Xiinxala Fayyadama Afaanii Qoricha Aadaa Kennuufi Fudhachuu Keessatti: Haala Uummata Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee

No Thumbnail Available

Date

2021-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun kan geggeeffame mata duree Xiinxala Fayyadama Afaanii Qoricha Aadaa Kennuufi Fudhachuu keessatti Haala: Uummata Oromoo Aanaa Hidhabuu Abootee jedhurratti. Kaayyoowwan qorannichaa; fayyadama afaanii qoricha aadaa kennuufi fudhachuu keessatti mul’atu adda baasuu; qabiyyeewwan fayyadama afaanii qoricha aadaa kennuufi fudhachuu keessatti dhimma itti bahaman adda baasuufi gahee fayyadamni afaanii qoricha aadaa kennuufi fudhachuu keessatti qabu ibsuudha. Kaayyoowwan kana galmaan gahuuf, qorataan mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahaeera. Maddi ragaalee qorannoon kun dhimma itti bahe madda ragaalee sadarkaa tokkoffaati. Kana malees, malli iddattoo qorannoo kanaa keessatti hojiirra ooolan: mala iddatteessuu kaayyeeffataafi walhimaa yookin darbaa dabarsati. Malleen kanatti dhimma bahuun qorataan iddattoowwan filate. Akkasumas, ragaalee qorannoo kanaaf oolan funaanuufis, meeshaalee funaansa ragaalee afgaaffiifi daawwannaan qorannicha keessatti dhimma itti bahamanii jiru. Ragaaleen funaannaman mala qaacceessa ragaa ibsaatti dhimma bahuun xiinxalamanii dhihatan. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman akka ibsanitti; ogeessonni qoricha aadaa kennaniifi namoonni yeroo qoricha aadaa ogeessota qoricha aadaa fudhataanii itti fayyadaman fayyadamni afaan isaanii jechoota afaan biraa; jechoota afaan Oromoo waliin walitti makuun akka itti dhimma bahan mul’isa. Akkasumas,ogeessonni qoricha aadaa kennaniifi namoonni qoricha aadaa fudhachuun itti dhimma bahan; fayyadamni afaan isaanii: jechama, mallen dubbii gara garaafi mammaaksatti akka fayyadaman agarsiisa. Kunimmoo, karaa salphaa ta’een mallattoo dhukkubichaa ibsuun qoricha dhukkuba isaanitiif ta’u argachuufi ogeessonniqoricha aadaa kennan odeeffannoo gahaa argachuun qoricha dhukkuba isaanitiif ta’u kennuu keessattigahee olaanaa akka qabu hubatameera. Kanamalees, ogeessoonni malleendubbii,jechamootaafimammaaksafayyadamuun gorsa, ajaja, ibsafi akeekkachiisa kennuuf itti fayyadamuun waliin dubbiinama qoricha aadaafudhatuufiogeessa gidduu jiru karaa salphaan akka walhubatan gochuurrattigahee guddaa akka qaban hubachuun danda’ameera.Walumaagalatti,qorannichmatadureexiinxalafayyadama afaanii qoricha aadaa kennuufi fudhachuukeessattihaalauummatOromoaanaaHidhabuAbooteejedhurrattigeggeeffamekungaaffileeqorannichaarratti hunda’uun kaayyoolee kurfeesse bu’uura godhachuun; yaaxinootaafi mala qorannichi ittiin geggeeffamu filate. Kanumarratti hunda’uun qorannichi ragaalee funaannaman xiinxaluun argannoo bira gaheerratti hunda’uun yaboo qorannichaa ka’ee jira.

Description

Keywords

Citation