Qaaccessa Raawwii Sirna Daaccii Oromoo Godina Shawaa, Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat

dc.contributor.advisorNagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
dc.contributor.authorCaalaa, Girmaa
dc.date.accessioned2020-11-06T07:42:51Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:52Z
dc.date.available2020-11-06T07:42:51Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:52Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractQorannoon kun raawwii sirna daaccii irratti xiyyeeffata. Ka’umsi qorannoo kanaa inni ijoon aadaa, duudhaa, falaasama, haala jiruuf jireenyyaa dhaloota amma jiru kana haala qabatamaa ta’een sakatta’uudhaan dhugummaa isaa qabatamaatti beeksisuudha. Kana malees, hanga qoratichi argeefi dhagahetti mata duree kanarratti akka Aanaa Abuunaa Gindabaratitti mata duree walfakkaaturratti qorannoon gaggeeffame hin argine. Kaayyoon qorannichaa ammoo adeemsa raawwii sirna daaccii Oromoo godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat xiinxaluudha. Qorannoo kana galmaan ga’uuf, maddi ragaa maanguddoota dhimmoota daacci irratti hubannoofi muuxannoo qabaniifi ulabaheessa mala iddatteessuu miti-carraa ta’een darbaa dabarsaafi akkayyoon filatamani dha. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan ammoo malleen funaansa odeeffannoo keessaa afgaaffiifi daawwannaan walitti qabuun danda’ameera. Ragaalee roga garagaraa irraa malleen funaansa odeeffannoo armaan olitti eeramaniin walitti qabaman kunniin mala akkamtaa fayyadamuun qoqqoodamuun boqonnaa afur jalatti qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’uureffachuun argannoowwan jiran adeemsi raawwii sirna daaccii gulantaalee sadi keessa darbuun kan raawwatamu yommuu ta’u, gulantaa daaccii duraa keessatti guftee buqqifannaa, laaftoo murannaa, horii qalmaa qopheeffachuufi dhangaalee garagaraa qopheeffachuun kan raawwatamu yommuu ta’u, gulantaa yeroo daaccii baasuuu ammoo laaftoo dhaabbachuu, guftee kaawwachuu, dhibaayyuufi daddarbaa gaggeessuu, horii qalmaa handaaruu, qalmaafi meendhacha kaawwachuu fa’i. Daaccii booda ammoo guyyaa lamaaf ganama ka’anii waaqa kadhachuufi gaadii hirannaatu raawwata. Fakkoommiiwwan sirnicha keessatti mul’atan keessaa gufteen jiidha, nageenaafi soorummaan bakka buufama. Kana malees, coqorsi sanyii dheerachuufi ciminaan bakka buufama. Sirna kana keessatti dhibaayyuun guyyaa erga namoonni waamaman argamanii gaggeeffama. Dhibaayyuunis mata deebii kennaa waaqni isaanii kenne ittiin agarsiifatu. Jiijiirama jechuun wantoota kanaan dura sirnicha keessatti ittii fayyadamamaa ture, yeroo booda garuu wantoota biraatiin bakka buufaman jechuudha.Yaboon qorannichaa ammoo aadaa sirna daaccii hawaasichaan jaalatamaa ta’e kana yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee Waajjira Aadaaf Tuurizimii qofa osoo hin taane dammaqina hawaasa hundaa gaafata.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23057
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectOromo Languageen_US
dc.titleQaaccessa Raawwii Sirna Daaccii Oromoo Godina Shawaa, Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabaraten_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Girmaa Caalaa.pdf
Size:
1.31 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: