Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi 12ffaa Irratti Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2021-10

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa haala dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa xiinxaluudha.Galma ga’insa kaayyichaaf kitaabni barataa sakatta’amee jira.Barattoonni kutaa 12ffaa baratan hundiifi barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan torbi iddatteeffamanii jiru.Warreen iddatteeffaman kana irraa ragaa walitti qabuuf immoo meeshaa funaansa ragaa sakatta’a kitaabaa,bargaaffiifi af-gaaffiitti dhimma bahameera.Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walitti makuun qaacceffamee ibsamee jira.Ragaa kana irraas wanti hubatame haalli dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa hanqinaa qabaachuu isaati Faca’insi qabiyyee caaslugaa boqonnaa gara boqonnaatti wal madaalaa miti.Boqonnaa tokko tokko keessatti baay’achuu kanneen biroo keessattti immoo gonkumaa dhiyaachuu dhabuutu mul’ata.Akkasumas dhiyaannaan gilgaalota caaslugaa kitaabilee kanneen keessatti argaman walitti fufinsi isaan boqonnaa gara boqonnaatti kanamalees kutaadhaa gara kutaatti qaban xiyyeeffannoon kan hin kennamneef ta’uu;walitti fufinsa keessatti dagaaginni qabiyyee boqonnaa tokkoo gara boqonnaa itt aanuttifi kutaadhaa kutaatti jiru hanqina qabaachuu isaa hubatamee jira.Kanaaf dhiyaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba kanneen keessaa kan barattoota haala gaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasiisu miti.Haluma walfakkaatuun kitaabilee barnoota kana lamaan keessatti gama walitti fufinsaafi daagaagina qabayyee caaslugaan boqonnaa gara boqonnaatti akkasumas kutaa gara kutaatti hanqinni jiraachuu hubachuun barsiisoonni afaan barsiisan tooftaa garagaraa fayyadamuun barsiisuu akka qabaniifi ogeeyyiin barnootaa immoo hanqina uumaman kanaaf furmaata kennuun barbaachisaadha.Gama maleenya dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa irra caalaan isaa maleennya ibsaa(deductive approach) fi maleenya fakkeenyaa(inductive approach) kan dhiyaatan yoo ta’an,qabiyyeewwan caaslugaa maleenya armaan olii kanaa alas dhiyaatan jiraachuu isaa ragaa sakatta’amee ta’eefi od-kennitoota irraa hubachuun danda’ameera.Amalaa qabiyyee giddugaleeffachuun qabiyyeen caaslugaa maleenya ibsaafi fakkeenyaan dhiyaachuu danda’a.Sadarkaafi hubannoo barattootaa waliin kan deemu maleenyi kun lamaan filatamoodha.Kanaaf qabiyyee caaslugaa muraasa maleenya kanaa ala dhiyaatan xiyyeeffannoo itti kennuun gaariidha.

Description

Keywords

caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo

Citation