Duudhaa Fi Nageenya: Duudhaa Gondoroo Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuu Gujiifi Gede’oo Gidduutti Raawwatamu

No Thumbnail Available

Date

2024-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun raawwii duudhaa Gondoroo araara nama dhuunfaaatiif raawwatamuufi akka gareetti Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf raawwatamu xiinxalee ibsuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan hawaasni Gujiifi Gede’oo raawwii Gondorootiin akkamiin waldhabdee dhaabee nagaa akka buusu, adeemsota raawwiin Gondoroo keessa darbuufi gochaalee duudhaa adeemsa raawwii keessatti raawwatamaniifi hiikkaa galumsaa qaban ibsameera. Akkasumas itti fufinsaafi jijjiirama raawwii Gondoroofi dhaabbilee duudhaa hawaasaa Gujiifi Gede’oos gadi fageenyaan xiinxalameera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi marii gareefi kuusaa galmee aadaa kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan Gujii irraa hayyuu 7 fi Gede’oo irraa hayyeechaawwan 4 tooftaa iddetteessuu kaayyootiin filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Waraabbii Raawwii Gondoroo 2010 ALI Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatames akka madda lammaffaatti itti fayyadamamee jira. Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti Gujiifi Gede’oo gidduutti Gondoroon waldhabdee dhaabee nagaa buusuu kan danda’uuf kuusaa beekumsa hawaasni Gujiifi Gede’oo waliin qoodatan waan ta’eef ta’uu hubatameera. Beekumsa hawaasaa Gujiifi Gede’oo keessatti “obboleessa obboleessa hinajjeesu; hoo akka tasaa ajjeese Gondoroo qaba” yaanni jedhu hawaasa lamaan biratti bifa walfakkaatuun ilaalama. Raawwiin Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatamu adeemsota Walgahuu Abbootii gadaa, falachuu, araara gochuufi sirna raawwii Gondorootiin mirkaneeffachuu qaba. Raawwii Gondoroo Gujiifi Gede’oo keessatti qaamoleen duudhaa hirmaatan Abbaa Gadaa, Qaalluu, Hayyuu gosaa (hayyeechaa) fi wayyoo (Gede’uffaan damee afuuraa) fi Waataan faloo qaluuf hirmaata. Gujiifi Gede’ootti dhaabbileen duudhaafi qaamoleen duudhaa raawwachiisan itti fufaniiru; duudhaan Gondoroos raawwiifi barnoota aadaa umuriidhan gahee taphatamuun dhalootaa dhalootatti darbuu itti fufee jira. Muuxannoo Gujiifi Gede’oo kana akka fakkeenyaatti fudhachuudhan sabaafi saba gidduutti waldhabdee daangaafi eenyummaan uumaman furuuf duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Dhaabbileen barnootas duudhaa nagaa buusuu hawaasni waliin qabu qabiyyee barnootaa keessatti dhiyeessuun osoo barsiisanii walooma hawaasaa eeguuf baayyee fayyada. Jechoota Ijoo: Duudhaa, Waldhabdee, Nagaa Buusuu, Gondoroo, Gujii, Gede’o

Description

Keywords

Citation