Oromo Language, Literature and Folklore
Permanent URI for this collection
Browse
Browsing Oromo Language, Literature and Folklore by Author "Abdataa Kumarraa"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Qaaccessa Waldhabbiifi Ergaa Asoosama Gindillaa.(Addis Ababa University, 2021-09) Abdataa Kumarraa; Asafaa Tafarraa (PhD)Qorannoon kun kaninni gaggeeffame qaaccessa waldhabbiifi ergaa asoosama dheeraa "Gindillaa" irratti. Kaayyoon qorannoo kanaa gosoota waldhabbii asoosama "Gindillaa" keessatti argaman isaan kam, kam akka ta‟an mul‟isuudha. Akkasumas, asoosamichi waldhabbiitti fayyadamee ergaa maalii dabarsuu akka barbaade agarsiisuudha. Dabalataanis, ammoo ergaawwan xixiqqoofi gurguddoo asoosamicha keessaa baasee agarsiisuudha. Qorannoo kana galmaan ga‟uuf malawwan qorannoo jiran keessaa, kan qorataan kun fayyadame, qorannoo bu‟uuraati. Haala dhiyeenyaa isaatiin immoo qorannoo ibsituu jalatti kan ramadamuudha. Maddi ragaalee isaa immoo kitaabilee waa‟ee ogbarruu kaasan toora tooraan ilaalanii katabuudha. Inni lammataa immoo kitaaba asoosamaa "Gindillaa" akka madda ragaa jalqabaatti. meeshaaleen funaansa ragaalee qorataan kun itti fayyadame, sanadoota addaa addaa sakatta‟uudhaani. Akkasumas, immoo tooftaan xiinxala ragaalee qorannoo kanaa yaad-rimee yookiin akkamtaadha. Argannoon qorannoo kanaa immoo barreessaan asoosamichaa waldhabbiitti fayyadamuun ergaa inni dabarsuu barbaade hubatameera. Waldhabbiin asoosama "Gindillaa" keessatti argamu asoosamichi sirriitti cimee gara fuula duraatti akka deemu qorannoo Kanaan bira ga‟ameera. Asoosamichi ergaawwan xixiqqoo fi gurguddoo inni of keessaa qabu maal akka ta‟e bira ga‟amee jira.