Xiinxala Dhugaa Hawaasaa Asoosama Seenaa “Imimmaan Oshiwiitzi” Keessatti: Ija Yaaxina Dhugummaatiin

dc.contributor.advisorTaliilaa, Xilaahun (PhD)
dc.contributor.authorBochee, Araarsaa
dc.date.accessioned2019-04-16T06:55:34Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:24Z
dc.date.available2019-04-16T06:55:34Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:24Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractYeroo ammaa kana kitaaboleen asoosamaa hedduun Afaan Oromoon barreeffamuun hawaasa bira gahaa jiru. Darbee darbee asoosamoonni afaan biroorraa gara Afaan Oromootti hiikkamanis mul’achaa jiru. Haa ta’u malee, asoosamoota Afaan barreeffamanis ta’ee hiikkaman kanneen irratti qorannoon roga adda addaatiin taasifaman muraasa. Keessumaa yaaxinoota ogbarruu fayyadamuun qorannoon gaggeefaman baay’ee muraasa. Kanarraa ka’uun qorannoon kun yaaxina dhugummaarratti hundaa’uun kan gaggeeffame yoota’u, kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon asoosama afaan biroorraa gara Afaan Oromootti hiikkame, “Imimmaan Oshiwiitzi” keessatti haala dhimmoonni bulchiinsaa, siyaasaafi hawaasummaafi ilaalcha olaantummaa sanyummaafi akkaataa jiruuf jireenya hawaasa Yihuudootaa yaaxina dhugummaatti gargaaramuun ibsaman xiinxlamaniiru. Kana galamaan ga’uuf qoratichi mala xiinxala barruutti dhimma bahuun asoosamicha gadi fageenyaan dubbisuun odeeffannoo barbaachisu funaaneera. Haalli odeeffannoon itti funaanamanis ulaagaalee yaaxina dhugummaarratti hundaa’uun ta’u, xiyyeeffannoowwan odeeffannoowwaniis: gama hawaasummaa, bulchiinsaafsiyaasaafi xinsammuunwal qabatee dhimmoota bara mootummaa Naazii turan xiinxaleera. Adeemsa xiinxaluu kana keessattis, yaadoonni asoosamicha keessatti ka’an haala qabatamaafi haqa ture waliin hagam akka wal simatan xiinxalamaniiru. Asoosama seenaa kana keessatti akkaataan odeeffannoon itti dhihaate dhugummaafi kalaqamummaa jiddu galeeffatee akka ta’e yaaxinni dhugummaan ibsameera. Haalli kun bal’inaan sakatta’a barruu jalatti gadi fageenyaan taa’aniiru. Yaaxinni dhugummaarratti hundaa’uun ragaaleen asoosama keessaa funaanaman xiinxalamaniiru. Dhimmoonni hojii asoosamaa kana keessatti ka’an dhugummaa kallattii hawaasummaa, bulchiinsaaf siyaasaafi xinsammuun, haala jiruuf jireenya Yihuudotaafi ilaalcha olaantummaa sanyummaa Jarmanootaa bara mootummaa Naazii karaa dhugummaa of keessaa qabuun kan dhihaatan ta’uu isaanii hubachuun danda’ameera.kanuma waliin wal qabatee rakkoowwan lammiilee Yihuudootaarraa kallattii garaa garaan ga’aa turan karaa qabatamaafi hubatamuu danda’aniin hojiilee seenaa kana keessatti mul’atananitti maalummaa isaanii walitti dhihaatan ta’uu hubatameera. Haala xiinxala walii gala waliinis dhihaatanii, seenaan achi keessa jiru sun seenaa qabatamaa saba Oromoo waliin wal bira qabamee osoo dhihaateefi dogoggorri qubeessuufi fayyadamni jechootaa achi keessa jiru osoo fooya’ee hawwatamummaafi fudhatamummaan isaa ni dabala jedhamee amanamaen_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17943
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Dhugaa Hawaasaa Asoosama Seenaa “Imimmaan Oshiwiitzi” Keessatti: Ija Yaaxina Dhugummaatiinen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Araarsaa Bochee.pdf
Size:
410.17 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: