Gahee Oduun Durii Dandeettii Dubbisanii Hubachuu Barattoota Afaan Oromoo Akka Afaan Lamaffaatti Baratan Cimsuu Irratti Qabu: Mana Barumsaa Fiitaawuraarii Abbaayinee Sadarkaa 2ffaa Kutaa 9ffaa Xiyyeeffachuun

No Thumbnail Available

Date

2024-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannichaa gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu guddisuu keessaatti qabu addaan baasuudha. Qorattuun qoranno mat-duree kanaan akka geggeessituuf wantoonni kaka’umsa ta’aniif keessaa inni guddaan adeemsa baru-barsisuu keessatti barsiisonni gosa barnoota Afaan Oromoo barsiisan dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf oduuwwan durii fayyadamuu irratti qaawwaa waan qaban fakkaatu. Kanaaf, gahee oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuu irratti qabu mala yaaliin geggeffamuun bifa yaboon yoo dhihaate bu’aa ol’aanaa buusuu danda’a yaada jedhu irraa ka’uun qoranno kana geggeessitee jirti. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf immo qorattuun saxaxa qorannoo gariin yaalii (quasi-experimental research design) fayyadamtee jirti. Saxaxa qorannichaafi kaayyoo isaa qixa sirriin hojirra oolchuf immo qorattuun kun barattoota Mana Barumsaa Fitaawuraarii sadarkaa lamaffaa kutaa sagalaffaa mala iddatteessuu akkayyoo fayyadamuun iddattoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti. Barattoota mana barumscihaa kuraa 9ffaa baratan keessaa immoo tooftaa iddatteessuu carraa tasaa fayyadamuun barattoota dhira digdamaafi dubara digdama iddattoo xiyyeeffannoo qorannoo kanaa taasiisuun filattee jirti.Barattoota iddattoo ta’uun filataman irraa immoo qormaata yaalii duraafi yaalii boodaa fayyadamuun ragaalee qorannichaaf barbaachisan walitti qabattee jirti. Ragaalee walitti qabamaniis soofti weerii statistical packages for social science (SPSS) version 24.0 jedhamu fayyadamuun qaacceessitee jirti. Qaacceessi geggeeffamees, oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa dabaluufi dhiisuu isaa addaan baasuuf ragaalee qormaata duraafi boodaa irraa argaman walmadaalsiisuuf mala qaacceessaa birqabe Pirsan fayyadamtee jirti. Haaluma kanaan bu’aan qorannoo kanaas kan agarsiisuu oduun durii dandeetti dubbisanii hubachuu barattootaa waliigalaa, dandeettii agarsiisuun hubachuu barattootaa, dandeettii gadifageenyaan xiinxlauun hubachuu barattootaafi dandeettii hubannoo ofii yaada ofiin ibsuu barattootaa sadarkaa ol’aanaa (qabxii giddu-galeessa >3.5) n olguddisuu isaa hubatamee jira. Oduun durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa waan olguddisuu danda’uuf, barsiisonni Afaan Oromoo sadarkaa lamaffaa irra barsiisan qabyyeewwan oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa cimsuuf yeroo hundaa yoo itti fayyadaman gaariidha. Kana malees, qorannoon bal’aan waa’ee gahee oduu durii dandeettii dubbisanii hubachuu barattootaa guddisuufi dhiisuu irratti qorattoota gara fuulduraan osoo geggeeffamee gaariidha yaboon jedhu kennamee jira.

Description

Keywords

Citation