Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Recent Submissions
Item Fooniifi Dhiga Sirnoota Oromoo Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Keessatti(Addis Ababa University, 2024-09) Magarsaa Tolasaa Gamteessaa; Mulugeetaa Nagaasaa (PhD)Kaayyoon Qorannoo kanaa bakkaafi haala itti fayyadama Fooniif dhiiga Sirnoota Oromoo Tuulamaa adda addaa keessatti maaliif yoom akka itti fayyadamamu ibsuuf yoo ta‟u Qorannoo kanageggeessuuf qorataa kana wanti kakaase sirnoota Oromoon Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujjeetti raawwatu keessatti mallattoo maaliitiif maal agarsiisuuf fooniif dhiigni akka barbaachisaniifi sirnoota kam kam keessatti akka itti fayyadaman ibsuudha . Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Malli iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf kitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta‟amaniiru. Adeemsi ragaa ittiin funaanname afgaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeetti beekamaa ta‟an irraa funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraan deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee afgaaffiifi marii gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun Sirnoonni Oromoon Tuulamaa ittiin beekamu maal maal akka ta‟aniifi sirnootni sun immoo hidhata isaan Fooniif dhiiga waliin qaban adda bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu‟aan/argannoon qorannoo kanaaS Sirnoonni Oromoo Tuulamaa biratti beekamoo ta‟an hedduun isaanii Fooniifi dhiiga waliin hidhata akka qabaniifi Sirnoota Sana keessattis mallattoo walitti dhufeenya namaaf Uumaa ,Namaaf namaa, Akkasumas Uumaaf Uumamaa ta‟anii akka tajaajilan duraa duubaan argannoo jalatti tarreeffamanii jiru.Akka yaboottis yaanni dhiyaate qaamani dhimmi kun isaan ilaallatu utuu furmaata itti kennanii kan jedhus eeramee jira.Item Qaaccessa Wal-simannaa Qabiyyee Qormaata Barnoota Gadaa Kutaa 8ffaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Fi Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin Bara 2013 Fi 2014 Qophaa’an(Addis Ababa University, 2016-08) Ashabbir Zallaqaa Waldee; Xilaahun Taliilaa (PhD)walsimannaa Qabiyyee Qormaata Naannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaaItem Bu’aafi Danqaalee Afaan Oromootiin Magaala Finfinneetti Barsiisuu(Addis Ababa University, 2024-06) Diroo Taammiruu Waamii; Dinqeessaa Dheeressaa (PhD)Qorannoon kun kan gaggeeffame maneen barnoota magaala Finfinnee keessaa kutaa magaalaa Afur keessatti kan argaman kutaa magaalaa tokko keessaa maneen barnootaa tokko tokko fudhachuun yoo ta’u, Kaayyon qorannichaa Xiinxala Bu’aafi Danqaalee Afaan Oromootiin magaalaa Finfinneetti barsiisuu: Haala manneen barnootaa: Wandiraad sadarkaa 1ffaa, Qoxaarii sadarkaa 1ffaa, Birahaana zaaree sadarkaa1ffaafi Inxooxxoo Ambaa sadarkaa 2ffaa kan jedhudha. Xiyyeeffannoon qorannichaas barnoonni Afaan Oromoo magaalaa Finfinneetti kennamuu erga eegalee bu’aa inni buuse, danqaalee hojiirra oolmaa isaa irratti muudataniifi ammas muudachaa jiran irrattidha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, gosa qorannoo Akkamtaatti dhimma kan ba’e yoo ta’u, maala ibsaatti fayyadamee jira. Malleen funaansa odeeffannoo kanneen ta’an bargaaffii, Afgaaffii, daawwannaafi marii gareetti fayyadamuun walitti qabamee jira. Haalli odeef-kennitoonni itti filatamanis iddatteessuu akka kaayyootti dhimma ba’uun kan filatamanidha. Akkasumas Barnoonni Afaan Oromoo kun erga eegalee Bu’aawwan gama Kanaan argamanis ibsamee jira. Bu’aawwan argamanis Magaala Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin dubbachuun walii galuun amma duraarra babal’achaa jira. Adaan Oromoo kllattii maraan dagaagaa jira. Wal qaixxummaan sabaaf sablammootaa mirkanaa’aa jira. Olaantummaan saba tokkoo, Afaan tokkoofi olaantumman sabatokoo magaalaa Finfinneetti dagaagee ture hir’achaa jira. Itti dabalees hawaasni Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti daa’imman isaa Afaan isaatiin barsiifachuuf yeroo dhabee ture amma afaan isaatiin barsiifachuufi kanneen kana fafakkaatan faayidaawwan argamanidha. Itti dabalees, odeeffannoo qaaccessa ragaaletiin argame irra dhaabachuun argannoon qorannoo kanaa qoratichaan kaa’amee jira. Haaluma kanarratti hundaa’uun argannoo argame irratti hundaa’uun yaada furmaataa ta’a jedhee kan yaade qoratichi qorannoo kana keessatti ibsee jira.Item Duudhaa Fi Nageenya: Duudhaa Gondoroo Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuu Gujiifi Gede’oo Gidduutti Raawwatamu(Addis Ababa University, 2024-06) Ashabbir Taaddasaa; Dr Taaddasaa JaalataaQorannoon kun raawwii duudhaa Gondoroo araara nama dhuunfaaatiif raawwatamuufi akka gareetti Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf raawwatamu xiinxalee ibsuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan hawaasni Gujiifi Gede’oo raawwii Gondorootiin akkamiin waldhabdee dhaabee nagaa akka buusu, adeemsota raawwiin Gondoroo keessa darbuufi gochaalee duudhaa adeemsa raawwii keessatti raawwatamaniifi hiikkaa galumsaa qaban ibsameera. Akkasumas itti fufinsaafi jijjiirama raawwii Gondoroofi dhaabbilee duudhaa hawaasaa Gujiifi Gede’oos gadi fageenyaan xiinxalameera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi marii gareefi kuusaa galmee aadaa kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan Gujii irraa hayyuu 7 fi Gede’oo irraa hayyeechaawwan 4 tooftaa iddetteessuu kaayyootiin filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Waraabbii Raawwii Gondoroo 2010 ALI Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatames akka madda lammaffaatti itti fayyadamamee jira. Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti Gujiifi Gede’oo gidduutti Gondoroon waldhabdee dhaabee nagaa buusuu kan danda’uuf kuusaa beekumsa hawaasni Gujiifi Gede’oo waliin qoodatan waan ta’eef ta’uu hubatameera. Beekumsa hawaasaa Gujiifi Gede’oo keessatti “obboleessa obboleessa hinajjeesu; hoo akka tasaa ajjeese Gondoroo qaba” yaanni jedhu hawaasa lamaan biratti bifa walfakkaatuun ilaalama. Raawwiin Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatamu adeemsota Walgahuu Abbootii gadaa, falachuu, araara gochuufi sirna raawwii Gondorootiin mirkaneeffachuu qaba. Raawwii Gondoroo Gujiifi Gede’oo keessatti qaamoleen duudhaa hirmaatan Abbaa Gadaa, Qaalluu, Hayyuu gosaa (hayyeechaa) fi wayyoo (Gede’uffaan damee afuuraa) fi Waataan faloo qaluuf hirmaata. Gujiifi Gede’ootti dhaabbileen duudhaafi qaamoleen duudhaa raawwachiisan itti fufaniiru; duudhaan Gondoroos raawwiifi barnoota aadaa umuriidhan gahee taphatamuun dhalootaa dhalootatti darbuu itti fufee jira. Muuxannoo Gujiifi Gede’oo kana akka fakkeenyaatti fudhachuudhan sabaafi saba gidduutti waldhabdee daangaafi eenyummaan uumaman furuuf duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Dhaabbileen barnootas duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu qabiyyee barnootaa keessatti dhiyeessuun osoo barsiisanii walooma hawaasaa eeguuf baayyee fayyada. Jechoota Ijoo: Duudhaa, Waldhabdee, Nagaa Buusuu, Gondoroo, Gujii, Gede’oItem Gahee Oduun Durii Dandeettii Dubbisanii Hubachuu Barattoota Afaan Oromoo Akka Afaan Lamaffaatti Baratan Cimsuu Irratti Qabu: Mana Barumsaa Fiitaawuraarii Abbaayinee Sadarkaa 2ffaa Kutaa 9ffaa Xiyyeeffachuun(Addis Ababa University, 2024-06) Mallasuu Wubatuu Daamxeetiin; Mulgeetaa Nagaasaa (PhD)Kaayyoon qorannichaa gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu guddisuu keessaatti qabu addaan baasuudha. Qorattuun qoranno mat-duree kanaan akka geggeessituuf wantoonni kaka’umsa ta’aniif keessaa inni guddaan adeemsa baru-barsisuu keessatti barsiisonni gosa barnoota Afaan Oromoo barsiisan dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf oduuwwan durii fayyadamuu irratti qaawwaa waan qaban fakkaatu. Kanaaf, gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuu irratti qabu mala yaaliin geggeffamuun bifa yaboon yoo dhihaate bu’aa ol’aanaa buusuu danda’a yaada jedhu irraa ka’uun qoranno kana geggeessitee jirti. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf immo qorattuun saxaxa qorannoo gariin yaalii (quasi-experimental research design) fayyadamtee jirti. Saxaxa qorannichaafi kaayyoo isaa qixa sirriin hojirra oolchuf immo qorattuun kun barattoota Mana Barumsaa Fitaawuraarii sadarkaa lamaffaa kutaa sagalaffaa mala iddatteessuu akkayyoo fayyadamuun iddattoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti. Barattoota mana barumscihaa kuraa 9ffaa baratan keessaa immoo tooftaa iddatteessuu carraa tasaa fayyadamuun barattoota dhira digdamaafi dubara digdama iddattoo xiyyeeffannoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti.Barattoota iddattoo ta’uun filataman irraa immoo qormaata yaalii duraafi yaalii boodaa fayyadamuun ragaalee qorannichaaf barbaachisan walitti qabattee jirti. Ragaalee walitti qabamaniis soofti weerii statistical packages for social science (SPSS) version 24.0 jedhamu fayyadamuun qaacceessitee jirti. Qaacceessi geggeeffamees, oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa dabaluufi dhiisuu isaa addaan baasuuf ragaalee qormaata duraafi boodaa irraa argaman walmadaalsiisuuf mala qaacceessaa birqabe Pirsan fayyadamtee jirti. Haaluma kanaan bu’aan qorannoo kanaas kan agarsiisuu oduun durii dandeetti dubbisanii hubachuu barattootaa waliigalaa, dandeettii agarsiisuun hubachuu barattootaa, dandeettii gadifageenyaan xiinxlauun hubachuu barattootaafi dandeettii hubannoo ofii yaada ofiin ibsuu barattootaa sadarkaa ol’aanaa (qabxii giddu-galeessa >3.5) n olguddisuu isaa hubatamee jira. Oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa waan olguddisuu danda’uuf, barsiisonni Afaan Oromoo sadarkaa lamaffaa irra barsiisan qabyyeewwan oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf yeroo hundaa yoo itti fayyadaman gaariidha. Kana malees, qorannoon bal’aan waa’ee gahee oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa guddisuufi dhiisuu irratti qorattoota gara fuulduraan osoo geggeeffamee gaariidha yaboon jedhu kennamee jira.Item Adeemsa Raawwii Gumii Me’ee Bokkoo Marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii(Addis Ababa University, 2024-06) Muluu Asaffaa; Taaddesee Jaalataa(PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa, adeemsa raawwii Gumii Me’ee Bokkoo marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii Xiinxaluudha. Qorannoon kana galmaan ga’uuf, kitaabileefi barruuleen adda addaa sakatta’amaniiru. Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti ba’aman kaayyoo qorannichaa bu’uureffachuun yoota’u, qorannoo mala ibsaandhiyaatedha. Kaayyoo irratti hundaa’ee qorannoo bu’uurati. Maddi ragaalee qorannichaa Abbaa Gadaa, Hayyuu seenaafi qorattoota sirna Gadaa Oromoo Gujii, akkasumas warreen jila Baalli walharkaa fuudhinsa Gadaa Gujii marsaa 75 ffaa irratti argamaniidha. Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, daawwiifi marii gareeti. Malli xiinxala ragaalee mala akkamtaatti dhimma ba’uun kan qoratamedha. Gama argannoo qorannoo kanaan immoo, Maalummaan Gumiin Me’ee Bokkoo adda baafameera. Innis Yaa’ii Gadaa Oromoo Gujii biratti bakka ardaa jilaa Me’ee Bokkoo jedhamutti waggaa saddeet saddeetin lallaba seerafi baallii walharkaa fuudhuuf dhimma itti ba’aniidha. Bakkifi haalli adeemsa Gumii Me’ee Bokkoo waan hedduu kan ofkeessaa qabuufi adeemsi isaa guyyaa Gumiin Qacha ijaaruu irraa hanga gumii teessisuun seerota adda addaa lallabuun argannoo qorannoo kanaati. Seeronni Gumii Me’ee Bokkoo lallabus seera gooroo, aadaafi seera jechuun akka qoodamaniifi isaanis maal jechuu akka ta’e adda baafamuu danda’eera. Akkasumas raawwiwwan tokko tokko kan jijjiramaniifi kan fufaan yoo ta’uu, warreen jijjiiraman maal akka ta’aniifi sababoota jijjiiramaniif adda baafamaniiru. Haa ta’u malee, tokkoon tokkoon seerota gumiin lallabdufi seerota ammayyaa biyyoonni adda addaa ittin bulan keessaa kamtu caalatti amala dimookiraasii walabaa akka ta’e osoo qoratameen yaboo qorannoo kanaati.Kana malees, wantoonni jila irratti jijjiiramaniifi fufan addatti qorannoo waan barbaaduuf yaboo qorannoo kanaa ta’a.Item Sirnoota Marsaa Jireenyaa Oromoo Arsii Bu‘ura Koornayaa Ijaaruu, Ibsuufi Daddabarsuutiin(Addis Ababa Unuversity, 2024-08) Faanosee Mangistuutiin; Xilaahun Taliilaa (PhD)Qorannoon kun dhimmoonni doornayaa duudhaa—sirnoota marsaa jireenyaa: da‟umsa, gaa‟elaafi boo‟icha Oromoo Arsii keessatti akkamiin akka ijaaraman, ibsamaniifi daddarban xiinxaluurratti xiyyeeffate. Akkasumas, qorannichaan Sirnoonni Marsaa Jireenyaa Oromoo Arsii dhiiraa ykn dubartii akkamiin akka aangessantu ibsame. Dabalees, sirnoota marsaa jireenyaa Oromoo Arsii keessatti fakkoommiiwwan koornayaan walqabatanii jiran kanneen akkamii akka ta‟aniifi; darbees, itti fufiinsiifi jijjiiramoonni dhimmoota koornayaa Sirnoota kanneen keessa jiranirratti mul‟achaa jiran maal akka fakkaatantu qorannichaan xiinxalame. Kaayyoolee kanneen galmaan gahuuf, yaadxinaaleen qorannoo kanneen akka Yaaxxina Ijaarsa Hawaasaafi Ibsa Fakkoommii, Dhiheenyota Maqsaa Hawaasaafi Xiinxala Gadfagoo waliin ta‟uun dhimma baasaniiru. Gama mala qorannootiin qorannichi qorannoo sanyaabsaa xiinxala gadifagoorratti hundaa‟e ta‟uusaatiin kaayyoolee qorannichaa kanneen galmaan gahuuf, ragaaleen bal‟ina qaban karaa daaw‟annaa, afgaafiifi marii garee xiyyeeffannoo yeroo bal‟aa hawaasa keessa turuun walitti qabamuun mala akkamtaatiin xiinxalamani. Ragaaleen xiinxalaman akka mul‟isanitti, Oromoon Arsii ilmaafi intalli waan ta‟uu, raaw‟achuu qabaniifi hinqabne jalqabuma dhalootarraa eegalee duudhaa fayyadamuun gama jechaafi gochaatiin barsiisaafi leenjisaa guddisa. Ilaalcha araddaa ofii-ormaa jedhuun dhiirri durba caalaa barbaadamaa, olaanaa, bu‟a-qabeessaafi warraaf kan ooluudha jedhamuun faarsama. Maatiin ilmoo dhiiraa dahe „intalli araddaa ormaati, ilmatu araddaa keenyarratti hafee dhaala, maqaa keenya waamsisa, eenyummaa keenya itti fufsiisa‟ jechuun kan gammadan ta‟uu guyyuma dhalootaarraa karaa jechaafi gochaa mul‟achuu eegala. Akkasumas, waanuma duudhaa keessatti durbi kan gochuu hindandeessu, dhiirri ni danda‟a jedhanii murteessaniin deebi‟anii akka durbi warra hinfayyadneetti, „durbi maal nuuf gooti araddaa ormaati‟ jechaa komatu. Haalli kun cimee akka itti fufuuf, fakkoommii waan jedhamuu, raaw‟atamuufi meeshaadaatiin bu‟urri kaa‟ama. Kunimmoo akkaatuma kanaan jalqabumarraa bu‟ura godhachuun hirmaannaafi gahee dhiiraafi dubartiin hawaasa keessatti umrii isaanii guutuu qabanirratti dhiibbaa qabaata. Dabalees, ragaaleen hiikaman akka mul‟isanitti, dhimmoonni koornayaa raaw‟ii sirnoota marsaa jireenyaa—dhaloota, gaa‟elaafi boo‟icha Arsiirraa mul‟atan, sababa dhimmoota hawaasa kanneen akka amantii, hawaasummaa, diinagdee, ammayyummaa, barnootaafi kkf irraa ka‟een kanneen jijjiiramanii waan biraatiin bakka bu‟uun loogiin koornayaa ture daraan akka cimu; kanimmoo loogiin ture akka fooyya‟u taasisan jiru. Gama kaaniin immoo kanneen jijjiirama malee itti fufaniifi guutummatti dagataman jiru. Ilaalcha koornayaa loogawaa raaw‟ii Sirnoota Marsaaa Jireenyaa Arsiirraa mul‟atu keessatti ilmi hawaasa keessatti bakka qabaachaafi ofitti amanamummaan akka guddatu taasifama. Faallaa kanaa intalli „an kan ormaati hanga ilmaa warra/gosa kiyya hinfayyadu‟ jechaa ilaalcha laafaa ta‟een akka guddattu taati. Kunimmoo akka dhuunfaattis ta‟ee, sabaatti ilaalcha loogawaa dhiibbaa guddaa qabuufi ilaalcha bara ammaa keessatti fudhatama hinqabne ta‟uusaatiin dhimma fooyya‟iinsi akkarratti ta‟uuf xiyyeeffannoo guddaa barbaaduudha. Kanaaf, qaamoleen dhimmi ilaallatu—maatiin, hawaasniifi qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran duudhaa hawaasaa garee tokko ofitti aansee kaan achi qabu akka fooyya‟u, qabeenya ummataa dhiiraafi durbi qixa keessatti ilaalaman ta‟ee dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuurratti gahee isaanii akka bahaniif yaboon kaa‟ameera. Jechoota Ijoo: Araddaa Ofii-Ormaa, Arsii, Bakka Ofdhoorkuu, Ijaarsa Duudhawaa, Ilaalcha Loogawaa, Koornayaa, Leelloo Ilmaa-Intalaa, Sirnoota Marsaa JireenyaaItem Nagaa Oromoo: Nagaa Aadaa Booranaa keessatti Yaadrimeessuu(Addis Ababa University, 2024-11) Daani’eel Bal’is Yaadataan; Taaddasee Jaallataa (PhD, Associate Professor); Assebee Raggaasaa (PhD, Associate Professor)Ibsaafi yaadrimee nagaa hanga ammaatti dhihaataniin yaada ogeeyyii walitti fidurra ga’uun hindanda’amne. Hanqinni kun ammoo tooftaan biraa akka barbaadamu affeera. Kanaafuu, hojii kanaan akkaataa hawaasa jeebanaa biratti itti yaadrimaa’u uummata Oromoo, keessattuu Boorana irratti xiyyeeffachuun gaggeeffame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa hubannoo nagaa Oromoon Booranaa qabu akkaataa aadaa isaan yaadrimeessuu kan jedhu ta’ee, jechi nagaa jedhu yaadrimee fookloorii dachaan dhihaate. Gosti qorannoo kanaa akkamtaa yoo ta’u, maleenyaa sanyaabaa keessaan malleen ragaa maddisiisuu daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffan-nooti hojiirra oole. Kallattiin qorannoo kanaaf marsaa sadiin hojii ragaa funaanuuf taasifameen, daawwannaan Gumii Gaayoofi marii dhimma nagaa irratti taasifaman afur irratti taasifame. Af-gaaffiifi MGX irratti tuuta ilmaan kormaa, ilmaan jaarsaa, qaalluu, jaarrolee argaa-dhageettiifi barattoota, walumaa galatti namoonni 53 qooda fudhataniiru. Adeemsa kanaan, ragaaleen akka maddan kan ta’e aadaa Booranni jireenyi akka itti fufuuf hojiirra oolchu keessaani. Ragaaleen maddan jalqaba akkaataa gaaffilee qorannoo deebisaniin qooduun qaama hawaasaa ta’uun hiika irrattis hawaasa si’aayinaan hirmaachisuun xiinxalli taasifame. Ogafaanonni, seenessoonniifi duudhaaleen hiika jireenya qabatamaa Booranaa keessatti qabaniin ibsuun yaadrimeef-famani. Yaadrimeen nagaa Booranaa kan yayyabame hariiroonamni Waaqa, nama akka isaafi uumama kaan waliin qabu irratti. Hariiroon kun aad-malee namni ta’ee argamurraa kan ka’e akka cabu, amala aad-malee kanas mallattoo ittiin hubatu qaba. Mallattoolee calaqqisanirratti hundaa’uun ammoo ejjennoo fudhachuun nagaa isaa eeggata. Kaayyoon nagaa eeguu fedha jiraachuu namaa guutuuf utuu hintaane, seera uumamaa eeguufi. Innis, yayyabni uumamaa kan Waaqaa waan ta’eef namni yayyaba kana akka hincabsine of eega ykn caasaa hawaasni qabuun eegama. Yoo sadarkaa to’annoo namaarra darbe Waaqni aad-malee uumamaa mul’isuun nagaan akka eegamu taasisa. Booranni nagaa Booranaa jedhee kan ittiin jiraatu adeemsota wal xaxaa kan of keessaa qabudha. Ibsi nagaas gabaabumatti ‘itti fufinsa jireenyaa’ jedhamuu danda’a. Goolaba qorannoo kanaa irratti hundaa’uun, jechi nagaa jedhu yaadrimee bal’aa guutummaan jiruuf jireenya namaa keessatti argamu waan ta’eef fuulleffannoo qorannoo ta’ee tajaajiluuf humna kan qabudha.Item Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi 12ffaa Irratti Xiyyeeffate(Addis Ababa University, 2021-10) Taadduu Dheeressaa Ulfaataatiin; Tolamaariyaam Fufaa(PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa haala dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa xiinxaluudha.Galma ga’insa kaayyichaaf kitaabni barataa sakatta’amee jira.Barattoonni kutaa 12ffaa baratan hundiifi barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan torbi iddatteeffamanii jiru.Warreen iddatteeffaman kana irraa ragaa walitti qabuuf immoo meeshaa funaansa ragaa sakatta’a kitaabaa,bargaaffiifi af-gaaffiitti dhimma bahameera.Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walitti makuun qaacceffamee ibsamee jira.Ragaa kana irraas wanti hubatame haalli dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa hanqinaa qabaachuu isaati Faca’insi qabiyyee caaslugaa boqonnaa gara boqonnaatti wal madaalaa miti.Boqonnaa tokko tokko keessatti baay’achuu kanneen biroo keessattti immoo gonkumaa dhiyaachuu dhabuutu mul’ata.Akkasumas dhiyaannaan gilgaalota caaslugaa kitaabilee kanneen keessatti argaman walitti fufinsi isaan boqonnaa gara boqonnaatti kanamalees kutaadhaa gara kutaatti qaban xiyyeeffannoon kan hin kennamneef ta’uu;walitti fufinsa keessatti dagaaginni qabiyyee boqonnaa tokkoo gara boqonnaa itt aanuttifi kutaadhaa kutaatti jiru hanqina qabaachuu isaa hubatamee jira.Kanaaf dhiyaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba kanneen keessaa kan barattoota haala gaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasiisu miti.Haluma walfakkaatuun kitaabilee barnoota kana lamaan keessatti gama walitti fufinsaafi daagaagina qabayyee caaslugaan boqonnaa gara boqonnaatti akkasumas kutaa gara kutaatti hanqinni jiraachuu hubachuun barsiisoonni afaan barsiisan tooftaa garagaraa fayyadamuun barsiisuu akka qabaniifi ogeeyyiin barnootaa immoo hanqina uumaman kanaaf furmaata kennuun barbaachisaadha.Gama maleenya dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa irra caalaan isaa maleennya ibsaa(deductive approach) fi maleenya fakkeenyaa(inductive approach) kan dhiyaatan yoo ta’an,qabiyyeewwan caaslugaa maleenya armaan olii kanaa alas dhiyaatan jiraachuu isaa ragaa sakatta’amee ta’eefi od-kennitoota irraa hubachuun danda’ameera.Amalaa qabiyyee giddugaleeffachuun qabiyyeen caaslugaa maleenya ibsaafi fakkeenyaan dhiyaachuu danda’a.Sadarkaafi hubannoo barattootaa waliin kan deemu maleenyi kun lamaan filatamoodha.Kanaaf qabiyyee caaslugaa muraasa maleenya kanaa ala dhiyaatan xiyyeeffannoo itti kennuun gaariidha.Item Agarii Tulluu: Sirba Salaalee Keessatti (Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam)(Addis Ababa University, 2021-10) Taarikuu Margaa Dastaa; Asafaa Tafarraa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa ija ilaalcha oromootiin sirboota goota oromoo Agarii Tuluufi maatii isaatif sirbaman qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessufis malleen qorqnnoo garaagaraa gargaarameera. madda odeeffannoo ilaalchisee madda odeeffaannoo tokkoffaafi lammaffaati. malli iddatteessuu immoo akkayyoofi darbaa dabarsaatti fayyadamee jira. meeshaaleen funaansa ragaalee immo afagaaffii fi marii gareetti fayyadamuun odeeffannoo funaanname mala qaacceessa ragaalee keessaa mala akkamtaatin/qualitative/ ragaleen qaacceffamanii jiru. Akkasumas barruulee mata duree qo‟annoo kanaan wal qabatan sakatta‟uun akka raga lammaffatti odeeffannoon funaannamanii jiru. Qorannoon kuni Yaaxxina ilaalchaa /ideological theory/ jedhamu bu‟uureeffachuu kan gaggeeffameedha. Yaaxxina ilaalchaa kana immoo haala lamaan bu‟uureeffata. TokkoffaaYaaxxina yaadaa akka addunyaattifi naannoo qorannoon kun itti gaggeeffamu giddugaleeffachuuni. Argannoowwan qorannoo kanaas, gootichi Agarii Tulluu obbolotaa isaa wajjiin uummata isaa garbummaa sirna nafxanyaa jalaa baasuuf jedhee akka qabsoo jalqabe, uummanni oromoo salaalee immoo iddoo dhokannaa gooticha kanaa ta‟aa turuu isaanii sirbaan, geerrarsaan, dhadannaadhan deeggaraa akka turanifi dhaloonni ammaa jiran dhaloota yeroo sanii caalaa afoolawwan kanatti fayadamaa akka jiran qorannoo kanaan bira ga‟amee jira. yaboon qorannoo kanaa inni guddaan aanota godina shawaa kaabaa keessa aanaan dagam iddoo dhaloota goota Agarii Tulluu waan taateef qaamni dhimmi kun ilaallatu kamuu afwalaloo sirboota Agariifi maatii isaatif sirbaman irratti qorannoo gaggeessuudhan funaanee qindeessee akka ragaa tokkootti osoo kaa‟ee, dhaloonni dhufu wanta baay‟ee irraa argachuu danda‟a. kana malees barsiisonnis ta‟ee qaamni barate kamuu afwalaloowwan sirboota goototaaf sirbaman qoratanii bifa kitaabaan yookin barruuleen osoo kaa‟anii akkasumas sirboonni kunneen sirna bornootaa keessatti hammatamanii barattootaf osoo qophaa‟anii dhaloonni waan baay‟ee irraa barachuu danda‟a.Item Xiinxala Fayyadama Afaanii Walaloo Sirboota Mata Dureen Isaanii Amalakeefi Sodaa Qawwee Hin Qabnu Jedhan Keessaa(Addis Ababa University, 2021-01) Warqinaa Lachiisaa; Addunyaa Barkeessaa(PhD)Qorannoon kun Xiinxala fayyadama afaanii walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa keessatti dhimma itti bahaman xiinxalameera.Kaayyoon qorannichaas fayyadama afaanii walaloo sirboota Amalakeefi Sodaa qawwee hin qabnu jedhan keessaa adda baasuu.qabiyyeewwan fayyadama sana ibsuuf haala qabatamaa hawaasaa aangootti himuun itti danda’amu balballoomsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala akkamtaatti dhimma bahamee jira.Iddattoon qorannichaa iddattoo akka kaayyoo ta’ee,tooftaa iddatteessuu miti carraati.meeshaan funaansa odeeffannoo sakatta’a dokumentiitti fayyadamuun sirboota filatamanii walaloo sirboota kanaarratti immoo xiinxala gaggeessuun fayyadamni afaanii achi keessaa walitti qabamanii jiru.walaloon sirboota filatamanii saxaxa ibsaa fayyadamuun qoqqooduufi qaaccessuun ka’ameera.ka’umsi qorannichaa fayyadama afaanii walaloo sirba keessatti dhiyeessuun warra aangoo qabutti dhugaa hawaasaa himuu danda’uu isaa, gaaffiii mirga abbaa biyyummaa haala miira namaatti dhagahamuun dhiyeessuu isaa,bakka handhuura Oromoo Finfinnee irratti xiyyeeffachuufi sirboonni sun baay’inaan Oromoo bira taranii ormaanuu dhaggeeffatamuu isaaniiti. Ibsituun kanaas yuutuubii irratti sagalee guddaa argachuun kan daawwatamedha.Sirboonni ‘Amalakeefi Sodaa Qawwee hin qabnu’ fayyadama afaanii, ergaa fayyadama afaaniifi fayyadamni afaanii akkamiin faayidaaa aangoo hawaasaatti ibsu qaacceffameera. fayyadamni afaanii ergaan fayyadama afaanii sirba keessatti seenaa darbe hammeenya isaa adda baasuun yaadachiisuufi barsiisuu,rakkoo hawaasa tokkoo ifatti baasee waan mul’isuuf jechoota ciccimoo tokkummaa hawaasaa cimsuu,seenaa hammeenyaa,sirnoonni darban uummata Oromoo irraan gahan waan barsiisufi yaadachiisuf ergaa fayyadama afaaniif xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamuu qaba.karaa biraatiin Sirbi kun jechoota ciccimoofi miira namaa kakaasan malleen dubbii garagaraa,jechamootaa fi ciigoowwaan fayyadamuun hawaasa Oromoo fincila diddaa garbummaa taasisaa ture akka kaayyoo tokkoof waltumsee mirgaan galuuf akka si’eessituutti jabina waan itti horeef ergaa fayyadama afaanii sirbichaa karaalee garagaraan akka hawaasichaaf ifa ta’uuf irratti hojjetamuu qaba.Item Qaaccessa Nam-Fakkiilee Asoosama Dheeraa Qaroo Dhiiga Boosse(Addis Ababa University, 2021-09) Girmaa Gulummaa Baarkee; Filee Jaallataa Dabalaa (PhD)Mata duree qorannoo kanaa “qaaccessa nam-fakkiilee kitaaba asoosama Qaroo Dhiigaa Boosse” jedhu irratti yoo ta’uu qorannoon, Boqonnaalee shanitti qoodamee kan qoratamedha. Boqonnaan tokko seensa, Boqonnaa lama sakatta’a barruuwwan wal-fakkiifi yaadiremeeog-barruu,Boqonnaan sadi imala qorannichaa,Boqonnaa afur qaaccessa ragaalee,Boqonnaa shan,gudunfaa,argannoofi yaada furmaata kan haammatudha.qorannoon kun qaccessa nam-fakkiilee asoosama tokko keessatti argamu gama nam-fakkiileen waan ta’eef gama kaayyoo akkamtaati.Haalli dhiyeenya isaas maalummaa nam-fakkiilee keessatti gargaaran kan ilaallatu mala ibsuutti fayyadamee qoratame.maddi raga qorannoo kana asoosama dheeraa qaroo dhiiga boossee yoo ta’uu tooftaan qaaccessa ragaalee yaadrimee irratti kan xiyyeeffatedha.kana malees, asoosamicha keessatti fakkaattonni maala akka fakkaataniif barreessaan akkamiitti yaaxinaalee ammaayyaa kalatti kanaan jiran waliin wal-qabsiisee hojii isaa dhiyeesse ilaaluun cimina dadhabinni aasoosamicha maal akka fakkaatu adda baasuun yaadawwan furmaataa lafa kaa’amuuf yaalamaniiru. Gama biraan haala hawwaasummaa, xiinsammuu, xiinsammuun ejjennoo, haala barreessaan nam-fakkiilee ittiin uumeefi gahee nam-fakkiilee gurguddoofi xixiqqoo asoosamicha keessatti qaban irratti qorannoon kun adeemsifameeraItem Xiinxala Ergaa Mammaaksa Oromoo Dubartootaan Walqabatan: Kitaaba Gumbii Mammaaksaa Irratti Kan Xiyyeeffate(Addis Ababa University, 2021-09) Haannaa Malkaa; Amaanu‟eel Alamaayyoo(PhD)Hawaasni kamiyyuu afoola mataa isaa qaba. Afoola hawaasa tokkoo keessaa tokko mammaaksa. Mammaaksi haala jiruuf jireenya hawaasa tokkoo ibsuuf bifa addaa addaan mammaakama. Haaluma kanaan haawaasa Oromoo keessattis mammaaksi dhimma dubartootaa ibsan qorannoo kan keessatti seera qorannoon tokko hammachuu danda’u hammachiisuun, boqonnaa afuritti qoqqoodamun, boqonnaa hunda keessatti haala barbaachisan kan ka’an yoo ta’an, malli qorannoo kan keessatti qorattuum dhimmaa itti baate mala akkamtaafi malli fuunaanaa ragaalee qorannichaa sakkatta’a dukimenti yeroo ta’uu maddi odeeffannoo madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Kuniis odeeffannoowwaan argaman xiinxaluuf kan ooleedha. Walumaagalatti qorannoon kun bu’aa bayii hedduu qabatus waanti haraan waan argamee itti gammadeera.Item Xiinxala Fayyadama Afaanii Asoosama Lookoo(Addis Ababa University, 2021-09) Haannaa Tarfaasaa; Amaanu’eel Alamayyoo (PhD)Kaayyoon qorannoon kana fayyadama afaanii asoosama Lookoo xixaluudha.As keessatti malleen dubbii, jechoonni ergisaa, mammaksonnifi jechamoonni adda baafamuun xiinxalamanii jiru. Qorannoo kana geggeessuuf kan qorattuu kakaasee, muummee kanatti qorannoon mata duree kanaan walqabatan muraasatuu geeggeeffamee jira. Kanarra kahuun qorattuun milkaa’ina hojii kanaaf kitaabni asoosama Lookoo akka madda raga tokkoffaatti tajaajilun ragaan as keesatti aragamu mala sakatta’a dookumentiin sakatta’amee jira.Akkasumas iddattoon akkayyootti dhimma baheera.Malleen dubbii keessaa kanneen akka akkasaa, bakkasaa, nameessuu, eemitii, fa’aa xiinxalamaniiru.Jechoonni afaan Amaraafi Afaan Ingilizii keessaa as keessatti argaman adda baafamuun xiinxalamaniiru. Mammaksonni tajaajila garagaraafi olaan asoosama kana keessatti kan argamani yemmuu tahu, jechamiinnis xiinxalamanii jiru.Item Xiinxala Waldhabbii Fi Ergaa Asoosama Dheeraa Madaa Ciqilee(Addis Ababa University, 2021-09) Hirkisaa Maammoo; Kurii Baayisaa(PhD)Item Qaacceessa Waldhabbii Asoosama Dheerraa Gumaa Galaatee Keessatti(Addis Ababa University, 2021-09) Kafaafaalee Hundumaatiin; Kurii Baay’isaa (PhD)Item Xiinxala Dandeettii Afaan Oromoo Dubbisanii Hubachuu Dhabuu Barattoota Kutaa 9ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Burqaa Noonnoo: Haala Barsiisa Barnoota Afaan Oromoo Sadarkaa 1ffaa Bu’uureffateen(Addis Ababa University, 2021-09) Masarat Taaddasaa Badhaasaa; Dinqeessaa Dheeressaa (PhD)Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa barattootni kutaa 9ffaa M/barumsaa sadarkaa 2ffaa Burqaa Noonnoo dubbisa Afaan Oromoo hagam dubbisanii akka hubatan addaan baasuun hanqina jiruufi madda isaa xiinxalee furmaata kennuufdha..Ka‟umsi qorannoo kanaas,„Gumii Dagaagina Aadaafi Afaanii‟ keessatti barattoota sadarkeessuuf dubbisa asoosamni gabaabaan kennameefi gaaffilee dubbisicha keessaa ba‟an akka hojjetaniif isaanii kenname keessaa barattootni harki caalaan isaanii qabxii gadi‟aanaa fiduu isaaniiti. Haaluma kanaan barattootni akkamitti kutaa sagal ga‟anii dubbisa Afaan Oromoo dubbisanii hubachuuf hanqatu isa jedhuuf dirqamuudha.Qorannoo kana geggeessuuf mala qorannoo makaatu hojirra oolee jira. Kana bu‟uura godhachuun meeshaalee odeeffannoo: qormaata, bar-gaaffiifi af-gaaffii fayyadamuun odeeffannoo guurame akka walitti kalaa‟utti qaacceffamee jira. Bu‟aaleen qorannicha irraa argaman akka mul‟isutti, qormaatni barattootaa dhibbentaan guddaa qabxii walakkaa gadi fiduu; gama Bulchiinsa Mana barumsaan, gama barattootaafi barsiisotaan dandeettii kana fooyyessuuf xiyyeeffannaan godhamu akka hin jirre; dubbisni kitaaba barnoota irraa hawwataa ta‟uu dhabuufi isuma‟iyyuu seeraan shaakaluu dhabuu; kitaabni barnoota Afaan Ormoo ga‟aan mana bafumsaa keessaa dabamuu; Afaan Oromoon afaan hiikkachuun qofti akka dandeettii kana nama hin gonfachisne; hanqina hubannaa irra kan ka‟e waan Afaan Ormoo dubbataniif dandeettii kanas nan danda‟a jechuun xiyyeeffannaa kennuu dhabuu barattootaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa‟tti guutummaan guutuutti barsiisota Barnoota Afaan Ormoo barsiisuuf eebbifamaniin Banoota Afaan Oromoo barsiifamuu dhabuufaa ;barattootni dhaamsagaafi birsaga addaan baasuu dhabuun rakkoo akka ta‟e; dandeettiin kun harki caalu Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa‟tti akka gonfatamufaa hubatamee jira. Itti dabalees, dandeettii kana milkeessuuf dhibentaan guddaa harka barsiisaa keessa jiraachuufi, barataanis ta‟e Bulchiinsa Mana Barumsaa barumsaa ga‟ee mataa isaa akka qaban niagrsiisa. Haaluma kana irraa ka‟uun qaamni tokko qofti ga‟ee isaa ba‟uun dandeettii kana milkeessuu waan hin dandeenyeef qaamoleen hunduu ga‟ee isaa ba‟uun gonfachiisuufi barsiisaan ammoo hunda caalaa dirqama ogummaa isaa seeraan yoo ba‟e guutumaatti gonfachiisuu baatus fooyyessuu ykn salphisuun akka danda‟u yaboo jalatti kaa‟ameera.Item Xiinxala Waldiddaa Asoosama ‘Safuu’(Addis Ababa University, 2021-11) Mulugeetaa Nigusee Waaqtolaatiin; Asaffaa Tafarraa(PhD)Qorannoon kun mata duree xiinxala waldiddaa asoosama Safuu jedhu irratti xiyyeeffata. Ka‟umsi qorannoo kanaa qeeqni asoosama Afaan Orommoo hedduu irratti gama caaculee asoosamaatiin taasifame laafaa ta‟uudha. Haaluma kanaan kaayyoo gooroon qorannoo akkaataa ijaarsa waldiddaa asoosama „Safuu‟ xiinxaluudha. Kaayyoon gooren asosamichaa;asoosama Safuu keessatti waldiddaan gama xiinsammuun haala kamiin akka dhiyaate ibsuu, asoosama Safuu keessatti waldiddaan alaa barreessaan dhimma itti bahe addaan baasuu, waldiddaan asoosama Safuu keessatti argamu qabatama ummata Oromoo agarsiisuu irratti maal akka fakkaatu ibsuufi ija qeeqa ogumaatin waldiddaan asoosamaa Safuu keessatti became ciminaafi hanqina akkamii akka qabu ibsuudha. Malli qorannoon kun ittiin gaggeeffame mala hasbarruu (textual analysis)dha. Haluma kanaan yaada kaayyolee gooree qorannichaa irratti hundaa‟uun xiinxala taasifameen; barreesaan waldiddaa xiinsammuutti gargaareamee asoosama „Safuu‟ barreessutu hubatame. Gosootni waldiddaa alaa; kan namaafi namaa, namaafi hawaasaafi namaafi uumaa/uumamaa taasifame asoosamicha keessatti kan tolfame ta‟uutu hubatame. Akkasumas asoosamni kun qabatama ummata Oromoo haalaan kan agarsiise ta‟uutu hubatame. Ciminni waldiddaan asoosamaa Safuu keessatti became; qabatama ummata Oromoo gama hawaasummaan, dinagdeen, siyaasaa, aadaafi gama amantiin akkaataa barreessaan waldiddaan ijaaree agarsiisuuf yaale baay‟ee hawwataadha. Akka hanqinaatti kan argame, waldiddaan asoosama kana keessatti tolfaman walqabatee hin qaari‟uu ciccitaadha. Kana malees waldiddaan bocamee kan kalaqaa caalaa kan seenatu caala. Haluma kanaan Barreessaan asoosama „Safuus‟ ta‟ee, barreessitoonni asoosamaa ofduraaf waldiddaa xiinsammuutti haalaan dhimma bahanii osoo barreessanii, ijaarsa asoosama tokkoof gosootni waldiddaa alaa (waldiddaan namaafi namaa, namaafi hawaasaa, namaafi uumaa/uumamaa bu‟uura waan ta‟eef, osoo kana xiyyeeffatanii gaaridha, waldiddaa bocan qabatama ummataa karaa agarsiisun osoo tolchanii, waldiddaa kalaqan osoo walqabatee qaari‟ee, akkasumas waldiddaa uuman seenaa gabaasuu qofa osoo hin taane, osoo kalaqanii irra caalatti hawwataa ta‟a kan jedhu, yaboo dhiyaatedha.Item Qaaccessa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu(Addis Ababa University, 2021-11) Sanyii Rattaa Dhaabii; Mulugeetaa Nagaasaa (PhD)Qorannoon kun mata-duree “Qaaccessa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu: Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee” jedhu irratti gaggeeffame. Gaaffileen bu’uuraa qorannichaa immoo, ergaawwan weedduu aannnan raasuu keessatti darban maal maali? Sadoomiiwwan weedduu aannan raasuu keessatti baay’inaan dhimma ba’an kam fa’i? Weedduun aannan raasuu yoomessa akkamii keessatti gaggeeffama? Namoonni weedduu aannaan raasuu irratti hirmaatan eenyu faadha? Faayidaa weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuuf qabu maali? Sababootni weedduu aannaan raasuu laaffisan maal fa’i? kan jedhudha. Kaayyoon qorannichaa immoo, Ergaa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu qaaccessuudha. Yaaxinni qorannoo kana keessatti hojiirra ooles yaaxina faayidaafi haalawaati. Qorannoo kana galmaan ga’uuf, maddi ragaa manguddootaafi haawwolii weedduu aannan raasuu Oromoo Karrayyuu irratti hubannoofi muuxannoo qaban mala iddatteessuu miti-carraa ta’ee, akkayyoon filatamanidha. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan immoo, malleen funaansa odeeffannoo keessaa daawwannaafi afgaaffiitti fayyadamuun odeeffannoo walitti qabuun danda’ameera. Ragaaleen roga garaagaraa irraa malleen funaansa odeeffannoo armaan olitti eeramaniin walitti qabaman kunniin mala akkamtaa fayyadamuun qoqqoodamuun boqonnaa afur jalatti qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’ureeffachuun argannoowwan jiran: Weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuu ergaawwan loon faarsaan, goota faarsaan, miira dubartiin keessa isheetti dhagayame ibsachuun walqabate, bakka dheeda looniif tole faarsaan, hamtuu loonii qeeqaan, nama loon elmuuf haaraa ta’aniifi tiksee loonii gorsuuf oolan akka qabu qorannoon kun addeesseera. Kana malees, gosti sadoomiiwwanii weedduu aannan raasuu keessatti baay’inaan dhimma ba’aman:Akkasaa, anyaarsee, bakka buusa/Irdiba, nameessa, ukukkubeefi saaduu akka t’an qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalataanis, weedduun aannan raasuu galgalaafi ganama lafa aduun yookaan hoo’i hinjirre mana keessaafi qarmammee (hulaa dura)’tti akka weeddifamu qorannichi ibseera. Hirmaattonni weedduu aannan raasuu haawwaniifi shamarran akka ta’eefi weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuuf faayidaawwan akka: Yommuu Aannan raasan dadhabbina tokko malee akka raasanii baasaniif, loon faarsuuf, goota faarsuuf, gorsa ittiin walii dabarsuuf, bakka dheedumsa horiif mijataa ta’e faarsuufi miira keessa namaatti dhagayame ibsachuuf oolan akka qabuu qorannoo kanaan bira gahameera. Dhumarrattis, sababoonni weedduu aannan raasuu laaffisaa dhufan immoo, babal’achaa dhufuu amantaalee alagaa, qaroominaafi ammayyummaa hordofuu, geeddaramaa dhufuu haala jiruufi jireenyaa, dhiibbaa saayinsiifi teeknolojii akka ta’an qorannoo kanaan bira gahameera. Yaboon qorannichaa immoo, weedduu aannan raasuu hawaasichaan jaalatamaa ta’e kana yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira Aadaafi Turiziimii aanichaa, hayyoota dhimmichi isaan ilaallatuufi abbaa afoolichaa kan ta’e dammaqiinsa hawaasaafoolichatti dhimma bahanii hundaa gaafata.Item Qaaccessa Wal-dhabbii Asoosama Gabaabaa "Yeroon Siif Haa Dhiistuu"(Addis Ababa University, 2021-09) Shaamee Usumaan; Nutmaan AliyyiWaraqana qorannoo kun qaccessa wal-dhabbii asoosama Yeroon siif haa dhiistuu irratti xiyyeeffachuun kan geggeeffameedha. qorannoon kun seensa irraa kaasee hanga malaawwan qorannootti boqonnaa tokko jalatti ka'amanii jiru. malli qorannoo dhimma itti ba'ame kunis mala qorannoo akkamtaati.kaayyoon isaa wal-dhabbiiwwan asoosamicha keessatti argaman qaaccessuun kaa'uudha. maddi ragaa qorannoo kana madda ragaa tokkoffaattti fayyadamuun qorannoon kun adeemsifameera. Boqonnaan lama immoo sakkatta'a barruule kan ibsuu, yaadota hayyoota adda addaatiin dhiyaatantu ka'a.Boqonnaa sadii keessatti hubannoo kitaabicha irraa funaaname qaaccessuu kan of keessatti hammateedha.Boqonnaa afur keessatti immoo cuunfaawwan qoronnoo kanaa,yaboo fi wabiileen dhiyaatanii jiru.kana malees qorannoo kanarraa ka'uunis yaadni furmaata qorrattuu kanaan ka'amee jira.