Caasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbii

dc.contributor.advisorTasfaayee, Wandiwasan(PhD)
dc.contributor.authorSiyyum, Yiheeyyis
dc.date.accessioned2018-07-20T11:31:25Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:18Z
dc.date.available2018-07-20T11:31:25Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:18Z
dc.date.issued1999-08
dc.description.abstractAfaan Oromoo manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa keessatti harki irra jireenyi akka afaan tokkoffaatti kan tajaajiluudha. Kuni ammo tooftaalee barnoota afaan barsiisuu keessaa isa waliindubbii (Communicative Approach) tiin haala barattoota hirmaachisun osoo barsiifame/baratamee baayyee filatamaa akka ta’e hayyuuleen adda addaa ni gorsu. Haa ta’u malee, haqnni jiru osoo kana ta’uu, barattootni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaanicha kana baratan caasaa/ seerluga Afaanichaatti fayyadamudhaan ofibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka’umsa barsiisonni kutaa kana barsiisan fi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliindubbii seerlugaarratti qabaniidha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolinsa tooftaa barnoota waliindubbii seerluga Afaan Oromoo sakkatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa kaabaa keessatti argaman keessaa Mukaxurii sadarkaa Lammaffaa” fi “Caanccoo Sadarkaa Lammaffaa” keessatti kutaa saglaffaarratti. Qabxiilee ijoo wiirtuu qorannoo kanaa ta’an keessaa: - Adeemsichi barsiisota moo barattoota jiddu galeessa godhata? - Tooftichi jedhame hoo hojiirra ooluu baate rakkoolleen muudatan maal fa’i? - Hubannoo /ilaalchi barsiisonni toofticharratti qaban maal fakkaata? fi - Caacculee kallattii yookin alkallattiidhaan adeemsicha tooftaa kanaatiin walqabatan ni argamu. Bu’aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda’ama, kan barsiisaa jiddu galeessa godhatee dha: carraan seerlugicha haala dalaga gochoota adda addaatii dalaguu hin jiru; kaka’umsi yookin si’aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruu fi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaa dhaan qofa dalagamaniidha. Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta’an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka’e, kaka’umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9574
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectAfaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuuen_US
dc.titleCaasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbiien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Yeheyis Siyum.pdf
Size:
419.3 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: