Qaaccessa Afoola Fayyadamuun Afaan Oromoo Barsiisuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun qaaccessa afooola fayyadamuun afaan Oromoo barsiisuu kitaaba barnoota
afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti kan iyyeeffate ta’ee ka’umsi isaas afoolli kitaaba barnoota
afaan Oromoo kutaa 9ffaakeessa jiru hangam dandeettiwwan afaanii barsiisa kan jedhu
dha.Kaayyoon qorannoo kanaa. qaaccessa afooola fayyadamuun afaan Oromoo barsiisuu
kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa 9ffaa ti. Isuma kana immoo qorattuun malleen qorannoo
jalatti odeeffannoon madda jalaqaba sakkatta’a dookimentii afaan oromoo kutaa 9ffaa,Maddi
sadarkaa lammeffaa immoo af-gaaffii barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisanii
fibarattoota kutaa 9ffaa baratanitti dhimma baate. Barattoota kutaa salgeffaa hunda irraa
odeeffannoo guurrachuun waan hindanda amneef mala iddattoo kayyootiin barattoonni
kudhaafur akka hirmaatan taaniiru.Ragaan funaaname mala akkamtaatiin ibsame. Waantonni
xinxala kanaan adda ba’anis: Afoolli yeroo dhiyaatu baay’ina gosoota afoolaa keessaa kanneen
dandeettiwwanii fi hiika jechootaa, caaslugaa, duudhaa, safuu fi sirnoota adda addaa akka
barsiisuu danda’aniin of keessatti hammachiisun shaakala gahaa waliin dhiyaachuu akka qabu
adda baafameera.Qorattuun kun haaluma kaayyoosheetiin bu’aa qorannoo kanaa ta’anii kan
mullatan: Barattoonni afoola dubbisan keessatti jecha ulfaataa,yaadaafi fakkoommii hiika isaanii
beekuu irratti akka rakkisu adda baafameera.Afoolli Mana barumsaa keessatti barattoonni
dandeettiwwan afaanii karaa idilee ta'een akka isaan cimsataniif nigargaara. Keessattuu,
dandeettii dubbachuu dubbisuu,barreessuu fi dhaggeeffachuu daran akka cimsatan
taasisa.Dabalataanis Haala dhiyaannaa gilgaalota afoolan walqabatanii jiranirraa hubachuun
akka danda’ametti, akka waa madaalan, gochaan akka agarsiisan, galumsaan hiika akka kennan
akkasumas, gareen akka keessatti hirmaatanitti walsimsiisee dhiyeessuu osoo qabuu, kan irratti
xiyyeeffate,deebii afaanii kan barbaadan ,shaakala dhuunfaafi ibsa barattoonni akka kennan
kangaafatan ta’uun hubatameera. Haaluma kanaan afoola fayyadamanii afaan barsiisuun akka
gosa barnoota tokkotti osoo barsiifamuu qabuu mata duree muraasa jalatti qabiyyee dhidhiphaa
tiin kennamaajiraachuun hubatameera.Kanaafuu akka gosa barnoota tokkotti yoo ittiin
barsiifame kana caala bu’aa guddaa buusa yaada jedhu yaada haaraa qorannoo kanaan kan
argame dha.