Bifiyyee Fi Qabiyyee Weedduu Jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu: Ija Siyaas Diinagieen Ilaalcha Ummataa Xiinxaluu (Lufaafi Fufaa)
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Mataduree qorannoo bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu ija siyaas diinagdeen iaalcha ummataa xiinxaluu jedhu keessatti gabaabinaan kan dhiyaatan: akka kamusaatti, weedduun jaalalaa damee afoolaa waan ta‟eef afaaniin darbaa kan tureefi darbaa kan jiru ta‟ee,gama adda addaan dhiibbaa keessa kan tureefi dhiibbaa keessa kan jirudha. Qorattuunis dhimmuma kana bu‟uura godhachuun bifiyyeefi qabiyyee weedduu jaalalaa irratti xiyyeeffachuun qorannoo kana geggeessite.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa bifiyyeefi qbiyyee weedduu jaalalaa ija siyaas diinagdeen ilaalcha ummataa xiinxaluudha Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf mala qorannoo akkamtatti dhimma ba‟ame.Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba‟ames mala akkayyoofi darbaa dabarsaati. Malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee turan. Boqonnaa arfaffaa keessattis ragaaleen bifa af-gaaffii ,marii gareefi daawwannaan funaanaman xiinxalamaniiru. Xiinxala qorannoo kanaa keessattis maalummaa weedduu jaalalaa, gosoota weedduu jaalalaa kanneen akka, jaalala dhiiraafi dubara gidduu jiru, jaalala haadhaa, jaalala abbaa, jaalala obboleessaa jaalala gootaafi biyyaa ija siyaas diinagdeetin yaaxina haalawaa, yaaxina faay‟idaafi yaaxina bifeessummaarratti hundaa‟uun bifa bifiyyeefi qabiyyee isaaniitiin xiinxalamaniiru. Weedduun jaalalaa miira maraarfachuun waan jaalatan tokko qalbiifi miira jaalalaan guuteen leellifachuu kan ibsuufi dhamsawwan garaa garaa kan dabarsuudha. Yoomessi weedduu jaalalaa daanga‟aa kan hintaane ta‟uu isaa. Weedduun jaalalaa kan weeddisaan ykn weeddiftuun waan jaalatan sana hawwachuuf leellisuun garaa booressuun gara yaada ofiitti fiduuf kan weeddisanfi dhimmota adda addaa kan itti ibsatan ta‟uu,weedduun jaalalaa,badaa hurruubbii kan hin qabne, sadoommii garaa garaan kan ofkeessatti ammatu ta‟uu, duudhaafi safuu hawaasichaa kan calaqqisiisu,maleen dubbii garaa garaa kan dhiyaatu ta‟uu akkasumas kan wellisaan hirmaattoota ykn qooddattota malee qofaa isaa kan raawwatu ta‟uun isaa qaacceffameera. Dhumarratti cuunfaa,argannoofi yaboon qorannichaa dhiyaataniiru.