Xiinxala Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa: Ija Yaaxina Bifiyyeetiin

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamuudha. Barreessaan addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akka siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnis akka hubatan taasisa. Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaa irraati. Kaayyoon asoosama tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafi ijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan, hogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan eeggate ta’a; guddina afaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa ka’uudhaan kan gegeeffame yoo ta’u, asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitiifi dibaa ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaa asoosamoota eeraman ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu yoo, Kaayyolee gooreen immoo asoosamoota lamaan keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaanii jiru, akbarruu isaanii, walsimsiistota/ literary techniques/ asoosamoota kanaa sakatta’uun ibsuufi asoosamoonni lamaan kunneen ija yaaxina bifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbira qabuun agarsiisuudha. Malli qorannoo kanaa xiinxala barruu yoota’u, Kitaabilee tooftaa iddatteessuu kaayyeeffataatiin filataman kanneen keessaa ragaan funaaname, qabxilee kaayyoo gooreefi yaaxina qorannichi bu’uura godhateen walsimsiisuun xiinxalli taasifame akka agarsiisutti, kitaabonni lamaanuu wantoota asoosama tokko asoosama taasisan of keessaa kan qabaniifi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan ibsaman kan guutan ta’anii mul’atu. Gama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni Burreen Bifa Tokkoo Mitii haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u, asoosamni dibaas yoomessi, namfakkiifi waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kan keessatti mul’atuudha. Dubbiiwwan qolaa, jechamootaafi mammaaksonni filannaa jechootaa barruu asoosamootaa kanneen keessatti kan hammataman yoo ta’u, dhimma ibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’aniifi eenyummaa namfakkiiwwan seenaa asoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimani. Ijaarsa himootaa keessatti irra deddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan taasifame, yaada ibsamu sanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama dibaa keessati bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u, asoosama Burreen Bifa Tokkoo Mitii keessattis darbee darbee faayidaa irra ooleera. Kunis barruu asoosamootaa kanneeniif miidhagina ta’eera. Gama duraaduuba jechootaatiin wayita ilaalaman, seera afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwan barruu/ walsimsiistota/ asoosamoota kanneen keessatti dhimma itti bahame yoota’u, qindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonni kunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’un walbira qabamanii yoo ilaalaman walfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Karaa biraatiin, namfakkii olaanaa asoosama Burreen Bifa tokkoo Mitii kan taate Ayyaantuu Bariin bareedina ishee irraa kan ka’e rakkina adda addaatiif saaxilamuu ishee seenaa asoosamichaa irraa kan hubatamu yoo ta’eyyuu, akkaataa kalaqqii gama bifa isheetiin jiruun garuu, bareedinni jedhame osoo sirriitti hin mul’atiin hafeera. Kana malees, irra deddeebiin jechootaa hin barbaachifne kan asoosama kana keessatti mul’atu, miidhaginni barruu kanaa guutuu akka hin taaneef gufuu ta’eera. Haaluma walfakkaatuun asoosama dibaa keessattis hanqinaaleen tokko tokko kan mul’atan yoo ta’u, qindoomina seenaa, jaargocha, rakkoo waljijjiirraa ija seenessaafi kalaqqii namfakkii Foozii gama dubbii isheetiin jiru, isaan gurguddoodha. Dogoggora qubeefi sirna tuqaalee asoosamoota lamaanuu keessatti uumamaniifi kanneen biroos yaada furmaata ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjin yaboo keessatti ibsamaniiru.

Description

Keywords

Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa

Citation