Faaruu Shimalaa Dhiichisaa Keessaatti Ija Xiinwalaloo Naannoo Hawaasa Aanaa Warra Jaarsoottiin

No Thumbnail Available

Date

2021-03-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu shimalaa dhiichisaa keessatti ija xiinwalaloo naannoo hawaasa aanaa Warra Jaarsoo maal akka fakkaatu qo’achuudha.Kaayyoo kanaas galmaan naaf ga’a jedhee malli iddattoo qorannichaas kan filataman,mala miti carraa kaayyeeffataafi iyyaafannoon namoota waliin afgaaffiifi Marii gareetiin adeemsifameera.kanaa malees,qorataan qorannoo kanaa,bakka dhiichisni jiruttiargamuun yoomessa uumamaa keessatti daawwannaa ggeessuun,dabalataanis,namoota dhiichisa irratti hirmaataniifi daawwatan waliin afgaaffii gaggeessuun odeeffannoo funaannateera.Yeroo daawwannafiafgaaffiin adeemsiffamu kanaas odeeffannoofunaannuuf maloota waraabbiisuursagaleefiuunkadaawwannaa (check list) guutuu nodeeffannoon barbaachisu walittiqabameera.Kana malees WaajjiraAadaafi Turizimii aanichaa dhaquun odeeffannoo argachuuf yaaluilleewaajjirrikunwaanshimalawalqabatu hanga har’atti wanti hojjetame hin jiru garuu garafuundurattikarooraakkaqabanodeeffadheera.Ragaaleenmaloota armaan olii kanaan walitti qabaman kanneen;yaaxxina haala,yaaxxina uummama naannoo/ecocritism/fi Yaaxxina naannoo faarsuu/ecopoetics/fayyadamuunmataduree garagaraa jalatti qoqqoodamaniiru.Itti aansuun,mala qorannoo qulqulleeffataattigargaaramuun,yaaxxina haala,yaaxxina ummama naannoofi yaaxxina naannoo faarsuu itti fufiinsaa bu’uura godhachuun odeeffannoowwan kunniiqaacceffamaniiru.Adeemsa qaaccessa ragaalee kana keessatti uummanni aanaa sanaa dandeettii kalaqaafi falaasamaa seenaa,duudha a,safuufi ilaalcha naannoo isaaniitii qaban dhiichisaa ibsachuu akka danda’an irra ga’ameera.Walumaagalatti, firiin qorannoo kanaa, uummata Oromoo Godina Shawaa Kaabaa yookaansalaale kan aanaa Warra Jaarsoo keessatti dhiichisni haalotii garagaraa kan akka siyaasaa,amantii,hawaasummaafi aadaa keessatti kan tajaajiluudha.Haalotii kanneen keessatti,ergaawwaanakkaonnachiisuu,balaaleffachutoo’achuu,walgorsuu,faarsuu/jajuu/kutannoon,barsiisuu,qeequfi quuqaa baafachuu of keessaa qaba.Dabalataanis, dhimmootii irratti xiyyeeffatanii dhiichisanirratti hundaa’ee hurruubummaan dhiichisaa garaagarummaa kan qabuudha. Kana jechuunis,akkaataan hurrubummaa kan kabaja sirna amantii Ortodooksiifi waaqeffannaa qaalluu tokkoomiti.Akkasumas,hurrubummaan dhiichisa xiiqiifi kan yeroo hojii haamaa gargariidha.Kanaaf,firiiwwan dhiichisaa kana bu’uura godhachuun dhimmi dhiichisaa kun dhimma kalaqaafifalaasa Oromoo waan ta’eefi dandeettii afaanii afran barsiisuuf akkuma goorowwan afoola biroo ga’ee guddaa waan qabuuf, qophii kitaaba barnootaa keessatti qophaa’ee yoo ittiin barsiifameefi ittiin baratame kalaqnifi falaasamni uummatichaa dabalaa akka deemuu danda’u; akkasumas,qaamni dhimmi kun ilaallatu afwalaloo dhiichisaa gara barreeffamaatti jijjiiranii maxxansuufisuursagaleen dhiichisawaraabanii olkaa’uun dhaloota dhufuuf akka dabarsan yaadni furmaataa kennameera

Description

Keywords

Citation