Qaaccessa Afoola Fayyadamuun Afaan Oromoo Barsiisuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa
dc.contributor.advisor | Dinqeessaa Dheeressaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Mabraatee Gurmuu | |
dc.date.accessioned | 2024-02-15T11:32:12Z | |
dc.date.available | 2024-02-15T11:32:12Z | |
dc.date.issued | 2021-11 | |
dc.description.abstract | Qorannoon kun qaaccessa afooola fayyadamuun afaan Oromoo barsiisuu kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti kan iyyeeffate ta’ee ka’umsi isaas afoolli kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa 9ffaakeessa jiru hangam dandeettiwwan afaanii barsiisa kan jedhu dha.Kaayyoon qorannoo kanaa. qaaccessa afooola fayyadamuun afaan Oromoo barsiisuu kitaaba barnoota afaan Oromoo kutaa 9ffaa ti. Isuma kana immoo qorattuun malleen qorannoo jalatti odeeffannoon madda jalaqaba sakkatta’a dookimentii afaan oromoo kutaa 9ffaa,Maddi sadarkaa lammeffaa immoo af-gaaffii barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisanii fibarattoota kutaa 9ffaa baratanitti dhimma baate. Barattoota kutaa salgeffaa hunda irraa odeeffannoo guurrachuun waan hindanda amneef mala iddattoo kayyootiin barattoonni kudhaafur akka hirmaatan taaniiru.Ragaan funaaname mala akkamtaatiin ibsame. Waantonni xinxala kanaan adda ba’anis: Afoolli yeroo dhiyaatu baay’ina gosoota afoolaa keessaa kanneen dandeettiwwanii fi hiika jechootaa, caaslugaa, duudhaa, safuu fi sirnoota adda addaa akka barsiisuu danda’aniin of keessatti hammachiisun shaakala gahaa waliin dhiyaachuu akka qabu adda baafameera.Qorattuun kun haaluma kaayyoosheetiin bu’aa qorannoo kanaa ta’anii kan mullatan: Barattoonni afoola dubbisan keessatti jecha ulfaataa,yaadaafi fakkoommii hiika isaanii beekuu irratti akka rakkisu adda baafameera.Afoolli Mana barumsaa keessatti barattoonni dandeettiwwan afaanii karaa idilee ta'een akka isaan cimsataniif nigargaara. Keessattuu, dandeettii dubbachuu dubbisuu,barreessuu fi dhaggeeffachuu daran akka cimsatan taasisa.Dabalataanis Haala dhiyaannaa gilgaalota afoolan walqabatanii jiranirraa hubachuun akka danda’ametti, akka waa madaalan, gochaan akka agarsiisan, galumsaan hiika akka kennan akkasumas, gareen akka keessatti hirmaatanitti walsimsiisee dhiyeessuu osoo qabuu, kan irratti xiyyeeffate,deebii afaanii kan barbaadan ,shaakala dhuunfaafi ibsa barattoonni akka kennan kangaafatan ta’uun hubatameera. Haaluma kanaan afoola fayyadamanii afaan barsiisuun akka gosa barnoota tokkotti osoo barsiifamuu qabuu mata duree muraasa jalatti qabiyyee dhidhiphaa tiin kennamaajiraachuun hubatameera.Kanaafuu akka gosa barnoota tokkotti yoo ittiin barsiifame kana caala bu’aa guddaa buusa yaada jedhu yaada haaraa qorannoo kanaan kan argame dha. | |
dc.identifier.uri | https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1807 | |
dc.language.iso | or | |
dc.publisher | Addis Ababa University | |
dc.title | Qaaccessa Afoola Fayyadamuun Afaan Oromoo Barsiisuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa | |
dc.type | Thesis |