Fayyadama Af-Heddumminaa Mana Barnootaa Dhuunfaa Magaalaa Buraayyuu Gafarsaa Giriin Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun fayyadama af-heddumminaa kan mana barnootaa dhuunfaa irratti xiyyeeffachuun haala mana barumsaa Gafarsaa Giriin Sadarkaa tokkoffaa keessa jiru kanxiinxaluudha. Qorannichaaf wanti ka’umsa ta’e yeroo garaa garaatti barattoonni afaan dhalootaa isaanii alatti afaan kanneen biroo baruufis ta’e itti fayyadamuu irratti ilaalchi dogoggoraa jiraachuufi sababa kanarraan kan ka’e af-heddummaa akka madda rakkootti ilaaluun waan mul’atuuf, hanqinaalee mul’ataniif furmaata kaa’ufi rakkooleen mul’atan immoo dhiibba hubannoo barattootaafi barsiisotarratti, adeemsa baruu barsiisuu keessatti uumuu danda’an adda baasuudha. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaaname immoo af-gaaffii barsiisotaafi barattootaa, bargaaffii barattootaafi daawwannaa daree barsiisotaafi barattoota irratti xiyyeeffatee taasifameeniidha. Odeeffannoon barattootarraa bar-gaaffiin argame mala hammamtaa fayyadamuun kan qaacceeffame yoo ta’u, kanneen af-gaaffii barattootaafi barsiisotaa, akkasumas daawwannaa daree taasisuun argaman immoo mala akkamtaan qaacceeffamanii jiru. Akka ragaaleen barattootaafi barsiisotarraa argameefi daawwannaa daree taasifameen hubatame mul’isanitti mana barumsaa qarannoon kun irratti taasifame keessatti ilaalchaafi hubannoo barattoonniifi barsiisonni af-heddummaa irratti qaban ilaalchisee ciminniifi hanqinni jiraachuun hubatameera. Haaluma kanaan akka argannoo qorannoo kanaatiin mana barnootaa qorannoon kun irratti geggeeffame keessatti barattoonni irra caalaan afaan dhalootaa isaanii cinatti afaanota kanneen biroo beekuufi itti fayyadamuu irratti fedhiifi hubannoo kan qaban ta’uu isaanii, akkasumas barattoonni muraasni ilaalchiifi hubannoon isaan af-heddummaa irratti qaban gaarii ta’uu dhabuurraan kan ka’e fayyadamuuf fedhii akka hin qabne ta’uusanii qorannoo taasifame kanarraa hubachuun danda’ameera. Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun qaamoleen kallattiin adeemsa baruu-barsiisuu keessatti qooda fudhatan, jechuunis barattoonniifi barsiisonni ilaalchiifi hubannoon isaan baruu-barsiisuu keessatti afaan hedduu gargaaramuun garaa garummaa ilaalchaa afaanota adda addaa irratti qaban furuufi af-heddummaa akka madda rakkootti ilaaluurra faayidaa inni qabu hubachuun itti fayyadamuufi waliin jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa akka qabu hubachuu itti fayyadamuu akka qaban akka yaada furmaataatti ka’amee jira.

Description

Keywords

Fayyadama Af-Heddumminaa Kan Mana Barnootaa Dhuunfaa

Citation