Qaaccessa Dhiyaannaa Qabiyyee Dhamjecha: Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa Saglaffaafi Kurnaffaa Bara 2005 Qophaa’an

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa dhamjecha kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 9fi 10ffaa bara 2005 qophaa‟an keessatti dhiyaatan qaacceessuudha. Dhiyaannaa dhamjechoota kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo kitaabilee kanneen Keessatti mul‟atan maal akka ta‟an adda baasanii qaaccessuudha.Kunis dhamjechi qabiyyee caasaa Afaan Oromoo keessaa isa tokko waan ta‟eef kitaabichi hammam caasaa Afaanichaa jeddugaleessa godhatee,haala bilchina qabuun akka qophaa‟e xinxaluudha. Kitaabileen barnootaa,barsiisonni Afaan Oromoo barsiisaniifi barattoonni kutaa kana baratan akka iddattootti filatamaniiru. Barattoonni hirmaatan mala iddatteessuu carraa tasaatiin kan filataman yoo ta,an, Barsiisonni- immoo, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa,iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun filataman. Sababni isaa kitaabileen barataa madda odeeffannoo bu‟uuraa waan ta,aniiff kitaabicha sakatta‟uudhaan qaaccessi taasifameera. Itti aansuun barsiisotaaf barattoonni qooda kan fudhataniif,barsiisaan kitaaba qophaa‟e tokko kan hojiitti hiiku waan ta,eef,adeemsa baruufi barsiisuu keessatti ciminaafi hanqina kitaabichaa irratti odeeffannoo qorattuuf barbaachisu kennuu danda‟an jedhamanii filatamaniiru.Barattoonnis kallattidhaan kan itti maayii bahan waan ta‟aniif akka madda odeeffannoo qorannichaatti fudhatamaniiru. Qorannoon kun gosa qorannoo Ibsaa (descriptive research)ta‟ee,meeshaaleen funaansa ragaa kan qorattuun itti gargaaramte ammoo,mirkaneeffannaa kitaabilee barnootaa,afgaaffii barsiisotaafi bargaaffii barattootaati. Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin walitti qabame mala qorannoo akkamtaafi hammamtaatiin qaacceffameera. Akka argannoo qorannoo kanaatti, maalummaan dhamjechootaa gadifageenyaan ibsamuu dhabuu,garaagarummaan jechaafi dhamjechaa adda bahee dhiyaachuu dhabuudha. Kana malees, dhamjechoonni akkamitti akka barataman ifa ta‟ee kitaabicha keessatti hin ibsamne.Haaluma walfakkatuun uumamaafi hormaata jechootaa irraattis wanti qabatamaan ibsame hin mul‟atu.Akkasumas, tajaajilli dhamjechootaa bal‟inaan ibsamuu dhabuufi dhamjechoonni kitaabilee barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan darbanii darbanii kan walhinsimne ta‟uu hubatameera. Dhumarratti argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa‟uun dhamjechoonni kitaabilee barnootaa kanniin keessatti dhiyaatan haala ofiin barachuu barattoota giddu galeessa godhatanii dhiyaachuu kan qabaniifi maalummaan dhamjechootaa bifa ifa ta‟een dhiyaachuu akka qabu yaadni furmaataa eerameera.Kana malees, qabiyyeewwan dhamjechootaa boqonnaalee murtaa‟an jalatti gurmaa‟anii dhiyaachuu akka qabaniifi haala jechoonni uumamaniifi itti horan tajaajila caasluga Afaanii adda addaatiif itti ooluu danda‟an fakkenynaan deeggaramee kitaabilee barnoota Afaan Oromootiifi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessaniif,qabxiileen kunneen akka yabootti dhiyaatanii jiru

Description

Keywords

Dhiyaannaa Qabiyyee Dhamjecha

Citation