan fagaatee qubachuu isaa irraa kan ka’e,loogawwan garaagaraa akka qabaattuuf sababa ta’eera. Kanamalees, hawaasuma afaan tokko dubbatufi daangaa waliin qooddatu gidduutti garaagarummaan loogaa akka jiru hubachuun nidanda’ama. Oromoo Waayyuu Arsiifi Jiilleen Tuulamaa ollaa waliiti. Daangaa waliin qooddatu,Afaan tokkos,Afaan Oromoo dubbatu. Garuu,loogaan garaagara. Haaluma kanaan,qorannoon kunis,kan adeemsifame garaagarummaa looga Afaan Oromoo hawaasa Oromoo godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaafi aanaa Booraa irratti xiyyeeffachuun kan xiinxalamee kan dhiyaatedha. Ka'umsi qorannoo kanaas, dhimma loogawwan Oromoo Jiillee Tuulamaafi Arsii Waayyuu ilaalchise wal madditti qabuun dhamsagaa hanga himaatti xiinxalli gaggeeffame hinjiru. Kun immoo garaagarummaa loogawwan kanneen qaban hubannoo kanaaf qabnuu hir'isuu danda'a. Hir'inni hubannoo kunis hubannoo waliigalaa looga Afaan Oromootiif qabnu uumuu danda'a. Yaada jedhuutu sammuu isheetti uumeejira. Kanaafuu,qorattuun barattoota gidduutti,gabaafi bakkeewwan walga'iitti garaagarummaan loogaa kun saba tokkicha afaan tokko dubbatuufi daangaa waliin qooddatu gidduu jiru maal maal akka ta'ee xiinxalli gaggeessun garaagarummaa dhamsagaa hanga himaattii qabachuun isaanii adda bahe jira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas garaagarummaa looga Oromoo Jiillee Tuulamaafi Waayyuu Arsii gidduutti mul’atu wal-bira qabuun xiinxaluun ibsuudha. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaaf hojiirra oole madda tokkoffaadha. Iddattoo carraa tasaa gargaaramuun odeeffannoon afgaaffiifi daawwannaan funaanamee mala akkamtaan qaacceffame. Haaluma kanaan,garaagarummaan looga Jiillee Tuulamaafi Waayyuu Arsii gidduu sadarkaa sagaleetii hanga sadarkaa himaatti ta’uu adda ba’eera. Akkasumas,garaagarummaan loogaa kun hawaasa yookiin afaan kameenu biratti jiraachuu isaa beekuu dhabuu hawaasichi ilaalcha sirrii waliif akka hinqabne bira ga’ameera.Item Geerarsa Caalaabultumee(2008):Qaaccessa Diddaa Maastar Pilaanii Gama Fayyadama Afaaniitiin(Addis Ababa University, 2019-08) Magarsaa, Sisaay; Barkeessaa, Addunyaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa Geerarsa Caalaa Bultumee 2008 diddaa maastar pilaanii gama fayyadama afaaniitiin qaaccessuudha. Qorannichis fayyadama afaanii diddaa geerarsa maastar pilaanii keessaa irratti xiyyeeffata. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf meeshaaleen elektiro daata funaansa ragaa waraabbii sagalee kanneen akka kaasseettiifi siidii sagalee waraabbamee jiru gara barreeffamaatti jijjiruun kaayyoo qorannichaa akka galmaan ga’anitti mata duree adda addaatti qooduun mala akkamtaan qaacceffamani jiru. Kunis qorannoo geerarsa Caalaa Bultumee 2008 diddaa maastar pilaanii fayyadama afaaniitiin walqabatanii jiran,fayyadama afaanii,ergaa fayyadama afaaniifi eenyummaa ibsan qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kunisfayyadama jechootaa: irra deddeebii jechaa, jechoota waliin deeman,masoofi faallaa, malleen dubbii: nameessa, akkasaa, arbeessaafi ciigoo: jecha dacha fayyadama afaanii keessatti kan ilaalaman yoo ta’u, ergaa fayyadama afaanii geerarsa keessatti immoo: kakaasuu, balaaleffachuu, goota faarsuu, seenaa yaadachiisuufi eenyummaa lafaa falmuuf yommuu ta’u, eenyummaa daangaa naannoo Oromiyaa ibsuu keessatti immoo eenyummaa ijaaruu: abbummaa, seenessaafi tokkummaan eenyummaa ibsuu keessatti kan ittiin qaacceffamaniidha.Geerarsa Caalaa diddaa maastar pilaanii, tokkummaa ummattoota Oromoo ni cimsa, jaalala walii hawaasaa ni agarsiisa, gootummaa ummataa kennuu, walkabajuu ni guddisa, jaalalaafi gabrummaaf jilbeeffachuu diduu barsiisuuf gahee ol aanaa qabaachuun isaa qorannoo kanaan bira ga’ameera.Ergaa fayyadamni afaanii geerarsa keessatti qabu hawaasa kakaasuu, balaaleffachuu, faarsuu, seenaa yaadachiisuu, falmuufi tokkumma isaanii cimsuu keessatti ga’een fayyadama afaanii olaanaa ta’uun bira ga’ameera. Fayyadama afaaniin uummanni tokko akka diddaa, jaalala, jibbaafi fedhii mataa ofii akka ibsatan beekanii ummata bal’aa fayyadama afaanii caalatti barsiisuufi jajjabeessuun gahee nama hundaa ta’uun barbaachisaadha. Geerarsichi fayyadama afaanii giddu galeeffatee xiinsammuu namaa, aadaa hawaasa bal’aa kabajuufi kabachiisuu irratti hubannoo hawaasaa kan cimsuufi babal’isu ta’uun isaa qorannoo kana keessatti iddoo olaanaa qaba.Haaluma kanaan qorannoo kana boqonnaawwan shanitti qooduudhaan mata dureewwan gurguddoo kanneen akka ka’umsaa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa mala qorannichaa,qaaccessa qorannichaa, argannoofi yaboo qorannichaa qabachiisuudhaan qopheessuu yaaleera.