Bu’aafi Danqaalee Afaan Oromootiin Magaala Finfinneetti Barsiisuu
No Thumbnail Available
Date
2024-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun kan gaggeeffame maneen barnoota magaala Finfinnee keessaa kutaa magaalaa Afur keessatti kan argaman kutaa magaalaa tokko keessaa maneen barnootaa tokko tokko fudhachuun yoo ta’u, Kaayyon qorannichaa Xiinxala Bu’aafi Danqaalee Afaan Oromootiin magaalaa Finfinneetti barsiisuu: Haala manneen barnootaa: Wandiraad sadarkaa 1ffaa, Qoxaarii sadarkaa 1ffaa, Birahaana zaaree sadarkaa1ffaafi Inxooxxoo Ambaa sadarkaa 2ffaa kan jedhudha. Xiyyeeffannoon qorannichaas barnoonni Afaan Oromoo magaalaa Finfinneetti kennamuu erga eegalee bu’aa inni buuse, danqaalee hojiirra oolmaa isaa irratti muudataniifi ammas muudachaa jiran irrattidha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, gosa qorannoo Akkamtaatti dhimma kan ba’e yoo ta’u, maala ibsaatti fayyadamee jira. Malleen funaansa odeeffannoo kanneen ta’an bargaaffii, Afgaaffii, daawwannaafi marii gareetti fayyadamuun walitti qabamee jira. Haalli odeef-kennitoonni itti filatamanis iddatteessuu akka kaayyootti dhimma ba’uun kan filatamanidha. Akkasumas Barnoonni Afaan Oromoo kun erga eegalee Bu’aawwan gama Kanaan argamanis ibsamee jira. Bu’aawwan argamanis Magaala Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin dubbachuun walii galuun amma duraarra babal’achaa jira. Adaan Oromoo kllattii maraan dagaagaa jira. Wal qaixxummaan sabaaf sablammootaa mirkanaa’aa jira. Olaantummaan saba tokkoo, Afaan tokkoofi olaantumman sabatokoo magaalaa Finfinneetti dagaagee ture hir’achaa jira. Itti dabalees hawaasni Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti daa’imman isaa Afaan isaatiin barsiifachuuf yeroo dhabee ture amma afaan isaatiin barsiifachuufi kanneen kana fafakkaatan faayidaawwan argamanidha. Itti dabalees, odeeffannoo qaaccessa ragaaletiin argame irra dhaabachuun argannoon qorannoo kanaa qoratichaan kaa’amee jira. Haaluma kanarratti hundaa’uun argannoo argame irratti hundaa’uun yaada furmaataa ta’a jedhee kan yaade qoratichi qorannoo kana keessatti ibsee jira.
Description
Keywords
Xiinxala Bu’aafi Danqaalee Afaan Oromootiin magaalaa Finfinneetti barsiisuu