Sakatta‟A Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Giddugaleessa Godhate:Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Magaala Gindhiir Kutaa 9ffaa Irratti

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, Godina Baalee magaala Gindhiir keessatti, manni barumsa sad.2ffaa kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleessa godhate hojiirraa oolmaan isaa maal akka fakkaatu sakkatta’uudha. Haala hojiirraa oolmaa maliichaa xiinxaluuf, odeeffannoo barbaachisu funaanachuudhaaf, qorannoo makaatti dhiimmaa bahamee jira. Mala iddatteessuu carraatiin, barattootni kutaa 9ffaa 240fi mala kaayyeeffataatiin barsiisotni afur filamanii jiru. Odeeffannoon mala makaatiin, odeefkennitootaa irraa walitti qabame, akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin walitti qindaa’anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin xinxalamaniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman: 1ffaan, barsiisonni mana barumsichaa, harka caalaa mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleeffaterra, mala barsiisaa giddugaleeffatetti fayyadamanii kan barsiisan ta’uu, 2ffaan, miijatummaan haala daree barnootaafi meeshaalee barnootaa, mala barataa giddugaleessaa godhate hojiirraa oolchuuf gahaa kan hin taanee ta’uufi 3ffaan, malli kun hojiirraa ooluuf, qaamoleen isaan ilaalatu hundi, gahee irraa eegamu bahuu qabu kan jedhandha. Dhumarrattis, yaboowwan gurguddoo rakkoo kanaaf ta’uu mala jette qorattuun abdatte, kanneen gadiiti: 1ffaan, barsiisonni mala barataa giddugaleessa godhate fayyadamanii akka barsiisaniif, qaamni ilaalatu gargaarsa barbaachisu gochuu qaba. 2ffaan, malli kun hojiirra akka hin oolleef, wantoota gufuu itti tahan dhabamsiisuuf, qaamni ilaalatuun hundi gahee irraa eegamu bahuu qaba. 3ffaan, faayidaa mala kanaa hubachuun, manni barumsaa, barsiisaan, barataaniifi maatiin waan irraa eegamu gochuu qaba.

Description

Keywords

Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu

Citation