Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi Wayitii Barnootaa: Xiyyeeffannaan Mana Barumsa Qophaa’ina Limmuu

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannichaa walsimannaa qabiyyee barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi wayitii barnootaa, haala mana barumsa qophaa’ina Limmuu xiinxaluudha. Adeemsa kana keessatti ragaa walitti qabuuf barsiisota 2, suuppervaayizera 1fi barattoonni 126 akka iddattootti filatamanii jiru. Kana raawwachuuf immoo qoratichi mala qorannoo ibsaatti dhimma ba’e. Odeeffannoos sakatta’a dookumentii, bar-gaaffiifi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabateera. Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman. Bifuma Kanaan, walsimachuu dhabuu qabiyyee barnootaafi wayitii barnootaa, rakkoon qabiyyeen barnootaafi wayitiin barnootaa bifa qindaa’een silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataa keessatti dhiyaachuu dhabuu, qabiyyeen barnootaa hin xumuramiin hafuufi wayitii sababa garaagaraatiin gubuun barsiifata ta’uudha. Maddi rakkoo kanneeniis, qabiyyeen bal’achuufi wayitiin xiqqaachuu, silabasii, qajeelchi barsiisaafi kitaabni barataa qabiyyee qindaa’eefi yeroo itti barsiifamu qabu qabatee mana barumsaatti argamuu dhabuufi xiyyeeffannoon gosa barumsa kanaaf kan hin kennamne ta’uu sakatta’amee jira. Rakkoolee kanaafi furmaatni ogeeyyiin afaanii keessumattuu kanneen meeshaalee barnoota Afaan Oromoo qopheessan qabiyyeefi wayitii walsimsiisuun qopheessuu, silabasiin, qajeelchi barsiisaafi kitaabni barataa bifa qindaa’een qophaa’uun mana barumsaatti argamuufi Waajjirri barnoota Aanaa, hooggantootni mana barumsaafi barsiisonni mana barumsaa gosa barnoota kanaaf akkuma gosa barnoota biroo xiyyeeffannoo kennuun wayitiin gosa barnoota kanaa qixa sirriin akka hojiirra ooluuf hojjechuu qabu.

Description

Keywords

Walsimannaa Qabiyyee Barnoota Afaan Oromoo

Citation