Caasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbii
No Thumbnail Available
Date
1999-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Afaan Oromoo manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa keessatti harki irra jireenyi akka afaan tokkoffaatti kan tajaajiluudha. Kuni ammo tooftaalee barnoota afaan barsiisuu keessaa isa waliindubbii (Communicative Approach) tiin haala barattoota hirmaachisun osoo barsiifame/baratamee baayyee filatamaa akka ta’e hayyuuleen adda addaa ni gorsu. Haa ta’u malee, haqnni jiru osoo kana ta’uu, barattootni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaanicha kana baratan caasaa/ seerluga Afaanichaatti fayyadamudhaan ofibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka’umsa barsiisonni kutaa kana barsiisan fi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliindubbii seerlugaarratti qabaniidha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolinsa tooftaa barnoota waliindubbii seerluga Afaan Oromoo sakkatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa kaabaa keessatti argaman keessaa Mukaxurii sadarkaa Lammaffaa” fi “Caanccoo Sadarkaa Lammaffaa” keessatti kutaa saglaffaarratti. Qabxiilee ijoo wiirtuu qorannoo kanaa ta’an keessaa:
- Adeemsichi barsiisota moo barattoota jiddu galeessa godhata?
- Tooftichi jedhame hoo hojiirra ooluu baate rakkoolleen muudatan maal fa’i?
- Hubannoo /ilaalchi barsiisonni toofticharratti qaban maal fakkaata? fi
- Caacculee kallattii yookin alkallattiidhaan adeemsicha tooftaa kanaatiin walqabatan ni argamu.
Bu’aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda’ama, kan barsiisaa jiddu galeessa godhatee dha: carraan seerlugicha haala dalaga gochoota adda addaatii dalaguu hin jiru; kaka’umsi yookin si’aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli
barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruu fi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaa dhaan qofa dalagamaniidha. Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta’an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka’e, kaka’umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti.
Description
Keywords
Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu