Qaaccessa Itti Fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

2008

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii aanaa Agaarfaa maal akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo makaatti fayyadameera. Odeeffannoo karaa mala funaansa meeshaalee odeeffannoo ta’an kanneen bargaaffii,afgaaffii daawwannaafi sakatta’a galmeewwaniitiin (dokmentiitiin) guuruun lakkoofsaafi jechaan qaacceffamaniiru. Qorannoo kana keessatti bar-gaaffiiwwan fayyadama afaanii kan gama seeraatiin jirurratti xiyyeeffatan qaamota seeraatiifi abbootii dhimmaatiif oolan raabsameera. Afgaaffiiwwan itti gaafatamtoota qaamota sirna haqaa kanneen waajjiraalee sadii ta’aniif kennameera. Adeemsa sirna dhaddacharratti dhimmoota ka’an xiinxalluuf qabxiilee daawwannaaf oolan qopheeffachuun raawwatameera.Odeeffannoowwan maddoota ragaalee biraa irraa argaman cuunfamuun gara lakkoofsaatti geeddaramanii gabateen akka ibsamu ta’eera.Yaadni daawwnnaafi sakatta’a dokmentiiwwanii irraa funaanames walduraa duubaan qaacca’ee ibsi itti laatameera. Dhumarratti yaadota kanneen irraa ka’uun fayyadamni Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Agaarfaa abbootiin dhimmaa gara waajjirichaa dhufan hubannoo fayyadama afaanii haala mana murtii dhabuurraa kan ka’een rakkataa kan jiraniidha. Haalli qaamootni seeraa Afaan Oromootti jechootaafi ibsoota afaan biroo makanii baay’innaan kan fayyadamaa jiran ta’uunis qorannoo kanaan mul’ateera.Dabalataanis afaan dubbii gara afaan barreeffamaatti si’a dhufu haalli yaadotni itti barreeffaman rakkinna kan qabu ta’uu qorannoo kanaan argameera.Haalli kun ammoo tajaajilamtoota waajjirichaa miidhuu bira dabree dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti gufuu ta’aa akka jiru hubatameera. Kanaafu,qaamootni seeraa mana murtiitti abbootii dhimmaa keessummeessan fayyadama Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuu akka qaban qorannoon kun niakeeka.Gama birootiin ammoo qaamotni dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti hojjatan kanneen akka waajjira barnootaa,Aadaafi Turiizimii aanichaa hubannoo qaamota kanaa uumuun,akkasumas koreen waalitina afaanii, jechoota Afaan Oromoo kan dhimma seeraa wajjiin walqabatan qopheessuun haalli fayyadama Afaan Oromoo mana murtii keessatti jiru kun fooyya’u akka qabu qorannoon kun ni eera.

Description

Keywords

Itti Fayyadama Afaan Oromoo

Citation