Adeemsa Raawwii Gumii Me’ee Bokkoo Marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii

No Thumbnail Available

Date

2024-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa, adeemsa raawwii Gumii Me’ee Bokkoo marsaa 75ffaa Gadaa Oromoo Gujii Xiinxaluudha. Qorannoon kana galmaan ga’uuf, kitaabileefi barruuleen adda addaa sakatta’amaniiru. Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti ba’aman kaayyoo qorannichaa bu’uureffachuun yoota’u, qorannoo mala ibsaandhiyaatedha. Kaayyoo irratti hundaa’ee qorannoo bu’uurati. Maddi ragaalee qorannichaa Abbaa Gadaa, Hayyuu seenaafi qorattoota sirna Gadaa Oromoo Gujii, akkasumas warreen jila Baalli walharkaa fuudhinsa Gadaa Gujii marsaa 75 ffaa irratti argamaniidha. Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, daawwiifi marii gareeti. Malli xiinxala ragaalee mala akkamtaatti dhimma ba’uun kan qoratamedha. Gama argannoo qorannoo kanaan immoo, Maalummaan Gumiin Me’ee Bokkoo adda baafameera. Innis Yaa’ii Gadaa Oromoo Gujii biratti bakka ardaa jilaa Me’ee Bokkoo jedhamutti waggaa saddeet saddeetin lallaba seerafi baallii walharkaa fuudhuuf dhimma itti ba’aniidha. Bakkifi haalli adeemsa Gumii Me’ee Bokkoo waan hedduu kan ofkeessaa qabuufi adeemsi isaa guyyaa Gumiin Qacha ijaaruu irraa hanga gumii teessisuun seerota adda addaa lallabuun argannoo qorannoo kanaati. Seeronni Gumii Me’ee Bokkoo lallabus seera gooroo, aadaafi seera jechuun akka qoodamaniifi isaanis maal jechuu akka ta’e adda baafamuu danda’eera. Akkasumas raawwiwwan tokko tokko kan jijjiramaniifi kan fufaan yoo ta’uu, warreen jijjiiraman maal akka ta’aniifi sababoota jijjiiramaniif adda baafamaniiru. Haa ta’u malee, tokkoon tokkoon seerota gumiin lallabdufi seerota ammayyaa biyyoonni adda addaa ittin bulan keessaa kamtu caalatti amala dimookiraasii walabaa akka ta’e osoo qoratameen yaboo qorannoo kanaati.Kana malees, wantoonni jila irratti jijjiiramaniifi fufan addatti qorannoo waan barbaaduuf yaboo qorannoo kanaa ta’a.

Description

Keywords

Citation