Oromo Language, Literature and Folklore

Permanent URI for this collection

Browse

Recent Submissions

Now showing 1 - 20 of 406
  • Item
    Yunivarsiitii Addis Ababaa kolleejjii barnootaa fi qo’annoo afaanii, muummee afaan, ogbarruufi fookloorii oromoo
    (Addis Ababa University, 2025-04-20) Reba Debal; File Jaleta
    Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha. Jeekkarsi amantii Waaqeffannaafi Qaalluu biratti kan beekamuudha. Haa ta’u malee kaayyoon amanticha lamaanii gargari. Iddoo lamaanittuu jeekkarsi waan jeekkaramuuf garaagarummaafi walfakkeenya isaan qaban adda baasuuf qorataa kan kakaasedha. Qorannoon kun malleen qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun madda odeeffannoo tokkoffaarraa hawaasa Waaqeffattootaafi hordoftoota Qaalluu mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatiin meeshaalee funaansa ragaalee akka: daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareetiin ragaan funaanamee jechaan qindaa’ee qaacceffameera. Argannoon qorannichaa adeemsi jeekkarsa Amantii Waaqeffannaafi qaalluu jeekkaraadhaan qajeeluufi jalaa qabdootaan qajeelu qaba. Waaqeffannaa keessatti jeekkaraatuu yeroo xumuraa beeka. Yeroo tokko tokkommoo jalaa qabdootaatu jeekkarsa sanatti goolaba gochuu danda’a. Warra Qaalluu biratti garuu jeekkaraa qofatuu jeekkarsa sanatti xumura gochuu danda’a. Jeekkarsi faayidaalee akka: kadhataaf, barnootaaf, galataafi miira amantii uumuu qaba. Jeekkarsi Yoomessa dhaabbataa akka ganama galgala, guyyaafi halkan jeekkaramu yoo ta’u bakka akka iddoo Irreechaa (Malkaafi Tulluu) mana wadaajaa yoo ta’u kan warra Qaalluu ammoo, Galma Qaalluu keessattidha. Qabiyyeewwan Jeekkarsa Waaqeffannaa: olaantummaa waaqaa ibsuu, beekumsa, guddumaa, arjummaafi imaanaa waaqatti kennachuuf jeekkarama. Qaalluu birattis qabiyyeewwan kanaan ala bifa gabbarsuun jajuu waaqaa ofkeessaa qaba.jeekkarsi kun yeroo ammaa Waaqeffannaa biratti fooyyee qabaatus Qaalluu biratti dagatamaa jira. Yaboon qorannichaas hawaasni duudhaa Jeekkarsaa kana haalan kunuunfatee akka dhalootatti dabarsuuf dammaqina horachuu qaba.
  • Item
    Waraqaa qorannoo ulaagaa digirii lammaaffaa (MA) guuttachuuf muummee afaan, ogbarruufi fookloorii oromoof dhiyaate.
    (Addis Ababa University, 2025-04-30) Reba debal; File jelata
    Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha. Jeekkarsi amantii Waaqeffannaafi Qaalluu biratti kan beekamuudha. Haa ta’u malee kaayyoon amanticha lamaanii gargari. Iddoo lamaanittuu jeekkarsi waan jeekkaramuuf garaagarummaafi walfakkeenya isaan qaban adda baasuuf qorataa kan kakaasedha. Qorannoon kun malleen qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun madda odeeffannoo tokkoffaarraa hawaasa Waaqeffattootaafi hordoftoota Qaalluu mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatiin meeshaalee funaansa ragaalee akka: daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareetiin ragaan funaanamee jechaan qindaa’ee qaacceffameera. Argannoon qorannichaa adeemsi jeekkarsa Amantii Waaqeffannaafi qaalluu jeekkaraadhaan qajeeluufi jalaa qabdootaan qajeelu qaba. Waaqeffannaa keessatti jeekkaraatuu yeroo xumuraa beeka. Yeroo tokko tokkommoo jalaa qabdootaatu jeekkarsa sanatti goolaba gochuu danda’a. Warra Qaalluu biratti garuu jeekkaraa qofatuu jeekkarsa sanatti xumura gochuu danda’a. Jeekkarsi faayidaalee akka: kadhataaf, barnootaaf, galataafi miira amantii uumuu qaba. Jeekkarsi Yoomessa dhaabbataa akka ganama galgala, guyyaafi halkan jeekkaramu yoo ta’u bakka akka iddoo Irreechaa (Malkaafi Tulluu) mana wadaajaa yoo ta’u kan warra Qaalluu ammoo, Galma Qaalluu keessattidha. Qabiyyeewwan Jeekkarsa Waaqeffannaa: olaantummaa waaqaa ibsuu, beekumsa, guddumaa, arjummaafi imaanaa waaqatti kennachuuf jeekkarama.Qaalluu birattis qabiyyeewwan kanaan ala bifa gabbarsuun jajuu waaqaa ofkeessaa qaba.jeekkarsi kun yeroo ammaa Waaqeffannaa biratti fooyyee qabaatus Qaalluu biratti dagatamaa jira. Yaboon qorannichaas hawaasni duudhaa Jeekkarsaa kana haalan kunuunfatee akka dhalootatti dabarsuuf dammaqina horachuu qaba.
  • Item
    Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma) Guuttachuuf Qoannoo Afaanc Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fooklooriif Dhiyaate
    (Addis Ababa University, 2025-07-17) Abarraa Waaqjiraa; Asafaa Tafarraa
    Qorannoon kun mata duree “Qaaccessa Unkaa fi Akkaataa Hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa Bara 2008 Hanga 2014fi Sirboota Aadaa”irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, ka’umsi qorannoo kanaa sirboonni haaraa (ammayyaa) qophaa'an hariiroo isaan sirboota aadaa waliin qaban qorachuun rakkoo dagatamuu sirboota aadaa baraaruun dhalootaaf akka darbu gochuudha. Kaayyoon qorannoo kanaas unkaafi akkaataa hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa Bara 2008 Hanga 2014 fi sirboota aadaa qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uudhaaf qorataan mala akkamtaa hojiirra oolchee jira. Irraawwatamni qorannoo kanaa hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboonni aadaa filatamanii jiru. Qorannoo kana keessatti akka madda odeeffannootti kan fudhataman sagaleefi suursagalee hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014 fi sirboonni aadaa qorannicha keessatti haammatamaniiru. Iddattoo filachuudhaaf mala iddattoo miti carraa keessaa malli miti carraa akkayyoo hojiirra oolee jira. Bu’uuruma kanaan mala ragaa sakatta’uu fayyadamuun sirboota aadaa qorannoo kanaaf barbaachisan funaanuuf ragaalee sagaleefi suursagaleedhaan marsaalee hawaasaa irratti argamaniifi barreeffamaan jiran funaanuuf hojiirra oolanii jiru. Malli qaaccessa ragaa mala walbira qabaa (comparison) fayya damuun walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa filataman walbira qabamuun mala akkamtaatiin kan qaacceffame yoo ta’u, ragaalee sagaleefi suursagaleen jiran gara barreeffamaatti jijjiiruudhaan kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf akka ragaa qorannoof ta’utti mata duree gurguddaa lamaan unka hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa jalatti argaman kanneen akka walaloo unka cufaa, walaloo unka banaa, toora, safara, birsaga, buusaga (walunata sagalee), dhikkisa (yaa’a sagalee),cabsata (buusaa)fi durdura sagaleetti qindaa’anii jiru. Mataduree akkaataa hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa jedhu jalatti ammoo mata duree xixiqqaa kanneen akka filannoo jechootaa, tartiiba jechootaafi malleen dubbiitti qoqqooduun mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan, qaaccessa unka hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi Sirboota Aadaa keessatti taassifaameen unka cufaa, unka banaa walbira qabamee qaacceffamee jira. Dabalataanis, qaaccessa Buufata, safara, dhikkisa, birsaga, buusaga (walunata sagalee), cabsataafi durdura sagaleetiin qaacceffameen unkoonni hojii Galaanaa Gaaromsaafi Sirboota Aadaa keessatti argaman adda bahanii hariiroon isaan gidduu jiru hubatamee jira. Bifuma walfakkaatuun, akkaataa dhiyaannaa hojii Galaanaa Gaaromsaafi sirboota aadaa jalatti ilaalamuu qaban keessaa filannoon jechootaa, tartiiba jechoonni ittii qindaa’aniifi itti fayyadama malleen dubbii irratti qaaccessi gadifagoon gaggeeffamee malleen dubbii hojii Galaanaa Gaaromsaafi sirboota aadaa keessa jiran maal fa’aa akka ta’aniifi walitti dhufeenyi filannoon jechootaa, tartiiba jechoonnifi gama fayyadama malleen dubbiin jiranis qaacceffamanii jiru. Unkoonni sirboota aadaas dagatamaa akka hindeemneef qaama kamiinuu xiyyeeffannoon osoo kennameefi gaariidha. Haalli bo’oowwan buufata keessaa, safarri, dhikkisni sagalee, walunatni sagalee fi durdurri sagalee walalootti sirboota ammayyaa keessatti qophaa’u unka sirboota aadaa tursuu akka danda’utti osoo ta’ee, Akkaataan fayyadamaa, tartiiba qindoomina jechootaafi malleen dubbii ergaan dabarsuuf gahee olaanaa waan qabuuf hojii walaloo kam keessattuu osoo xiyyeeffatamee gaarii ta’a
  • Item
    Itti Fayyadama Afaanii Barattoota Manneen Barnootaa Mootummaa Sadarkaa Tokkoffaa Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu
    (Addis Ababa University, 2025-06-01) Asteer Fufaa; Addunyaa Barkeessaa
    Kaayyoon qorannoo kanaa itti fayyadama afaanii barattoota manneen barnootaa mootummaa sadarkaa tokkoffaa kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu maal akka fakkaatu ibsuudha. Maddi ragaalee maatii barattootaa, barsiisotaafi barattoota, manneen barnootaa afur kutaa magaalichaa keessatti argaman yemmuu ta’an iddattoo babaachisan mala caraaafi mit-carraa fayyadamuun ragaaleen qorannichaaf barbaachisan funaannatteetti. Mala mit-carraa keessaas mala kaayyeeffataan fayyadamuun maatii barattootaa,mala carraatiin immoo barsiisotaafi barattootarraa ragaaleen barbaachisan funaanamaniiru. Meeshaalee funaansa ragaalee sadii:afgaaffii,bargaaffiifi daawwannaan qorannicha keessatti hojiirra oolaniiru.Odeeffannoon argamanis mala qulqulleefi hammangeen qaacceffamaniiru.Ragaalee qaacceffaman irraa argannoowwan qorannoo kana keessatti adda baafamanii ibsamanii jiru Isaanis: Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu Afaan Oromoo,Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii waliin makanii itti fayyadamu; Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu daree barnotaan alatti taphoota adda addaa keessatti jechoota hinwaalta’in kanneen hiika isaaniifi madda isaanii adda baasanii himuuf nama rakkisu fayyadamu; Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu daree barnootaan alatti Afaan Amaaraatti fayyadamuun waliigaluu baay’isu;Ilaachi maatiin Afaan Amaaraatiin fayyadamuurratti qabuufi sabni afaan garaagaraa dubbatu hawaasummaan waliin jiraachuun barattoonni Afaan dhaloota isaanii qofa akka hinfayyadamne danqaa ta’uu; Afaan dhalootaa isaanii seeraa afaanii eeganii itti fayyadamuu dadhabuun isaanii qabiyyee barnootaa gosa barnootaa adda addaa ittiin barachaa jiran irratti hubannoo gahaa akka hinarganneefi milkaa’ina barnoota isaanii miidhuu kan danda’u ta’uu ragaan qorannichaa qaacceffame nidhugoomsa
  • Item
    Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti
    (Addis Ababa University, 2025-04-30) Duulaa Kafanaa; Addunyaa Barkeessaa
    Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa agarsiistuuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa Finfinnee bara 1886 moggaasni maqaa “Addis Ababaa” jedhu kennamuurraa kaasee seeneffamu afeewwan keessaa xiinxaluudha. Giddugalli Oromiyaa har‟a Finfinnee jedhamu jalqaba weerarri irratti geggeeffamuun buufata moototaa waan taateef Afaan, Aadaafi Eenyummaan Oromoo akka hindagaagne bakka itti taasifamaa tureedha. Dhiibbaa kanaan maqaa haaraadhaan magaalaan „Addis Ababaa‟ akka hundooftu ta‟e. Maqaa jijjiiruun eenyummaa haaraa barbaaduudha (Penick, 2019). Finfinneen giddugala siyaas-diinagdee ta‟uun mootonni aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii isaanii irratti babal‟ifachaa turan. Ammas giddugala siyaas-diinagdeeti. Kana keessa Oromoon Tuulamaa Finfinnee, eenyummaa isaa akkamitti akka ijaarratuufi ibsatu afeewwan keessa xiinxaluun qoratame.Saxaxni qorannoon ittiin geggeeffame, qorannoo akkamtaa dhimma hawaasaa akka miira isaanitti xiinxaluu waan ta‟eef ibsa,hiikaafi balballoomsaan xiyyeeffatame. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Malleen iddatteessuu kaayyeeffataafi eeruutti dhimma bahame. Ragaan afgaaffiifi xiinxala barruuwwaniin walitti qabame liixxaadhaan xiinxalame. Irra caalatti dalagaa hawaasaaf xiyyeeffannaan laatamee jira. Xiinxala geggeeffameen akkaataa Oromoon Finfinnee eenyummaa isaanii itti ibsaniifi ijaaran hubatamee jira. Maqaaleen agarsiistuuwwan eenyummaa keessaa tokko ta‟uun eenyummaa bakkaafi hawaasa maqicha baasee agarsiisanii jiru. Maqaaleen Oromoon Tuulamaa Finfinnee bakkeewwaniif baasan maqaa araddaalee, maqaa bakkeewwan sirnaafi maqaa gosaa waan ta‟aniif agarsiistuu eenyummaa hawaasichaati. Maqaa bakkeewwanii kanneen jijjiiruun eenyummaan ture jijjiirame. Akkasumas,afaan agarsiistuu eenyummaa hawaasaa ta‟e afaan biraatin caalamuun dalagaa hawaasaa irraa daanga‟ee eenyummaan isaa sarbamee mul‟ata. Sirnoonniifi bakkeewwan sirnaa eenyummaa garee dalaga hawaasaatiin itti hidhatu agarsiisan tajaajilli oolaniif, akkasumas, gareen dhimma itti bahu jijjiiramuun hubatamee jira. Tarsiimoo waallaawaan ofibsuun, dhiibbaan godaanuufi jijjiirama eenyummaa mormachuun afeewwan ogafaaniin ibsa eenyummaa taasisan qabu. Dhimmoota hawaasaa kanneen jijjiiruun eenyummaan bakkaafi garee hawaasaa jijjiirame. Yeroodhaa yerootti deebisee ijaaruuf mormii adda addaaf saaxilame. Ilaanyaan garee hawasaa adda addaa afaaniifi sirnoota Oromoo Tuulamaa Finfinnee iraatti mul‟atan. Yeroo ammaa kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkuma ijaarsaafi babal‟ina magaalaa taasisu eenyummaa Oromoo Tuulamaa sirnoota darban keessa sarbame deebisee ijaaruun hariiroo gareewwanii dhugaarratti hundaa‟e uumuuf hambaa aadaafi seenaa hawaasichaa kununsuufi misoomsuun barbaachisaadha. Mootummaan Federaalaa Imaammata afaanii sirrii hojiirra oolchuun xiyyeeffannaa Afaan Oromoof malu laachufiin irraa eegama. Akkasumas, mootummaan naannoo Oromiyaa karaa BATO, GAO, IQQO, BBO agarsiiftuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa giddugala Oromiyaa kanaa jijjiirame deebisee damdamachiisuufi misoomsuun murteessaadha. Gama biraatiin, miidiyaaleen eenyummaa hawaasaa kana irratti hubannoo uumuuf qooda qabaachuun irraa eegama
  • Item
    Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti
    (Addis Ababa University, 2025-04-10) Duulaa Kafanaa; Addunyaa Barkeessaa
    Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa agarsiistuuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa Finfinnee bara 1886 moggaasni maqaa “Addis Ababaa” jedhu kennamuurraa kaasee seeneffamu afeewwan keessaa xiinxaluudha. Giddugalli Oromiyaa har‟a Finfinnee jedhamu jalqaba weerarri irratti geggeeffamuun buufata moototaa waan taateef Afaan, Aadaafi Eenyummaan Oromoo akka hindagaagne bakka itti taasifamaa tureedha. Dhiibbaa kanaan maqaa haaraadhaan magaalaan „Addis Ababaa‟ akka hundooftu ta‟e. Maqaa jijjiiruun eenyummaa haaraa barbaaduudha (Penick, 2019). Finfinneen giddugala siyaas-diinagdee ta‟uun mootonni aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii isaanii irratti babal‟ifachaa turan. Ammas giddugala siyaas-diinagdeeti. Kana keessa Oromoon Tuulamaa Finfinnee, eenyummaa isaa akkamitti akka ijaarratuufi ibsatu afeewwan keessa xiinxaluun qoratame.Saxaxni qorannoon ittiin geggeeffame, qorannoo akkamtaa dhimma hawaasaa akka miira isaanitti xiinxaluu waan ta‟eef ibsa,hiikaafi balballoomsaan xiyyeeffatame. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Malleen iddatteessuu kaayyeeffataafi eeruutti dhimma bahame. Ragaan afgaaffiifi xiinxala barruuwwaniin walitti qabame liixxaadhaan xiinxalame. Irra caalatti dalagaa hawaasaaf xiyyeeffannaan laatamee jira. Xiinxala geggeeffameen akkaataa Oromoon Finfinnee eenyummaa isaanii itti ibsaniifi ijaaran hubatamee jira. Maqaaleen agarsiistuuwwan eenyummaa keessaa tokko ta‟uun eenyummaa bakkaafi hawaasa maqicha baasee agarsiisanii jiru. Maqaaleen Oromoon Tuulamaa Finfinnee bakkeewwaniif baasan maqaa araddaalee, maqaa bakkeewwan sirnaafi maqaa gosaa waan ta‟aniif agarsiistuu eenyummaa hawaasichaati. Maqaa bakkeewwanii kanneen jijjiiruun eenyummaan ture jijjiirame. Akkasumas,afaan agarsiistuu eenyummaa hawaasaa ta‟e afaan biraatin caalamuun dalagaa hawaasaa irraa daanga‟ee eenyummaan isaa sarbamee mul‟ata. Sirnoonniifi bakkeewwan sirnaa eenyummaa garee dalaga hawaasaatiin itti hidhatu agarsiisan tajaajilli oolaniif, akkasumas, gareen dhimma itti bahu jijjiiramuun hubatamee jira. Tarsiimoo waallaawaan ofibsuun, dhiibbaan godaanuufi jijjiirama eenyummaa mormachuun afeewwan ogafaaniin ibsa eenyummaa taasisan qabu. Dhimmoota hawaasaa kanneen jijjiiruun eenyummaan bakkaafi garee hawaasaa jijjiirame. Yeroodhaa yerootti deebisee ijaaruuf mormii adda addaaf saaxilame. Ilaanyaan garee hawasaa adda addaa afaaniifi sirnoota Oromoo Tuulamaa Finfinnee iraatti mul‟atan. Yeroo ammaa kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkuma ijaarsaafi babal‟ina magaalaa taasisu eenyummaa Oromoo Tuulamaa sirnoota darban keessa sarbame deebisee ijaaruun hariiroo gareewwanii dhugaarratti hundaa‟e uumuuf hambaa aadaafi seenaa hawaasichaa kununsuufi misoomsuun barbaachisaadha. Mootummaan Federaalaa Imaammata afaanii sirrii hojiirra oolchuun xiyyeeffannaa Afaan Oromoof malu laachufiin irraa eegama. Akkasumas, mootummaan naannoo Oromiyaa karaa BATO, GAO, IQQO, BBO agarsiiftuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa giddugala Oromiyaa kanaa jijjiirame deebisee damdamachiisuufi misoomsuun murteessaadha. Gama biraatiin, miidiyaaleen eenyummaa hawaasaa kana irratti hubannoo uumuuf qooda qabaachuun irraa eegama.
  • Item
    Qaaccessa Fayyadama Afaanii Laguuf Lagannaa Fuudhaaf Heerumaa: Godina Arsii Aanaa Leemmuuf Bilbiloo.
    (Addis Ababa University, 2025-04-01) Rowdaa Bakar; Addunyaa Barkeessaa
    Qorannoon kun kan adeemsifame itti fayyadama afaanii laguuf lagannaa fuudhaaf heeruma Oromoo Godina Arsii Aanaa Leemmuuf Bilbiloo irrattidha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon itti fayyadama Afaanii laguuf lagannaa fuudhaaf heerumaa ilaalchisee Oromoo Aanaa Leemuuf Bilbiloo biratti mul‟atu addaan baasuun ibsuufi. Akkasumas maqaafi gochoota fuudhaaf heeruma keessatti lagataman addaan baasuufi gahee fayyadamni afaanii kun hariiroo hawaasummaa keessatti qabu addaan baasuun barreeffamaan qindeessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf malli qorannoo hojiirra oole mala qorannoo akkamtaati. Isa kana galmaan gahuuf mala filmaata iddattoo kaayyeffataa bu‟uura godhachuun odeeffannoon barbaachisaa ta‟e madda ragaa jalqabaarraa waliti qabameera. Maddi ragaa jalqabaa maanguddoota fayyadama afaanii lagannaa maqaafi gochoota fuudhaaf heerumaarratti hubannoo gahaa qabaniidha. Ragaaleen kunniinis karaa meeshaa funaansa odeeffannoo af-gaaffiifi marii gareen funaaname. Maqaaleefi gochaaleen kun kan lagatamaniif kabajaaf, xiinsammuu namaa eeguufi jaalala nama barsiisuufidha. Kun irracaalaatti jiraattota baadiyyaa biratti yeroo ammaallee kan mul‟atuudha. Kanas garee hawaasaa jiran keessaa maanguddoonniifi dubartootni kan itti fayyadaman yoo ta‟an dargaggootaafi shamarran biratti fayyadamni kun gadaanaadha. Namoonni muraasni yeroo akkaataa aadaa/duudhaa hawaasichaa hin eegin yeroo fayyadaman ni mul‟atu. Kunis sababa aadaa biraa/qaroomina of fakkeessuun yeroo kan hawaasichaa dhiisanii gara biraatti harkifaman ni mul‟atu. Kunimmoo waliin jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa uumeera. Waan kana ta‟eef aadaa ofii wallaaluun eenyummaa ofii wallaaluu waan fiduuf dhaloonni ammaa aadaa sabasaa kunuunsee dhaloota dhufuuf dabarsuuf dirqama isarraa eegamu bahuufi qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu qaba
  • Item
    Xiinxala walsimannaa fi garaa garummaa dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaa fi afaan lammaffaatti baratan kutaa 9:xiyyeeffannaa mana barumsaa Ifa BoruueEekkaa daallee sad.2ffa.
    (Addis Ababa University, 2025-04-20) Ajaa"ibduu Beenyaa; Dinqeessaa Dheeressaa
    Qorannoon kun mata-duree,Xiinxala Walsimannaafi Garaagarummaa Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan OromooAkka Afaan Tokkoffaafi Afaan Lammaffaatti Baratan Kutaa 9:Xiyyeeffannaa Mana Barumsa Ifa Boruu Eekkaa Daallee Sad.2ffaa jedhurratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha.Hanqinoonni gama dandeettii barreessuutiin jechuun,jechoota qubee sirriin barreessuu dhabuu,himoota, sirna tuqaalee bakka barbaachisutti fayyadamuu dhiisuu akkasumas, keeyyata qindeessanii barreessuu dhabuun barattootaa mul’atu guddina afaanichaaf gufuu guddaadha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa, walsimannaafi garaagarummaa dandeettii barreessuu barattoota afaan Oromoo akka afaan tokkoffaafi afaan lammaffaatti baratan xiinxaluun madda garaagarummaa kanaas adda baasuun rakkoo kanaaf furmaata kaa’uudha.Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames,mala qorannoo akkamtaafi hammamtaati. Meeshaalee funaansa ragaalee qormaata barattootaafi af-gaaffii barsiisotaatti gargaaramteetti. Kana filachuuf immoo malli iddattoo miti carraa hojiirra ooluun qorannoon kun adeemsifameera. Iddattoo kana keessaa qorattuun mala iddattoo akkayyoo fudhateetti. Barattoota irrattimmoo mala iddattoo carraa tasaa fayyadamteetti.Odeeffannoon qormaata barattootaafi afgaaffii barsiisotaan walitti qabames, mala ibsaatiin (mala lakkoofsaafi jechaan) ibsamuun qaacceffamuun hiikni itti kennameera. Kanuma bu’uura godhachuun, argannoon bira gahamees caasaa himaa eeganii barreessuu dhabuu, seeraan qubeessuu dhabuu, sirna tuqaalee sirriitti fayyadamuu dhabuu fi barreeffamni isaanii qindaa’ina dhabuu ti. Maddi hanqinoota dhimmoota kanneenii qorannoo kana keessatti adda bahes,fedhii barattoonni afaan Oromoo barachuu dhabuu,barattootni afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan afaan Oromoo baraachuu kan jalqaban erga sadarkaa 2ffaa ga’anii ta’uu,barattoonni barnoota sadarkaa tokkoffaa keessatti waa’ee jechoota barreessuu, jechoota qindeessanii himoota barreessuu, sirna tuqaalee eessatti fayyadamuu akka qaban, caasaa himaafi qindoo mina himaa sirritti osoo adda baasnii hin beekin gara kutaa 9ffaatti darbuu, afaan birootti afaan hiikkachuu, hanqina shaakala barreessuu gahaa gochuu dhabuu, sirni barnootaa qophaa’ee jiruufi gochaaleen kitaaba barattootaa keessatti barreessuurratti kaa’amaniifi wayitiin barnootaa kenname muraasa ta’uu, hordoffiifi deeggarsi barsiisotni kennanillee laafaa ta’uusaati. Xumurarratti,rakkoo dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti barataniifi afaan lammaffaatti baratanii fooyyessuuf, sadarkaa gadiitti seera barreeffama Afaan Oromoo adda baafatanii akka dhufan barsiisonniifi qaamni ilaallatu hundi xiyyeeffannoon irratti hojjechuu, shaakala barreessuu walirraa adda hincinne taasisuu, Gilgalootaafi gochaalee barreessuu jiran akka hojjatan jajjabeessuu , barattootaaf gochaalee shaakala barreessuu gahaa kennuufi duub-deebii keennaa deemuu,barsiisotaaf leenjiifi carraa barnootaa adda addaa kennuun dandeettii isaanii akka fooyyeffatan taasisuun ciminaan hojjetamuu qaba.
  • Item
    The practice of media and politics in promoting human rights in Ethiopia: A case study on EBC
    (Addis Ababa University, 2025-04-10) Zelalem Kassahun; Agaredech Jemaneh
    This study investigates the interplay between media performance, political communication, and the promotion of human rights in Ethiopia, with a specific focus on the Ethiopian Broadcasting Corporation (EBC). The primary objective is to assess how effectively the media serves as a platform for human rights advocacy and political accountability in a complex and often restrictive political environment. A mixed-methods approach was employed, combining content analysis of selected EBC news broadcasts with survey data collected from journalists at EBC and university students as well as one-to-one conversations with audiences. The content analysis focused on media framing, thematic representation, brief analysis of constitution, and visual symbolism related to human rights, while the survey explored perceptions of media freedom, political expression, and media credibility. Findings reveal that EBC's coverage of human rights is limited and often shaped by government agendas, with journalists facing editorial restrictions and legal uncertainty. Students and journalists alike perceive the media as biased, cautious, and ineffective in holding power accountable. Additionally, the Ethiopian “political” landscape is seen as confusing and inconsistent to human rights, further weakening the media's ability to contribute meaningfully to civic awareness and human rights discourse. The implications of this study are multifaceted. Practically, it highlights the urgent need to strengthen the editorial independence of public media institutions. Policy-wise, it suggests reforms to enhance legal protections for journalists and ensure institutional accountability. Theoretically, the study contributes to media performance theory by situating it within the context of authoritarian states where state media and political structures are deeply intertwined. The study recommends further research into the role of private and digital media in Ethiopia’s human rights landscape, comparative studies across regions, and longitudinal analysis to track changes in media performance. Strengthening philosophy and civic education, promoting human rights journalism, and fostering institutional transparency are essential steps toward realizing the media’s potential in safeguarding democratic principles and human rights.
  • Item
    Mata dureen qorannoo: Himteewwan naannoo Aanaa Bachoo ija afoolessaa, Xinqe’ee aadaafi ilaalcha hawaasichaatiin (kaleessaafi har’aa).
    (Addis Ababa University, 2025-04-30) Sorsaa Simaa; Asafaa Tafarraa
    Mata dureen qorannoo kanaa “Himteewwan Naannoo” Aanaa Bachoo Ija Afoolessaa, Xinqe’ee Aadaafi Ilaalcha Hawaasichaatiin ( Kaleessaafi Har’aa) Sakatta’uudha.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa ijoodubbii qorannoo afoolaa kan tahe “Himteewwan Naannoo” Aanaa Bachoo Ija Afoolessaa, Xinqe’ee Aadaafi Ilaalcha Hawaasichaatiin (Kaleessaafi Har’aa) irratti xiyyeeffachuutiin, mala akkamtaan, ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaa, akkasumas, barreeffamaafi suursagaleen odeeffannoo argaman guuruutiin sakatta’uudha.Ka’uumsi Qorannichaas, inni duraa, mancaatiin naannoo irra gahaa jiru qorannoo afoola Oromoo keessatti heddumminaan dhibuu, kan lammaffoo, Himtee Naannoo bu’ureeffachuutiin Hariiroo Namaafi Naannoo akka-malee (unjust) qorachuufi qolachuuf Hanqina malaafi Yaaxxina jirutti waa gumaachuuf, akkasumas, sadaffoo qorattoota gama kanaan fedhii qabaniif karaa saaquufi fakkeenya tahuudha.Akka argannoon qorannichaa agarsiisutti hawaasni Aanaa Bachoo, Amantaa anaa-dhufaa(kan ganamaa/native) fi Amantii alaa-dhufaa(externally induced religions) kaleessas har’as kan gaggeessu tahuusaa; bakkeewwan Amantaa itti gaggeessus, tulluu, malkaafi abdaarii ykn qoolloo, bakka dhibaayyuu naannoo qe’ee ofiisaaniitti (sacred groves/forest and trees); Bakkeewwan sunis dur kan kabajaafi kunuunsi akkasumas, eegumsi taasifamu yoo tahu har’a garuu, tulluuwwan Meeshaalee ijaarsaa kan akka dhagaa, cirrachaafi biyyoo kkf jecha qotamaafi mancahaa kan jiran tahuu; akka fakkeenyaattis Tulluun Ganjiifi Tulluun Qonyee balaa kanaaf kanneen saaxilaman tahuu ragaan mirkaneeffameera.Yeroo ammaa haalli qabiinsa malkaa, tulluufi bakkeewwan naannoo qorannichaa kan akka bakkeewwan dhibaayyuu ykn abdaarii ganda tokko tokko keessatti sadarkaa badiinsaa irra jiraachuufi iddoowwan seena-qabeeyyii tahan mancahuun dhaloota lafaa-dhufaan waan dhaalu dhabuun yaaddoo Uummata naannichaa tahuu; akkasumas; akka Aanaa Bachootti bakkeewwan akka Aartuu ykn Xabalaa(bishaan ho’aa), burquufi tulluuwwan, maqaa qaban manneen Amantii Ortodoksiitiin dhuunfatamuun maqaa dur ittiin beekaman dhabuu caalaa bakkeewwan kanneen irratti uummanni mirga abboomuu illee (yoo kan amantii ykn bultoo sanitti hin bulin) mulqamuun yaaddoo tahuusaafi dhaloonnis seenaafi eenyummaa isaanii akka hin dhaalleefi hin kunuunsine, hin eegne taasifamuu kan jedhu, ragaalee argaman keessaa isaan muraasa. Maayiirratti, rakkinichaaf furmaata waaraa kan tahu uummanni naannoo, waajiraalee mootummaafi miti mootummaa naannicha jiran waliin tahuutiin mancaatii naannoo irra gahaa jiru dhaabsisuu, bakkeewwan diigamaniifi qotaman, mukkeenirraa ciraman, hatattamaan akka mancaatiin sun itti hin fufne gochuu, deebisanii muka dhaabuufi kunuunsuu, akkasumas, eegumsa barbaachisu gochuufi uummanni naannichaa mala-marii tolfatee Aadaa naannoosaa dhaloota ittiin dhaalchisu akka deebifamuufi jabeeffatutti Biiroon Aadaafi Turiizimii Aanichaafi kanneen dhimmi kun isaan ilaallatu itti gafatama isaanii bahachuu qabu kan jedhu qorannichi akeeka.Qorattoonni aadaafi afoola Oromoos, sadarkaa qorannoo adda addaatti gara sanitti yoo bobbahan rakkoo qorannoo kun hin furin yookiin hin akeekin furuuf kallattii kaahuu malu.
  • Item
    Afseenessoota ijaarsa eenyummaa torban oboo: Yaaxxina ijaarsa hawaasummaatiin.
    (Addis Ababa University, 2025-08-10) Girmaa Dachaasaa; Asafaa Tafarraa
    Qorannoon kun mataduree Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo irratti kan bu‟uure yoo ta‟u, kaayyooleen qorannichaas: akkaataa itti afseenessoonni eenyummaa hawaasaa Torban Oboo ibsan adeessuu, haala afseenessoonni daangaa eenyummaa Torban Oboo addeessan adda baasuufi afsenessoonni Torban Oboo hariiroo uumama naannoofi eenyummaa Torban Oboo agarsiisuu keessatti qaban adda baasudha. Kaayyoolee kanneen galmaan ga‟uufis goodinaafi aanaa qubsuma Oromoo Tuulamaa, Torban Oboo ta‟an keessaa mala akkayyoon Goodina Shawaa Bahaa naannoo aanaa Boosat fudhachuun daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba‟uun qoratichaan ragaaleen funaannataman. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: maanguddoota, abbootii Gadaa, foolleewwaniifi hawwan bakka maddaarraa kan filatamn yommuu ta‟an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba‟amanidha. Kana malees, odeeffannoo kana walitti qabuuf dhiyaattinnii dhimma bahame, maleenya gaaffii seenessaa, hidda dhalootaa, seenaa maatiifi kanneen biroos ni jiru. Akkasumas, ragaaleen funaanaman yaaxxiina ijaarsa hawaasummaa, eenyummaa hawaasaafi hiika fakkoomiitti bu‟uureffachuun mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahame xiinxalame. Malli qorannoo kunis beekumsa hawaasaa, hiikaa seenaafi hawaasummaarratti kan ijaaramedha. Saxaxni qorannoo kanaa immoo akkaataa ibsaan seenessuufi hiikatti kennuun kan dhimma ba‟amedha. Af-seeneffamoota walitti qabamanirraa argamanitti, argannoowwan ijoon qorannoo kanaas:hawaasni Torban Oboo eenyummaa isaanii cimsachuuf hawaasni Torban Oboo achi as dhuftee isaanii dhaloota dhuftuuf tooftaa itti dabarsan ta‟uu mul‟isa. Hiddi dhalootaa kunis dhiiraafi dubartiin kan barsiifamu ta‟uun isaa kan mirkanaa‟edha. Dabarsa hidda dhalootaa kana caalmaaatti qabatama taasisuuf sirna „Dikee‟jedhamu ijaarratanii qabu. Dabalataanis,hawaasichi dhimmoota lafaafi daangaa lafaa walqabataniinis akkatatti naannoosaa hubatu hedduu kan qabudha. Laftiifi daangaan lafaa hawaasa kana biratti iddoo guddaa qaba, seera sirna Gadaan kan to‟atamudha. Kunis daangaan waan uumamaan jiruu olitti akkaataa yaaduu hawaasaa, gochaalee hawaasaa,ilaalchaafi adeemsa jireenyaa mara kan walitti hidhu ta‟uusaa mul‟isa. Akkasumas, daangaan lafaafi lafti guddina siyaasaafi dinagdee hawaasa tokkoon kan walqabatu ta‟uusaa kan mul‟isudha. Itti dabalee, hawaasichi afseenessaan dhimma ba‟ee uumama naannoo adda addaa fakkoomiin ibsuun eenyummaa isaa barootaa hanga barootaatti tursiifatee jira. Kunis, hawaasni Oromoo Torban Oboo qabeenyaalee uumamaa naannoo isaanii jiraatan kunuunsuufi ittiin eenyummaa isaa ibsuu keessatti safuu, safeeffannaafi duudhaa hawaasichi qabu cimsuuf haala adda addaan fakkoomiin ibsu. Gosoonni mukkeeniifi bineensotaa adda addaa safuu isaanii eeggatanii akka kunuunfamaniif fakkoomii walhormaataafi bilchina umurii walqabsiisuun sanyiin mukkeen badnaan, sanyiin namaa illee jiraachuu akka hindandeenye cimsuuf gargaaramaniiru. Gaarreeniifi ujubnillee mul‟istuu eenyummaa, bakka argama uumaafi ayyaanni abbootii waliin walargan waan ta‟eef, uumaamni kunneen bannaan eegereen hawaassichaa baduu akka danda‟u ifoomee jira
  • Item
    Xiinxala Afseenaafi Afwalaloo Ulaa Duulaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa: Maleenyaa Seenawaatiin
    (Addis Ababa University, 2017-01-05) Sanyii Garbii; Asafaa Tafarraa (Phd)
    Qorannoon kun kan gaggeeffame, Xiinxala Afseenaafi Afwalaloo Ulaa Duulaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraarratti. Kaayyoowwan qorannoo kanaa inni guddaan, gaaffilee ka‟umsa qorannichaa ta‟an, bakka seenaa Ulaa Duulaa ilaalchisee afseenaan akkamii akka dubbatamu, hidhata Oromoofi lafa isaa waliin qabu akkamiin akka ibsuufi afwalaloon isaan walqabatanii dhiyaatan maal akka fakkaatus xiinxalameera. Milkaahina kaayyoo kanaaf mala akkamtaatti dhimma bahameera. Kana fiixaan baasuufis, mala iddattoo kaayeeffataafi darbaa dabarsaa bu‟uura godhachuun, odeeffannoowwan barbaachisoo ta‟an madda ragaa tokkoffaarraa kanneen argamaniidha. Maddi ragaa tokkoffaa, namoota waa‟ee bakka seenaa sanaan walqabatee afseenaafi afwalaloo isaa sirriitti beekaniidha. Argannoon qorannichaa akka agarsiisutti, “Ulaa Duulaa,” bakka Oromoon naannichaa qabiyyee ykn weerara „Nafxanyoota‟ fi abbootii lafaa Habashootaa mormachuuf duula itti bahaa turan yemmuu tahu, akka karra bahiinsaatti ykn „Ulaa‟ tti illee tajaajilaa kan tureedha. Sanirraa ka‟uunis, maqaa bakkichaa „Ulaa Duulaa‟ akka jedhamee dha. Akkasumas, akka giddu-gala sochii siyaasaa yeroo sanaatti kan tajaajile yemmuu tahu, innis, gosti „Arraabsaafi Gaaleeyyii‟ jedhaman abbootii lafaa (Nafxanyoota) ofirraa qolachuuf diddaa (resistance) walirraa hin cinne taasisaa turan kan ittiin yaadatan, bakka seenaa (historical site), fakkoommii diddaa (symbolic resistance) isaaniiti. Afwalaloon bakka seenaa kanaan walqabatanii dhiyaatan, afawalaloo abbaa lafaan walqabatan, lola Xaaliyaanii, „Nugusa Warra Erar,‟ dhiibbaa amantiifi „Naafxanyoota‟ waliin walqabatan qorannoo kana keessatti wal duraa-duubaan xiinxalamaniiru. Bakkeewwan ulfoo naannichaa, kanneen dhaabbilee amantii birootiin dhiibamaa turan/jiran kan akka Bakka Muudaa Birbirsaaa, Tulluu/Siidaa Kormaa, Malkaa Irreessaa Gunjaar, Malkaa Bashaallee, Malkaa Carii, Malkaa Xaafoo, Malkaa Irreessa Aqaaqiifi Tulluu Araaraati. Qorattoonni afoolaa, seenaafi seenaa naannoo bu‟aa bakki kun qorannoo afoolaa, seenaafi kunuunsa naannoo keessatti qabu as baasuu qabu. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas, bakka seenaa Ulaa Duulaa qorachuu, kunuunsuufi eeguu, bakka daawannaa taasisuu, afseenaafi afoola bakkichaas dhalootaaf dabarsuutu irraa eegama.
  • Item
    Yuunivarsiitii Finfinnee Kolleejjii Barnootaafi Qo'annoo Afaanotaatti, Muummee Afaanii, Ogbarruufi Fookiloorii Oromoo
    (Addis Ababa University, 2035-01-02) Geediyoon Malaakuu; Xilaahuun Taliilaa(Itti aanaa Pirofeesaraa)
    Kaayyoon qorannoo kanaa jiruufi jireenya hawaasummaa keessattii ga’eefi hiika meeshaaleen qaban xiinxaluudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa hawaasa Oromoo godina Wallaggaa Lixaa keessa jiraatan yoo ta’an, malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaa hojiirra oolanii jiru. Tooftaa odeeffannoon ittiin funaannames daawwannaa, afgaaffiifi maree garee xiyyeeffataati. Odeeffannoowwan kallattii kanaan walitti qabaman mala qorannoo akkamtaan gurmaa’uun xiinxalamanii jiru. Kana keessaa mala xiinxala ragaaleef bu’uurri yaadrimeefi yaaxxinaalee xiinxala meeshaalee aadaa gara fookilooriin jiru bu’urefatamee jira. Haaluma kanaan, ragaalee xiinxalaman irraa bu’aan argame akka agarsiisutti meeshaaleen aadaa bu’uura tajaajilaan aangoofi aangomuu akka ibsan, kanaanis, barcumni fakkoommii aangoo, angafummaafi kabaja yookaan ulfinaa akka qabu, cancalli fakkoommii hidhaa, rakkinaafi gidiraa, bokkuun fakkoommii ol’aantummaa seeraa nagaa, seera tumuufi labsuu, araaara buusuu, alangaan fakkoommii seera tumame labsuu, aangoo, ol’aantummaa seeraa kan mul’isu, siiqqeen fakkoommii birmadummaa /uumamaan bilisa ta’uu/, kabaja dubartii, gulantaa gara dubarummaatti ce’uu, ulee mirga dubartootaa tiksu, boraatiin fakkoommii waan miidhama nama oolchuu akka ibsan, bu’uura dinagdeen qabeenya akka agasiisan, haaluma kanaan okoleen fakkoommii akkaataa qabaa jireenyaa, sa’a qabaachuu, horii qabaachuu, gumbiin fakkoommii jireenya, barakaafi qusannaa baruutti akka fakkeeffamu, bu’uura waan irraa hojjetaman irratti hundaa’uun ga’ee namni aadaa keessatti qabu akka ibsan, kanaanis, gundoon booree fakkoommii waadaa seenuu, cichoomina, joormaa, dadhabbii, kabajaa, meeshaaleen aadaa waraanaa kanneen akka bodee, calanqaafi bakarri fakkoommii onnee cimaa/ gootummaa, dhiirummaa, moo’icha, jabinaa akka qaban, kallachi fakkoommii nageenyaafi araara buusuu, gaachanni fakkoommii nama onnee cimaa/goota, nama saba isaatiif wabii ta’u, amartiin fakkoommii naatoo yookaan miidhaginaafi kabajaa, sirna gaa’elaa keessatti faaya ta’uurra darbee fakkoommii walitti hidhamuu akka qabuufi kanneen hafanis haaluma kanaan hiika fakkoommii ofii akka qaban bira gahamee jira. Kanamalees, meeshaalee aadaa keessaa dhiironni meeshaalee muka, sibiilaafi gogaarraa hojjatamanitti dhimma yoo bahan, durbiifi dubartootni meeshaalee aadaa migiraafi baay’inaan supheefi biyyoorra hojjatamanitti dhimma akka bahan hubatamee jira. Meeshaaleen kunneen ga’e koorniyaa (dhiirummaafi dubartummaa, abbaa warrummaafi haadha warrummaa) isaan qaban, ga’e aadaan namoota ga’eela dhaabbataniif kenne akka ibsan irraa hubachuuf danda’amee jira. Bareedinni/faayaan meeshaalee sonawwan aadaa qabu (ogummaa, jaalalaafi hariiroo maatii hanga hawaasatti jiru) akka calaqqisiisan qorannoo kanaan bira ga’ameera jira. Itti dabaluun, meeshaaleen aadaa hiika kan argatan aadaafi duudhaa hawaasa tolchee dhimma itti ba’uu giddu galeeffachuun akka ta’e qorannoo adda baafamee jira. Argannoo kana irratti hudaa’uun yaboon kenname, meeshaaleen aadaa hiika aadaa qabu, hiikni isaanii kun callisee kan kennamu osoo hintaane haala hawaasa sanaa giddu galeeffateeti; yoo sanaa ala ba’e rakkoo hubannaa uumuu waan danda’uuf waajjirri aadaafi tuurizimii hubii kana dhimmamtootaafi qorattootaaf uumuu qaba
  • Item
    Afseenaafi Afwalaloo Warra Jiddaa: Ija Afoolessaafi Seengooreetiin
    (Addis Ababa University, 2025-01-02) Yooseef Shifarraa; Asafa Tafarraa
    Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa mata duree Afseenaafi Afwalaloo Warra Jiddaa: Ija Afoolessaafi Seengooretiin xinxaaluu dha. Kaayyoon qorannichaas afwalaloofi afseenawwan warra Jiddaa, seenaa namoota beebbeekamoo bu'uureffachuutiin, ragaalee afgaaffii, marii gareefi sakattaha barruu jiran irraa guuraman ija afoolessaafi seengooreetiin xiinxaluudha. Kahumsa qorannichaas, afseenaafi afwalaloo Warra-Jiddaa keessatti namooti bebbeekamooniifi kanneen dhaloota lafaa-dhufaatiif fakkeenya gaarii tahan hin qoratamin jiraachuu; qorannoofi quwannoon akka kanaas mala qorannoofi yaaxxina qorannoo afoola Oromootiif gumaacha tahee utuu jiruu gama kanaan qaawwi jiraachuufi qorannoo kana fakkaatuuf xurree kaahuun dha. Gaaffileen bu‟uraa qorannichaa, Afwalaloofi Afseenaan namoota bebbeekkamoo Oromoo Salaalee Naannawaa Jiddaa keessatti himaman ija afooleessaafi seengooreetiin maal fa‟i? Afwalaloofi afseenaan Oromoo Jiddaa namoota bebbeekkamoon wal walqabatanii dhihaatan ga‟ee maalii qabu? Namoonni bebbeekkamoon Oromoo Salaalee warra Jiddaa hiddi latiinsa isaanii maal fakkata? kan jedhanii dha. Odeeffannoon madda adda addaa kallattii garaagaraa irraa meeshaalee funaansa odeeffannoo armaan olitti heeramaniin walitti qabaman mala akkamtaatiin qoqqooduutiin boqonnaa afur jalatti xiinxalamanii jiru. Argannoo seenaan namoota hedduu karaa irraa maqee yookiin seenaan isaanii iddoo itti dhalatanii sirnaan kan hin barreeffamne ta‟uu, seenaan gootata hedduu hojiin isaanii dhokachuufi dagatamaa dhufuu, seenaan namoota hedduu inni sirrii hin taane sabqunnamtii adda addaafi kitaabilee barnootaa sirna barnootaa haaraa keessatti maxxanfamaa jiraachuu, seenaana namoota hedduu hojiin isaanii akka ifatti bahu moggasni dhaabbilee garagaraa, daandiifi iddoo addaddaatti kan hin moggaafamne ta‟uu, Afwalaloo naannawaa Jiddatti beekkaman hedduun isaanii ergaa garaagaraa qabaachuu, seenaan nammota beebbeekamoo tokko tokko mannneen barumsaa maqaa isaaniitiin moggaafamuu, hiddi latiinsa namoota bebbeekkamoo tokko tokko kan dagatame ta‟uu, qorannoon namoota bebbeekkamoofi seenaan isaanii sirnaaan barreeffameefi qindeeffamee kan hin jirre ta‟uu, afwalaloowwan naannoo Jiddaa keessatti Afaan Oromootiin kan hin barreeffamneefi yaadannoon yeroo adda addaatti namoota bebbeekamoo saniif taasimamu kan hin jirre ta‟uu isaa ti. Akka yaada furmaataa qorannichaattis rakkoowan eeraman sun kallattiima argannoon agarsiisuun adeemsa keessa akka furaman kallattiin kaahameera.
  • Item
    Qaaccessa Qabiyyee, Ergaafi Faayidaa Sirboota Qabsoo Bara Qeerroo Jijjiiramaan Duraa, Yeroo Jijjiiramaafi Jijjiiramaan Booda Sirbamani
    (Addis Ababa University, 2024-03-01) Tsahaay Raggaasaa; Masfiin Wadaajoo (PhD)
    Qorannoon kun qaacceessa qabiyyee, ergaafi faayidaa sirboota qabsoo bara qeerroo jala jijjiiramaa bara 2008A.L.I, yeroo jijjiiramaa(2010A.L.I)fi jijjiirama booda(2013A.L.I) sirbaman kanneen filataman irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo filatamanii galumsa siyaasaa Oromoo keessatti qabiyyeewwan, ergaaleefi faayidaa isaanii qaaccessuudhaan yaada furmaataa kaa’uudha. Haaluma kanaan qorannoon kun sirboota qabsoo Oromoo kanneen weellisaa Haacaaluu Hundeessaan bara 2008A.L.I, Andu’aalem Gosaan bara 2010A.L.I fi Dinqiisaa Dabalaan bara 2013 A.L.I sirbaman irratti xiyyeeffate. Qorannoo kana gaggeessuufis saxaxni hojiirra oole qaacceessa qeeqa haasbarruuti. Bu’uuruma kanaan walaloowwan sirboota sadii mala iddatteessuu kaayyeffataa fayyadamuun filatamaniiru. Qorannoo kanas mala qaacceessa akkamtaa keessaa qaacceessa haasbarruutti fayyadamuun qaaccessameera. Yaadiddamni qorannoon kun bu’uureffate qorannoo qeeqa haasbarruufi qaacceessa haasbarruutti. Qaaccessa qabiyyeewwanii sirboota qabsoo kanarratti gaggeeffameen sirboonni kunniin wanta isaan ibsan buqqaafamuu, jabina, aantumaa, injifannoo, roorroon darbuu, nageenyafi qoqqoodinsa hawaasaa Oromiyaa keessa jiraachuu isaafi jaalala ibsuu irratta xiyyeeffataa ta’uusaa qorannoon kun argisiisa. Ergaawwan ijoon sirboonni qabsoo kunniin dabarsan diigamuu tokkummaa, saamicha, miidhaafi ajjeechaa, gamtoomuu, akeekkachiisuufi diddaaf hawaasa kakaasuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uun isaanii qorannoo kanaan addaan baafameera. Akkasumas bilisummaa, misoomaafi aangessuu jiraachuu beekameera. Faayidaa sirboonni qabsoo kunneen haalli qabatamaan Oromiyaan keessa jirtu jijjiirama duraafi booda walfakkaata waan ta’eef qabiyyeewwaniifi ergaawwan sirboota kanaan cunqursaan, hidhaan, ajjeechaan, buqqaafamuunfi walwaraansi jiraachuuf qabsoon ummataa itti fufee jiraachuu argannoo qorannoo kanaan bira ga’ameera. Walumaagalatti qabiyyeewwan, ergaawwanfi faayidaan sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo kunneen haala qabatamaa yeroo kanaa ilaalchisee akkuma sirna jijjiirama duraa turee sana amallee jijjiirama booda sirna aangoo irra jiruun hidhaafi ajjeechaan jiraachuun Ummata Oromoo irraatti miidhaa hawaasummaa, moggaafama siyaasaa, ilaalchaafi diinagadee raawwatamaa akka jiru argannoon qorannoo kanaan ibsameera. Kanarraa ka’uun qaamni meeshaa hidhatee jiru sirna aangoo qabu wajjin nagaan bu’ee Oromoofi Oromiyaan akka nagaa argatan hawaasni dhiibbaa osoo godhe gaariidha. Dhumarratti, gaheen sirboonni weellistoota Oromoo jiruufi jireenya Ummata Oromoo keessatti qaban guddaa waan ta’eef, osoo qaaccessamanii akka dhaloonni irraa barataniifi barreeffaman dhaloota dhufuuf akka dabaree irraa barataniif gara fuula durraatti xiyyeeffannoo bal’aa argatanii osoo qoratamanii kan jedhu yaboo qorannoo kanaati.
  • Item
    Qaaccessa Qabiyyee, Ergaafi Faayidaa Sirboota Qabsoo Bara Qeerroo Jijjiiramaan Duraa, Yeroo Jijjiiramaafi Jijjiiramaan Booda Sirbamani
    (Addis Ababa University, 2024-12-01) Tsahaay Raggaasaa; Masfiin Wadaajoo (PhD)
    Qorannoon kun qaacceessa qabiyyee, ergaafi faayidaa sirboota qabsoo bara qeerroo jala jijjiiramaa bara 2008A.L.I, yeroo jijjiiramaa(2010A.L.I)fi jijjiirama booda(2013A.L.I) sirbaman kanneen filataman irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo filatamanii galumsa siyaasaa Oromoo keessatti qabiyyeewwan, ergaaleefi faayidaa isaanii qaaccessuudhaan yaada furmaataa kaa’uudha. Haaluma kanaan qorannoon kun sirboota qabsoo Oromoo kanneen weellisaa Haacaaluu Hundeessaan bara 2008A.L.I, Andu’aalem Gosaan bara 2010A.L.I fi Dinqiisaa Dabalaan bara 2013 A.L.I sirbaman irratti xiyyeeffate. Qorannoo kana gaggeessuufis saxaxni hojiirra oole qaacceessa qeeqa haasbarruuti. Bu’uuruma kanaan walaloowwan sirboota sadii mala iddatteessuu kaayyeffataa fayyadamuun filatamaniiru. Qorannoo kanas mala qaacceessa akkamtaa keessaa qaacceessa haasbarruutti fayyadamuun qaaccessameera. Yaadiddamni qorannoon kun bu’uureffate qorannoo qeeqa haasbarruufi qaacceessa haasbarruutti. Qaaccessa qabiyyeewwanii sirboota qabsoo kanarratti gaggeeffameen sirboonni kunniin wanta isaan ibsan buqqaafamuu, jabina, aantumaa, injifannoo, roorroon darbuu, nageenyafi qoqqoodinsa hawaasaa Oromiyaa keessa jiraachuu isaafi jaalala ibsuu irratta xiyyeeffataa ta’uusaa qorannoon kun argisiisa. Ergaawwan ijoon sirboonni qabsoo kunniin dabarsan diigamuu tokkummaa, saamicha, miidhaafi ajjeechaa, gamtoomuu, akeekkachiisuufi diddaaf hawaasa kakaasuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uun isaanii qorannoo kanaan addaan baafameera. Akkasumas bilisummaa, misoomaafi aangessuu jiraachuu beekameera. Faayidaa sirboonni qabsoo kunneen haalli qabatamaan Oromiyaan keessa jirtu jijjiirama duraafi booda walfakkaata waan ta’eef qabiyyeewwaniifi ergaawwan sirboota kanaan cunqursaan, hidhaan, ajjeechaan, buqqaafamuunfi walwaraansi jiraachuuf qabsoon ummataa itti fufee jiraachuu argannoo qorannoo kanaan bira ga’ameera. Walumaagalatti qabiyyeewwan, ergaawwanfi faayidaan sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo kunneen haala qabatamaa yeroo kanaa ilaalchisee akkuma sirna jijjiirama duraa turee sana amallee jijjiirama booda sirna aangoo irra jiruun hidhaafi ajjeechaan jiraachuun Ummata Oromoo irraatti miidhaa hawaasummaa, moggaafama siyaasaa, ilaalchaafi diinagadee raawwatamaa akka jiru argannoon qorannoo kanaan ibsameera. Kanarraa ka’uun qaamni meeshaa hidhatee jiru sirna aangoo qabu wajjin nagaan bu’ee Oromoofi Oromiyaan akka nagaa argatan hawaasni dhiibbaa osoo godhe gaariidha. Dhumarratti, gaheen sirboonni weellistoota Oromoo jiruufi jireenya Ummata Oromoo keessatti qaban guddaa waan ta’eef, osoo qaaccessamanii akka dhaloonni irraa barataniifi barreeffaman dhaloota dhufuuf akka dabaree irraa barataniif gara fuula durraatti xiyyeeffannoo bal’aa argatanii osoo qoratamanii kan jedhu yaboo qorannoo kanaati.
  • Item
    Qaaccessa Beekkumsa Horsiisaafi Guddisa Farda Oromoo Goodina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa
    (Addis Ababa University, 2024-02-05) Adaraa Dhugumaa; Xilahuun Taliilaa (PhD)
    Qorannoon kuni mataduree Farda Jiddaa:Qaaccessa beekumsa horsiisaafi guddisa Farda aanaa Jiddaa jedhu irratti qoratame.Ka‘umsi qorannoo kanaa, Oromoon bal’inaan horsiisa looniif beekumsa qabaatullee, beekumsi horsiisaafi guddisa Fardaa garuu bakki horsiisa Fardaa murta’aa waan ta’eef, fayyadamni isaa beekamaa miti. Beekumsi kun,Warra Jiddaa kan aadaa horsiisaafi kunuunsuu Fardeenii qabu birattillee daanga’adha. Kanarra ka’uun mata duree beekumsa horsiisaafi guddisa Farda aanaa Jiddaa jedhu irratti qorannoo hojjachuun ka’umsa ta’eera.Kaayyoon gooroo qarannoo kanaa, hawaasni Oromoo aanaa Jiddaa Beekumsa horsiisaa fi guddisa Fardaa irratti qabu qaaccessuudha.Qorannoon kun gosa qorannoo qulqulleeffataa ta’ee,mala akkamtaa fayyadame.Iddatteessuu qorataan fayyadame, mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala Akkayyooti. Maanguddoota 15 kanneen horsiisaa fi guddisa Fardaa irratti muuxannoo qaban irraa ragaan Afgaaffii, DaawwannaafiMariigareetiinfunaannameera.Argannoon: Farda horsiisuun beekkumsa akka barbaadu bira gaa’ameera.kunuunsi Fardaa eessa akka ta’e bira gaa’meera.Sadarkaan Fardaa,dhukkubni Fardaa fi qorichi Fardaa addaa baafameera. Safuun Fardaa kennamuufi kabajni namni Farda qabu argatu ibsameera. Akkasumas,namniakka dhala isaatti Fardaan waammamuun beekkameera. Namni Farda qabu akka nama qabeenya hunda qabuutti ilaallamuunhubatameera. Hanqinoota mul’tan:Dhaloonni yeroo ammaa Fardaaf, xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu, kunuunsi Fardaaf taasifamaa jiru, gadi bu’aa jiraachuu,qorichi Fardaa kan aadaa aanicha keessaa badaa kan jiru ta’uu,sanyiin Fardaa gaarii ta’e badaa jiraachuu, Farda Sadarkaa isaatin eeganiileenjisuun, kan hafeeru ta’uu. Akkasumas, nyaata Fardaa addabaasanii akka yeroo barbaaddame argamuutti oomishaa jiraachuu dhiisuufiFarda aanaa Jiddaa gara turizimiitti ceesisuuf, bulchiisni aanichaa sochii waliitti fufaa taasisuu dhiisuunadda baafameera
  • Item
    Xiinxala Adeemsa Sirna Raawwii Kabaja Hulluuqqoo Oromoo Sadeen Sooddoo: Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Tolee
    (Addis Ababa University, 2024-10) Nageessaa Hayiluu Badhaanee; Filee Jaallataa (PhD)
    Xiinxala Adeemsi Sirni Kabaja Ayyaana Hulluuqqoo akkuma duudhaalee ummata Oromoo yeroofi safuu isaa eeggatee raawwatamaa tureera. Akka mata duree kanarratti qorannoo gaggeessuuf kan qorataa kakaases, naannoo mata duree qorannoo kanaatti Sirni Hulluuqqoo kuni haala gaariin osoo kabajamaa jiruu gidduutti sababoota babal’ina amantiilee alaa dhufaniin osoo hinraawwatin hafuu isaatidha. Kun immoo aadaan madda araaraa, tursiiftuun safuu, waliin jireenyaa gaarii yookiin hawaasummaaf sababa guddaa ta’u kun akka dhaloota harkaa hinbanneef hanga dand’ameen dhaloota hubachiisuufi kan jiru akka itti cimuuf haala kan mijeesseedha. Qorannoowwan kanaan dura raawwatamaniin walutubanii kan gara fuulduraatti raawwatamaniif karaa ta’eera. Dhaloota dagatanillee akka yaadatanii waan ofii kanatti akka deebi’an taasisuudha. Adeemsi qorannoo kunis maddi ragaa hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’e ta’ee, namoota hulluuqqoo irratti beekumsa qaban mala eertuu dardaa dabarsaa irraa bifa afgaaffiitiin, bifa daawwannaafi marii gareetiin kan fudhatameedha. Haaluma kanaan, kitaabilee mata duree kanaan firoomina qaban kan sakatta’amanii, firiiwwan fookloorii keessaa raawwii jilaa bu’uureeffachuun akkaataa ayyaanichaa irratti hundaa’ee kan xiinxalameedha. Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaalee jiru bifa suuraatiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u raawwilee iddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman irraa kan argameedha. Gosootni raawwilee ayyaanichaas as keessatti xiinxalamanii jiru. Qorrannoo kana keessatti argannoowwan qorataan argate addemsa raawwii ayyaanichaa, afoola sirna kanarratti dhiyaatan, meeshaalee aadaa hiika isaanii waliiniifi yoomessi kun maaliif akka waktii Birraa filatame kan ifa baaseedha. Yaadonni furmaata qorannoo kanaatis qaamni dhimmi ilaalu viidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiiree, hayyoonni hawaasa keessa jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee dhaloonni bifa raawwii ayyaanichaa irraa baratamu taasisuudha. Akkasumas osoo jijjiirama bu’uuraa hin agarsiifne dhalootatti akka darbu ta’uu danda’uudha. Yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufii qabu akeekni ijoon taa’eera.
