Xiinxala Sirna Raawwii Araaraa Gondooroo Danuu: Kan Hawaasa Oromoo Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo
No Thumbnail Available
Date
2008-07
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun kan irratti adeemsifamee adeemsa sirna raawwii araara gondooroo danuu kan hawaasa Oromoo Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo bakka walitti bu’insi cimaan uumame keessatti kan adeemsifamedha. Isaanis hawaasa Gujiifi Gujii gidduuttii kan uumame akka iddattoottis fudhachuun qoratichi qorannoo isaa gaggeesseera.Innis akkaataa sirni raawwii sun ittiin adeemsifamu, gosa araaraa kanaaf wantoota raawwiif barbaachisan yookiin keesstti mul’atan addaan baasuun kan ibsamandha. Sirna araaraa keessatti kanneen hirmaatan akka Aanaa Oddo Shaakkisootti jaarsolee, hayyootaa, abbootiin gadaafi beerota ciccimoo kanaan dura sirna araara adda addarratti kanneen hirmaatandha. Qorataan kun adeemsa raawwii sirna araaraa aadaa hawaasa Oromoo Gujii ka’umsaa godhaachuudhaan qorannoo kana adeemsiisuuf murteesse jira. Qorannoo kana keessatti gaaffiilee qoratichi deebii kennuuf, ka’e keessaa muraasni: Xiinxala raawwii sirni araaraa gondooroo kana maal akka fakkaatu,sirna araaraa kana eenyufaatu raawwachiisa,sirna araaraa kana keessatti wantoonni ittii fayyadaman fakkoommiiwwan maal fa’a akka qabaniifi yoomeessi sirna kanaa maal fa’a akka fakkaataniif deebii barbaaduufdha. Akkasumas, kaayyoolee qorannoo, keessaa immoo meeshaalee aadaafi nyaanni aadaa sirna araaraa kana irratti gargaaran maal irraa akka qophaa’aniifi faayidaa maaliif akka oolan, akkasumas, bu’aan sirna araaraa kana irraa argamu maal fa’aa akka ta’an addeessuuf kaayyeefateera. Ragaawwaniifi odeeffannoota odeef-keenitoota irraa walitti qabaman boqonnaa arfaffaa keessatti hiikni erga itti kennamee booda xiinxalamanii argannoofi yaadni furmaataa maal akka ta’e ibseera. Kunis, xiinxalli raawwii sirna araaraa Gondooroo danuu keessatti taasifamuu kun adeemsa mataa isaa akka qabuufi jaarsoleen, hayyoonni, abbootiin gadaafi beerri ciccimoon erga seera gaaddisaa baafatanii booda dhimma dubbii walduraa duubaan nama isaanitti dheeseerraa/baqaterraa qoruun fudhatanii akkata itti raawwatamuu hordofuun hubateera. Karaabiraatiin, sirna araaraa aadaa hawaasa Oromoo Gujii biratti kanneen qooda fudhatan saala lamaanuu akka ta’an qoratichi mirkaneeffateera. Dhuma irratti; Yaadolee armaan gadii akka furmaataatti kaa’eera. Kunis, adeemsa raawwii sirna araaraa hawaasa Oromoo Gujii keessatti jaarsoleen, hayyoonniifi beerronni ciccimoon namoota waaldhaban,waldanan,…kkf irratti haaluma aadaan hawaasichaa ajajuun ykn sirni gadaa murteeffateen raawwachuun nageenyaafi tasgabbii isaanii eeggachuuf waan godhamuuf, kun immoo haaluma kanaan itti fufuu akka qabu gochuun barbaachisaa akka ta’eefi akka walii galaatti immoo aadaan hawaasa Oromoo Gujii kun aadaa kabajamaafi beekamaa jijjiirama guddaa fidaa akka tureefi yeroo ammaa immoo rakkoon tokko tokko darbee darbee waan mul’atu waan ta’eef, hawaasichi bifuma kanaan dura raawwachuun dhabamsiise odoo hindagatiin dhimma itti bahuun dhaloota boriif kaa’uun akka irraa eeggamuu yaadota furmaataa qoratichi lafa kaa’edha.
Description
Keywords
Raawwii Araaraa Gondooroo Danuu