Xiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Weedduu Waarisiisaafi Arrabsoo Cidha Oromoo Tuulamaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Walmaraa
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorrannoon kun mata-duree “Xiinxala Qabiyyee Af-walaloo Weedduu Waarisiisaafi
Arrabsoo Cidha Oromoo Tuulamaa” jedhu irratti kan gaggeeffame yommuu ta’u, bakki itti
gaggeeffame Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Walmaraati.
Yaadiddamoonni qorannoo kanaaf bu’uura ta’anis yaadiddama tajaajalaafi yaadiddama
haalawaati. Sababni isaas faayidaa weedduun waarisiisaafi arrabsoon hawaasa kanaaf
qabuufi yoomessa sana keessatti hiika akkamii akka qabu hubachuun barbaachisaa waan
ta’eefi. Weedduu waarisiisaafi arrabsoo jechuun kan dargaggoonni hinfuudhiniifi durbi
hinheerumiin guyyaa cidhaatiif yeroo torban tokko hafu irraa kaasee galgala galgala mana
gurbaafi intalaatti waliin weeddisaa waarisiisaniidha. Ka’umsi qorannoo kanaas, weedduun
waarisiisaafi arrabsoon duudhaafi safuu hawaasaa eegee tursiisuun tokkummaa ummata
Oromoo cimsu yeroo ammaa kana dagatamaa dhufuu isaati. Kaayyoon qorannichaa
qabiyyee weedduu waarisaafi arrabsoo xiinxaluu yommuu ta’u, kaayyoo kana galmaan
ga’uuf maddi odeeffannoo qorannoo kanaaf ragaan irraa funaaname madda ragaa
tokkoffaadha. Isaanis: hirmaattota weedduu waarisiisaafi arrabsoo, maanguddoota aadaa
ummataa beekaniifi hojjattoota Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Walmaraati. Malli
iddatteessuu qorattuun itti fayyadamtes mala iddatteessuu mit- carraafi mala iddatteessuu
darbaa dabarsaati. Odeeffannoon waltajjii uumamaa irraa af-gaaffii, daawwannaafi marii
gareetiin walitti qabame, weedduun waarisiisaafi arrabsoo mana intalaafi mana gurbaa
maal akka fakkaatu, adeemsiifi qabiyyeen isaa xiinxalameera. Kunis yeroo cidhaaf torbeen
tokko hafu mana intalaafi gurbaatti dargaggoonniifi shamarran walga’uun garee faallaa
ta’e arrabsuun, garee isaanii immoo faarsuun waliin waarisiisu.Weedduun cidhaa yeroo
waarisiisaa qofa kan gaggeeffamu osoo hintaane hanga guyyaa cidhaatti irra caalaa ho’aa
kan itti fufu yommuu ta’u, kan mana intalaafi mana gurbaa ergaa garagaraa qaba.Haala
ragaa funaaname irraa hubatameen: kan mana intalaa yeroo waarisiisaa, yeroo
hamaamonni dhiyaatan, yeroo hamaamonni ciibsaa ga’an, yeroo ol seenanii nyaata nyaatan,
yeroo intala fudhatanii deeman weedduu yoomessa sana of keessaa qabutu dhiyaata.Mana
gurbaattis weedduun waarisiisaa,kan gaggeessaa, kan gaggeessaan boodaa, kan simannaa,
kan kooraa hiiktuufi kan miinjee ergaa garagaraa qaba. Arrabsoon mana intalaa malee
mana gurbaatti yeroo waarisiisaa kan hinjirre yommuu ta’u yeroo gurbaan fuudhee galu
faaruu simannaatiin walmakee dhiyaata.Haaluma kanaan weedduun waarisiisaafi arrabsoon
aanaa kanaa qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun qaacceffamanii hiikamaniiru.Akka
argannoo qorannoo kanaatti hirmaattonni weedduu waarisiisaafi arrabsoo dargaggootaafi
shamarran bultii hinijaarratin yommuu ta’an hariiroo cimaa gidduu isaaniitti uumuun amala
walii isaanii akka hubatan, akkasumas waa’ee walii isaaniillee akka yaadan karaa saaqa.
Dhaamsi weedduu waarisiisaafi arrabsoodhaan darbu, jaalala maatii kan hiriyaafi hawaasa
naannoo ibsuu, jajjabeessuu, gorsuu, barsiisuu, akeekkachiisuu, dhiibbaa hawaasaa
balaaleffachuufi komachuu, gocha badaa safuu hawaasaa cabsu ceepha’uun sirreessuudha.
Kanamalees misirroota eebbisuuf, namaafi Waaqatti imaanaa kennachuuf, aadaa hawaasaa
cimsuufi guddisuufi hawaasni eenyummaasaatti akka boonu taasisuu irratti gahee olaanaa
taphata. Haata’u malee yeroo ammaa kana sababa amantaatiifi guddina teeknooloojiitiin
weedduun waarisiisaafi arrabsoon baduuf fiixee irra ga’ee jira. Turtiin waarisiisaa torbee
tokko tures gara guyyaa jala bultiitti gadi xiqqaachaa dhufeera. Kanamalees, weedduun
cidhaa aadaa hawaasaa ibsu sirboota ammayyaa waraabamaniin bakka bu’aa jiru. Kanaaf
qabeenya hawaasaa baduuf ga’e kana hambisuuf qaamni dhimmi ilaallatu marti bu’aasaa
labata haaraaf ibsuun shaakalsiisuufi barreeffamaan akka ol kaa’amu godhuu qaba.
Description
Keywords
Xiinxala Qabiyyee Af-Walaloo Weedduu