  • Item
    Xiinxala Wantoota Dandeettii Afaan Oromootiin Keeyyeta Barreessuu Barattoota Kutaa 10ffaa Irratti Hudhaa Ta’an: Haala Finfinnee Mana Barumsaa Madaanaalam Sadarkaa 2ffaa
    (Addis Ababa University, 2024-08) Taammanaa Fufaa; Kurii Baayisaa (PhD)
    Qorannoon kun Xiinxala wantota dandeettii Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu barattoota Kutaa 10ffaa irratti hudhaa ta’an: Haala Finfinnee Mana Barumsaa Madaanaalam Sadarkaa 2ffaa irratti kan adeemsifameedha. Dandeettiin barreessuu yeroo tokkotti kan goonfatamu osoo hintaane shaakala yeroo dheeraa keessa kan gabbifatamuudha.Barattoonni kutaa 10ffaa kunneen,Afaan Oromoo akka afaan 1ffaatti baratan kun, kutaa 1ffaa eegalanii Afaan Orommo akka gosa barumsa tokkootti barachaa, Afaan Oromoonis barnoota sadarkaa 1ffaa barachaa barnoota sadarkaa 1ffaa xumuranii jiru.Haata’u malee,barnoota sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa-10ffaa ga’anii hanga jiranitti Afaan Oromootiin keeyyata sirriitti barreessuu hin dandeenye. Qoratichis, kanumaafi muuxannoo horate ka’umsa taasifachuun mata duree qorannoo kanaa filatee qorateera. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Wantoota Dandeettii Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu barattoota kutaa 10ffaa irratti miidhaa fidan xiinxaluudha.Qorannoo kana geggeessuufis malleen qorannoo jiran keessaa mala makaa (akkamtaafi hammamtaa) fayyadamee jira.Argannoon qorannoo kanaa inni ijoonis barattootni dandeettii keeyyata barreessuu haala gahumsa qabuun barreessuu dhabuufi barsiisonni adeemsa keeyyata barreessuu barattootaa irratti xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha.Barreessaan tokko seerota keeyyataa eegee osoo hinbarreessin barreeffamaan ergaa isaa sirriitti dabarfachuun rakkisaa ta’uu danda’. Keeyyanni gaariin immoo tokkummaa yookiin xiyyeeffannoo hima ijoof taasifamuu qabu, qindoomina yaadaafi guutummaa qabaachuu qaba. Barreessaan, dubbisaasaa kallattiin waan hin agarreef barreeffamasaa keessatti qubee dogoggora hinqabne, jechoota barbaachisoo, himoota qindaa’oofi ifa ta'anitti gargaaramuu qaba.Walumaagalatti, keeyyanni gaariin tokko qaamolee yookiin caasaa keeyyataa hima ijoo,himoota callaafi hima goolabaa kan hammate ta’uu qaba. Kanamalees,jechoota, himoota qindaawoo ta’anniifi sirna tuqaalee eeganii barreessuungariidha
  • Item
    Tapha Ijoollee Oromoo Bulchinsa Magaala Shaggaritti Kutaa Magaala Furii Agarsiisa Caacculee Baruu Barsiisuu Afaan Oromoo Akka Afaan Dhalootaaf Oolchuu
    (Addis Ababa University, 2024-08) Ayyaantuu Dirribaa Dachaasaa; Taaddasaa Jaalataa (PhD)
    Kaayyoon qorannoo kanaa, “Tapha Ijoollee Oromoo Bulchinsa Magaala Shaggaritti Kutaa Magaala Furii Agarsiisa Caacculee Baruu Barsiisuu Afaan Oromoo Akka Afaan Dhalootaaf Oolchuu.” Jedhu xiinxaluudha. Sababiin daa‟imman abdii boruu ta‟aniif aadaa, safuu, seenaa fi duudhaa saba isaanii afaan dhaloota isaaniin barsiisuun qabiyyee fi yaada barnoota baratanii karaa salphaa ta‟een akka hubatan taasisuu isaa qorannoon adda adda waan mirkaneessuufidha. Adeemsa qorannoo kana tarkaanfachiisuu keessatti barruuleefi qorannoowwan mata-duree kanaan walfakkaataan sakatta‟amaniiru. Kaayyoo kana galmaan gahuuf ragaan duudhaa hawaasaa yoomessa dhugaafi namtolchee keessaa: daawwannaa, af-gaaffii, marii gareefi sakatta‟a dokumentiiddhaan funaanamee jira.Malli iddatteessuu qorattuun dhimma itti baates mala idatteessuu akka kaayyoofi miti-carraa yoo ta‟u, odeeffannoowwan haala kanaan funaannamanis mala akkamtaatiin qaacceffamee bifa addeessuun dhiyaateera. Haaluma kanaan, qorannoo kana keessatti tapha ijoolleetti gargaaramuun akka caaccuulee baruu barsiisuu Afaan Oromoo akka afaan dhalootaaf oolchuuf , gosoota taphoota ijoollee kutaalee magaalaa Furii kanaa, faayidaa isaanii, akkaataa taphichi itti qophaa‟uufi haala taphni kun ittiin taphatamu, yoomessa taphichi kun keessatti taphatamuufi wantoota yeroo ammaa tapha ijoollee kanarraan dhiibbaa geessisaa jiran fa‟atu qaacceffame. Yaadxinoota fookiloorii, ogummaa afaaniifi kalaqaan xiinxalameera. Qaacceffama kana, giddugaleeffachuun, gosoonni tapha ijoollee, afaaniiniifi sochiifi afaaniin dhiyaatan,yoomessa garagaraa keessatti taphatamuu danda‟aniifi taphoonni haala kanaan aadaa hawaasaa calaqqisiisan kun yeroo ammaa xiyyeeffannoo argachuu dhabuurraan kan ka‟e taphoota ammayaatiin bakka buufamuun dagatamaa jiraachuun bu‟aa qorannoo kanaan bira gahameedha. Afoollan taphoota ijoollee naannoo qorannoo kanaatti beekaman kanneen qooda fudhattootni manneen barnootaa Afaan Oromoo keessatti baratamuu Mootummaa naannoo Oromiyaa,hawaasni Oromoo, barattootniifi barsiisotni Afaan Oromoo cichanii irratti hojjechuun hudhaalee gama kanaan mul‟atan furuufi hundeerraa dhabamsiisuuf kutannoo akka barbaadu addatti ifoomeera.Miidiyaalee hawaasaa, Televizhinoonni, raadiyooleen, barruuleefi kitaabilee Afaan Oromoon maxxansamanillee miidhagina yookiin bareedina aadaa,afoola, safuufi duudhaa Oromoo daran beeksisuuf cimsanii gadfageenyaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Kana malees, Qophiileen kitaabilee sirna barnootaa Afaan Oromoo sadarkaa daree garaagaraa keessatti yeroo ammaa kana haammatamanii jiran seecca‟amanii madaalamuun barbaachisaadha. Kanarraa ka‟uudhaan, rakkoolee kanneen hir‟isuuf dhimmoonni akka: tapha ijoollee suuraafi sagaleen waraabanii dhalootaaf hambaa godhanii kaa‟uu, hawaasni sadarkaa sadarkaan jiran dhimma tapha ijoolleef akka bakka kennan gochuuf, waajjirri Aadaafi Tuuriizimiifi Dargaggoofi Ispoortiillee kanneen aadaa keessatti hammatamuu qaban irratti ogeeyyiin qorachiisee osoo bakka argachiisee, qorattoonni dhimma tapha aadaa ijoollee kanarratti qorannoo kana ka‟uumsa godhachuun kallattii garagaraan akka ilaalaniifi yaada gara fuulduraatiif furmaata barbaaduun yaboo qorannoo kanaati