Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa Qanyii
No Thumbnail Available
Date
2018-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa qorachuudha.
Qorannoo kana gaggeessuufis ka’umsi, afseenaawwan namoota bebbeekamoo aanicha keessatti
beekamoo ta’an carraa qorannoo argachuun beekumsa afaaniin daddarbaa ture gara
barreeffamaatti jijjiiruun beeksisuufi jajjabeessuun itti fufiinsa akka qabaatu taasisuudha.
Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, malli qorannoo qorannicha gaggeessuuf hojiirra oole,
iddatteessuu miti-carraati. Tooftaa kana keessatti malli iddatteessuu kaayyawaafi eerumsaa
mala odeeffattootni ittiin filatamanidha. Ragaan mala afgaaffiifi marii gareetiin funaanamuun m
ala qulqulleeffataatii hiikamuun kan ibsamedha. Qabxiiwwan ijoo qorannicha keessatti
hammatamanis, afseenaa namoota bebbeekamoo aanichaa funaanuu, afseenaa funaaname
keessatti dhiibbaan sirna Nafxanyaa akkamitti akka mul’ate, haalli bulchitootni durii itti aangoo
waliif dabarsaniifi tooftaa waraanaa isaan fayyadamaa turan haala kamiin akka dhiyaate,
faayidaa afseenaan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa ibsuu keessatti qabu akkaataa kamiin
akka mul’atee kan jedhudha Haaluma kanaan, afseenni namoota beekamoo: Jijoo Boosoo,
Giddii Ginnaa, Yanfaa Guddataa, Mutuluu Laaftoofi afseenni namoota isaan waliin waa’een
isaanii ka’uu kan bira ilaalamedha. Gama biraatiin, sirni Nafxanyaa yeroo isaatti, amantii,
afaan, duudhaa, lafaafi qabeenya hawaasa Midaa irratti dhiibbaa taasisaa turuu isaati. Haala
kana keessatti, Tulluu Waaqeffannaa bataskaana dhaabuun, lafa horaa ‘Tsabala’ jechuun,
maqaafi amantii jijjiirsisuun olaantummaan amantii Ortodoksii, Afaan Oromoo Afaan
Amaaraan bakka bu’uun, maqaan ganamaa haqamee kiristinnaa ka’uuniifi laftiifi qabeenyi
saamamuun kan bira ga’amedha. Haala aangoo dabarsuu irratti, aangoon abbaarraa gara
ilmaatti sanyiifi hangafummaan kan darbaa tureefi darbee darbee Baabboofi Mida keessatti
fonqolchaan aangootti dhufuun kan mul’atedha. Haala waraana gaggeessuu keessatti immoo
yoo ollaa ta’an, darbatteefi farda waraanaan kan walgitan yoo ta’e walitti dhaammachuun
cimina isaanii ilaalu. Waraana fagoorraa yookaan nafxanyaa humna cimsatee dhufu yoo ta’e
garuu walitti araaramuun dhokatanii waraanu. Kana malees, ga’ee afseenaan gama
hawaasummaan aadaa, duudhaa, amantii, afoolaafi tokkummaa, gootummaa ibsuu, siyaasaa
keessatti qaama olaanaafi gadaanaan jiraachuu ibsuufi dinagdee keessatti uummatni Midaa
durirraa kaasee loon horsiisuufi lafa qotuun jireenya isaa gaggeeffachaa akka ture ibsuu
keessatti qabu daran olaanaa ta’ee mul’ateera. Faayidaa afseenaa kana itti fufsiisuuf immoo,
Waajirri Aadaafi Turizimii qorannaa bal’aa gaggeessuuf qophii osoo ta’e, Bulchiinsi Aanaafi
Dhimmootni Koominikeeshinii deeggarsa maallaqaafi ogummaa taasisuun osoo maxxanfamee
dubbisuuf mijataa ta’ee, manguddoonni odeeffannoo kennuu danda’an dhimma kooti jechuun
hirmaannaa isaanii cimsuun ammallee osoo itti fufee, barattootni seenaarraa baranii, akkuma
Mutuluu Laaftoo, Jijoo Boosoofi Yanfaa Guddataa seenaa hojjechuuf seenaa qorachuurraa
duubatti osoo jechuu baatanii filatamaadha.