Qaaccessa Qabiyyee Qoricha Aadaa: Godiina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Irratt Kan Xiyyeeffate

dc.contributor.advisorNagaasaa, Mulgeetaa (PhD)
dc.contributor.authorTaaddasaa, Kitilaa
dc.date.accessioned2019-04-19T08:49:51Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-19T08:49:51Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractQorannoon kun mataduree “Qaaccessa qabiyyee Qoricha Aadaa: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Irratti Kan xiyyeeffate” jedhu irratti gaggeeffame. Ka’umsi qoranoo kanaas aanaa jedhame kana keessatti haala qophii isaarratti qabiyyee qoricha aadaa namaaf tajaajilu qaacceffamee ibsamefi haala saayinsaawaatiin gadifageenyaan qoratamee barreeffamaan kan taa’e dhabamuu isaati. Kayyoon qorannoo kanaa qabiyyee qoricha aada namaa aanaa jedhame kana keesatti qophaa’u qaaccessuu yoo ta’u, mata duree kana jalatti kan ilaalame: wantoota qorichi irraa qopheeffamu, yerootti qopheeffamu, eenyuun akka qophaa’u, of-eeggannoo taasifamuu qabuufi kkf.qaacceffamanii jiru. Qorannoon kuni yaaxina haalaawaafi yaaxina fayyadama bu’uura godhachuun kan gaggeeffamedha. Maddi ragaa qorannoo kana maddaa raga tokkoffaati. Hirmaattonni mala miti carraa ta’ee mala akkayyoofi mala hammargee filataman. Odeefkennitoota namoota qoricha aadaa qopheessuu beekan kudha- lama, namoota qoricha aadaa ittii fayyadaman kudha- lama af-gaaffiifi marii gareen odeeffannoo funaannachuun Amajjii tokkoo hanga Gurandhala sodoma bara 2009tti raawwatamee jira. Qrannoo kanan qorichoonni, biqiloonniifi wantoonni biroon kan uumamaan jiran waan ta’eef kunuunsa dhabuurraa kan ka’e badaa deemuu isaanii, namoonni ogummaa qoricha aadaa qopheesuu qaban muuxannoofi beekumsa isaanii dhaloota itti aanu barsiisuu dhabufi ittidabarsuuf fedhii dhabuu,namoota qoricha aadaa qopheessan haala qophii isaatiif hanga namaaf kennamurratti leenjii waan hinqabaannee namoonni ittiin miidhamuu, haala saayinsaawwaa ta’een ammayyummaa qabuun qoratamee hojiirra ooluurratti hanqinni jiraachuu,qorichi aadaa hamma faayidaa isaa kan gitu gatii dhabuurraa kan ka’e hawwaasa biratti xiyyeeannoon xiqaachuufi dhimmichi dhimma qaama barbaacisuun to’iifi hordofiin dhabamuufa’i. Yaboon rakkoowwan kanneenis biqilootafi wantoota qophii qoricha aadaaf tajaajilan osoo kunuusan gaarii ta’a. Akkasumas, namoonni qoricha aadaa qopheessuurratti ogumaa qaban dhaloota itti aanu osoo barsiisan bayeessa kan jedhu yaada furmaataa keessatti ibsamee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18072
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Qabiyyee Qoricha Aadaa: Godiina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Irratt Kan Xiyyeeffateen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Kitilaa Taaddasaa.pdf
Size:
596.67 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: