Afseenaafi Afwalaloo Warra Jiddaa: Ija Afoolessaafi Seengooreetiin

No Thumbnail Available

Date

2025-01-02

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa mata duree Afseenaafi Afwalaloo Warra Jiddaa: Ija Afoolessaafi Seengooretiin xinxaaluu dha. Kaayyoon qorannichaas afwalaloofi afseenawwan warra Jiddaa, seenaa namoota beebbeekamoo bu'uureffachuutiin, ragaalee afgaaffii, marii gareefi sakattaha barruu jiran irraa guuraman ija afoolessaafi seengooreetiin xiinxaluudha. Kahumsa qorannichaas, afseenaafi afwalaloo Warra-Jiddaa keessatti namooti bebbeekamooniifi kanneen dhaloota lafaa-dhufaatiif fakkeenya gaarii tahan hin qoratamin jiraachuu; qorannoofi quwannoon akka kanaas mala qorannoofi yaaxxina qorannoo afoola Oromootiif gumaacha tahee utuu jiruu gama kanaan qaawwi jiraachuufi qorannoo kana fakkaatuuf xurree kaahuun dha. Gaaffileen bu‟uraa qorannichaa, Afwalaloofi Afseenaan namoota bebbeekkamoo Oromoo Salaalee Naannawaa Jiddaa keessatti himaman ija afooleessaafi seengooreetiin maal fa‟i? Afwalaloofi afseenaan Oromoo Jiddaa namoota bebbeekkamoon wal walqabatanii dhihaatan ga‟ee maalii qabu? Namoonni bebbeekkamoon Oromoo Salaalee warra Jiddaa hiddi latiinsa isaanii maal fakkata? kan jedhanii dha. Odeeffannoon madda adda addaa kallattii garaagaraa irraa meeshaalee funaansa odeeffannoo armaan olitti heeramaniin walitti qabaman mala akkamtaatiin qoqqooduutiin boqonnaa afur jalatti xiinxalamanii jiru. Argannoo seenaan namoota hedduu karaa irraa maqee yookiin seenaan isaanii iddoo itti dhalatanii sirnaan kan hin barreeffamne ta‟uu, seenaan gootata hedduu hojiin isaanii dhokachuufi dagatamaa dhufuu, seenaan namoota hedduu inni sirrii hin taane sabqunnamtii adda addaafi kitaabilee barnootaa sirna barnootaa haaraa keessatti maxxanfamaa jiraachuu, seenaana namoota hedduu hojiin isaanii akka ifatti bahu moggasni dhaabbilee garagaraa, daandiifi iddoo addaddaatti kan hin moggaafamne ta‟uu, Afwalaloo naannawaa Jiddatti beekkaman hedduun isaanii ergaa garaagaraa qabaachuu, seenaan nammota beebbeekamoo tokko tokko mannneen barumsaa maqaa isaaniitiin moggaafamuu, hiddi latiinsa namoota bebbeekkamoo tokko tokko kan dagatame ta‟uu, qorannoon namoota bebbeekkamoofi seenaan isaanii sirnaaan barreeffameefi qindeeffamee kan hin jirre ta‟uu, afwalaloowwan naannoo Jiddaa keessatti Afaan Oromootiin kan hin barreeffamneefi yaadannoon yeroo adda addaatti namoota bebbeekamoo saniif taasimamu kan hin jirre ta‟uu isaa ti. Akka yaada furmaataa qorannichaattis rakkoowan eeraman sun kallattiima argannoon agarsiisuun adeemsa keessa akka furaman kallattiin kaahameera.

Description

Keywords

Citation