Qaaccessa Qabiyyee, Ergaafi Faayidaa Sirboota Qabsoo Bara Qeerroo Jijjiiramaan Duraa, Yeroo Jijjiiramaafi Jijjiiramaan Booda Sirbamani
No Thumbnail Available
Date
2024-12-01
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun qaacceessa qabiyyee, ergaafi faayidaa sirboota qabsoo bara qeerroo jala jijjiiramaa bara 2008A.L.I, yeroo jijjiiramaa(2010A.L.I)fi jijjiirama booda(2013A.L.I) sirbaman kanneen filataman irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo filatamanii galumsa siyaasaa Oromoo keessatti qabiyyeewwan, ergaaleefi faayidaa isaanii qaaccessuudhaan yaada furmaataa kaa’uudha. Haaluma kanaan qorannoon kun sirboota qabsoo Oromoo kanneen weellisaa Haacaaluu Hundeessaan bara 2008A.L.I, Andu’aalem Gosaan bara 2010A.L.I fi Dinqiisaa Dabalaan bara 2013 A.L.I sirbaman irratti xiyyeeffate. Qorannoo kana gaggeessuufis saxaxni hojiirra oole qaacceessa qeeqa haasbarruuti. Bu’uuruma kanaan walaloowwan sirboota sadii mala iddatteessuu kaayyeffataa fayyadamuun filatamaniiru. Qorannoo kanas mala qaacceessa akkamtaa keessaa qaacceessa haasbarruutti fayyadamuun qaaccessameera. Yaadiddamni qorannoon kun bu’uureffate qorannoo qeeqa haasbarruufi qaacceessa haasbarruutti. Qaaccessa qabiyyeewwanii sirboota qabsoo kanarratti gaggeeffameen sirboonni kunniin wanta isaan ibsan buqqaafamuu, jabina, aantumaa, injifannoo, roorroon darbuu, nageenyafi qoqqoodinsa hawaasaa Oromiyaa keessa jiraachuu isaafi jaalala ibsuu irratta xiyyeeffataa ta’uusaa qorannoon kun argisiisa. Ergaawwan ijoon sirboonni qabsoo kunniin dabarsan diigamuu tokkummaa, saamicha, miidhaafi ajjeechaa, gamtoomuu, akeekkachiisuufi diddaaf hawaasa kakaasuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uun isaanii qorannoo kanaan addaan baafameera. Akkasumas bilisummaa, misoomaafi aangessuu jiraachuu beekameera. Faayidaa sirboonni qabsoo kunneen haalli qabatamaan Oromiyaan keessa jirtu jijjiirama duraafi booda walfakkaata waan ta’eef qabiyyeewwaniifi ergaawwan sirboota kanaan cunqursaan, hidhaan, ajjeechaan, buqqaafamuunfi walwaraansi jiraachuuf qabsoon ummataa itti fufee jiraachuu argannoo qorannoo kanaan bira ga’ameera. Walumaagalatti qabiyyeewwan, ergaawwanfi faayidaan sirboonni qabsoo ykn siyaasaa Oromoo kunneen haala qabatamaa yeroo kanaa ilaalchisee akkuma sirna jijjiirama duraa turee sana amallee jijjiirama booda sirna aangoo irra jiruun hidhaafi ajjeechaan jiraachuun Ummata Oromoo irraatti miidhaa hawaasummaa, moggaafama siyaasaa, ilaalchaafi diinagadee raawwatamaa akka jiru argannoon qorannoo kanaan ibsameera. Kanarraa ka’uun qaamni meeshaa hidhatee jiru sirna aangoo qabu wajjin nagaan bu’ee Oromoofi Oromiyaan akka nagaa argatan hawaasni dhiibbaa osoo godhe gaariidha. Dhumarratti, gaheen sirboonni weellistoota Oromoo jiruufi jireenya Ummata Oromoo keessatti qaban guddaa waan ta’eef, osoo qaaccessamanii akka dhaloonni irraa barataniifi barreeffaman dhaloota dhufuuf akka dabaree irraa barataniif gara fuula durraatti xiyyeeffannoo bal’aa argatanii osoo qoratamanii kan jedhu yaboo qorannoo kanaati.
Description
Keywords
Qaaccessa Qabiyyee, Ergaafi Faayidaa Sirboota Qabsoo Bara Qeerroo Jijjiiramaan Duraa, Yeroo Jijjiiramaafi Jijjiiramaan Booda Sirbamani