Qaaccessa Itti Fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa

dc.contributor.advisorFufaa, Tolamaariyam(PhD )
dc.contributor.authorMaammaa, Xahaa
dc.date.accessioned2018-07-20T11:16:30Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:17Z
dc.date.available2018-07-20T11:16:30Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:17Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii aanaa Agaarfaa maal akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo makaatti fayyadameera. Odeeffannoo karaa mala funaansa meeshaalee odeeffannoo ta’an kanneen bargaaffii,afgaaffii daawwannaafi sakatta’a galmeewwaniitiin (dokmentiitiin) guuruun lakkoofsaafi jechaan qaacceffamaniiru. Qorannoo kana keessatti bar-gaaffiiwwan fayyadama afaanii kan gama seeraatiin jirurratti xiyyeeffatan qaamota seeraatiifi abbootii dhimmaatiif oolan raabsameera. Afgaaffiiwwan itti gaafatamtoota qaamota sirna haqaa kanneen waajjiraalee sadii ta’aniif kennameera. Adeemsa sirna dhaddacharratti dhimmoota ka’an xiinxalluuf qabxiilee daawwannaaf oolan qopheeffachuun raawwatameera.Odeeffannoowwan maddoota ragaalee biraa irraa argaman cuunfamuun gara lakkoofsaatti geeddaramanii gabateen akka ibsamu ta’eera.Yaadni daawwnnaafi sakatta’a dokmentiiwwanii irraa funaanames walduraa duubaan qaacca’ee ibsi itti laatameera. Dhumarratti yaadota kanneen irraa ka’uun fayyadamni Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa abbootiin dhimmaa gara waajjirichaa dhufan hubannoo fayyadama afaanii haala mana murtii dhabuurraa kan ka’een rakkataa kan jiraniidha. Haalli qaamootni seeraa Afaan Oromootti jechootaafi ibsoota afaan biroo makanii baay’innaan kan fayyadamaa jiran ta’uunis qorannoo kanaan mul’ateera.Dabalataanis afaan dubbii gara afaan barreeffamaatti si’a dhufu haalli yaadotni itti barreeffaman rakkinna kan qabu ta’uu qorannoo kanaan argameera.Haalli kun ammoo tajaajilamtoota waajjirichaa miidhuu bira dabree dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti gufuu ta’aa akka jiru hubatameera. Kanaafu,qaamootni seeraa mana murtiitti abbootii dhimmaa keessummeessan fayyadama Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuu akka qaban qorannoon kun niakeeka.Gama birootiin ammoo qaamotni dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti hojjatan kanneen akka waajjira barnootaa,Aadaafi Turiizimii aanichaa hubannoo qaamota kanaa uumuun,akkasumas koreen waalitina afaanii, jechoota Afaan Oromoo kan dhimma seeraa wajjiin walqabatan qopheessuun haalli fayyadama Afaan Oromoo mana murtii keessatti jiru kun fooyya’u akka qabu qorannoon kun ni eera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9566
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisher2008en_US
dc.subjectItti Fayyadama Afaan Oromooen_US
dc.titleQaaccessa Itti Fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Xahaa Maammaa Abduutiin.pdf
Size:
1.25 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: