Sakatta’a Walsimannaa Hariiroo Dalgee Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Oromoo (Silabasii, Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa):Kitaaba Barataa Kutaa 6 Ffaa Xiyyeeffachuun

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnoota Afaan Oromoo (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa 6ffaa bara 1996/2004 akka lakkoofsa habashaatti maxxanfaman walcina qabuun sakatta’uudha. Sababni ka’umsa qorannichaa immoo, qoratichi waggoottan sadiif barnoota Afaan Oromoo kutaa kunneen yeroo barsiisaa turetti, walsimannaan hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) irratti, komeefi gungummiin karaa barsiisotaa jiraachuu hubatee jira. Komeefi gugummiin kunis, maal irraa akka madde bira gahuuf, akkasumas, tarii barbaachisummaan fooyya’iinsa meeshaalee barnootaa kunneenii guddaa ta’innaa laata? jechuun, mataduree, sakatta’a walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa jedhurratti, qorannoo isaa geggeessuuf kaka’umsa horate. Qorannichis, mala qorannoo akkamtaan kan geggeeffameedha. Haaluma kanaan, ragaaleen meeshaalee barnoota Afaan Oromoofi afgaaffii barsiisota afur irraa walitti qabaman xiinxalamee jira. Xiinxalli taasifame akka ibsutti, hanqinni walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa kunneen keessa jiraachuun isaa mirkanaa’ee jira. Isaanis: Hanqina walsimannaa duraa duuba qabiyyee, hanqina walsimannaa gaaffilee dandeettii dhaggeeffachuu shaakalsiisuuf dhiyaateefi dubbisa qajeelcha barsiisaa keessaa, hanqina walsimannaa qabiyyeewwan silabasiifi kitaaba barataa keessaa, hanqina walsimannaa qabiyyeewwan kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaa silabasiifi qabiyyeewwan qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaa silabasiifi kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa fa’aan jiraachuun bira gahamee jira. Dhumarrattis, qorataan argannoowwan qorannichaa irratti hundaa’uun haala meeshaaleen barnootaa kunneen walsimannaa hariiroo dalgee gama qabiyyeetiin qindaa’uu qaban irratti yaadni furmaataa hanqina adda bahanii eeramee jira. Isaanmis, qopheessitoonniifi ogeeyyiin barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran irradeebi’uudhaan madaallii meeshaalee barnootaa kunneenii geggeessuun osoo fooyyessanii gaarii akka ta’u, yaadni furmaataa qoratichaan kaa’amee jira.

Description

Keywords

Citation