Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi 12ffaa Irratti Xiyyeeffate

dc.contributor.advisorTolamaariyaam Fufaa(PhD)
dc.contributor.authorTaadduu Dheeressaa Ulfaataatiin
dc.date.accessioned2024-02-28T06:23:50Z
dc.date.available2024-02-28T06:23:50Z
dc.date.issued2021-10
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa haala dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa xiinxaluudha.Galma ga’insa kaayyichaaf kitaabni barataa sakatta’amee jira.Barattoonni kutaa 12ffaa baratan hundiifi barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan torbi iddatteeffamanii jiru.Warreen iddatteeffaman kana irraa ragaa walitti qabuuf immoo meeshaa funaansa ragaa sakatta’a kitaabaa,bargaaffiifi af-gaaffiitti dhimma bahameera.Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walitti makuun qaacceffamee ibsamee jira.Ragaa kana irraas wanti hubatame haalli dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa hanqinaa qabaachuu isaati Faca’insi qabiyyee caaslugaa boqonnaa gara boqonnaatti wal madaalaa miti.Boqonnaa tokko tokko keessatti baay’achuu kanneen biroo keessattti immoo gonkumaa dhiyaachuu dhabuutu mul’ata.Akkasumas dhiyaannaan gilgaalota caaslugaa kitaabilee kanneen keessatti argaman walitti fufinsi isaan boqonnaa gara boqonnaatti kanamalees kutaadhaa gara kutaatti qaban xiyyeeffannoon kan hin kennamneef ta’uu;walitti fufinsa keessatti dagaaginni qabiyyee boqonnaa tokkoo gara boqonnaa itt aanuttifi kutaadhaa kutaatti jiru hanqina qabaachuu isaa hubatamee jira.Kanaaf dhiyaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba kanneen keessaa kan barattoota haala gaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasiisu miti.Haluma walfakkaatuun kitaabilee barnoota kana lamaan keessatti gama walitti fufinsaafi daagaagina qabayyee caaslugaan boqonnaa gara boqonnaatti akkasumas kutaa gara kutaatti hanqinni jiraachuu hubachuun barsiisoonni afaan barsiisan tooftaa garagaraa fayyadamuun barsiisuu akka qabaniifi ogeeyyiin barnootaa immoo hanqina uumaman kanaaf furmaata kennuun barbaachisaadha.Gama maleenya dhiyaannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaa irra caalaan isaa maleennya ibsaa(deductive approach) fi maleenya fakkeenyaa(inductive approach) kan dhiyaatan yoo ta’an,qabiyyeewwan caaslugaa maleenya armaan olii kanaa alas dhiyaatan jiraachuu isaa ragaa sakatta’amee ta’eefi od-kennitoota irraa hubachuun danda’ameera.Amalaa qabiyyee giddugaleeffachuun qabiyyeen caaslugaa maleenya ibsaafi fakkeenyaan dhiyaachuu danda’a.Sadarkaafi hubannoo barattootaa waliin kan deemu maleenyi kun lamaan filatamoodha.Kanaaf qabiyyee caaslugaa muraasa maleenya kanaa ala dhiyaatan xiyyeeffannoo itti kennuun gaariidha.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/2063
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.subjectcaaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo
dc.titleXiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi 12ffaa Irratti Xiyyeeffate
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Taadduu Dheeressaa Ulfaataa.pdf
Size:
869.28 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: