Qaaccessa Afseenaa Dajjaazmaach Kumsaa Morodaafi Masaraa Isaa

dc.contributor.advisorDassaalany, Dastaa (PhD)
dc.contributor.authorMoosisaa, Maraa’ol
dc.date.accessioned2019-04-19T12:53:36Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-19T12:53:36Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractKayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Dajj. Kumsaa Morodaafi masaraa isaa kan magaalaa Naqamteetti argamu qaaccessuu kan jedhudha. Qorannoon kunis kaayyoo isaa bu’uura godhachuun ykn akeeka qorannoo isaa’rratti hundaa’uun qorannoo seenawaa (historical research)tti yommuu garagaaramu, tooftaaleen iddatteessuu qorannichaa immoo iddatteessuu kaayeffataati. Malootni funaansa ragaaleef hojiirra oolan afgaaffii, daawwannaafi sakatta’a dookimentiin suuraalee fudhachuun yoo ta’u, ragaaleen mala kanaan guuraman immoo tooftaa qorannoo seenawaa fayyadamuun xiinxalamanii qaacceffamaniiru. Adeemsa kana hordofuun hojiiwwan qorannoo kanaan bira gahaman: seenaa Dajj. Kumsaa Morodaa dhalootaa hanga du’aatti maal akka ta’e agarsiiseera. Kunis hidda dhalootaa isaa keessaa keesumatti beekamtummaa kumsaafis ta’e hidda dhalootichaaf gumaacha guddaa kan taasisan akaakayyuu kumsaa kan ta’an Bakaree Godaanaa irraa kaasee gara kumsaatti dhufuun kumsaan nama dandeettii qabu nama cimaa akka ta’e bira gahameera. Akkasumas aangoo biyya bulchuu kan argatan abbaasaaniirraa dhaalaan akka ta’eefi bara bulchiinsa isaanii keessatti hojiiwwan seena-qabeeyyii baay’ee akka hojjetan yoo ta’u, hojiiwwan isaanii keessaa, ijaarsa masaraa isaanii, ijaarsa riqichoota laggeen Dhidheessaafi Daabbus, babal’isuu daldaalaafi daandiiwwanii isaan ijoodha. Kana malees, qorannoo kanaan kan bira gahame yoomessa ijaarsa masaraa isaa, wantoota ykn meeshaalee masaraan kun irraa ijaarame, masarichi ogeessota Oromoo naannoo sanaan akka ijarameefi tajaajila masaraan kun kennaa tureefi jiru ta’uu isaati. Kanumaan wal-qabatee ijaarsi masarichaa sirna ittiin bulmaata uummata Oromoo kan ta’e Sirna Gadaafi aadaa Oromoo waliin fakkoommii akkamii qabaachuun akka tajaajilaa ture ibsuun dhumarratti yaboon itti kennamuu qabu itti kennamee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18077
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Afseenaa Dajjaazmaach Kumsaa Morodaafi Masaraa Isaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Mara'ol Mosisa.pdf
Size:
2.28 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: