Asoosama Dhiigni Dhiiga Hin Dhabu Yaaxina Diiganii Ijaaruun Qeequ
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Asoosama dhiigni dhiiga hin dhabu yaaxina diiganii
ijaaruutiin qeequdha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama barreessitootaatiin
qeeqa asoosamaarratti taasifame laafaa ta’uufi qeeqni asoosama guddina ogabrruuf
bu’uura ta’uufi yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun qorattootaan xiyyeeffannoo kan hin
arganne ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoo kana
gaggeessuuf yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun xiyyeeffannoo qorannoo kanaati.
Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataatti
dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee tokkoffaa
asoosama filatamedha. Malli asoosamni filatame kun ittiin qo’atames mala xiinxala
sakatta’a barruu fayyadamuun adeemsifame. Akkuma bu’aawwan qorannicharraa
argameetti: jaalala/ jibba, gabrummaa/ bilisummaa, hiyyeessa/ dureessafi barachuu/
barsiisuu yaada walii faallaa ta’anidha. Dhimmoota diiganii ijaaruu hawaasummaatiin
jireenya karaarra jiraachuu keessatti hawasummaan jiraatus, bakkichi dhaabbataa waan
hintaaneef gara mana godhatanii jiraachu keessattti hawaasummaan kan jiru ta’uun
hubatameera. Diiganii ijaaruu diinagdee dhabuun akkuma jiru, argachuun jiraachuusaa
haalaan hubatameera. Dhumarratti, qorattoonni dhiibbaan diiganii ijaaruu oguma keessa
akka jiru hubachuun qeeqa akka gaggeessaniif, gooroowwan oguma keessaa yaada walii
faallaawwanii, dhimmoota hawaasummaafi diinagdee adda baa’anii jiru.