Qaaccessa Fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa Jaarsummaan Furuu Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccessa fayyadama Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa jaarsummaan furuu Godina Arsii Lixaa haala Aanaa Dodolaa’’ jedhu keessatti haalli fayyadama afaanii maal akka fakkaatu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahee jira. Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, afgaaffii, waraabbii, daawwannaa, marii gareefi yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Kana malees qorannichi haala dhiyeenyaa jaarsonni araaraa fayyadaman ni ibsa.Waraqaan kun bu’aa qaaccessa fayyadama afaanii jaarsummaa mala karaa aadaatiin waldhabdee furuu Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa kan xiyyeeffate waan ta’eef, bu’uuruma kanaan aanaa kana keessatti battalli dubbii jaarsummaa shan ilaalaman keessaa sadi irraa ragaaleen karaa maloota funaansa odeeffannoo armaan oliitiin guuraman mala maleenyaa xinaadaa (socio cultural approach) tiin qaacceffamaniiru. Bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, adeemsi sirna fayyadama afaanii jaarsummaa caasaa yaa’a dubbii (caacculee) dhaabbataa mataa isaa kan qabu ta’ee, hariiroo dubbii isaanii keessatti ga’een abbaa murtee olaanaa ta’uufi jaarsonni waldhabdee furuuf tooftaawwan araaraa adda addaa kan fayyadaman ta’uu isaati. Kana malees, qabiyyeewwan dubbii jaarsummaa kanneen akka dubbii jalqabuu, eebbaa, cokaa, gungumaafi araaraa jaarsummaa duraa duubaan kan dhiyaatan ta’uun qaama argannoo kanaati. Dabalataan, namoota waldhabanii miira aarii cimaa keessa galan tooftaa fayyadama afaanii kanneen akka ibsootaafi mammaaksotaa fayyadamuun araara kan buusan ta’uufi kun ammoo guddina aadaafi afaan Oromoo keessatti gumaacha mataa isaa kan qabu ta’uu isaati. Inni biraan, dubbiin jaarsonni seeraan fudhatanii battala qabatanii hindubbatin fudhatama kan hinqabdu. Jaarsonni waldhabdee naannoo isaanitti uumamte waan safeeffataniif callisanii kan hinilaalleefi fixaa waldhabdee kanaan duraa akka muuxannootti fudhatanii araara buusu. Bu’uuruma kanaan dhimmoonni argannoo armaan olii keessatti ka’an nagaafi tasgabbii hawaasa naannichaa keessatti buusuun cinatti, gama hawaas-diinagdee ummatichaa keessatti yeroofi qabeenya isaanii osoo hinqisaasessin waldhabdee isaanii waan furataniif qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo itti kennuun osoo jajjabeesseen yaboo qorannoo kanaati.

Description

Keywords

Afaanii Waldhabdee Abbaafi Ilmaa Jaarsummaan

Citation