Sakatta’a Walsimannaa Hariiroo Dalgee Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Oromoo (Silabasii, Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa):Kitaaba Barataa Kutaa 6 Ffaa Xiyyeeffachuun

dc.contributor.advisorFufaa, Tolamaariyaam (PhD)
dc.contributor.authorHabtee, Waaqjiraa
dc.date.accessioned2019-04-17T11:51:20Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:45Z
dc.date.available2019-04-17T11:51:20Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:45Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractKaayyoon gooroo qorannoo kanaa, walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnoota Afaan Oromoo (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa 6ffaa bara 1996/2004 akka lakkoofsa habashaatti maxxanfaman walcina qabuun sakatta’uudha. Sababni ka’umsa qorannichaa immoo, qoratichi waggoottan sadiif barnoota Afaan Oromoo kutaa kunneen yeroo barsiisaa turetti, walsimannaan hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) irratti, komeefi gungummiin karaa barsiisotaa jiraachuu hubatee jira. Komeefi gugummiin kunis, maal irraa akka madde bira gahuuf, akkasumas, tarii barbaachisummaan fooyya’iinsa meeshaalee barnootaa kunneenii guddaa ta’innaa laata? jechuun, mataduree, sakatta’a walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa jedhurratti, qorannoo isaa geggeessuuf kaka’umsa horate. Qorannichis, mala qorannoo akkamtaan kan geggeeffameedha. Haaluma kanaan, ragaaleen meeshaalee barnoota Afaan Oromoofi afgaaffii barsiisota afur irraa walitti qabaman xiinxalamee jira. Xiinxalli taasifame akka ibsutti, hanqinni walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa kunneen keessa jiraachuun isaa mirkanaa’ee jira. Isaanis: Hanqina walsimannaa duraa duuba qabiyyee, hanqina walsimannaa gaaffilee dandeettii dhaggeeffachuu shaakalsiisuuf dhiyaateefi dubbisa qajeelcha barsiisaa keessaa, hanqina walsimannaa qabiyyeewwan silabasiifi kitaaba barataa keessaa, hanqina walsimannaa qabiyyeewwan kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaa silabasiifi qabiyyeewwan qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaa silabasiifi kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa fa’aan jiraachuun bira gahamee jira. Dhumarrattis, qorataan argannoowwan qorannichaa irratti hundaa’uun haala meeshaaleen barnootaa kunneen walsimannaa hariiroo dalgee gama qabiyyeetiin qindaa’uu qaban irratti yaadni furmaataa hanqina adda bahanii eeramee jira. Isaanmis, qopheessitoonniifi ogeeyyiin barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran irradeebi’uudhaan madaallii meeshaalee barnootaa kunneenii geggeessuun osoo fooyyessanii gaarii akka ta’u, yaadni furmaataa qoratichaan kaa’amee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18012
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleSakatta’a Walsimannaa Hariiroo Dalgee Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Oromoo (Silabasii, Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa):Kitaaba Barataa Kutaa 6 Ffaa Xiyyeeffachuunen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Waaqjiraa Habtee.pdf
Size:
407.96 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: