Xiinxala Adeemsa Sirna Raawwii Kabaja Hulluuqqoo Oromoo Sadeen Sooddoo: Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Tolee
No Thumbnail Available
Date
2024-10
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Xiinxala Adeemsi Sirni Kabaja Ayyaana Hulluuqqoo akkuma duudhaalee ummata Oromoo yeroofi safuu isaa eeggatee raawwatamaa tureera. Akka mata duree kanarratti qorannoo gaggeessuuf kan qorataa kakaases, naannoo mata duree qorannoo kanaatti Sirni Hulluuqqoo kuni haala gaariin osoo kabajamaa jiruu gidduutti sababoota babal’ina amantiilee alaa dhufaniin osoo hinraawwatin hafuu isaatidha. Kun immoo aadaan madda araaraa, tursiiftuun safuu, waliin jireenyaa gaarii yookiin hawaasummaaf sababa guddaa ta’u kun akka dhaloota harkaa hinbanneef hanga dand’ameen dhaloota hubachiisuufi kan jiru akka itti cimuuf haala kan mijeesseedha. Qorannoowwan kanaan dura raawwatamaniin walutubanii kan gara fuulduraatti raawwatamaniif karaa ta’eera. Dhaloota dagatanillee akka yaadatanii waan ofii kanatti akka deebi’an taasisuudha. Adeemsi qorannoo kunis maddi ragaa hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’e ta’ee, namoota hulluuqqoo irratti beekumsa qaban mala eertuu dardaa dabarsaa irraa bifa afgaaffiitiin, bifa daawwannaafi marii gareetiin kan fudhatameedha. Haaluma kanaan, kitaabilee mata duree kanaan firoomina qaban kan sakatta’amanii, firiiwwan fookloorii keessaa raawwii jilaa bu’uureeffachuun akkaataa ayyaanichaa irratti hundaa’ee kan xiinxalameedha. Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaalee jiru bifa suuraatiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u raawwilee iddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman irraa kan argameedha. Gosootni raawwilee ayyaanichaas as keessatti xiinxalamanii jiru. Qorrannoo kana keessatti argannoowwan qorataan argate addemsa raawwii ayyaanichaa, afoola sirna kanarratti dhiyaatan, meeshaalee aadaa hiika isaanii waliiniifi yoomessi kun maaliif akka waktii Birraa filatame kan ifa baaseedha. Yaadonni furmaata qorannoo kanaatis qaamni dhimmi ilaalu viidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiiree, hayyoonni hawaasa keessa jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee dhaloonni bifa raawwii ayyaanichaa irraa baratamu taasisuudha. Akkasumas osoo jijjiirama bu’uuraa hin agarsiifne dhalootatti akka darbu ta’uu danda’uudha. Yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufii qabu akeekni ijoon taa’eera.
Description
Keywords
Sirni Kabaja Ayyaana Hulluuqqoo