Fooniifi Dhiga Sirnoota Oromoo Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Keessatti
No Thumbnail Available
Date
2024-09
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon Qorannoo kanaa bakkaafi haala itti fayyadama Fooniif dhiiga Sirnoota Oromoo Tuulamaa adda addaa keessatti maaliif yoom akka itti fayyadamamu ibsuuf yoo ta‟u Qorannoo kanageggeessuuf qorataa kana wanti kakaase sirnoota Oromoon Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujjeetti raawwatu keessatti mallattoo maaliitiif maal agarsiisuuf fooniif dhiigni akka barbaachisaniifi sirnoota kam kam keessatti akka itti fayyadaman ibsuudha . Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Malli iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf kitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta‟amaniiru. Adeemsi ragaa ittiin funaanname afgaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeetti beekamaa ta‟an irraa funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraan deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee afgaaffiifi marii gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun Sirnoonni Oromoon Tuulamaa ittiin beekamu maal maal akka ta‟aniifi sirnootni sun immoo hidhata isaan Fooniif dhiiga waliin qaban adda bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu‟aan/argannoon qorannoo kanaaS Sirnoonni Oromoo Tuulamaa biratti beekamoo ta‟an hedduun isaanii Fooniifi dhiiga waliin hidhata akka qabaniifi Sirnoota Sana keessattis mallattoo walitti dhufeenya namaaf Uumaa ,Namaaf namaa, Akkasumas Uumaaf Uumamaa ta‟anii akka tajaajilan duraa duubaan argannoo jalatti tarreeffamanii jiru.Akka yaboottis yaanni dhiyaate qaamani dhimmi kun isaan ilaallatu utuu furmaata itti kennanii kan jedhus eeramee jira.