Asoosama Dhiigni Dhiiga Hin Dhabu Yaaxina Diiganii Ijaaruun Qeequ

dc.contributor.advisorDastaa Dassaaleny (PhD)
dc.contributor.authorTashoomaa Araarsaa
dc.date.accessioned2024-01-02T08:44:39Z
dc.date.available2024-01-02T08:44:39Z
dc.date.issued2021-11
dc.description.abstractKaayyoo gooroon qorannoo kanaa Asoosama dhiigni dhiiga hin dhabu yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequdha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama barreessitootaatiin qeeqa asoosamaarratti taasifame laafaa ta’uufi qeeqni asoosama guddina ogabrruuf bu’uura ta’uufi yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun qorattootaan xiyyeeffannoo kan hin arganne ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoo kana gaggeessuuf yaaxina diiganii ijaaruutiin qeequun xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataatti dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee tokkoffaa asoosama filatamedha. Malli asoosamni filatame kun ittiin qo’atames mala xiinxala sakatta’a barruu fayyadamuun adeemsifame. Akkuma bu’aawwan qorannicharraa argameetti: jaalala/ jibba, gabrummaa/ bilisummaa, hiyyeessa/ dureessafi barachuu/ barsiisuu yaada walii faallaa ta’anidha. Dhimmoota diiganii ijaaruu hawaasummaatiin jireenya karaarra jiraachuu keessatti hawasummaan jiraatus, bakkichi dhaabbataa waan hintaaneef gara mana godhatanii jiraachu keessattti hawaasummaan kan jiru ta’uun hubatameera. Diiganii ijaaruu diinagdee dhabuun akkuma jiru, argachuun jiraachuusaa haalaan hubatameera. Dhumarratti, qorattoonni dhiibbaan diiganii ijaaruu oguma keessa akka jiru hubachuun qeeqa akka gaggeessaniif, gooroowwan oguma keessaa yaada walii faallaawwanii, dhimmoota hawaasummaafi diinagdee adda baa’anii jiru.
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1373
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.titleAsoosama Dhiigni Dhiiga Hin Dhabu Yaaxina Diiganii Ijaaruun Qeequ
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Tashoomaa Araarsaa.pdf
Size:
1007.66 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: