Afseenaa Iddoowwan Seena-Qabeessa Aanaa Tolee

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Dhagaa Dhaabbii Harmuufoo Sooleefi Iddoowwan Seenaa aanaa Tolee xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf ka‟umsi afseenaan dhagaa dhaabbii kanaafi iddoowwan seenaa aanittii keessatti argamanii carraa qorannoo argachuun raga barreeffamaa qindeessuun qabeenyawwan kanneen beeksisuufi kunuunsi qabeenyawwan kanneenii hawaasa biratti bifa tureen akka itti fufu taasisuufidha. Caalaattimmoo, afseenaawwan dhagaa dhaabbii Harmuufoo Sooleefi iddoowwan seenaa aanittii keessatti argamanii walitti qabuun addeessuu; faayidaa isaanii ibsuu; bobbocawwan dhagaa kanarratti argaman mul‟istuu maalii akka ta‟an ibsuu; fakkeenyummaa maaliitiif akka bocaman agarsiisuufi hubannoon hawaasaa maalirra akka jiru ibsuudha. Odeefkennitoonni qorannoo kanarratti hirmaatan jaarsoliifi hojjattoota waajjira aadaafi turiziimii aanaa Tolee keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatiin filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oolu funaanufis afgaaffii, daawwannaafi marii gareetti gargaramee jira. Ragaaleen malleen kanneeniin funaanamanis mala akkamtaatti gargaaramuun akkaataa kaayyoo gooreetiin qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan argannoon qorannoo kanaas dhagaan dhaabbii Harmuufoo Soolee kandhaabbate bakka jireenya ilmaan Oromoo Sooddootti akka ta‟eefi kandhaabbataniifis yaadannoo awwaala namoota du‟anii agarsiisuuf akka ta‟eefi dhagaan sadi walqixxaatanii lafa olkaa‟aarratti dhaabaman immoo bakka araaraafi bakka taa‟anii seera muraniifi marii gara garaa itti gaggeessan akka ta‟edha.Afseenaan holqawwan aanicha keessatti argamaniis bakka uummanni Oromoo keessa jiraachaa turanii kanibsaniidha. Siidaan Baalchaa Saafoo immoo Baalchaan kan du‟e aanittii keessatti waanta‟eef yaadannoo isaa agarsiisuuf kandhaabbate akka ta‟edha.Walumaa galatti argannoo qorannoo kanaarratti hundaa‟uun yaadni akka yabootti kaa‟ame jaarsoliin biyyaa, hojjattoonni waajjira aadaafi turiziimiifi namoonni dhimma kanarratti qorannoo gaggeessan hundi xiyyeeffannoo qabeenyawwan kanneeniif kennuun qabeenyawwan kanneen waraabuuniifi galmeessuun, akkasumas kunuunsa taasisuun hambaalee kanneen tursiisuun osoo dhaloonni haaraan akka irraa baratu taasifamee gaarii ta‟a.

Description

Keywords

Citation