Sakatta‟A Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Giddugaleessa Godhate:Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Magaala Gindhiir Kutaa 9ffaa Irratti

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa
dc.contributor.authorKormee, Tigisti
dc.date.accessioned2018-07-20T10:02:59Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:15Z
dc.date.available2018-07-20T10:02:59Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:15Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractKaayyoon gooroo qorannoo kanaa, Godina Baalee magaala Gindhiir keessatti, manni barumsa sad.2ffaa kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleessa godhate hojiirraa oolmaan isaa maal akka fakkaatu sakkatta’uudha. Haala hojiirraa oolmaa maliichaa xiinxaluuf, odeeffannoo barbaachisu funaanachuudhaaf, qorannoo makaatti dhiimmaa bahamee jira. Mala iddatteessuu carraatiin, barattootni kutaa 9ffaa 240fi mala kaayyeeffataatiin barsiisotni afur filamanii jiru. Odeeffannoon mala makaatiin, odeefkennitootaa irraa walitti qabame, akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin walitti qindaa’anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin xinxalamaniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman: 1ffaan, barsiisonni mana barumsichaa, harka caalaa mala baruuf barsiisuu barataa giddugaleeffaterra, mala barsiisaa giddugaleeffatetti fayyadamanii kan barsiisan ta’uu, 2ffaan, miijatummaan haala daree barnootaafi meeshaalee barnootaa, mala barataa giddugaleessaa godhate hojiirraa oolchuuf gahaa kan hin taanee ta’uufi 3ffaan, malli kun hojiirraa ooluuf, qaamoleen isaan ilaalatu hundi, gahee irraa eegamu bahuu qabu kan jedhandha. Dhumarrattis, yaboowwan gurguddoo rakkoo kanaaf ta’uu mala jette qorattuun abdatte, kanneen gadiiti: 1ffaan, barsiisonni mala barataa giddugaleessa godhate fayyadamanii akka barsiisaniif, qaamni ilaalatu gargaarsa barbaachisu gochuu qaba. 2ffaan, malli kun hojiirra akka hin oolleef, wantoota gufuu itti tahan dhabamsiisuuf, qaamni ilaalatuun hundi gahee irraa eegamu bahuu qaba. 3ffaan, faayidaa mala kanaa hubachuun, manni barumsaa, barsiisaan, barataaniifi maatiin waan irraa eegamu gochuu qaba.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9559
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectHojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuuen_US
dc.titleSakatta‟A Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Giddugaleessa Godhate:Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Magaala Gindhiir Kutaa 9ffaa Irrattien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Tigisti Kormee.pdf
Size:
643.06 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: