Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 11fi 12: Walitti Fufinsaafi Dagaagina Irratti Xiyyeeffachuun
dc.contributor.advisor | Dheereessaa, Dinqeessaa | |
dc.contributor.author | Dabalee, Dirribaa | |
dc.date.accessioned | 2018-07-19T08:16:32Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:26:28Z | |
dc.date.available | 2018-07-19T08:16:32Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:26:28Z | |
dc.date.issued | 2008-07 | |
dc.description.abstract | Kaayyoo qorannoo kanaa dhihaannaa kitaaba barataa Afaan Oromoo bara 2005 kan kutaalee 11fi 12 ija walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee caaslugaatiin xiinxaluudha. Galma ga’insa kaayyichaatiif kitaabni barataa sakatta’amee jira. Barattoonni kutaa 12fi barsiisonni lama iddatteeffamanii jiru. Iddattoolee kanneen irraa raga walitti qabuuf ammoo meeshaalee funaansa raga sakatta’a kitaabaa, bargaaffiifi afgaaffiitti dhamma bahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) qaacceffamee, ibsamee jira. Raga kana irraas wanti hubatame dhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 ija walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyeetiin hanqina qabaachuu isaati. Dhihaannaa gilgaalota caasluga kitaabilee kanneen keessa jiru walitti fufinsa boqonnaadhaa gara boqonnaatti; akkasumas kutaadhaa kutaatti jiruu xiyyeeffannoon kan hinkennamneef ta’uu; walitti fufinsa keessaatti dagaaginni qabiyyee boqonnaa tokkoo gara itti aanuuttifi kutaadhaa kutaatti jirus bakki kennamee xiqqaa ta’uun hubatamee jira. Kanarraa kan ka’e, dhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaabilee kanneen keessaa kan barattootaa haala gaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasisu miti. Dhihaannaan gilgaalota caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 boqonnaalee keessatti qabiyyee dhihaatan walitti fufinsaafi dagaagina akka qabaataniif; akkasuma, kutaadhaa kutaatti walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyeetiin gargaaraman barsiisuuf barnoota afaanii kitaabilee kanneenin kennamu cimsuun akka barbaachisuufi hanga kitaabni fooyya’utti garuu barsiisonni tooftaa uumaanii qabxiilee kana xiyyeeffannaa keessa galchuun barsiisuu akka qaban bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’anii eeruun nidanda’ama. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9424 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.subject | Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba | en_US |
dc.title | Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 11fi 12: Walitti Fufinsaafi Dagaagina Irratti Xiyyeeffachuun | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |