Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Browsing Oromo Language, Literature and Folklore by Issue Date
Now showing 1 - 20 of 407
Results Per Page
Sort Options
Item Caasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbii(Addis Ababa University, 1999-08) Siyyum, Yiheeyyis; Tasfaayee, Wandiwasan(PhD)Afaan Oromoo manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa keessatti harki irra jireenyi akka afaan tokkoffaatti kan tajaajiluudha. Kuni ammo tooftaalee barnoota afaan barsiisuu keessaa isa waliindubbii (Communicative Approach) tiin haala barattoota hirmaachisun osoo barsiifame/baratamee baayyee filatamaa akka ta’e hayyuuleen adda addaa ni gorsu. Haa ta’u malee, haqnni jiru osoo kana ta’uu, barattootni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaanicha kana baratan caasaa/ seerluga Afaanichaatti fayyadamudhaan ofibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka’umsa barsiisonni kutaa kana barsiisan fi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliindubbii seerlugaarratti qabaniidha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolinsa tooftaa barnoota waliindubbii seerluga Afaan Oromoo sakkatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa kaabaa keessatti argaman keessaa Mukaxurii sadarkaa Lammaffaa” fi “Caanccoo Sadarkaa Lammaffaa” keessatti kutaa saglaffaarratti. Qabxiilee ijoo wiirtuu qorannoo kanaa ta’an keessaa: - Adeemsichi barsiisota moo barattoota jiddu galeessa godhata? - Tooftichi jedhame hoo hojiirra ooluu baate rakkoolleen muudatan maal fa’i? - Hubannoo /ilaalchi barsiisonni toofticharratti qaban maal fakkaata? fi - Caacculee kallattii yookin alkallattiidhaan adeemsicha tooftaa kanaatiin walqabatan ni argamu. Bu’aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda’ama, kan barsiisaa jiddu galeessa godhatee dha: carraan seerlugicha haala dalaga gochoota adda addaatii dalaguu hin jiru; kaka’umsi yookin si’aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruu fi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaa dhaan qofa dalagamaniidha. Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta’an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka’e, kaka’umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti.Item Sakattaa Rakkoolee Raa Wwii Hojii Garee Mana Barumsaa Amuruu Sadarkaa Lammaffaa Gola Barnoota Afaan Oromoo Irratti Gufuuta'an(Addis Ababa University, 2007-07) Dabaloo, Margaa; Barkeessaa, Mandiidaa (PhD)Kaayyoon qonnaata kanaa inni guddaan Mana Barumsaa Amuruu Sadarkaa Lammaffaa gola Bamoota Afaan Oromoo kutaa sagal keessatti rakkoolee dalagaa hojii garee gufachiisan sakatta'uudhaan qU'annaafi qormaataan addaan baasuufi yaadafurmaataa kennuu dha. Manni barumsaa qu'annoon irratti gaggeefames sababiin filatameefii qorataan kun dhimma supparvijinii bamootaaf yeroo Oromiyaa keessa naanna'aa turetti rakkoon hojiirra oolmaa mala baruu fi barsiisuu manneetii bamootaa sadarkaa 2ffaa keessa akka ture odeeffannoo waan argatee fi rakkoo kanas qu'annaa fi qormaata saayinsaawwaa ta'een mirkaneessuuf, odeeffannoon ka'umsaa argama abdiin jedhu waan jiruufi. Kutaan sagalis qabanni akka filatamu ta'eefii muuxannoo barattoonni gama hojii gareetiin sadarkaa tokkoffaa keessaa fidatanii dhufan hangam sadarkaa amma irra jiran keessatti akka isaan gargaare xiiTlXaluu fi bamoota itti aanuuf hang am akka isaan qopheessu madaaluufi. Qormaata kanas gaggeessuuf malli baay'ina ragaalee agarsiisuu fi ibsuu (descriptive) tajaajila irra ooleera. Ragaalee walitti qabuufis gaafannoon barsiisotaa fi barattootaaf kan qophaahe yoo ta'u, odeeffannoo dabalataa argachuuf immoo mirkaneeffatni do'ii daree fi qajeelfamni gaaffiifi deebii hojiirra akka oolan ta'eem. Kana malees, naannoo sanaafi hojjettoota bamootaa waan beekuuf, odeeffannoon gahaa fi barbaachisaa ta'e argama jedhee waan abdateefi. Waan ta'eef" akka madda ragaatti barattoonni, barsiisonni, hoggantoonni mana barumsaa fi supparvaayzaroonni sadarkaa aanaa fi godinaa dhimmichi kallattiin waan isaan ilaaluuf beekaa (purposely) filatamaniiru. Argannoon qu'annaan kanaa fedhii fi hirmaannaan barattootaa dalagaa hojii garee irratti gadi aanaa ta'uu; leenjii, muuxannoo fi kaka'umsi barsiisotaa gahaa ta'uu dhabuu; gurmaa'inni gala bamootaa fi gala tokko keessatti baay'inni barattootaa raawwii hojii garee irratti gufuu ta'uu; qophiin sima bamoota Afaan Oromoo mala hojii gareetiin barsiisuuf mijaahaa akka ta'ee fi mala hojii gareetiin baruu fi barsiisuun qulqullina bamootaAfaan Oromoo akka eegsisu agarsiisa. Rakkoolee mul'atan kana furuufis barsiisonni barattootasaanii mala hojii gareetiin barachuun bu'aa qabeessa ta'uusaa akka hubachiisanii fi jajjabeessan, deggarsa barbachisus utuu kennanii daansa. Kana malees, leenjii barsiisotaa irratti hanqina jiru furuuf, leenjii gaggabaabaa fi gannaa kennuu fi sadarkaan bamootasaanii akka fooyya'u gochuun ni mala. !tti dabalees, sababii barsiisonni dhaabbilee leenjii barsiisotaatii leenji'anii erga hojiitti bobba'anii booda mala hojii gareetiin barsiisuuf hanqina qabaachuu isaanii irratti qu'annoon addaa gaggeefamuu qaba. Gurmaa'inni gala bamootaa fi baay'inni barattootaa marabbaa dhimmamtoota hundaatiin akka furamuu qabuu fi qindaa'inni sima bamootaa, adeemsa baruu fi barsiisuu Bamoota Afaan Oro moo Mana Barumsaa Amuruu akkafooyyessuu danda'u yaannifurmaataa dhiyaatee jim.Item Qaaccessa Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa: Faaya Dubartootaa Ilaallatan: Haala Qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee(Addis Ababa University, 2008-07) Darrasaa, Darajjee; Tiliilaa, Xilaahun (PhD)Akkaataan ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa faayidaa adda addaa kan qabuudha. Kanuman walqabatee, hanga ammaatti qorannoon meeshaalee aadaa faaya dubartootaa irratti gadfageenya gaggeeffame bal‟inaan hinjiru. Yeroo ammaa aadaa kun dubartoota Oromootiin dagatamuu haala dandaa‟u keessa jira. Kanummarra ka‟uun qorataan kun qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya Dubartootaa Oromoo Walloo ilaaluf murteesse. Kanuma bu‟uureffachuudhaan daangaan qorannoon kanaa qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa ilaallatan haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo keessa aanaa Kamiseerratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa akkaataa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa Ilaallata haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee keessatti argaman qaaccessun ibsuudha. Gama kanaan qorannoo walfakkiifi yaad-rimee haayyoota gama ittifayyadama meeshaalee aadaa wajjiin kan walitti dhufeenya qabannniis ilaalameera. Madda ragaawwan qorannoof kanaaf ta‟uus kan qindaa‟e hawaasa keessatti odeefkeennitoota dubartootaafi manguddootaa hubannoo akkaataa ittifayyadama Meeshaalee aadaa faaya dubartootaa beekan 10 irraa odeeffannoo funaanuun mala iddatteessuu eerummaati fayyadamuu mala qorannoo Akkamtaatti (qualitative) dhimma baheera. Akka waliigalaattis akkaataa ittifayyadama meeshaaleen aadaa faayaa dubartootaa aanaa Kamisee keessatti yeroo ammaa akka duraanii kan hinjiree ta‟uufi dhaloota haaraayaatiin salphatti irraaffatamuu danda‟uusa mul‟isa. Akkasamus, faaya ammayyaan bakka baasumaa jirachuu isaanii akka argannoo qorannoo kanaattin mul‟ateera. Argannoo qorannicha, keessatti tuqaman irratti hundaa‟uun Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa Faaya dubartootaa akka hinbadneef qaamni dhimmi ilaallatufi Biiroon Aadaafi Turizimi Oromoo Walloo Kamisee aanoolee godinicha keessatti argamanitti godambaa ijaaruun cinaatti gosa isaaniitiin qooduun qorannoo gadi fagoo irratti taasisuu barbaachisadha. Haaluma walfakkaatun ogeessota meeshaalee aadaa omishaanif deeggarsi barbaachisuu gama waajjira Intarepiraayisi Mayikiroo xixiqqaatiin taasisuun akka gabaatti dhiyeessannii madda galii argachuun gochuun aadaa iccittii miidhagina dubartoota Oromoo Walloo tahe kana badiirra hambisuun labata dhuufuuf osoo dabarsani ummaticha faana turuu danda‟aItem Xiinxala Waantota Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Irratti Sababa Ta‟An(Addis Ababa University, 2008-07) Siyyum, Siisaay; Dheeressaa, DinqeessaaKaayyoon guddaan qorannoon kun geggeeffameef, xiinxala waantota dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo irratti sababa ta’an qaaccessuudha. Qorannoon geggeeffame kunis mana barumsa qophaa’inaa magaalaa Shaashamaneefi qophaa’ina Luusii yommuu ta’u, manneen barnootaa kunniin mala iddattoo akkayyootiin filatame. Akkasumas, qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan(makaa) ijaaramee dhihaate. Kanamalees, qorannoo kana keessatti barattoonni 80 dareewwan hunda keessatti mala iddattoo carraa tasaatiin filatamanii raga akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 11ffaa 2 qofa waan ta’aniif lamaan isaaniiyyuu fudhatamuun raga akka kennan taasifamee jira. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, bargaaffii, sakatta’a dookumtii, kitaaba Barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi qormaata waggoota afurii bara 2005 A.L.I hanga bara 2008 A.L.I barsiisonni mana barumsaa keessatti baasan sakatta’uun fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’atutti, barattoonni baay’een keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu keessatti filannoo jechootaa, seerluga sirrii ta’etti fayyadamuu, hima gaarii ijaaruu, yaada maddisiisuu, yaada qindeessuu , sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, qubeessuufi qubguddeessuu qindeessanii barreessuurratti barattoonni baay’ee dandeettii barreessuu Afaan Oromootiin qaban xiqqaa ta’uusaa hubatamee jira. Kanamalees, ilaalchi barsiisonni daree keessatti dandeettii barreessuu gonfachiisuuf itti fayyadamaniifi duubdeenii barreeffama barattootaaf itti kennaniifi qormaata yommuu qopheessan dandeettii barreessuu dandeettiiwwan biro waliin qixa baasuurratti xiyyeeffannoon kennan gadi aanaadha.Akkasumas,akkaataan gilgaaloonni dandeettii barreessuu kitaaba Afaan Ormoo kutaa11ffaa keessatti gochaaleen shaakalsiisan itti qophaa’an dandeetti birorraa hanqina kan qabu ta’uusaa hubatamee jira.Barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala barreessuu barattoonni taasisanirratti duubdeebii ijaaraa ta’e kennuun wantoota dandeettii barreessuu gonfachuurratti dhiibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirra oolchanii gaariidha.Item Xiinxala Moggaasa Maqaa Daa’immaniifi Bakkeewwan Aanaa Walisoo(Addis Ababa University, 2008-07) Tsaggaayee, Seefuu; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii haala qabatamaa Aanaa Walisoo akkamiin akka gaggeeffamu qaaccessuudha. Xiyyeeffannoon qoranaa kanaas maalummaa maqaa, moggaasa maqaa, faayidaafi bu’ura moggaasa maqaa akkasumas dhiibbaa sirnoota darbaniin irra gahe hubachuudha. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf malli qu’atichi itti gargaarame mala akkamtaa yookaan qulqulleeffataati. Malla kanaan odeeffannoo madda ragaa duraafi madda ragaa lammaffaa irraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin walsimsiisun itti gargaarameera. Akkasumas, sirna moggaasnii maqaa daa’immanii itti raawwatus yaada mangudddolifi beektootaarratti bu’ureeffachuun ibseera. Akkasumas qabiyyee gurgudoon qu’attichi irratti hundaa’e, maalumma maqaa, malumma moggaasa maqaa, moggaasa maqaafi aadaa, faayidaa moggaasa maqaa, gosoota moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii, moggaasa maqaa keessaatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’ura moggaasa maqaa, dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqarraa gahe fi kan kana fakkaatan kan ibsan yoo ta’u, qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame, hawaasni Oromoo aanichaa akkaataa moggaasa maqaa daa’immanii itti raawwatu adeemsa mataa isaa kan qabu, gosoota moggaasa maqaa daa’immanii maatiin gaggeeffamu, hammachiisaafi guddifachaan raawatu qabaachuu, bu’urri moggaasa maqaa daa’immanii: waqtiilefi ayyaana, abdiifi hawwii fulduraa, yeroo ulfaa, cininsufi da’uumsaa, dhala dhabaniifi turmaata booda argachuu, maatiin wallolanii araaramuu booda dhalachuu, guddinaafi sochii qaamaa daa’ima, du’a ijoollee dura dhalatanii booda dhalachuu, fedhii maatii malee dhalachuu daa’immanii, saalli walfakkaatu walitti aanee dhalachuu, lakkuu dhalachuu daa’immanii, miidhaginaafi fokkisummaa daa’immanii, amala daa’ima sanaa, amantiin walqasiisun akkasumas yeroo ammaa ammayuummaanfi kanaaf kana kan fakkaatan bu’ureeffachuun yoo ta’u, kan bakkeewwaniimmoo maqaa namaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa walittii qindeessun akka ta’eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitin Oromoon aanichaa aadaafi duudhaa moggaasa maqaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta’uun isaa hubatameera. Kanaafuu maqaan uummata kanaaf kuusaa beekumsa gadi fagoo, ibsituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan jecha yookaan gaalee ittiin waamamuu sana bira ce’eedeemudha; jechuun nidanda’ama.Item Xiinxala Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa: Ija Yaaxina Bifiyyeetiin(Addis Ababa University, 2008-07) Baayisaa, Qananii; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamuudha. Barreessaan addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akka siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnis akka hubatan taasisa. Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaa irraati. Kaayyoon asoosama tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafi ijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan, hogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan eeggate ta’a; guddina afaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa ka’uudhaan kan gegeeffame yoo ta’u, asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitiifi dibaa ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaa asoosamoota eeraman ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu yoo, Kaayyolee gooreen immoo asoosamoota lamaan keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaanii jiru, akbarruu isaanii, walsimsiistota/ literary techniques/ asoosamoota kanaa sakatta’uun ibsuufi asoosamoonni lamaan kunneen ija yaaxina bifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbira qabuun agarsiisuudha. Malli qorannoo kanaa xiinxala barruu yoota’u, Kitaabilee tooftaa iddatteessuu kaayyeeffataatiin filataman kanneen keessaa ragaan funaaname, qabxilee kaayyoo gooreefi yaaxina qorannichi bu’uura godhateen walsimsiisuun xiinxalli taasifame akka agarsiisutti, kitaabonni lamaanuu wantoota asoosama tokko asoosama taasisan of keessaa kan qabaniifi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan ibsaman kan guutan ta’anii mul’atu. Gama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni Burreen Bifa Tokkoo Mitii haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u, asoosamni dibaas yoomessi, namfakkiifi waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kan keessatti mul’atuudha. Dubbiiwwan qolaa, jechamootaafi mammaaksonni filannaa jechootaa barruu asoosamootaa kanneen keessatti kan hammataman yoo ta’u, dhimma ibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’aniifi eenyummaa namfakkiiwwan seenaa asoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimani. Ijaarsa himootaa keessatti irra deddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan taasifame, yaada ibsamu sanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama dibaa keessati bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u, asoosama Burreen Bifa Tokkoo Mitii keessattis darbee darbee faayidaa irra ooleera. Kunis barruu asoosamootaa kanneeniif miidhagina ta’eera. Gama duraaduuba jechootaatiin wayita ilaalaman, seera afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwan barruu/ walsimsiistota/ asoosamoota kanneen keessatti dhimma itti bahame yoota’u, qindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonni kunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’un walbira qabamanii yoo ilaalaman walfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Karaa biraatiin, namfakkii olaanaa asoosama Burreen Bifa tokkoo Mitii kan taate Ayyaantuu Bariin bareedina ishee irraa kan ka’e rakkina adda addaatiif saaxilamuu ishee seenaa asoosamichaa irraa kan hubatamu yoo ta’eyyuu, akkaataa kalaqqii gama bifa isheetiin jiruun garuu, bareedinni jedhame osoo sirriitti hin mul’atiin hafeera. Kana malees, irra deddeebiin jechootaa hin barbaachifne kan asoosama kana keessatti mul’atu, miidhaginni barruu kanaa guutuu akka hin taaneef gufuu ta’eera. Haaluma walfakkaatuun asoosama dibaa keessattis hanqinaaleen tokko tokko kan mul’atan yoo ta’u, qindoomina seenaa, jaargocha, rakkoo waljijjiirraa ija seenessaafi kalaqqii namfakkii Foozii gama dubbii isheetiin jiru, isaan gurguddoodha. Dogoggora qubeefi sirna tuqaalee asoosamoota lamaanuu keessatti uumamaniifi kanneen biroos yaada furmaata ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjin yaboo keessatti ibsamaniiru.Item Xiinxala Gogeessa Sirna Gadaa Odaa Bultum(Addis Ababa University, 2008-07) Jamaal, Shamshaddiin; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Sababni qorataan qorannoo kana akka gaggeessuuf isa kakaase haala gaggeessa ayyaana sirna Gadaa Odaa Bultum kan gogeessoota giddutti gaggeeffamu irratti yeroo ayyaanni gaggreeffamu rakkooleen kanneen akka aadaan duraan ture hafuu, waan ayyaana irratti dhihatan hangi tokko hir’achuufi dabaluu, seeraan hojiirra ooluudhaafi walumaa galatti hawaasni Sirna Gadaa Odaa Bultum jalatti bulaa jiran hanqina baa’yeemaalummaa sirnichaa qabaachuuisaati. Kaayyoon guddaan qorannichaa hanqinaalee mul’atan kanneen addaan baasuun qaacceessuufi hanqina jiruuf yaada furmaataa kennuudha. Addeemsa qorannoo kanaa keessatti iddattoon mala akkayoo hojiirra oolee jira. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamanis afgaaffii, daawwannaa yoo ta’u, odeeffannoon malleen kanaan walitti qabaman mala qorannoo qulqulleeffataa yookiin akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin qaacceffamee jira. Haaluma kanaan ragaaleen qaacceffaman akka agarsiisutti, maalummaa sirna Gadaa, sirni Gadaa haala akkamitiin akka eegale, hundeeffama sirna Gadaa Odaa bultum, haala ittiin bulmaataa, ayyaanichi akkamitti akka gaggeeffamuu, afoolota sirnicha irrati tajaajilaniifi qooda dubartoonni ayyaanicha irratti qabaniifi kkf xiinxalamee jira. Argannoon qorannoo kanaa maalummaa sina Gdaa ilaalchisee sirnichi bal’ina akka qabu, haala adeemsa jila sirna gadaa Odaa Bultum keessatti ciminnis akkuma jiru hanqinnis jiraachuu isaa, ayyaanicha irratti afoolonni adda addaa tajaajilaa turuu isaa, waa’ee sirnichaa ilaalchisee hanqinni hubannoo jiraachuu isaafi kanneen biree xiinxalameeraItem Qaaccessa Fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa Jaarsummaan Furuu Keessatti(Addis Ababa University, 2008-07) Duubee, Nageessoo; Barkeessaa, AddunyaaKaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccessa fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa jaarsummaan furuu Godina Arsii Lixaa haala Aanaa Dodolaa’’ jedhu keessatti haalli fayyadama afaanii maal akka fakkaatu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahee jira. Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, afgaaffii, waraabbii, daawwannaa, marii gareefi yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Kana malees qorannichi haala dhiyeenyaa jaarsonni araaraa fayyadaman ni ibsa.Waraqaan kun bu’aa qaaccessa fayyadama afaanii jaarsummaa mala karaa aadaatiin waldhabdee furuu Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa kan xiyyeeffate waan ta’eef, bu’uuruma kanaan aanaa kana keessatti battalli dubbii jaarsummaa shan ilaalaman keessaa sadi irraa ragaaleen karaa maloota funaansa odeeffannoo armaan oliitiin guuraman mala maleenyaa xinaadaa (socio cultural approach) tiin qaacceffamaniiru. Bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, adeemsi sirna fayyadama afaanii jaarsummaa caasaa yaa’a dubbii (caacculee) dhaabbataa mataa isaa kan qabu ta’ee, hariiroo dubbii isaanii keessatti ga’een abbaa murtee olaanaa ta’uufi jaarsonni waldhabdee furuuf tooftaawwan araaraa adda addaa kan fayyadaman ta’uu isaati. Kana malees, qabiyyeewwan dubbii jaarsummaa kanneen akka dubbii jalqabuu, eebbaa, cokaa, gungumaafi araaraa jaarsummaa duraa duubaan kan dhiyaatan ta’uun qaama argannoo kanaati. Dabalataan, namoota waldhabanii miira aarii cimaa keessa galan tooftaa fayyadama afaanii kanneen akka ibsootaafi mammaaksotaa fayyadamuun araara kan buusan ta’uufi kun ammoo guddina aadaafi afaan Oromoo keessatti gumaacha mataa isaa kan qabu ta’uu isaati. Inni biraan, dubbiin jaarsonni seeraan fudhatanii battala qabatanii hindubbatin fudhatama kan hinqabdu. Jaarsonni waldhabdee naannoo isaanitti uumamte waan safeeffataniif callisanii kan hinilaalleefi fixaa waldhabdee kanaan duraa akka muuxannootti fudhatanii araara buusu. Bu’uuruma kanaan dhimmoonni argannoo armaan olii keessatti ka’an nagaafi tasgabbii hawaasa naannichaa keessatti buusuun cinatti, gama hawaas-diinagdee ummatichaa keessatti yeroofi qabeenya isaanii osoo hinqisaasessin waldhabdee isaanii waan furataniif qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo itti kennuun osoo jajjabeesseen yaboo qorannoo kanaati.Item Qaaccessa Safuufi Safeeffannaa Uummata Oromoo Godina Arsiifi Gujii: Xiyyeffannaa Aanaa Heexosaafi Ardaa Me’ee Bokkoo(Addis Ababa University, 2008-07) Tufaa, Biqilaa; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Qorannoon kun,”Qaaccessa Safuufi Safeeffannaa uummata Oromoo Godina Arsiifi Gujii: Xiyyeeffannaa aanaa Heexosaafi Ardaa Me‟ee Bokkootti” jedhu yoota‟u, qorannoo kana hojjechuuf kan nakakaase duudhaan Oromoo guddina biyyaatiif hanga gumachuu qabu hingumachine jedhee waanan yaadeef dudhaan safuufi safeeffannaa kun osoo qoratame bu‟aa olaanaa buusuu danda‟a jedhee waana yaadeef. Kaayyoon qoranichaa Safuufuufi Safeeffannaa Ummata Oromoo qaceessuun agarsiisuudha. Malli qorannoon kun ittin gaggeefame mala qorannoo qulullaa‟inaati. Malleen funaansa ragaa itti gargarame: sakata‟a ragaa, af-gaafii, daawwannaafi marii gareeti. Qorannoo kanaan argannoowwan Safuun hangafaa quxusuu, Safuu dirreewwanii, safuu ulfaawwanii, Safuufi safeeffannaa fuudhaafi heeruma Oromoofi safuu hooda Oromoo ragaa fuunaname irraa maal akka fakkatu bira gahamee jira. Duudhaan Oromoo ganamaa kun dhalootaa dhalootaatti akka darbuufi guddina biyyaatiif bu‟aa guumaachuu qabu akka guumaachu sirna barnootaa keessa akka galu Biiroon Barnootaa Oromoofi Dhaabbileen Barnoota olaanoon osoo irratti hojjetanii gaarii natti fakkata.Item Qaaccessa Ga’umsa Qabiyyee Moodelaa Qormaataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10 Bara 2007(Addis Ababa University, 2008-07) Roorroo, Xibabuu; Dheeressaa, DinqeessaaQorannoon kun qaaccessa ga‟umsa qabiyyee moodelaa qormaata Afaan Oromoo kutaa 10 bara 2007 kangaggeeffamu ta‟ee kaayyoon qorannoo kanaa moodeelaa qormaata Afaan Oromoo kutaa 10 bara 2007 hojiirra oole ga‟umsa qabiyyee qabaachuu yookiin qabaachuu dhabuu isaa addaan baafachuudha. Malli qorannoo kana keessatti qoratichi dhimma bahe mala qorannoo ammamtaafi mala ga‟umsa qabiyyee qormaataa ittiin madaalamu mala walsimannaa (alignment method)ti. Kitaabni barataa Afaan Oromoo kutaa 9fi 10 walitti boqonnaawwan 18,18 walqixa qabu. Wayitiin boqonnaalee kanneen jalatti qabiyyeewwan garaagaraatiif ramadaman haala qabiyyeewwan qormaata moodelaa waliin walsimannaa qabaachuu isaanii qaacceffameera. Kunis mala walsimannaan qorannoon gaggeeffameera. Qaaccessi ragaalee meeshaalee addaddan funaanaman irratti taasifameen bu‟aan qorannoo argameera. Akka bu‟aa qorannoo kanaatti moodelli qormaataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 10 bara 2007 ga‟umsi qabiyyee xiqqaa akka qabu hubatameera. Bu‟aa qorannoo kanaarratti hundaa‟uun yaanni furmaataa taa‟eera. Kunis moodelli qormaataa barnoota Afaan Oromoo yeroo qophaa‟u qabiyyeewwan adda addaa kitaaba barataa kutaa 9fi10 keessatti dhihaatan kan bakka bu‟u ta‟uu qaba. Qormaanni moodeela Afaan Oromoo kutaa 10 yeroo qophaa‟u gosoota gaaffii kitaaba barataa keessatti shaakalaman haala walfakkaatuun osoo qophaa‟an gaarummaa qabaItem Xiinxala afwalaloo “gooticha oromoo jeneraal huseen bunee daraaraa” Godina Baalee Aanaa Sawweenaa(Addis Ababa University, 2008-07) Dubaroo, Tasfaayee; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Qorannoo kana gaggeessuuf rakkoon kanneen akka Odeef-kennitootni gatii Odeef-kennuu durasanii gaafachuu jiraatullee qorataan qorannoo kanaa kaayyoo ka‟eef osoo hin dagatin rakkoo muudate hinjifachuudhaan qorannicha gaggeessuu danda‟ee jira.Kaayyoon qorannoo kanaas dhaamsi afoola Jeneraal Huseen Bunee maal akka ta‟e,yeroo akkamii gootichi akka itti fayyadame,tajaajila afoolichi hawaasaaf kennu irratti,afoolli gooticha kanaa kanneen akkamii akka ta‟e adda baasuufi maaliif akka fayyadau ibsuu ta‟a.Malli ragaa qorannoo kanaa ittiin funaname mala ragaa qorannoo dirree bahanii odeeffannoo funaanuu ta‟ee,kan funaaname madda ragaa tokkoffaa irraa qorataan oddeef-kennitoota qaamaan qunnamuun hojii aloolaa guyyaa afur gaggeefameen Gurraandhaala 21-22/08fi Ebla 28-29/08 tti madda ragaa tokkoffaa haaj Kamaal Buseen Buneefi haaj Abdulsamad Kadiir iraa ragaan kun funaanamee jira.Argannoowwan qorannoo kanaas,gootichi kun hacuucaafi cunqursaa jalaa ummata baasee hawaasa biratti kabajaafi fudhatama guddaa argachuu isaa,gootummaa isaa mirkaneessee rakkoo uummataa,dinagdee,misoomaa,barnootaa furee uummataaf bu‟aa guddaa buusuu isaa,dhaloonni ammaa afoolawwan kanatti fayadamaa akka hin jirre ta‟uu,qorannoon gama kanaan jiru laafaa ta‟uu,afoolliwwaan gooticha kanaa dagatamaa dhufuufi yoomessi isaas dagatamaa dhufuufi kkf yoo ta‟u,yaboon qorannoo kanaa keessattuu Biiroon aadaafi tuuriizimii aanaa sawweenaa aanaa kun iddoo dhalootaafi jireenya gooticha Oromoo Jeneraal Huseen Bunee waan ta‟ee itti yaadee afwalaloowwaniifi afoolawwan isaa funaaneefi sassaabee walitti qindeessuudhaan qorannoo of-dande‟e gaggeessee akka ragaa tokkooti osoo kaa‟ee.Barsiisonni saba Oromoo xiinxala afwalaloowwanfi afoolawwan goototaa qorataniifi barreessanii yuunivarsiitii,Kolleejjii,dhaabbata barnootaa fi booroolee adda addaatiif akka gahu osoo godhanii.Yuuniivasiitiifi Kolleejjii keessatti qorannoon mata duree kanarratti bal‟innaan qoratamee osoo baay‟atee taa‟ee.Barruulee,Gaazexaafi kkf irratti seenaan isaanii ijoo ijoo ta‟e yeroo yeroodhaan osoo bahee beekkamee. Qorannoon waa‟ee gootataa kun Biiroolee adda addaa keessatti,waajjiroota adda addaa keessatti,hawaasa bira gahuu akka danda‟utti,Manneen barnootaa keessattifi kanneen kana fakkaataniif qorannoon gaggeeffamee akka walgahutti osoo raabsamee.Walumaagalatti dhimmi kun dhimma ijoollee Oromoo ta‟ee osoo hubatameefi waajjirri aadaafi tuuriizimii Oromiyaa,waajjirri aadaafi tuuriizimii godina Baaleefi waajjirri aadaafi tuuriizimii aanaa sawweenaa sadarkaa sadarkaadhaan afwaloowwaniifi afoolawwan waa‟ee goototaa akka funaanamu osoo godhani seenaan kun akka hin badneefi hin dagatamneef gahee guddaa qaba.Item Xiinxala Sirna Ekerdubbistuu Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat(Addis Ababa University, 2008-07) Wayyeessaa, Taarikuu; Dassaaleny, DassitaaKaayyoon qorannoo kanaa adeemsa sirna Ekerdubbistuu Aanaa Gindabarat Ganda Dirree Faajjiitti kan argamu xiinxaluu kan jedhudha. Malli qorannichaa mala qulqullaa‟inaan yoo ta‟u tooftaaleen iddatteessuu qorannichaa immoo iddatteessuu kaayyeeffataati. Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan, afgaaffii, daawwannaafi suuraalee fudhachuun yoo ta‟u, ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceeffameera. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo kanaan bira gahaman: Adeemsi sirna kanaa keessatti guyyaa dhaabbataan sirni kun itti raawwatu Dafinoofi Kamisa akka ta‟edha. Guyyoonni kun guyyaa hir‟uu waan ta‟eefi. Ji‟oota Gannaa sadan Waxabajjii, Adoolessafi Hagayya keessa immoo Ekerdubbistuun kun gonkumaa hindubbattu. Sababnisaa dukkana waan ta‟eefi.Bakki sirni kun itti raawwatus mana ykn galma mataasaa keessatti kan raawwatudha. Namoota Hundatu Ekerdubbistuu dubbisa osoo hintaane nammoota gahoo ykn carraa kana argatan qofatu dubbisa.Hirmaattonni immoo dhiira, shamarran, dargaggoota, maanguddoota dubartootaafi nama kamiyyuu hirmaachisuuf kan hindaangessinedha. Namoonni yeroo mana Ekerdubbistuu kana dhaqan Buna, Qarshii, Ixaana, Garbuufi kkf fudhatanii dhaqu. Hirmaattonni duudhaa kanaas dhiira,shamara, maanguddoo, beerranii, dargaggoofi kan nama hinqoodnedha. Argannoowwan tokko tokko warroota dhimma kana raawwataniif argameera. Kun immoo yeroo haalli nama qajeeluu didu akkaataa itti jijjiiramni argamudha. Bu‟aan kunis namoota warra dubbisiifataniif, fakkeenyaaf namni tokko Akaakayyuun ykn Akaakileen isaa yeroo duriis haata‟u yeroo ammaa kana yoo dhoksaadhaan nama ajeesanii gumaa namaa osoo hin baasiin kan dhoksan yoo ta‟e, Cubbuun dhokataan maatii sun irra kan jiru yoo ta‟e Ekerdubbistuun kun ifa kan baasudha. Dabdoo ykn jal‟uutu jira jechuudha. Isa booda akkaataa namoonni kun yakkaa kana hiikkatan faloo kan kennuufidha. Namoonni kun guyyaa kana dhagahanitti Ekeroofis kennanii ayyaana isaanis Dabdoo ykn jal‟uutu jira jechuudha. kan araarfatan yommuu ta‟u namoota kanaaf wanti hunduu ni qajeelaaf; dhalli hin guddata, karri ni bula kormis nidhalcha Ameessis seeraan nimirgisa. yoo kana gochuu dhiisan immoo wanti isaaniif ta‟u tokkollee akka hin jirredha.Kunimmoo dhalli hinbuluuf, dallaan hin buluuf, duuti maatii sun irraa hin citu. Ekerdubbistuun kun hawaasa biraatti warra ayyaanaatiin kan beekamudha. Wantoonni Ekerdubbistuu biratti lagataman Re‟ee hin nyaatani, dubartiin xurii baattee hin deemtu , guyyaa ekeraa dafinoofi kamisa sanyii hinfacaasani. Meeshaaleen kan akka Jabanaa, Siinii, Gingilchaa, ciraa, wantee, Eeboofi kkf sirna kana keessatti akka fakkoommiitti ka‟uun kan tajaajilanidha. Uffannanaan sirna kana keessatti uffatan ittiin waaqa kadhachuuf kan tajaajiludha.Qorannoo kana keessatti yaboon itti kennamuu qabu gara dhumaatti kaayyamee jira.Item Qaaccessa Itti Fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa(2008, 2008-07) Maammaa, Xahaa; Fufaa, Tolamaariyam(PhD )Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii aanaa Agaarfaa maal akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo makaatti fayyadameera. Odeeffannoo karaa mala funaansa meeshaalee odeeffannoo ta’an kanneen bargaaffii,afgaaffii daawwannaafi sakatta’a galmeewwaniitiin (dokmentiitiin) guuruun lakkoofsaafi jechaan qaacceffamaniiru. Qorannoo kana keessatti bar-gaaffiiwwan fayyadama afaanii kan gama seeraatiin jirurratti xiyyeeffatan qaamota seeraatiifi abbootii dhimmaatiif oolan raabsameera. Afgaaffiiwwan itti gaafatamtoota qaamota sirna haqaa kanneen waajjiraalee sadii ta’aniif kennameera. Adeemsa sirna dhaddacharratti dhimmoota ka’an xiinxalluuf qabxiilee daawwannaaf oolan qopheeffachuun raawwatameera.Odeeffannoowwan maddoota ragaalee biraa irraa argaman cuunfamuun gara lakkoofsaatti geeddaramanii gabateen akka ibsamu ta’eera.Yaadni daawwnnaafi sakatta’a dokmentiiwwanii irraa funaanames walduraa duubaan qaacca’ee ibsi itti laatameera. Dhumarratti yaadota kanneen irraa ka’uun fayyadamni Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa abbootiin dhimmaa gara waajjirichaa dhufan hubannoo fayyadama afaanii haala mana murtii dhabuurraa kan ka’een rakkataa kan jiraniidha. Haalli qaamootni seeraa Afaan Oromootti jechootaafi ibsoota afaan biroo makanii baay’innaan kan fayyadamaa jiran ta’uunis qorannoo kanaan mul’ateera.Dabalataanis afaan dubbii gara afaan barreeffamaatti si’a dhufu haalli yaadotni itti barreeffaman rakkinna kan qabu ta’uu qorannoo kanaan argameera.Haalli kun ammoo tajaajilamtoota waajjirichaa miidhuu bira dabree dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti gufuu ta’aa akka jiru hubatameera. Kanaafu,qaamootni seeraa mana murtiitti abbootii dhimmaa keessummeessan fayyadama Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuu akka qaban qorannoon kun niakeeka.Gama birootiin ammoo qaamotni dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti hojjatan kanneen akka waajjira barnootaa,Aadaafi Turiizimii aanichaa hubannoo qaamota kanaa uumuun,akkasumas koreen waalitina afaanii, jechoota Afaan Oromoo kan dhimma seeraa wajjiin walqabatan qopheessuun haalli fayyadama Afaan Oromoo mana murtii keessatti jiru kun fooyya’u akka qabu qorannoon kun ni eera.Item Qaaccessa Fayyadama Afaanifi Sirna Araara Koottu-Dhufee Oromoo Arsii Aanaa Shaallaa(Addis Ababa University, 2008-07) Yuunee, Tulluu; Magulee, JamaalMata-dureen qorannoo kanaa “Qaaccessa Fayyadama Afaaniifi Sirna Araaraa koottu-dhufee Oromoo Arsii Aanaa Shaallaa” jedhuudha. Mata-duree kana jalatti maalummaa waldhabdee akka addunyaatti, Afrikaafi akka biyya keenyatti ibsuudhaan kana jalqabeefi maalummaa wldhabbii, gosoota waldhabbii, sadarkaalee waldhabbiifi haala sirna araaraa bifa hammayyaafi aadaatiin maal akka fakkaatu ibsuun kan jalqabeedha. Sirna araara koottu-dhufee keessatti namoonni sirnicharratti hojjatan jaarsolee hawaasa sana keessatti filataman kanneen gosa isaanii bakka bu‟aaniin ta‟ee, waldhabbiilee namoota gidduutti uumaman baay‟inaan kan furaa turan isaan akka ta‟e qaacceeffamee jira.Ragaawwan qorannoo kanaa kan qindaa‟an hawwaasa keessatti bakka sirni koottu-dhufee adeemsa isaafi malawwan iddatteessuu: kaayyeffamaa keessaa hamma argee ta‟uun tarreessee jira. Odeffannoo kennitoota dhimmaarratti hubannoo gahaa qaban filachuun af-gaaffii battalaa jaarsolee utaa waayyuu taa‟anii sirna kana gaggeessan bira deemuun waraabbii funaansa ragaa qabatamaa rawwachiisuudhaan. Qorannoon hayyoota waldhabbii hiikuufi kanneen isaan walqabatan yaaxinna, maalummaa, sababa, sadarkaa, gosoota waldhabbii, waldhabbii jaarsummaan hiikuu, adeemsa araarri itti gaggeeffamu, araaraan dura waantoota raawwataman kanneen jedhaman qorannoo kun ofkeessatti hammatee jira. Qorannoon kun sirna araara koottu-dhufee adeemsa sirna araara koottu-dhufee, sirna araara koottu-dhufee, hirmaattota koott-dhufee, Itti fayyadama afaanii koottu-dhufee keessatti maal akka fakkaatu, caaculee sirnchaa, yoomessaa, faayidaa, ilaalcha hawaasaa sirna kanarratti qaban akkasumas dhumarratti guduunfaa, argannoofi yaboo kaa‟uun raawwatee jira. Itti fayyadama afaanii sirna araaraa keessatti maal akka fakkaatu sadarkaa jecha, gaaleefi himaatti hiikaafi itti fayyadama isaa bal‟inan taa‟ee jira. Akkasuma fayidaalee mamaaksi sirna araaraa keessatti qabuu, haala itti fayyadama isaa ibsa taa‟ee jira.Item Xiinxala Akaakuwwan Madaallii Barsiisonni Kutaa 9ffaa Barnoota Afaan Oromoo Barsiisan Daree Barnootaa Keessatti itti Fayyadaman(Addis Ababa University, 2008-07) Abubakar, Abdurrahiim; Tulluu, GabbarooKayyoon gooroo qorannoo kanaa gosa madaallii barsiisonni manneen barnoota sadarkaa lammaffaa Aanaa Digaluufi Xiijootti kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo barasiisan daree barnootaa keessatti barattoota isaanii madaaluuf itti fayyadaman adda baasuudha.Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf,qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makoo gargaaramee jira. Qorataan manneen barnoota Aanaa Digaluufi xiijootti argaman keessaa :Mana Baruumsa Saaguree Sadarkaa 2ffaa, Mana Baruumsa Xiijoo Sadarkaa 2ffaafi Mana Baruumsa Digaluu Sadarkaa 2ffaa mala carraa kaayyeffataan filatee jira.Odeeffannoo kennitoonni barsiisota 12, barattoota 36, Koree Deeggarsa Muummee Afaanii 9fi Supparvayzara 1 mala iddatteessuu hammargeefi mala iddatteessuu kaayyeffatan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa funaansa ragaatiin bargaaffii barsiisota qofaaf dhiyeesuufi afgaaffii barsiisotaa, barattoota, Koree Deeggarsa Muummee Afaaniifi Supparvzaraaf dhiyeessuun akkasumas, karoora guyyaa sakatta’uun ragaan funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame addan qoodamuun xiinxalameejira.Argannoon qorannoo kanaas:barsisonnii Aanaa Digaluufi Xiijootti manneen barnoota Saguree,Xiijoofi Digaluutti kutaa 9ffaa Barnoota Afaan Oromoo barsiisan barattoota isaanii madaaluuf tooftaa muraasa kanneen akka: hojii manaa kennuu, gaafii afaaniifi qormaata battalleefi xumura semisteera qofa kan fayyadaniifi kaayyoo madaallii barachuu barattootaa hubachuuf (assessment of learning) qofa ta’u isaafi barsiisonnii madaalii booda duubdeebii barattoota isaanitiif kan hin kennine waanta’eef ogummaa ofii isaanii kan hin fooyyeffanne ta’uun isaanii argannoo qorannoo kanaatiin bira ga’amee jira.Kanumarraa ka’uun qorattichi yaada furmaata armaan gadii yoo kaa’uu, barsiisonni,tooftaa madaallii adda addattii osoo dhimma bahanii gaarii ta’uu ,akkasumas barsiisonni madaalli irratti hubannoo ga’aa qabachuuf osoo leenjii addaa addaa argatanii gaarii ta’uufi madaalii kaayyoosadiinifuu(assessment of,for,as learning) osoo fayyadamanii bayeessa ta’uufi duubdeebii kenuun ogummaa isaanii akka gabbifatan qaamni dhimmi ilaalu osa hordoffii taasisee gaariidha kan jedhu kaa’eeraItem Xiinxala Afoolaa Asoosamoota Afaan Oromoo Filataman Keessatti(Addis Ababa University, 2008-07) Bantii, Taarikuu; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Qorannoon kun afoolaa asoosamoota Afaan Oromoo filataman keessatti argaman xiinxalurratti yoo xiyyeeffatu, qorataan baarreessitoonni asoosamaa afoola adda addaatti fayyadamaanii sababa asoosamoota barreessaa jiraanirraan kan ka‘e itti fayyadama afoolaa asoosamoota keessatti maal akka fakkaatu hubachuuf ka‘umsa argatee, kaayyoolee: gosoota afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman adda basuu; fayidaa afoolli asoosamoota keessatti qabu tarreessuu; qabiyyee afoola asoosamoota kenneen keessaa ibsuu; asooamoonni kunniin gosoota afoolaa bal‘inaan fayyadaman eeruufi walfakkeenya itti fayyadama afoolaarratti asoosamoonni kunniin qaban eeruu jedhu qabachuun qorannoo gaggeesse. Qorannoon kun qorannoo bu‘uuraa yoo ta‘u, mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennamedha. Odeeffannoo mala sakata‘insa kitaabatiin kan fuunaname yoo ta‘u, afoolota kitaabolee kanneen keessatti argamanirratti kan raawwatamedha. Afoolota funanaman kunniin akkatuma gosoota isaaniin adda baasuun qabiyyeefi fayidaa asoosamoota kanneen keessatti qaban bal‘inaan xiinxalamee jira. Dhumarratti, ragaalee xiinxalamanirratti hundaahuun argannoo qorannichaa:gosoonni afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman mammaaksa, geerarsa, faaruu, sirboota, tapha ijoollee, kadhaafi eebbi jiraachuusaanii hubatameera. Afoolli asoosamoota kanneen keessatti argaman aadaa, duudhaa, safuu, amantaa, faalasama ummanni Oromoo dur qabu dhaloota ha‘aa hubachiisuuf sirnoonni (sirna fuudhaafi herumaa, Ayyaana Gorobbee, Ayyaana Astaroo) jiran tajaajilamuun yaa‘i asoosamoota akka guddatu ibsuuf kan fayyadaman yoo ta‘uu, sirboonniifi faaruwwaan sirnoota kanarratti sirbaman ammoo, yoomessaa agarsiisuuf akka fayyadaman, afoolonni asoosamoota kana keessatti waldiddaafi dhaamsaa asoosamootaaf bu‘uura buusaniiru. Kana malees, waliindubbii keessatti barsiisuuf, dubbi jalqabuu, gabaabsuuf, mi‘eessuu/miidhagsuu, addaan kutuufi walitti qabuu/goolabuuf fayyadamaa turaniiru. Qabiyyeen afoolota asoosamoota kanneen keessaa: mammaaksonni: kutannoo, abdii, hayyummaa kkf; geerarsoonni jiran ammoo, gootummaa, diddaa, akeekkachiisaa kkf; sirboonni jiranis; sirba jaalala (bellamachuu, hiriyyummaafi miidhagina) sirba cidhaa (mararoo,arrabsoofi faaruutu); faaruuwwanis (faaruu Ateetee, biyyaafi gootaa); akkasumas, kadhaan kan hammachiisaa, kan bunaafi eebbi akka ta‘an bira gahameera. Kana malees, asoosamoonni kunniin mammaaksaa fayyadamuurratti hundisaaniyyuu walfakkeenyaa kan qaban yoo ta‘u; asoosama Suuraa Abdii ala warri kaan geerarsaafi sirbaa faruu fayyadamuurratti walfakkaatu. Asoosamni Suura Abdii dhugeeffanna hawaasaa bifa afwalaloon fayyadamuurratti asoosamoota kaanirraa adda bahuun garagarummaa isaanii agrsiisa. Asoosamni Jala-bultii asoosamoota kanneen biroo caala gosoota afoolota adda addaa fayyadamuurratti caalmaa yoo qabaatu, asoosamni Yaadaniimmoo, mammaaksa fayyadamuurratti calmaa akka qabu hubatameera. Dhumarratti, afoola asoosamoota kanneen keessatti bal‘inaan fayyadamuun afoolli osoo hinjijjiiramiin dhalootaaf darbuu, ergaan barreessitootaa hawaasa biratti fudhatama akka argatu gochuu akka dandahu yaboo keessati ibsamaniiru.Item Qaacceessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Cimina Dubartoota Ibsan: Aanaa Ada'aatti(Addis Ababa University, 2008-07) Daamxoo, Yewayinxajji; Dassaalany, Dastaa(PhD)Qorannoon kun mammaaksota Oromoo cimina dubartootaa ibsan irratti xiyyeeffata. Kaayyoon guddaan qorannichaatis mammaaksota cimina dubartootaa ibsan qaaccessuudha.Maddi odeeffannoo qorannichaatis warreen odeeffannoo laataniifi maddeen mammaakota bifa barreeffamaatiin galmaa'aniidhanii jiraniifi kitaabilee gara garaati. Warreen odeeffannoo laatan jaarsolii, magaalaa Bishooftuu keessatti jiraatan, Abbaa Gadaa Tuulamaa, Ittii gaafatamtuu Dhimma Dubartootaafi Itti gaafatamtuu Aadaafi Turizimii Magaalaa Bishooftuuti. Maddi barreeffamaa immoo kitaabilee garagaraati.Meeshaalee funaansa ragaa qorattuun itti fayyadamtees afgaaffii, marii gareetiifi sakatta'a galmeeti. Gosti qorannoo kanaatis qorannoo qulqulleeffataa yemmuu ta'u, ragaaleen argamanis mala ibsaattii fayyadamuun qaacceffamanii jiru. Mammaaksa Oromoo cimina dubartootaa kallattii adda addaatiin akka calaqqisiisu qorannoo kanaan bira ga'amee jira. Dhimma irratti mammaaksi oromoo Dubartoota akkuma hanqina isaani ibsutti, cimina isaanitis akka ibsuu qorannoo kana keessatti ibsamee jira. Mammaksonni cimina bubartootaa ibsan kunneenis, dubartoonnii hawaasa keessatti abshaalummaadhaan kan beekaman ta'uu isaani,obsa qabaachuun isaani,gara laafumman isaaniifi ogummaa qabaachuun isaaniifi odeeffannooqorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'anii jiru. Kana malees dubartoonni hawaasa bal'aafi maatii isaanitiin jaalatamoofi kabajamoo ta'uu isaani qorannoo kana keessatti eeramee jira. Dabalataanis dubartoonni hawaasa keessatti barbaachisoofi murteessoo akka ta'an maanguddoonni odeeffannoo laatan mammaaksota bu'uura godhatanii addeessanii jiruItem Qaacceessa Caaseeffama Durdurii Oromoo: Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Ejeree(Addis Ababa University, 2008-07) Gadaa, Wandimmuu; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Ka‟umsi,qorannoo kanaa qorannoo hedduun durduriiwwan irratti iddoo adda addaatti gaggeeffamanillee, beekumsi gama caasaatiin jiru kan hinmul‟anneefi aanaa Ejereettis hamma qorataan sakatta‟etti namni tokkollee dhimma kanarratti waan qoratee hinjirreef, qorataan caaseeffama durdurii Oromoo aanaa Ejeree haala caasaa durduriiwwan Afrikaa Bahaatiif, Okepewhon Alan Dundes (1971)wabeeffachuun kaa‟een kanneen caasaa jedhame guutaniifi hinguunne adda baasuuf ka‟umsa godhachuun qorannoo kana gaggeesse. Kanuma faana kan wal-qabate, kaayyoon qorannichaas, caaseeffama durdurii Oromoo haala caasaa durduriiwwan Afrikaa Bahaatiif Okepehon,(1992:176) Alan Dundes (1971) wabeeffachuun kaa‟een qaaccessuudha. Yaaxinni qorannoon kun ittiin gaggeefames yaaxina caasawaa hordofeetu. Ragaan funaaname durduriiwwan Oromoo aanaa Ejeree 55 ta‟an yoo ta‟u, maddi ragaan irraa funaaname, manguddoota fi dargaggoota gandoota aanichaa addaddaa keessatti argaman irraati. Malli iddatteessuu mala darbaa dabarsaa ta‟ee, malli funaansa ragaa immoo af-gaaffiifi marii gareeti. Durduriiwwan af-gaaffifi marii gareetiin funaanaman, meeshaa funaansa ragaa teeppidhaan waraabamaniitu booda dhaggeefatamanii gara barreeffamaatti jijjiiramani. Durduriiwwan waraabaman 55 keessaa mala carraa tasaatti fayyadamuun 24 kan ta‟an boqonnaa 4ffaa jalatti tartiiba lakkoofsa qaaccessa dura kennameef qabatanii akkaataa kaayyotiin qaacceffamnii hiikni itti kennamuun dhuma hiika kennameerratti gabateedhaan walitti qabamanii dhihaataniiru. Argannoon bira gahames, durduriin Oromoo ulaagaa caasaa Okepewhon, (1992) Alan Dundes wabeeffachuun kaa‟e, kanneen hiriyummaa uummachuu, waliigaltee qabaachuu, waadaa cabsuu, wal-qorachuufi gargarbahiitii hiriyummaa fakkaattiiwwan durdurichaa gidduutti raawwatamuun yammuu wal-bira qabamanii xiinxalaman, durduriiwwan 7 (dhibbentaan 29) qofti ulaagaa jedhaman guutanii yammuu argaman, 3 (dhibbentaan 12) ulaagaa caasaa jedhame kana kan hinguunnedha. Isaan kanaan alatti akka argannoo haaratti kan mul‟ate, durduriin tokkichi caasaa jedhame guutummaan guututti yookiin hamma ta‟e guutee, amala caasaa marsaa 5, 5, 4, 4, 2 ta‟een ijaaramee mul‟ateera. Kana malees, durduriin tokko immoo, caasaa gargarbahiittii irraa ka‟ee gara hiriyummaa uummachuutti kan deeme ta‟uu isaatu argame. Wanti biraa caasaa faana ilaalame, fakkaattiiwwan durduriiwwan keessatti argaman, bineensota, beeyladoota, uumama addaddaafi namoota yammuu ta‟an, durduriiwwan iddattoof fudhataman keessatti deddeebi‟ee kan mul‟ate, bineensota keessaa leenca akka ta‟e qaacceessa taasifamerraa hubatamuun danda‟ameera. Dhumarratti akkaataa himiinsa calqabbii durdurii Oromoo manguddootaafi dargaggoota biratti garaagarummaan akka jirutu mul‟ate. Yaboon dhimmoota mul‟ataniif kenname immoo, durdurii caasaa kana hinguunneef caasaa mataa isaanii qabaachuu danda‟u waan ta‟eef qorattoonni biroo qorannoo gadifageenyaa osoo irratti gaggeesanii, kan jedhuufi durduriiwwan caasaa guutummaan guututti yookiin hamma ta‟e guutuun amala caasaa marsaa agarsiisan jedhamnii mul‟atan akka aanaa Ejereetti qofa qoratamanii murtii waliigalaarra gahuun waan hindanda‟amneef, kanneen amala akka kanaa agarsiisan bakki bal‟aafi yeroo dheeraan fudhatamee qorattoonni fookloorii Oromoo biroon osoo qorataniifi dhaloota haaraa isaatiif waan turuufi qabu tursiisee jechuun dhaamsa qorataa ta‟e qorannoo isaa goolabeera.Item Xiinxala Ayyaanafi Fakkoommiiwwan Sirna Raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen(Addis Ababa University, 2008-07) Raggaasaa, Makonnin; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Qorannoon kun “Xiinxala Ayyaanaafi Fakkoommiiwwan Sirna Raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen ” jedhu irratti godina Baalee Aanaa Gololchaa ganda Anaajinaa keessatti kan geggeeffameedha.Ka‟umsi qorannoo kanas waa‟ee Dirree Sheek Huseen irratti hojiileen adda addaa hojjetamanis bifa Saayinsaawaa ta‟een waa‟ee mataduree kanaa irratti Afaan oromootiin wanti barreeffamee taa‟e dhabamuu isaati.Qorannooleen muraasni taasifaman walaloowwan Baaroo Sheek Huseen akkasumaa Sheekkaraafi Shaarmadee Soof-Umar Hammarraa qaaccessuu bira dabranii kan isaan mul‟isan hinjiru.Kaayyoon qorannoo kanaas Ayyaanaafi Fakkoommiiwwan sirna raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen irratti mul‟atan qaaccessuufi ibsuu yoo ta‟u,waa‟ee mata duree kanaa hubannoo uumachuun kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf yaad-rimeewwan fakkoommiiwwanii, sirni raawwii muuda Dirree Sheek Huseen maal akka fakkaatu,yoomessi ji‟oota kam keessa akka raawwatu,firiiwwan faaruuwwaniifi faayidaan Muuda kana irraa argamu sakatta‟amuun ilaalamanii jiru. Yaada kaayyoowwan eeramanii kana irraa ka‟uudhanyaaxinaalee haalawwanii akkasumas gucaafi hiika wantootaatti dhimma bahamee jira. Maddi ragaa qorannoo kanaa duudhaa hawaasichaafi waa‟ee sirna muuda Sheek Huseen namoota muuxannoofi beekumsa gahaa qaban jedhaman eeruun argaman irraa kan funaanameedha. Meeshaalee odeeffannoo ittiin funaaname bu‟uuraan afgaaffii yoo tahu, marii garee, ilaalanii hirmaachuu, dokumantilee waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Gololchaa fi godina Baalee sakatta‟uun akkasumas waraabbilee bakka barbaachisutti taasisuun kan geggeeffameedha.Hojiin qorannoo kanaa mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkaayyoo, hammaargeefi darbaa dabarsaan fayyadamuun afgaaffillee odeefkennitoota namoota shaniif, namoota jaha marii gareetiif qopheeffachuu Bitootessa 10-15/2008 A.L.H. raawwatamee jira. Hojii qorannoo kanaatiinis muuxannoowwan gaggaariin Sheek Huseen hojjetaman Afaan Oromootiin barreeffamee taa‟uu dhabuu,muuxannoo gaggaarriin jiru iddoo birootti babal‟achuu dhabuu, xiyyeeffannoon kunuunsa naannootiif godhamu dhabamuu,faayidaan Muuda Dirree Sheek Huseenirraa argamu Afaan Oromootiin barreeffamee dhalootaaf taa‟uu dhabuun argannoolee mul‟atan yoo ta‟an Osoo muuxannoo Sheek Huseen Afaan oromootiin galmaa‟ee taa‟ee, Muuxannoo naannoo Biroottis osoo daddarbee,kunuunsa naannootiif xiyyeeffannoon Olaanaan osoo kennaameefi faayidaa Muuda Dirree Sheek Huseenirraa argamu Afaan oromootiin barreeffamuun osoo dhalootatti daddarbee kan jedhu akka maalta‟iinsaatti kaa‟amee jira. Walumaagalatti,Wantootni qorannoo kanaan dalagaman muraasa ta‟anis lammiin barate kamiiyyuu fuulduraaf itti xiyyeeffatee qorannoo bal‟aa geggeessuun Afaan oromootiin barreeffamee dhalootaa dhalootatti osoo darbee gaariidha.Item Qaaccessa Yoomessaafi Qabiyyeewwan Faaruu Loonii, Ummata Oromoo Godina Baalee Aanaa Laga Hidhaa Keessatti(Addis Ababa University, 2008-07) Laggasaa, Bayyanaa; Taliilaa, Xilaahun (PhD)Qorannoowwan gama ogafaan Oromootiin hojjataman heddu yoo jiraatanillee fookiloriin faaruu loonii ibsu faaydaafi yoomessa faaruu loonii ibsu kan qoratame haala gabbataa ta’een hin mul’atu. Qorannoon kun qabiyyeewwan faaruu loonii fookilorii waliin hidhata qaban Godina Baalee Aanaa Laga hidhaa keessatti raawwatamu irratti xiyyeeffata. Adeemsi qorannoo kunis maddi raga hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’e ta’ee namoota faaruu loonii irratti beekkumsa ciccimoo qaban mala eertuu darbaa dabarsaa (snowball sampling) irraa bifa gaafiitiin,bifa daawwannaatiinfi bifa mariitiin kan fudhatameedha. Haaluma kanaan faaruu loonii eddoofi yoomessa adda addaatti kan faarsamu yoota’u afoola keessumaayyuu afwalaloo faaruu loonii faarsuun meeshaalee aadaa faaruu loonii waliin deeman akkasumas safuufii duudhaan hawaasaa hiika qabaachuun isaa kan mul’ate yoota’u, qorannoo kana keessatti,haala waliigala aanichaa maal akka fakkaau,mogaasa aanichaa,haala qilleessaa,baayina ummataa,sabaafi sablammootaafi amantiiwwan adda addaafi kakkanafakkaatu yooibsamu, Ka’umsa qorannichaatiin wal qabatee faaruun loonii dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreefamaan dhabamuun mataduree kanarratti akka qoradhu kan nakakaase yoota’u kaayyoon qorannoo kanaas qabiyyeewwan faaruu loonii godina Balee aanaa Lagahidha keessatti argamu xiinxaluufi haala moggaasa maqaa loonii kan ibsamu yoota’u, Barbaachisummaan qorannoo kanaas gosoota faaruu loonii dagataman ifatti baassuu, qabiyyeewwan faaruu loonii akka hubatan taasisuu,moggaasa maqaa loonii maaliratti hundaa’ee akka mogaasamu ibsuu,namoota mataduree kanarratti qorachuu barbaadaniif ka’umsa ta’uu akka danda’uufi kan kanafakkaatu yoota’u,daangaan qorannoo kanaa qaacessa qabiyyee faaruu looniiGodina Baalee aanaa Lagahidhaa keessatti kandaanga’e yoota’u,hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameef hanqina kitaabaatiif intarneetii fayyadamuu,bakka too’eetti namoota ga’umsa qaban dhabamuun qaamaan mana jireenyaa dhaquun,namni viidiyoo waraabu gatii dabalachuu,mobaayiliitti fayyadamuu.dubartoonni yeroo viidiyoo waraaban sodaachuu, sagalee mobaayiliitti waraabuun furmaata gahaa kaa’uun qorannoo fiixaan baasee jira. Gama biraatiin kitaabileen mataduree kanaan firoomina qaban kan sakata’aman yoota’u,firiiwwan fooklorii keessaa afoolarratti bu’uureffachn faaruu loonii irratti kan xiyyeeffateedha.Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaawwan jiru bifa waraabbiitiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u afwalaloo gosoota faaruu 8 eddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman sagal irraa kan argame yoota’u,gosoota faaruu qabiyyee faaruu,faayiddaa faaruu faanti kan qaaccefamaniidha. Qorrannoo kana keessatti argannoowwan qorataan argate faaruun loonii barreeffamaan dhabamuu,dhalanni ammaa faaruu looniitti fayyadamaa kan hin jirre ta’uu,meeshaaleen aadaa faaruu loonii waliin deeman dhabamaa dhufuufi meshaalee biraatiin bakka bu’uu,yoomessi faaruu dagatamuun walitti makamuun kanbira gahame yoota’u, yaanni furmaata qorannoo kanaatis nita’a jedhee qoratan lafa kaa’e,qaamni dhimmi ilaalu viidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiire,hayyoonni hawaasa keessa jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti osoo jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee barattoonni bifa muuziqaatiin osoo itti tajaajilamanii dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’uu danda’a.