Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Browsing Oromo Language, Literature and Folklore by Author "Abdii Taayyee"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Xiinxala Jaargocha Asoosamaa Dheeraa Gaadii(Addis Ababa University, 2021-09) Abdii Taayyee; Filee Jaallataa( PhD)Qorannoon kun Xiinxala jaargochaa asoosama dheeraa gaadii irratti kan adeemsifameedhe. Kunis boqonnaa shanitti qoodamee kan dhiyaatedha. Innis boqonnaa tokko keessatti seensa, Seenduubee qorannichaa, Ka'umsa qorannichaa, Kaayyoo qorannichaa jelatti; kaayyoo gooroofi kaayyoo gooree qorannichaa daangaa qorannichaafi hanqina qorannichaa qabatee kan dhiyaateedha. Boqonnaa lama jelatti immoo sakatta'a barruu yaadrimeefi sakatta'a qorannoo walfakkiitu dhiyaate. Sakatta'a barruu yaadrimee jelatti ibsa ogumaa, maalummaa ogbarruu, faayidaa ogbarruu, gosoota ogbarruu, gosoota ogbarruu barreeffamaa, maalummaa asoosamaa, ibsa asoosama dheeraafi gabaaba, caacculee asoosamaa jranu, maalummaa jaargochaa, caasaalee jaargochaa kanneen akka saaxiala, olka'insa, bantimiir, sigigoo, furmaatafi qorannoowwan walfakiitu keessatti dhiyaate. Boqonnaa sadii keessaatti malaawwan qorannichaatu dhiyaate. Boqonnaa afur keessatti xiinxalaafi hiika ragaaleetu dhiyaate. Innis jaargochi asoosama dheeraa gaadii keessaa kanneen boqonnaa lama keessatti eeraman tokko tokkoon kan dhiyaataniidha. Boqonnaa shan keessatti yaadolee muraasa kanneen akka cuunfaa, argannoofi yaada furmaatatu dhiyaate. Walumaa galatti qorannoon kun boqonnaawwan shanitti qoodamee kan dhiyaatedha.