Xiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Weedduu Waarisiisaafi Arrabsoo Cidha Oromoo Tuulamaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Walmaraa

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorrannoon kun mata-duree “Xiinxala Qabiyyee Af-walaloo Weedduu Waarisiisaafi Arrabsoo Cidha Oromoo Tuulamaa” jedhu irratti kan gaggeeffame yommuu ta’u, bakki itti gaggeeffame Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Walmaraati. Yaadiddamoonni qorannoo kanaaf bu’uura ta’anis yaadiddama tajaajalaafi yaadiddama haalawaati. Sababni isaas faayidaa weedduun waarisiisaafi arrabsoon hawaasa kanaaf qabuufi yoomessa sana keessatti hiika akkamii akka qabu hubachuun barbaachisaa waan ta’eefi. Weedduu waarisiisaafi arrabsoo jechuun kan dargaggoonni hinfuudhiniifi durbi hinheerumiin guyyaa cidhaatiif yeroo torban tokko hafu irraa kaasee galgala galgala mana gurbaafi intalaatti waliin weeddisaa waarisiisaniidha. Ka’umsi qorannoo kanaas, weedduun waarisiisaafi arrabsoon duudhaafi safuu hawaasaa eegee tursiisuun tokkummaa ummata Oromoo cimsu yeroo ammaa kana dagatamaa dhufuu isaati. Kaayyoon qorannichaa qabiyyee weedduu waarisaafi arrabsoo xiinxaluu yommuu ta’u, kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi odeeffannoo qorannoo kanaaf ragaan irraa funaaname madda ragaa tokkoffaadha. Isaanis: hirmaattota weedduu waarisiisaafi arrabsoo, maanguddoota aadaa ummataa beekaniifi hojjattoota Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Walmaraati. Malli iddatteessuu qorattuun itti fayyadamtes mala iddatteessuu mit- carraafi mala iddatteessuu darbaa dabarsaati. Odeeffannoon waltajjii uumamaa irraa af-gaaffii, daawwannaafi marii gareetiin walitti qabame, weedduun waarisiisaafi arrabsoo mana intalaafi mana gurbaa maal akka fakkaatu, adeemsiifi qabiyyeen isaa xiinxalameera. Kunis yeroo cidhaaf torbeen tokko hafu mana intalaafi gurbaatti dargaggoonniifi shamarran walga’uun garee faallaa ta’e arrabsuun, garee isaanii immoo faarsuun waliin waarisiisu.Weedduun cidhaa yeroo waarisiisaa qofa kan gaggeeffamu osoo hintaane hanga guyyaa cidhaatti irra caalaa ho’aa kan itti fufu yommuu ta’u, kan mana intalaafi mana gurbaa ergaa garagaraa qaba.Haala ragaa funaaname irraa hubatameen: kan mana intalaa yeroo waarisiisaa, yeroo hamaamonni dhiyaatan, yeroo hamaamonni ciibsaa ga’an, yeroo ol seenanii nyaata nyaatan, yeroo intala fudhatanii deeman weedduu yoomessa sana of keessaa qabutu dhiyaata.Mana gurbaattis weedduun waarisiisaa,kan gaggeessaa, kan gaggeessaan boodaa, kan simannaa, kan kooraa hiiktuufi kan miinjee ergaa garagaraa qaba. Arrabsoon mana intalaa malee mana gurbaatti yeroo waarisiisaa kan hinjirre yommuu ta’u yeroo gurbaan fuudhee galu faaruu simannaatiin walmakee dhiyaata.Haaluma kanaan weedduun waarisiisaafi arrabsoon aanaa kanaa qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun qaacceffamanii hiikamaniiru.Akka argannoo qorannoo kanaatti hirmaattonni weedduu waarisiisaafi arrabsoo dargaggootaafi shamarran bultii hinijaarratin yommuu ta’an hariiroo cimaa gidduu isaaniitti uumuun amala walii isaanii akka hubatan, akkasumas waa’ee walii isaaniillee akka yaadan karaa saaqa. Dhaamsi weedduu waarisiisaafi arrabsoodhaan darbu, jaalala maatii kan hiriyaafi hawaasa naannoo ibsuu, jajjabeessuu, gorsuu, barsiisuu, akeekkachiisuu, dhiibbaa hawaasaa balaaleffachuufi komachuu, gocha badaa safuu hawaasaa cabsu ceepha’uun sirreessuudha. Kanamalees misirroota eebbisuuf, namaafi Waaqatti imaanaa kennachuuf, aadaa hawaasaa cimsuufi guddisuufi hawaasni eenyummaasaatti akka boonu taasisuu irratti gahee olaanaa taphata. Haata’u malee yeroo ammaa kana sababa amantaatiifi guddina teeknooloojiitiin weedduun waarisiisaafi arrabsoon baduuf fiixee irra ga’ee jira. Turtiin waarisiisaa torbee tokko tures gara guyyaa jala bultiitti gadi xiqqaachaa dhufeera. Kanamalees, weedduun cidhaa aadaa hawaasaa ibsu sirboota ammayyaa waraabamaniin bakka bu’aa jiru. Kanaaf qabeenya hawaasaa baduuf ga’e kana hambisuuf qaamni dhimmi ilaallatu marti bu’aasaa labata haaraaf ibsuun shaakalsiisuufi barreeffamaan akka ol kaa’amu godhuu qaba.

Description

Keywords

Xiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Weedduu

Citation