Nagaa Oromoo: Nagaa Aadaa Booranaa keessatti Yaadrimeessuu
No Thumbnail Available
Date
2024-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Ibsaafi yaadrimee nagaa hanga ammaatti dhihaataniin yaada ogeeyyii walitti fidurra ga’uun hindanda’amne. Hanqinni kun ammoo tooftaan biraa akka barbaadamu affeera. Kanaafuu, hojii kanaan akkaataa hawaasa jeebanaa biratti itti yaadrimaa’u uummata Oromoo, keessattuu Boorana irratti xiyyeeffachuun gaggeeffame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa hubannoo nagaa Oromoon Booranaa qabu akkaataa aadaa isaan yaadrimeessuu kan jedhu ta’ee, jechi nagaa jedhu yaadrimee fookloorii dachaan dhihaate. Gosti qorannoo kanaa akkamtaa yoo ta’u, maleenyaa sanyaabaa keessaan malleen ragaa maddisiisuu daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffan-nooti hojiirra oole. Kallattiin qorannoo kanaaf marsaa sadiin hojii ragaa funaanuuf taasifameen, daawwannaan Gumii Gaayoofi marii dhimma nagaa irratti taasifaman afur irratti taasifame. Af-gaaffiifi MGX irratti tuuta ilmaan kormaa, ilmaan jaarsaa, qaalluu, jaarrolee argaa-dhageettiifi barattoota, walumaa galatti namoonni 53 qooda fudhataniiru. Adeemsa kanaan, ragaaleen akka maddan kan ta’e aadaa Booranni jireenyi akka itti fufuuf hojiirra oolchu keessaani. Ragaaleen maddan jalqaba akkaataa gaaffilee qorannoo deebisaniin qooduun qaama hawaasaa ta’uun hiika irrattis hawaasa si’aayinaan hirmaachisuun xiinxalli taasifame. Ogafaanonni, seenessoonniifi duudhaaleen hiika jireenya qabatamaa Booranaa keessatti qabaniin ibsuun yaadrimeef-famani. Yaadrimeen nagaa Booranaa kan yayyabame hariiroonamni Waaqa, nama akka isaafi uumama kaan waliin qabu irratti. Hariiroon kun aad-malee namni ta’ee argamurraa kan ka’e akka cabu, amala aad-malee kanas mallattoo ittiin hubatu qaba. Mallattoolee calaqqisanirratti hundaa’uun ammoo ejjennoo fudhachuun nagaa isaa eeggata. Kaayyoon nagaa eeguu fedha jiraachuu namaa guutuuf utuu hintaane, seera uumamaa eeguufi. Innis, yayyabni uumamaa kan Waaqaa waan ta’eef namni yayyaba kana akka hincabsine of eega ykn caasaa hawaasni qabuun eegama. Yoo sadarkaa to’annoo namaarra darbe Waaqni aad-malee uumamaa mul’isuun nagaan akka eegamu taasisa. Booranni nagaa Booranaa jedhee kan ittiin jiraatu adeemsota wal xaxaa kan of keessaa qabudha. Ibsi nagaas gabaabumatti ‘itti fufinsa jireenyaa’ jedhamuu danda’a. Goolaba qorannoo kanaa irratti hundaa’uun, jechi nagaa jedhu yaadrimee bal’aa guutummaan jiruuf jireenya namaa keessatti argamu waan ta’eef fuulleffannoo qorannoo ta’ee tajaajiluuf humna kan qabudha.
Description
Keywords
Boorantittii, dhugeeffannaa, fookloorii dachaa, nagaa Booranaa