Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Browsing Oromo Language, Literature and Folklore by Issue Date
Now showing 1 - 20 of 395
Results Per Page
Sort Options
Item Caasluga Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaa Barsiisuu: Manneen Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Mukaxuriifi Caancoo: Tooftaa Waliin Dubbii(Addis Ababa University, 1999-08) Siyyum, Yiheeyyis; Tasfaayee, Wandiwasan(PhD)Afaan Oromoo manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa keessatti harki irra jireenyi akka afaan tokkoffaatti kan tajaajiluudha. Kuni ammo tooftaalee barnoota afaan barsiisuu keessaa isa waliindubbii (Communicative Approach) tiin haala barattoota hirmaachisun osoo barsiifame/baratamee baayyee filatamaa akka ta’e hayyuuleen adda addaa ni gorsu. Haa ta’u malee, haqnni jiru osoo kana ta’uu, barattootni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaanicha kana baratan caasaa/ seerluga Afaanichaatti fayyadamudhaan ofibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka’umsa barsiisonni kutaa kana barsiisan fi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliindubbii seerlugaarratti qabaniidha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolinsa tooftaa barnoota waliindubbii seerluga Afaan Oromoo sakkatta’uudha. Qorannichi kan adeemsifame manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa kaabaa keessatti argaman keessaa Mukaxurii sadarkaa Lammaffaa” fi “Caanccoo Sadarkaa Lammaffaa” keessatti kutaa saglaffaarratti. Qabxiilee ijoo wiirtuu qorannoo kanaa ta’an keessaa: - Adeemsichi barsiisota moo barattoota jiddu galeessa godhata? - Tooftichi jedhame hoo hojiirra ooluu baate rakkoolleen muudatan maal fa’i? - Hubannoo /ilaalchi barsiisonni toofticharratti qaban maal fakkaata? fi - Caacculee kallattii yookin alkallattiidhaan adeemsicha tooftaa kanaatiin walqabatan ni argamu. Bu’aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda’ama, kan barsiisaa jiddu galeessa godhatee dha: carraan seerlugicha haala dalaga gochoota adda addaatii dalaguu hin jiru; kaka’umsi yookin si’aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruu fi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaa dhaan qofa dalagamaniidha. Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta’an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka’e, kaka’umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti.Item Sakattaa Rakkoolee Raa Wwii Hojii Garee Mana Barumsaa Amuruu Sadarkaa Lammaffaa Gola Barnoota Afaan Oromoo Irratti Gufuuta'an(Addis Ababa University, 2007-07) Dabaloo, Margaa; Barkeessaa, Mandiidaa (PhD)Kaayyoon qonnaata kanaa inni guddaan Mana Barumsaa Amuruu Sadarkaa Lammaffaa gola Bamoota Afaan Oromoo kutaa sagal keessatti rakkoolee dalagaa hojii garee gufachiisan sakatta'uudhaan qU'annaafi qormaataan addaan baasuufi yaadafurmaataa kennuu dha. Manni barumsaa qu'annoon irratti gaggeefames sababiin filatameefii qorataan kun dhimma supparvijinii bamootaaf yeroo Oromiyaa keessa naanna'aa turetti rakkoon hojiirra oolmaa mala baruu fi barsiisuu manneetii bamootaa sadarkaa 2ffaa keessa akka ture odeeffannoo waan argatee fi rakkoo kanas qu'annaa fi qormaata saayinsaawwaa ta'een mirkaneessuuf, odeeffannoon ka'umsaa argama abdiin jedhu waan jiruufi. Kutaan sagalis qabanni akka filatamu ta'eefii muuxannoo barattoonni gama hojii gareetiin sadarkaa tokkoffaa keessaa fidatanii dhufan hangam sadarkaa amma irra jiran keessatti akka isaan gargaare xiiTlXaluu fi bamoota itti aanuuf hang am akka isaan qopheessu madaaluufi. Qormaata kanas gaggeessuuf malli baay'ina ragaalee agarsiisuu fi ibsuu (descriptive) tajaajila irra ooleera. Ragaalee walitti qabuufis gaafannoon barsiisotaa fi barattootaaf kan qophaahe yoo ta'u, odeeffannoo dabalataa argachuuf immoo mirkaneeffatni do'ii daree fi qajeelfamni gaaffiifi deebii hojiirra akka oolan ta'eem. Kana malees, naannoo sanaafi hojjettoota bamootaa waan beekuuf, odeeffannoon gahaa fi barbaachisaa ta'e argama jedhee waan abdateefi. Waan ta'eef" akka madda ragaatti barattoonni, barsiisonni, hoggantoonni mana barumsaa fi supparvaayzaroonni sadarkaa aanaa fi godinaa dhimmichi kallattiin waan isaan ilaaluuf beekaa (purposely) filatamaniiru. Argannoon qu'annaan kanaa fedhii fi hirmaannaan barattootaa dalagaa hojii garee irratti gadi aanaa ta'uu; leenjii, muuxannoo fi kaka'umsi barsiisotaa gahaa ta'uu dhabuu; gurmaa'inni gala bamootaa fi gala tokko keessatti baay'inni barattootaa raawwii hojii garee irratti gufuu ta'uu; qophiin sima bamoota Afaan Oromoo mala hojii gareetiin barsiisuuf mijaahaa akka ta'ee fi mala hojii gareetiin baruu fi barsiisuun qulqullina bamootaAfaan Oromoo akka eegsisu agarsiisa. Rakkoolee mul'atan kana furuufis barsiisonni barattootasaanii mala hojii gareetiin barachuun bu'aa qabeessa ta'uusaa akka hubachiisanii fi jajjabeessan, deggarsa barbachisus utuu kennanii daansa. Kana malees, leenjii barsiisotaa irratti hanqina jiru furuuf, leenjii gaggabaabaa fi gannaa kennuu fi sadarkaan bamootasaanii akka fooyya'u gochuun ni mala. !tti dabalees, sababii barsiisonni dhaabbilee leenjii barsiisotaatii leenji'anii erga hojiitti bobba'anii booda mala hojii gareetiin barsiisuuf hanqina qabaachuu isaanii irratti qu'annoon addaa gaggeefamuu qaba. Gurmaa'inni gala bamootaa fi baay'inni barattootaa marabbaa dhimmamtoota hundaatiin akka furamuu qabuu fi qindaa'inni sima bamootaa, adeemsa baruu fi barsiisuu Bamoota Afaan Oro moo Mana Barumsaa Amuruu akkafooyyessuu danda'u yaannifurmaataa dhiyaatee jim.Item Xiinxala Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa: Ija Yaaxina Bifiyyeetiin(Addis Ababa University, 2008-07) Baayisaa, Qananii; Taliilaa, Xilahuun (PhD)Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamuudha. Barreessaan addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akka siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnis akka hubatan taasisa. Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaa irraati. Kaayyoon asoosama tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafi ijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan, hogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan eeggate ta’a; guddina afaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa ka’uudhaan kan gegeeffame yoo ta’u, asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitiifi dibaa ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaa asoosamoota eeraman ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu yoo, Kaayyolee gooreen immoo asoosamoota lamaan keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaanii jiru, akbarruu isaanii, walsimsiistota/ literary techniques/ asoosamoota kanaa sakatta’uun ibsuufi asoosamoonni lamaan kunneen ija yaaxina bifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbira qabuun agarsiisuudha. Malli qorannoo kanaa xiinxala barruu yoota’u, Kitaabilee tooftaa iddatteessuu kaayyeeffataatiin filataman kanneen keessaa ragaan funaaname, qabxilee kaayyoo gooreefi yaaxina qorannichi bu’uura godhateen walsimsiisuun xiinxalli taasifame akka agarsiisutti, kitaabonni lamaanuu wantoota asoosama tokko asoosama taasisan of keessaa kan qabaniifi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan ibsaman kan guutan ta’anii mul’atu. Gama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni Burreen Bifa Tokkoo Mitii haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u, asoosamni dibaas yoomessi, namfakkiifi waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kan keessatti mul’atuudha. Dubbiiwwan qolaa, jechamootaafi mammaaksonni filannaa jechootaa barruu asoosamootaa kanneen keessatti kan hammataman yoo ta’u, dhimma ibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’aniifi eenyummaa namfakkiiwwan seenaa asoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimani. Ijaarsa himootaa keessatti irra deddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan taasifame, yaada ibsamu sanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama dibaa keessati bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u, asoosama Burreen Bifa Tokkoo Mitii keessattis darbee darbee faayidaa irra ooleera. Kunis barruu asoosamootaa kanneeniif miidhagina ta’eera. Gama duraaduuba jechootaatiin wayita ilaalaman, seera afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwan barruu/ walsimsiistota/ asoosamoota kanneen keessatti dhimma itti bahame yoota’u, qindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonni kunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’un walbira qabamanii yoo ilaalaman walfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Karaa biraatiin, namfakkii olaanaa asoosama Burreen Bifa tokkoo Mitii kan taate Ayyaantuu Bariin bareedina ishee irraa kan ka’e rakkina adda addaatiif saaxilamuu ishee seenaa asoosamichaa irraa kan hubatamu yoo ta’eyyuu, akkaataa kalaqqii gama bifa isheetiin jiruun garuu, bareedinni jedhame osoo sirriitti hin mul’atiin hafeera. Kana malees, irra deddeebiin jechootaa hin barbaachifne kan asoosama kana keessatti mul’atu, miidhaginni barruu kanaa guutuu akka hin taaneef gufuu ta’eera. Haaluma walfakkaatuun asoosama dibaa keessattis hanqinaaleen tokko tokko kan mul’atan yoo ta’u, qindoomina seenaa, jaargocha, rakkoo waljijjiirraa ija seenessaafi kalaqqii namfakkii Foozii gama dubbii isheetiin jiru, isaan gurguddoodha. Dogoggora qubeefi sirna tuqaalee asoosamoota lamaanuu keessatti uumamaniifi kanneen biroos yaada furmaata ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjin yaboo keessatti ibsamaniiru.Item Qaaccessa Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa: Faaya Dubartootaa Ilaallatan: Haala Qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee(Addis Ababa University, 2008-07) Darrasaa, Darajjee; Tiliilaa, Xilaahun (PhD)Akkaataan ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa faayidaa adda addaa kan qabuudha. Kanuman walqabatee, hanga ammaatti qorannoon meeshaalee aadaa faaya dubartootaa irratti gadfageenya gaggeeffame bal‟inaan hinjiru. Yeroo ammaa aadaa kun dubartoota Oromootiin dagatamuu haala dandaa‟u keessa jira. Kanummarra ka‟uun qorataan kun qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya Dubartootaa Oromoo Walloo ilaaluf murteesse. Kanuma bu‟uureffachuudhaan daangaan qorannoon kanaa qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa ilaallatan haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo keessa aanaa Kamiseerratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa akkaataa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa Ilaallata haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee keessatti argaman qaaccessun ibsuudha. Gama kanaan qorannoo walfakkiifi yaad-rimee haayyoota gama ittifayyadama meeshaalee aadaa wajjiin kan walitti dhufeenya qabannniis ilaalameera. Madda ragaawwan qorannoof kanaaf ta‟uus kan qindaa‟e hawaasa keessatti odeefkeennitoota dubartootaafi manguddootaa hubannoo akkaataa ittifayyadama Meeshaalee aadaa faaya dubartootaa beekan 10 irraa odeeffannoo funaanuun mala iddatteessuu eerummaati fayyadamuu mala qorannoo Akkamtaatti (qualitative) dhimma baheera. Akka waliigalaattis akkaataa ittifayyadama meeshaaleen aadaa faayaa dubartootaa aanaa Kamisee keessatti yeroo ammaa akka duraanii kan hinjiree ta‟uufi dhaloota haaraayaatiin salphatti irraaffatamuu danda‟uusa mul‟isa. Akkasamus, faaya ammayyaan bakka baasumaa jirachuu isaanii akka argannoo qorannoo kanaattin mul‟ateera. Argannoo qorannicha, keessatti tuqaman irratti hundaa‟uun Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa Faaya dubartootaa akka hinbadneef qaamni dhimmi ilaallatufi Biiroon Aadaafi Turizimi Oromoo Walloo Kamisee aanoolee godinicha keessatti argamanitti godambaa ijaaruun cinaatti gosa isaaniitiin qooduun qorannoo gadi fagoo irratti taasisuu barbaachisadha. Haaluma walfakkaatun ogeessota meeshaalee aadaa omishaanif deeggarsi barbaachisuu gama waajjira Intarepiraayisi Mayikiroo xixiqqaatiin taasisuun akka gabaatti dhiyeessannii madda galii argachuun gochuun aadaa iccittii miidhagina dubartoota Oromoo Walloo tahe kana badiirra hambisuun labata dhuufuuf osoo dabarsani ummaticha faana turuu danda‟aItem Qaaccessa Fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa Jaarsummaan Furuu Keessatti(Addis Ababa University, 2008-07) Duubee, Nageessoo; Barkeessaa, AddunyaaKaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccessa fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa jaarsummaan furuu Godina Arsii Lixaa haala Aanaa Dodolaa’’ jedhu keessatti haalli fayyadama afaanii maal akka fakkaatu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahee jira. Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, afgaaffii, waraabbii, daawwannaa, marii gareefi yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Kana malees qorannichi haala dhiyeenyaa jaarsonni araaraa fayyadaman ni ibsa.Waraqaan kun bu’aa qaaccessa fayyadama afaanii jaarsummaa mala karaa aadaatiin waldhabdee furuu Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa kan xiyyeeffate waan ta’eef, bu’uuruma kanaan aanaa kana keessatti battalli dubbii jaarsummaa shan ilaalaman keessaa sadi irraa ragaaleen karaa maloota funaansa odeeffannoo armaan oliitiin guuraman mala maleenyaa xinaadaa (socio cultural approach) tiin qaacceffamaniiru. Bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, adeemsi sirna fayyadama afaanii jaarsummaa caasaa yaa’a dubbii (caacculee) dhaabbataa mataa isaa kan qabu ta’ee, hariiroo dubbii isaanii keessatti ga’een abbaa murtee olaanaa ta’uufi jaarsonni waldhabdee furuuf tooftaawwan araaraa adda addaa kan fayyadaman ta’uu isaati. Kana malees, qabiyyeewwan dubbii jaarsummaa kanneen akka dubbii jalqabuu, eebbaa, cokaa, gungumaafi araaraa jaarsummaa duraa duubaan kan dhiyaatan ta’uun qaama argannoo kanaati. Dabalataan, namoota waldhabanii miira aarii cimaa keessa galan tooftaa fayyadama afaanii kanneen akka ibsootaafi mammaaksotaa fayyadamuun araara kan buusan ta’uufi kun ammoo guddina aadaafi afaan Oromoo keessatti gumaacha mataa isaa kan qabu ta’uu isaati. Inni biraan, dubbiin jaarsonni seeraan fudhatanii battala qabatanii hindubbatin fudhatama kan hinqabdu. Jaarsonni waldhabdee naannoo isaanitti uumamte waan safeeffataniif callisanii kan hinilaalleefi fixaa waldhabdee kanaan duraa akka muuxannootti fudhatanii araara buusu. Bu’uuruma kanaan dhimmoonni argannoo armaan olii keessatti ka’an nagaafi tasgabbii hawaasa naannichaa keessatti buusuun cinatti, gama hawaas-diinagdee ummatichaa keessatti yeroofi qabeenya isaanii osoo hinqisaasessin waldhabdee isaanii waan furataniif qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo itti kennuun osoo jajjabeesseen yaboo qorannoo kanaati.Item Xiinxala Moggaasa Maqaa Daa’immaniifi Bakkeewwan Aanaa Walisoo(Addis Ababa University, 2008-07) Tsaggaayee, Seefuu; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii haala qabatamaa Aanaa Walisoo akkamiin akka gaggeeffamu qaaccessuudha. Xiyyeeffannoon qoranaa kanaas maalummaa maqaa, moggaasa maqaa, faayidaafi bu’ura moggaasa maqaa akkasumas dhiibbaa sirnoota darbaniin irra gahe hubachuudha. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf malli qu’atichi itti gargaarame mala akkamtaa yookaan qulqulleeffataati. Malla kanaan odeeffannoo madda ragaa duraafi madda ragaa lammaffaa irraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin walsimsiisun itti gargaarameera. Akkasumas, sirna moggaasnii maqaa daa’immanii itti raawwatus yaada mangudddolifi beektootaarratti bu’ureeffachuun ibseera. Akkasumas qabiyyee gurgudoon qu’attichi irratti hundaa’e, maalumma maqaa, malumma moggaasa maqaa, moggaasa maqaafi aadaa, faayidaa moggaasa maqaa, gosoota moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii, moggaasa maqaa keessaatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’ura moggaasa maqaa, dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqarraa gahe fi kan kana fakkaatan kan ibsan yoo ta’u, qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame, hawaasni Oromoo aanichaa akkaataa moggaasa maqaa daa’immanii itti raawwatu adeemsa mataa isaa kan qabu, gosoota moggaasa maqaa daa’immanii maatiin gaggeeffamu, hammachiisaafi guddifachaan raawatu qabaachuu, bu’urri moggaasa maqaa daa’immanii: waqtiilefi ayyaana, abdiifi hawwii fulduraa, yeroo ulfaa, cininsufi da’uumsaa, dhala dhabaniifi turmaata booda argachuu, maatiin wallolanii araaramuu booda dhalachuu, guddinaafi sochii qaamaa daa’ima, du’a ijoollee dura dhalatanii booda dhalachuu, fedhii maatii malee dhalachuu daa’immanii, saalli walfakkaatu walitti aanee dhalachuu, lakkuu dhalachuu daa’immanii, miidhaginaafi fokkisummaa daa’immanii, amala daa’ima sanaa, amantiin walqasiisun akkasumas yeroo ammaa ammayuummaanfi kanaaf kana kan fakkaatan bu’ureeffachuun yoo ta’u, kan bakkeewwaniimmoo maqaa namaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa walittii qindeessun akka ta’eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitin Oromoon aanichaa aadaafi duudhaa moggaasa maqaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta’uun isaa hubatameera. Kanaafuu maqaan uummata kanaaf kuusaa beekumsa gadi fagoo, ibsituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan jecha yookaan gaalee ittiin waamamuu sana bira ce’eedeemudha; jechuun nidanda’ama.Item Xiinxala Sirna Ekerdubbistuu Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat(Addis Ababa University, 2008-07) Wayyeessaa, Taarikuu; Dassaaleny, DassitaaKaayyoon qorannoo kanaa adeemsa sirna Ekerdubbistuu Aanaa Gindabarat Ganda Dirree Faajjiitti kan argamu xiinxaluu kan jedhudha. Malli qorannichaa mala qulqullaa‟inaan yoo ta‟u tooftaaleen iddatteessuu qorannichaa immoo iddatteessuu kaayyeeffataati. Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan, afgaaffii, daawwannaafi suuraalee fudhachuun yoo ta‟u, ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceeffameera. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo kanaan bira gahaman: Adeemsi sirna kanaa keessatti guyyaa dhaabbataan sirni kun itti raawwatu Dafinoofi Kamisa akka ta‟edha. Guyyoonni kun guyyaa hir‟uu waan ta‟eefi. Ji‟oota Gannaa sadan Waxabajjii, Adoolessafi Hagayya keessa immoo Ekerdubbistuun kun gonkumaa hindubbattu. Sababnisaa dukkana waan ta‟eefi.Bakki sirni kun itti raawwatus mana ykn galma mataasaa keessatti kan raawwatudha. Namoota Hundatu Ekerdubbistuu dubbisa osoo hintaane nammoota gahoo ykn carraa kana argatan qofatu dubbisa.Hirmaattonni immoo dhiira, shamarran, dargaggoota, maanguddoota dubartootaafi nama kamiyyuu hirmaachisuuf kan hindaangessinedha. Namoonni yeroo mana Ekerdubbistuu kana dhaqan Buna, Qarshii, Ixaana, Garbuufi kkf fudhatanii dhaqu. Hirmaattonni duudhaa kanaas dhiira,shamara, maanguddoo, beerranii, dargaggoofi kan nama hinqoodnedha. Argannoowwan tokko tokko warroota dhimma kana raawwataniif argameera. Kun immoo yeroo haalli nama qajeeluu didu akkaataa itti jijjiiramni argamudha. Bu‟aan kunis namoota warra dubbisiifataniif, fakkeenyaaf namni tokko Akaakayyuun ykn Akaakileen isaa yeroo duriis haata‟u yeroo ammaa kana yoo dhoksaadhaan nama ajeesanii gumaa namaa osoo hin baasiin kan dhoksan yoo ta‟e, Cubbuun dhokataan maatii sun irra kan jiru yoo ta‟e Ekerdubbistuun kun ifa kan baasudha. Dabdoo ykn jal‟uutu jira jechuudha. Isa booda akkaataa namoonni kun yakkaa kana hiikkatan faloo kan kennuufidha. Namoonni kun guyyaa kana dhagahanitti Ekeroofis kennanii ayyaana isaanis Dabdoo ykn jal‟uutu jira jechuudha. kan araarfatan yommuu ta‟u namoota kanaaf wanti hunduu ni qajeelaaf; dhalli hin guddata, karri ni bula kormis nidhalcha Ameessis seeraan nimirgisa. yoo kana gochuu dhiisan immoo wanti isaaniif ta‟u tokkollee akka hin jirredha.Kunimmoo dhalli hinbuluuf, dallaan hin buluuf, duuti maatii sun irraa hin citu. Ekerdubbistuun kun hawaasa biraatti warra ayyaanaatiin kan beekamudha. Wantoonni Ekerdubbistuu biratti lagataman Re‟ee hin nyaatani, dubartiin xurii baattee hin deemtu , guyyaa ekeraa dafinoofi kamisa sanyii hinfacaasani. Meeshaaleen kan akka Jabanaa, Siinii, Gingilchaa, ciraa, wantee, Eeboofi kkf sirna kana keessatti akka fakkoommiitti ka‟uun kan tajaajilanidha. Uffannanaan sirna kana keessatti uffatan ittiin waaqa kadhachuuf kan tajaajiludha.Qorannoo kana keessatti yaboon itti kennamuu qabu gara dhumaatti kaayyamee jira.Item Qaaccessa Afoolaa Ogummaa Afaanii Gurguddoo Afran Barsiisuu Keessatti(Addis Ababa University, 2008-07) Abdulqaadir, Abdurrahmaan; Tulluu, GabbarooQorannoon kun faayidaa afoolli kitaabaafi barnoota Afaan Oromoo keessatti ogummaa gurguddoo afran afaanii ittiin barsiisuuf qabu xiinxalluu irratti fuulleffate. Ka‟umsi qorannoos; afoolli Oromoo akkuma hawaasa keessatti faayidaa qabu ogummaa afaanii barattoota gonfachiisuufis gahee guddaa osoo taphatu xiyyeeffannoon qophii kitaabaa, barsiisotaafi barattoota biratti laafinna qabaachuusaati. Afoolli kaayyoo barnoota afaanii milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabu kun kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa kudhanaffaafi barnoota afaanii keessatti haala ittiin hojiirra oolaaru kan qaaccessuudha. Kaayyoowwan qorannoo kanaa keessaa inni tokko faayidaa afoolli ogummaa afaanii gabbisuuf qabu ilaaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaatti (qualitative research method) fayyadameeti. Sababni malli kun filatameef, hojiin qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaan osoo hin ta‟in jechootaan waan ibsameef. Kanuma bu‟uura taasifachuun odeeffannoo qabatamaafi amansiisaa ta‟e tooftaa odeeffannoo funaanuu mata duree qorannoo waliin walsimu kanneen akka qaaccessa qabiyyee kitaabaa (content analysis), daftara yaadannoo barattootaa sakatta‟uu, afgaaffiifi daawwannaa daree gargaaramuun ragaaleen qorannichaa funaanamaniiru. Odeeffannoon sassabames akkataa walitti dhiyeenya isaaniitiin qoqooduudhaan qaacceffamaniiru. Bifuma walfakkaatuun qorannoon faffaca‟iinsa afoolaa boqonnaalee kitaabaa hunda keessatti (kudha saddeet) ogummaa afaanii guddisuuf qabu guutuufi dhiisuusaa haalaan kan xiinxallameedha. Dabalataanis bu‟aaleen qorannichaan argaman akka mul‟isanitti afoolli kitaaba keessatti dhiyaate kaayyoowwan barnoota afaanii gurguddoo afran galmaan gahuuf bu‟aan isaa olaanaa ta‟uyyuu, akka kitaabichi ajajutti hojiirra oolmaan afoola kanneenii laafinna qabaachuun nimul‟ata. Kunis, hanqina waytii barnootaaf ramadameefi xiyyeeffannoo kennuu dhabuu barattootaa irraa ka‟eeti. Rakkoolee kanneeniif immoo, waytii barnootaa cinatti barattooni akka shaakalaniifi ogeeyyii qophii kitaabaa, barsiisotaafi barattoota birattis gama hundaanuu xiyyeeffannoo argachuu akka qabuudha. Dhumarrattis akkuma kitaabni barnootaa ajajutti afoola daree barnootaa keessatti hojiirra oolchuun kaayyoo barnoota afaanii galmaan gahuuf bu‟aa guddaa afoolli qabu ta‟uusaa yaboofi argannoo qorannoo kanaa jalattis eerameeraItem Xiinxala Sirna Raawwii Araaraa Gondooroo Danuu: Kan Hawaasa Oromoo Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo(Addis Ababa University, 2008-07) Tasfaayee, Taayyee; Nagaasaa, Mulgeetaa (PhD)Qorannoon kun kan irratti adeemsifamee adeemsa sirna raawwii araara gondooroo danuu kan hawaasa Oromoo Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo bakka walitti bu’insi cimaan uumame keessatti kan adeemsifamedha. Isaanis hawaasa Gujiifi Gujii gidduuttii kan uumame akka iddattoottis fudhachuun qoratichi qorannoo isaa gaggeesseera.Innis akkaataa sirni raawwii sun ittiin adeemsifamu, gosa araaraa kanaaf wantoota raawwiif barbaachisan yookiin keesstti mul’atan addaan baasuun kan ibsamandha. Sirna araaraa keessatti kanneen hirmaatan akka Aanaa Oddo Shaakkisootti jaarsolee, hayyootaa, abbootiin gadaafi beerota ciccimoo kanaan dura sirna araara adda addarratti kanneen hirmaatandha. Qorataan kun adeemsa raawwii sirna araaraa aadaa hawaasa Oromoo Gujii ka’umsaa godhaachuudhaan qorannoo kana adeemsiisuuf murteesse jira. Qorannoo kana keessatti gaaffiilee qoratichi deebii kennuuf, ka’e keessaa muraasni: Xiinxala raawwii sirni araaraa gondooroo kana maal akka fakkaatu,sirna araaraa kana eenyufaatu raawwachiisa,sirna araaraa kana keessatti wantoonni ittii fayyadaman fakkoommiiwwan maal fa’a akka qabaniifi yoomeessi sirna kanaa maal fa’a akka fakkaataniif deebii barbaaduufdha. Akkasumas, kaayyoolee qorannoo, keessaa immoo meeshaalee aadaafi nyaanni aadaa sirna araaraa kana irratti gargaaran maal irraa akka qophaa’aniifi faayidaa maaliif akka oolan, akkasumas, bu’aan sirna araaraa kana irraa argamu maal fa’aa akka ta’an addeessuuf kaayyeefateera. Ragaawwaniifi odeeffannoota odeef-keenitoota irraa walitti qabaman boqonnaa arfaffaa keessatti hiikni erga itti kennamee booda xiinxalamanii argannoofi yaadni furmaataa maal akka ta’e ibseera. Kunis, xiinxalli raawwii sirna araaraa Gondooroo danuu keessatti taasifamuu kun adeemsa mataa isaa akka qabuufi jaarsoleen, hayyoonni, abbootiin gadaafi beerri ciccimoon erga seera gaaddisaa baafatanii booda dhimma dubbii walduraa duubaan nama isaanitti dheeseerraa/baqaterraa qoruun fudhatanii akkata itti raawwatamuu hordofuun hubateera. Karaabiraatiin, sirna araaraa aadaa hawaasa Oromoo Gujii biratti kanneen qooda fudhatan saala lamaanuu akka ta’an qoratichi mirkaneeffateera. Dhuma irratti; Yaadolee armaan gadii akka furmaataatti kaa’eera. Kunis, adeemsa raawwii sirna araaraa hawaasa Oromoo Gujii keessatti jaarsoleen, hayyoonniifi beerronni ciccimoon namoota waaldhaban,waldanan,…kkf irratti haaluma aadaan hawaasichaa ajajuun ykn sirni gadaa murteeffateen raawwachuun nageenyaafi tasgabbii isaanii eeggachuuf waan godhamuuf, kun immoo haaluma kanaan itti fufuu akka qabu gochuun barbaachisaa akka ta’eefi akka walii galaatti immoo aadaan hawaasa Oromoo Gujii kun aadaa kabajamaafi beekamaa jijjiirama guddaa fidaa akka tureefi yeroo ammaa immoo rakkoon tokko tokko darbee darbee waan mul’atu waan ta’eef, hawaasichi bifuma kanaan dura raawwachuun dhabamsiise odoo hindagatiin dhimma itti bahuun dhaloota boriif kaa’uun akka irraa eeggamuu yaadota furmaataa qoratichi lafa kaa’edha.Item Xiinxala Gogeessa Sirna Gadaa Odaa Bultum(Addis Ababa University, 2008-07) Jamaal, Shamshaddiin; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Sababni qorataan qorannoo kana akka gaggeessuuf isa kakaase haala gaggeessa ayyaana sirna Gadaa Odaa Bultum kan gogeessoota giddutti gaggeeffamu irratti yeroo ayyaanni gaggreeffamu rakkooleen kanneen akka aadaan duraan ture hafuu, waan ayyaana irratti dhihatan hangi tokko hir’achuufi dabaluu, seeraan hojiirra ooluudhaafi walumaa galatti hawaasni Sirna Gadaa Odaa Bultum jalatti bulaa jiran hanqina baa’yeemaalummaa sirnichaa qabaachuuisaati. Kaayyoon guddaan qorannichaa hanqinaalee mul’atan kanneen addaan baasuun qaacceessuufi hanqina jiruuf yaada furmaataa kennuudha. Addeemsa qorannoo kanaa keessatti iddattoon mala akkayoo hojiirra oolee jira. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamanis afgaaffii, daawwannaa yoo ta’u, odeeffannoon malleen kanaan walitti qabaman mala qorannoo qulqulleeffataa yookiin akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin qaacceffamee jira. Haaluma kanaan ragaaleen qaacceffaman akka agarsiisutti, maalummaa sirna Gadaa, sirni Gadaa haala akkamitiin akka eegale, hundeeffama sirna Gadaa Odaa bultum, haala ittiin bulmaataa, ayyaanichi akkamitti akka gaggeeffamuu, afoolota sirnicha irrati tajaajilaniifi qooda dubartoonni ayyaanicha irratti qabaniifi kkf xiinxalamee jira. Argannoon qorannoo kanaa maalummaa sina Gdaa ilaalchisee sirnichi bal’ina akka qabu, haala adeemsa jila sirna gadaa Odaa Bultum keessatti ciminnis akkuma jiru hanqinnis jiraachuu isaa, ayyaanicha irratti afoolonni adda addaa tajaajilaa turuu isaa, waa’ee sirnichaa ilaalchisee hanqinni hubannoo jiraachuu isaafi kanneen biree xiinxalameeraItem Xiinxala Waantota Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Irratti Sababa Ta‟An(Addis Ababa University, 2008-07) Siyyum, Siisaay; Dheeressaa, DinqeessaaKaayyoon guddaan qorannoon kun geggeeffameef, xiinxala waantota dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo irratti sababa ta’an qaaccessuudha. Qorannoon geggeeffame kunis mana barumsa qophaa’inaa magaalaa Shaashamaneefi qophaa’ina Luusii yommuu ta’u, manneen barnootaa kunniin mala iddattoo akkayyootiin filatame. Akkasumas, qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan(makaa) ijaaramee dhihaate. Kanamalees, qorannoo kana keessatti barattoonni 80 dareewwan hunda keessatti mala iddattoo carraa tasaatiin filatamanii raga akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 11ffaa 2 qofa waan ta’aniif lamaan isaaniiyyuu fudhatamuun raga akka kennan taasifamee jira. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, bargaaffii, sakatta’a dookumtii, kitaaba Barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi qormaata waggoota afurii bara 2005 A.L.I hanga bara 2008 A.L.I barsiisonni mana barumsaa keessatti baasan sakatta’uun fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’atutti, barattoonni baay’een keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu keessatti filannoo jechootaa, seerluga sirrii ta’etti fayyadamuu, hima gaarii ijaaruu, yaada maddisiisuu, yaada qindeessuu , sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, qubeessuufi qubguddeessuu qindeessanii barreessuurratti barattoonni baay’ee dandeettii barreessuu Afaan Oromootiin qaban xiqqaa ta’uusaa hubatamee jira. Kanamalees, ilaalchi barsiisonni daree keessatti dandeettii barreessuu gonfachiisuuf itti fayyadamaniifi duubdeenii barreeffama barattootaaf itti kennaniifi qormaata yommuu qopheessan dandeettii barreessuu dandeettiiwwan biro waliin qixa baasuurratti xiyyeeffannoon kennan gadi aanaadha.Akkasumas,akkaataan gilgaaloonni dandeettii barreessuu kitaaba Afaan Ormoo kutaa11ffaa keessatti gochaaleen shaakalsiisan itti qophaa’an dandeetti birorraa hanqina kan qabu ta’uusaa hubatamee jira.Barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala barreessuu barattoonni taasisanirratti duubdeebii ijaaraa ta’e kennuun wantoota dandeettii barreessuu gonfachuurratti dhiibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirra oolchanii gaariidha.Item Sakatta‟A Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Giddugaleessa Godhate:Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Magaala Gindhiir Kutaa 9ffaa Irratti(Addis Ababa University, 2008-07) Kormee, Tigisti; Dheeressaa, DinqeessaaKaayyoon gooroo qorannoo kanaa, Godina Baalee magaala Gindhiir keessatti, manni barumsa sad.2ffaa kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleessa godhate hojiirraa oolmaan isaa maal akka fakkaatu sakkatta’uudha. Haala hojiirraa oolmaa maliichaa xiinxaluuf, odeeffannoo barbaachisu funaanachuudhaaf, qorannoo makaatti dhiimmaa bahamee jira. Mala iddatteessuu carraatiin, barattootni kutaa 9ffaa 240fi mala kaayyeeffataatiin barsiisotni afur filamanii jiru. Odeeffannoon mala makaatiin, odeefkennitootaa irraa walitti qabame, akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin walitti qindaa’anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin xinxalamaniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman: 1ffaan, barsiisonni mana barumsichaa, harka caalaa mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleeffaterra, mala barsiisaa giddugaleeffatetti fayyadamanii kan barsiisan ta’uu, 2ffaan, miijatummaan haala daree barnootaafi meeshaalee barnootaa, mala barataa giddugaleessaa godhate hojiirraa oolchuuf gahaa kan hin taanee ta’uufi 3ffaan, malli kun hojiirraa ooluuf, qaamoleen isaan ilaalatu hundi, gahee irraa eegamu bahuu qabu kan jedhandha. Dhumarrattis, yaboowwan gurguddoo rakkoo kanaaf ta’uu mala jette qorattuun abdatte, kanneen gadiiti: 1ffaan, barsiisonni mala barataa giddugaleessa godhate fayyadamanii akka barsiisaniif, qaamni ilaalatu gargaarsa barbaachisu gochuu qaba. 2ffaan, malli kun hojiirra akka hin oolleef, wantoota gufuu itti tahan dhabamsiisuuf, qaamni ilaalatuun hundi gahee irraa eegamu bahuu qaba. 3ffaan, faayidaa mala kanaa hubachuun, manni barumsaa, barsiisaan, barataaniifi maatiin waan irraa eegamu gochuu qaba.Item Qaaccessa Dhiyaannaa Qabiyyee Dhamjecha: Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaafi Kurnaffaa Bara 2005 Qophaa’an(Addis Ababa University, 2008-07) Baqqalaa, Sukkaare; Alamaayyoo, Amaanueel (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa dhamjecha kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 9fi 10ffaa bara 2005 qophaa‟an keessatti dhiyaatan qaacceessuudha. Dhiyaannaa dhamjechoota kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo kitaabilee kanneen Keessatti mul‟atan maal akka ta‟an adda baasanii qaaccessuudha.Kunis dhamjechi qabiyyee caasaa Afaan Oromoo keessaa isa tokko waan ta‟eef kitaabichi hammam caasaa Afaanichaa jeddugaleessa godhatee,haala bilchina qabuun akka qophaa‟e xinxaluudha. Kitaabileen barnootaa,barsiisonni Afaan Oromoo barsiisaniifi barattoonni kutaa kana baratan akka iddattootti filatamaniiru. Barattoonni hirmaatan mala iddatteessuu carraa tasaatiin kan filataman yoo ta,an, Barsiisonni- immoo, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa,iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun filataman. Sababni isaa kitaabileen barataa madda odeeffannoo bu‟uuraa waan ta,aniiff kitaabicha sakatta‟uudhaan qaaccessi taasifameera. Itti aansuun barsiisotaaf barattoonni qooda kan fudhataniif,barsiisaan kitaaba qophaa‟e tokko kan hojiitti hiiku waan ta,eef,adeemsa baruufi barsiisuu keessatti ciminaafi hanqina kitaabichaa irratti odeeffannoo qorattuuf barbaachisu kennuu danda‟an jedhamanii filatamaniiru.Barattoonnis kallattidhaan kan itti maayii bahan waan ta‟aniif akka madda odeeffannoo qorannichaatti fudhatamaniiru. Qorannoon kun gosa qorannoo Ibsaa (descriptive research)ta‟ee,meeshaaleen funaansa ragaa kan qorattuun itti gargaaramte ammoo,mirkaneeffannaa kitaabilee barnootaa,afgaaffii barsiisotaafi bargaaffii barattootaati. Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin walitti qabame mala qorannoo akkamtaafi hammamtaatiin qaacceffameera. Akka argannoo qorannoo kanaatti, maalummaan dhamjechootaa gadifageenyaan ibsamuu dhabuu,garaagarummaan jechaafi dhamjechaa adda bahee dhiyaachuu dhabuudha. Kana malees, dhamjechoonni akkamitti akka barataman ifa ta‟ee kitaabicha keessatti hin ibsamne.Haaluma walfakkatuun uumamaafi hormaata jechootaa irraattis wanti qabatamaan ibsame hin mul‟atu.Akkasumas, tajaajilli dhamjechootaa bal‟inaan ibsamuu dhabuufi dhamjechoonni kitaabilee barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan darbanii darbanii kan walhinsimne ta‟uu hubatameera. Dhumarratti argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa‟uun dhamjechoonni kitaabilee barnootaa kanniin keessatti dhiyaatan haala ofiin barachuu barattoota giddu galeessa godhatanii dhiyaachuu kan qabaniifi maalummaan dhamjechootaa bifa ifa ta‟een dhiyaachuu akka qabu yaadni furmaataa eerameera.Kana malees, qabiyyeewwan dhamjechootaa boqonnaalee murtaa‟an jalatti gurmaa‟anii dhiyaachuu akka qabaniifi haala jechoonni uumamaniifi itti horan tajaajila caasluga Afaanii adda addaatiif itti ooluu danda‟an fakkenynaan deeggaramee kitaabilee barnoota Afaan Oromootiifi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessaniif,qabxiileen kunneen akka yabootti dhiyaatanii jiruItem Qaaccessa Adeemsaafi Faayidaa Hiibboon Oromoo Ijoolleef Qabu: Haala Qabatama Aanaa Ada’aa(Addis Ababa University, 2008-07) Tasfaayee, Masarat; Dassaalany, DastaaQorannoon kun adeemsaafi faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleef qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, adeemsaafi faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleedhaaf qabu qaaccessuun ibsuudha. Odeeffannoowwan afgaaffii, bargaaffii daawwannaafi marii gareetiin odeefkennitoota irraa funaanaman walduraa duubaan akkaataa barbaachisummaa isaanitiin karaa al lakkoofasawaa ta'een, jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. Kunis, mala qorannoo qoulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleef qabu adeemsa raawwii hiibbootiin deeggaramee yammuu ilaalamu, heddu ta'uu isaa qorannoo kanaan bira gahamee jira. Kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaati. Hiibboon Oromoo maatii keessatti: maqaalee wantoota gara garaa, lakkoofsa, haala falmii, safuufi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif heddu gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan hiibboo bu'ureeffachuun addeessanii jiru. Kana malees, hiibboon Oromoo mana barumsaa keessatti: dandeettiwwan afaanii, keessattuu dubbachuufi dhaggeeffachuu daran akka cimsatan taasisuu, dandeettii jechootaa hiikaafi faallaa isaanii waliinifi beekumsa gama caaslugaan qaban dabaluu isaa; akkasumas, hiibboon sammuu ijoollee kallattii gara garaan qaruu, dandeettii waa yaadachuu ijoollee cimsuu keessattiifi yaada haaraa akka isaan burqisiisan taasisuun isaa, odeeffannowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'anii jiru. Bifuma walfakkaatuun, adeemsa raawwii hiibboon ittiin taphatamu eeganii, hiibboo taphachuun, ijoollee obsa barsiisuu cinaatti, wantoota adeemsa sana keessatti raawwatamu sana xiiqeeffachuun beekumsa gama kanaan ta'ee gama hiibbootiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashannansiisuun, dhiphinaafi nuffii tokko malee ijoollee beekumsa gara garaa goonfachiisuu, tapha hiibboo keessatti xiiqii walitti qabachuun gaaffilee ciccimoo wal gaafachuun beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif, gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu'ureeffachuun ibsanii jiru. Kuni otoo ta'ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni hiibbootti fayyadamuu dhiisaa jira. Kanaafis, wanti akka sababaatti odeefkennitoota irraa argame, sababa aanaan Ada'aa magaalaatti dhiyoo ta'eef wantoota bu'aa teeknolojii ta'aniin bakka bu'aa dhufuu isaa himu. Kunis, ijoolleen yeroo isaanii hiibbootti dabarsuu manna, fiilmii ilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo dhaggeeffachuu, televizyiinii ilaaluufi darbee darbee feesbuukii fayyadamuuf iddoo akka laatan dubbatu. Haata'u malee, wantoota bu'aa teeknoolojii ta'an kanaaf bu'uurri afoola aslii ykn jaarraa heddu lakkoofsise kana ta'uun beekamaadha. Kanaafuu, bu'aawwan teeknoolojii kanaan deeggarame yoo dhimma itti ba'ame immoo, bu'aan isaa kana caalaa safaramuu danda'a waan ta'eef, dhimmicha hubannoo keessa galchuun itti fayyadamuun fala ta'a. Dhumarrattis, dameen afoolaa kun kallattii gara garaatiin faayidaa heddu buusuu osoo danda'uu irraanfatamaa dhufuun, akka hinbadneef qaama dhimmi ilaalu: hawaasni, barsiisotni, barattootni, Waajira Aadaafi Turiizimii hunduu gahee isaanirraa eegamu bahuun afoola jaalatamaafi bashannansiisaa kana kunuunsuun, bu'aa buusuu qabu akka buusu osoo godhanii gaarii ta'a.Item Xiinxala afwalaloo “gooticha oromoo jeneraal huseen bunee daraaraa” Godina Baalee Aanaa Sawweenaa(Addis Ababa University, 2008-07) Dubaroo, Tasfaayee; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Qorannoo kana gaggeessuuf rakkoon kanneen akka Odeef-kennitootni gatii Odeef-kennuu durasanii gaafachuu jiraatullee qorataan qorannoo kanaa kaayyoo ka‟eef osoo hin dagatin rakkoo muudate hinjifachuudhaan qorannicha gaggeessuu danda‟ee jira.Kaayyoon qorannoo kanaas dhaamsi afoola Jeneraal Huseen Bunee maal akka ta‟e,yeroo akkamii gootichi akka itti fayyadame,tajaajila afoolichi hawaasaaf kennu irratti,afoolli gooticha kanaa kanneen akkamii akka ta‟e adda baasuufi maaliif akka fayyadau ibsuu ta‟a.Malli ragaa qorannoo kanaa ittiin funaname mala ragaa qorannoo dirree bahanii odeeffannoo funaanuu ta‟ee,kan funaaname madda ragaa tokkoffaa irraa qorataan oddeef-kennitoota qaamaan qunnamuun hojii aloolaa guyyaa afur gaggeefameen Gurraandhaala 21-22/08fi Ebla 28-29/08 tti madda ragaa tokkoffaa haaj Kamaal Buseen Buneefi haaj Abdulsamad Kadiir iraa ragaan kun funaanamee jira.Argannoowwan qorannoo kanaas,gootichi kun hacuucaafi cunqursaa jalaa ummata baasee hawaasa biratti kabajaafi fudhatama guddaa argachuu isaa,gootummaa isaa mirkaneessee rakkoo uummataa,dinagdee,misoomaa,barnootaa furee uummataaf bu‟aa guddaa buusuu isaa,dhaloonni ammaa afoolawwan kanatti fayadamaa akka hin jirre ta‟uu,qorannoon gama kanaan jiru laafaa ta‟uu,afoolliwwaan gooticha kanaa dagatamaa dhufuufi yoomessi isaas dagatamaa dhufuufi kkf yoo ta‟u,yaboon qorannoo kanaa keessattuu Biiroon aadaafi tuuriizimii aanaa sawweenaa aanaa kun iddoo dhalootaafi jireenya gooticha Oromoo Jeneraal Huseen Bunee waan ta‟ee itti yaadee afwalaloowwaniifi afoolawwan isaa funaaneefi sassaabee walitti qindeessuudhaan qorannoo of-dande‟e gaggeessee akka ragaa tokkooti osoo kaa‟ee.Barsiisonni saba Oromoo xiinxala afwalaloowwanfi afoolawwan goototaa qorataniifi barreessanii yuunivarsiitii,Kolleejjii,dhaabbata barnootaa fi booroolee adda addaatiif akka gahu osoo godhanii.Yuuniivasiitiifi Kolleejjii keessatti qorannoon mata duree kanarratti bal‟innaan qoratamee osoo baay‟atee taa‟ee.Barruulee,Gaazexaafi kkf irratti seenaan isaanii ijoo ijoo ta‟e yeroo yeroodhaan osoo bahee beekkamee. Qorannoon waa‟ee gootataa kun Biiroolee adda addaa keessatti,waajjiroota adda addaa keessatti,hawaasa bira gahuu akka danda‟utti,Manneen barnootaa keessattifi kanneen kana fakkaataniif qorannoon gaggeeffamee akka walgahutti osoo raabsamee.Walumaagalatti dhimmi kun dhimma ijoollee Oromoo ta‟ee osoo hubatameefi waajjirri aadaafi tuuriizimii Oromiyaa,waajjirri aadaafi tuuriizimii godina Baaleefi waajjirri aadaafi tuuriizimii aanaa sawweenaa sadarkaa sadarkaadhaan afwaloowwaniifi afoolawwan waa‟ee goototaa akka funaanamu osoo godhani seenaan kun akka hin badneefi hin dagatamneef gahee guddaa qaba.Item Xiinxala Dhiyaannaafi Tooftaawwan Hiika Jechootaa Barsiisuu Barnoota Afaan Oromoo Kutaa Kurnaffaa(Addis Ababa University, 2008-07) Margaa, Sisaay; Fufaa, Tolamaariyam(PhD )Kaayyoo gooroon qorannoo kana dhiyaannaafi tooftaawwan hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hojiirra oolaa jiru xiinxaluudha. Galma gahiinsa kaayyichaaf kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa kutaa10ffaa xiyyeeffannoon sakatta‟ameera.Qaaccessa kanaan hanqinoota mul‟atan adda baasuun yaada furmaataa kennuuf ammoo,gosa qorannoo makoofi saxaxa ibsaatti dhimma bahame. Akkasumas, kitaaba barataa, mana barnootaa, barattootaafi barsiisonni akka iddattootti filatamani. Sakatta‟insa kitaaba barnootaatti dabaluun hirmaattonni qorannoo kanaa barattoota 93fi barsiisota Afaan Oromoo barsiisan sadi iddatteeffamaniiru. Barattoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan iddatteessuu carraa tasaan (lootorii) kan filataman yommuu ta‟an, barsiisonni ammoo, iddatteessuu ammargeen (convenient sampling) filatamani.Malli odeeffannoon ittiin funaaname sakatta‟insa kitaabaa, bargaaffiifi afgaaffiidha. Odeeffannoon sakatta‟insaafi afgaaffiin argame mala akkamtaan kan qaacceffameefi kan bargaaffiin argame ammoo, mala hammamtaan qindaa‟ee qaacceffame.Akka ragaaleen qaacceffaman mul‟isanitti, dhiyaannaafi tooftaawwan hiika jechootaa barsiisuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hanqina qabaachuu isaati. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa dhiyaannaan gochaalee hiika jechootaa kitaabicha keessatti argamu galumsa dubbisaatiin barattoota shaakalsisuuf xiyyeeffannoo kan hinkennine ta‟u; haalli dhiyaannaa gochaalee hiika jechootaa walittidhufeenya jechoonni walii isaanii waliin qaban barsiisuuf xiyyeeffannaa kan hinkennineefi tooftaa barsiisonni hiika jechoota barsiisuuf hojjomsaa jiran hariiroo jechoonni waliin qaban kan hinmul‟isneefi gochaaleen dandeettii hiika jechootaa barattootaa cimsuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaatan harki caalaan isaanii fedhii, sadarkaafi dandeettii barattootaa giddu-galeessa godhatani kan hindhiyaanne ta‟uun argannoo qorannichaa warreen gurguddoodha. Dhumarratti, argannoo qorannoo kanarraa ka‟uun, yaadonni furmaataa: Qopheessitoonni meeshaalee sirna barnoota afaanii irratti hojjetan kaayyoon waliigalaa hiikni jechootaa baratamuufi tooftaa gochaaleen hiika jechootaa kitaaba barataa keessatti dhiyaachuu qabaniin walsimsiisanii dhiyeessuun, barattoonniifi barsiisonni afaanicha baratan akka bu‟aa argatan taasisuu irra darbee sadarkaa guddina afaanichaaf gahee olaanaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon keessa deebi‟amee fooyyaa‟uu qaba. Hamma kitaabichi qaama dhimmi ilaaluun xiyyeeffannoo argatee fooyya‟utti barsiisonni tooftaalee hiikni jechoota ittiin dhiyaachuu qaban bu‟uura godhachuun barattoota deeggaruun, galma gahiinsa sagantaa barnoota afaaniif gumaachuu qabuun dhaamsa qoratichaatiItem Xiinxala Hiika Mallattoolee Aadaa Haala Ittifayyadamaa Keessatti Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Habaaboo Guduruu(Addis Ababa University, 2008-07) Laayyoo, Qixxeessaa; Alamaayyoo, Amaanueel (PhD)Qorqnnoon kun xiinxala hiika mallattoolee aadaa haala ittifayyadamaa keessatti Godina Horroo Guduruu aanaa Habaaboo Guduruu keessatti muul‟atu qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Dabalataanis, sirnoota guyyaa ayyaana garagaraa kan akka irreessaa, cidhaa, ayyaana waggaa, sirna da‟umsaa, milkii ilaallachuu, abjuu hiikkachuu, haasbarruu aanaa Habaaboo Guduruu keesstti raawwataman irratti odeeffannoowwan namoota hiika mallattoolee beekan 33 irraa argaman yaadannoo dhuunfaafi suuraan qabachuun qaacceffameera. Haaluma kanaan mallattooleen funaanaman kun maal maal akka ta‟an, hiika isaanii gosa gosaanfi akkaataa itti mallattooleen kun itti hiika argatan bakka addaa addaatti qooduun ilaalamaniiru. Kana malees, mallattooleen kunniin jireenya hawaasaa guyyuu keessatti gargaaramanis ibsameera. Mallattooleen aadaa hiika (fakkoommii) falaasama gadi fagoo xinsammuu hawaasaan walqabatan qabu. Qorannoo kana keessattis mallattooleen aadaa hawwaasaa ibsan hiika maalii akka qaban qaacceffameera. Mallattoolleen aadaa eenyummaa, siyaasa, dinagdee, hawaasummaa, xinsammuufi falaasama Oromoo calaqqisiisuu irratti ga‟ee guddaa akka qaban ilaalameera. Mallattoolee kanneen gara fuulduraatti kana caalaa akka tajaajilan gochuuf namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen dhimmi illaallatu marti qorannoon gaggeessuun badiirraa oolchuun dirqama isaanii ba‟uu qabu.Seenaan qorannoo mallattoolee aadaa biyya keessatti seenaa yeroo dhiyooti. Haata‟u garuu ammayyuu cimanii hojjennaan qaba. Gowwaan isa darbeef boo‟a; gamni isa dhufuuf boo‟a akkuma jedhan isa duraan hojjetamuu dide komachuu dhiifnee ammumaa haa qorannuItem Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi Wayitii Barnootaa: Xiyyeeffannaan Mana Barumsa Qophaa’ina Limmuu(Addis Ababa University, 2008-07) Namoomsaa, Magarsaa; Tulluu, Gabbaroo (PhD)Kaayyoon qorannichaa walsimannaa qabiyyee barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi wayitii barnootaa, haala mana barumsa qophaa’ina Limmuu xiinxaluudha. Adeemsa kana keessatti ragaa walitti qabuuf barsiisota 2, suuppervaayizera 1fi barattoonni 126 akka iddattootti filatamanii jiru. Kana raawwachuuf immoo qoratichi mala qorannoo ibsaatti dhimma ba’e. Odeeffannoos sakatta’a dookumentii, bar-gaaffiifi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabateera. Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman. Bifuma Kanaan, walsimachuu dhabuu qabiyyee barnootaafi wayitii barnootaa, rakkoon qabiyyeen barnootaafi wayitiin barnootaa bifa qindaa’een silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataa keessatti dhiyaachuu dhabuu, qabiyyeen barnootaa hin xumuramiin hafuufi wayitii sababa garaagaraatiin gubuun barsiifata ta’uudha. Maddi rakkoo kanneeniis, qabiyyeen bal’achuufi wayitiin xiqqaachuu, silabasii, qajeelchi barsiisaafi kitaabni barataa qabiyyee qindaa’eefi yeroo itti barsiifamu qabu qabatee mana barumsaatti argamuu dhabuufi xiyyeeffannoon gosa barumsa kanaaf kan hin kennamne ta’uu sakatta’amee jira. Rakkoolee kanaafi furmaatni ogeeyyiin afaanii keessumattuu kanneen meeshaalee barnoota Afaan Oromoo qopheessan qabiyyeefi wayitii walsimsiisuun qopheessuu, silabasiin, qajeelchi barsiisaafi kitaabni barataa bifa qindaa’een qophaa’uun mana barumsaatti argamuufi Waajjirri barnoota Aanaa, hooggantootni mana barumsaafi barsiisonni mana barumsaa gosa barnoota kanaaf akkuma gosa barnoota biroo xiyyeeffannoo kennuun wayitiin gosa barnoota kanaa qixa sirriin akka hojiirra ooluuf hojjechuu qabu.Item Qaaccessa Qabiyyee Dhamjechoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 12ffaa(Addis Ababa University, 2008-07) Dilboo, Duulaa; Alamaayyoo, Amaanueel (PhD)Qorannoon kun mataduree “Qaaccssa Qabiyyee Dhamjechoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa kutaa 12ffaa bara 2005 qophaa‟e” irratti kan geggeeffameedha. Ka‟umsi qorannichaas, faayidaafi akaakuun dhamjechootaa adda ba‟ee ibsamuu dhabuu, garaagarummaan KBfi QB keessatti mul‟achuufi dhamjechoonni KB keessatti akkamitti dhiyaachuu akka qaban ibsuudha. Kaayyoon isaas,„Qaaccessa Qabiyyee Dhamjechoota Afaan Oromoo KB kutaa 12ffaa keessatti: faayidaafi akaakuun dhamjechootaa akkamitti akka dhiyaatanii jiran sakatta‟uu, hanqinaalee mul‟ataniifi akkamitti dhiyaachuu akka qaban ibsuudha. Yaaxxinni qorannichaas, yaaxina caaseffamaa kan bu‟uureffateedha. Qorannoo kana gabbisuuf kitaabileen adda addaa mataduree kanaan walqabatan sakatta‟amaniiru. Irraawwatamni qorannichaas KBfi QB kutaa 12ffaa yammuu ta‟u, kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga‟uuf, maddi ragaa odeeffannoon irraa funaaname madda ragaa tokkoffaa ta‟ee, sakatta‟a KBfi QBti. Yaada kana gabbisuuf afgaaffiin barsiisotaaf dhiyaateera. Qorannichis, gosa qorannoo akkamtaan kan dhiyaate ta‟ee, saxaxa ibsaan ibsameera. Mala iddatteessuu miticarraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo fayyadameera. Odeeffannoon kan funaanaman: sakatta‟a KB, sakatta‟a QB, Sakatta‟a silaabasiifi afgaaffii barsiisotaaf dhiyaateen. Sakatta‟a taasifameefi afgaaffii kana irraas wanti argame, faayidaan dhamjechoonni looga, walsimannaa matimaafi gochimaa, hi‟eentaa, waaltina afaaniifi firjechi argisiisan, dhamjechoonni horteefi uumamteen adda ba‟anii tajaajila kennan waliin hindhiyaanne. Akaakuun dhamjechootaas, haala waldha‟uun KBfi QB keessatti ibsamee jira. Akaakuun dhamjechootaa kunis, bakka gurguddoo lama: walabaafi hirkataatti qoodamee, dhamjecoonni hirkatoon: bakka galumsaan, tajaajilaafi qabiyyeen qoodamuu akka qaban qorannoon kun ni‟ibsa. Dhamjechoonnis, kallattii qofaan osoo hinta‟in alkallattiin afoola akka oduu duriifi barreeffama adda addaa keessatti dhiyeessuun barattoota, barsiisotaafi dubbistoota hawwata. Haaluma kanaan faayidaa, akaakuufi akkaataan dhiyaannaa isaanii hanqina mul‟atu adda baasuun qaacceffamanii dhiyaataniiru. Qaaccessa geggeeffameefi cuunfaa qorannichaa irratti hundaa‟uun argannoowwan gurguddoon qorannichaa: Faayidaan dhamjechoota looga, walsimannaa matimaafi gochimaa, hi‟eentaafi maayii meeshaa ibsan; faayidaa isaan waaltina afaanii keessatti qaban, dhamjechoonni firjecha akkamitti akka uuman KB keessatti dhiyaachuu qabu. Qoodaminsi akaakuu dhamjechootaa akka waliigalaatti, walabaafi hirkatoo jedhamuun qoodamuu akka qabaniifi dhamjechoonni hirkatoo bakka galumsaa, tajaajilaafi qabiyyee irratti hundaa‟uun qoodamuu akka qaban ibsa. Akaakuun dhamjechoota Afaan Oromoo bakka galumsaan: duree, duubeefi naannee akka ta‟an qorannoon kun adda baasee ibsa. KBfi QB yaada walfakkaatu dhiyeessuun barattootaafi barsiisota Oromiyaa keessa jiraniif hubannoo walfakkaataa waan uumuuf walsimachisanii dhiyeessuun gaariidha. Dhamjechoota kallattiin ibsaafi fakkeenya kennuun dhiyeessuu cinatti, karaa alkallatti afoola adda addaa keessatti dhiyeessuun karaa salphaa ta‟een barattoonni afoolichatti bohaaraa tajaajila dhamjechootaa akka adda baasaniif gargaara. Garaagarummaan hundee jechaafi dhamjecha hirkataa KBs ta‟e QB keessatti adda ba‟ee dhiyaachuun: dubbistoonni, barattootaafi barsiisonni garaagarummaa kana akka hubataniif gargaara.Walumaagalatti, qorannoon kun dhamjechi akka damee barnootaa tokkotti of danda‟ee qophaa‟ee akka dhiyaatuuf hubannoo ni‟uumaItem Xiinxalaraawwii Sirnaayyaanaibsaa Kormaa Haala Qabatama Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti(Addis Ababa University, 2008-07) Sadeessaa, Tigisti; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Qorannoo kana gaggeessuuf wantonni ka’umsa ta’an: raawwii sirni ayyaana Ibsaa kormaa aadaa,safuu, hawaasdinageefi haala jiruufi jireenya barsiissu, dhugeeffannoo hawaasichaa gama hawaasdinagdee, aadaafi muuxannoo jiruufi jireenyaa kan ittinwaliif dabarsan yeroo ammaa kana dagatamuu isaafi kitaaboleefi galaalchawwan kanaan dura barreeffaman keessatti waa’ee mata duree kanaa kallattiin kan addeessu waan hin barreeffamneef, kanamalees qorannoon mata duree kana irratti waan hin gaggeeffamneef ka’umsaaf sababa ta’aniiru. Kaayyoon qorannoo kanaa raawwii sirna ayyaana Ibsaa kormaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinnii xiinxaluudha. Malli qorannichaa mala qulqullaa’inaan yoo ta’u tooftaaleen iddatteessuu qorannichaa immoo iddatteessuu kaayyeeffataati.Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan, afgaaffii, daawwannaafi marii garee yoo ta’an ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceeffameera. Adeemsa kana hordofuun argannoowwan qorannoo kanaan bira gahaman: raawwiisirna ayyaana Ibsaa kormaa akkuma duudhaalee Hawaasa Oromoo kanneen biroo yeroofi safuu eegee kan raawwatamu ta’uu, alduree ayyaana kanaarratti rakkolee xixiqqoon jiruufi jireenya keessatti mudatan Hawaasa aannichaa biratti karaa jaarsummaa furamuu, sirna facaafannaa raawwachuun ,buna qaluun walhormaanni akka qajeeluuf dhugeeffachuun, yeroo ayyaaneffannaa ayyaanichaatis Ibsaa kormaa tiin dhugeeffannoon bal’aan akka jiru xiinxala keessatti daraan ibsameera. Kanamalees raawwiin sirna ayyaana kanaa dhugeeffannoo hedduufi faayidaa bal’aa Hawaasa keessatti qabu kun dhiibbalee hordoftoonni amantii yeroo dhihoo biyyaa keessagalaniifi haala yeroon walqabatee rakkooleen mul’atan ayyaanni kun qabiyyee, faayidaa qabu qabatee Hawaasa keessatti akka hintajaajilleef rakkoon guddaan ta’uun bira gahaameera. Raawwii sirna ayyaana kana irratti geggeeffamu hariiroo Hawaasaa cimsuuf dinagdeefi hawaasummaa guddisuuf aadaa Hawaasaa kunuunsuuf shoora ol’aanaa waan qabuuf Waajirri Aadaafi Turiizimii osoo gadfageenyaan qoratee bifa barreeffamaatin kaa’e bu’aa qabeessa ta’a.