Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruu Fi Fookloorii Koolleejjii Namoomaa, Qo'annoo Afaanotaa, Joornaaliizimii Fi Quunnamtii Yuunibarsiit Finfinnee
No Thumbnail Available
Date
2021-06-01
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun cibra nadheen Booranaa, Aanaa Dubuluqii irratti xiyyeeffata. Gaafa qorannoo kana qoradhu malleen qorannoo afgaaffii, marii gareefi daawwaannaatti fayyadameera. Kaayyoon qorannoo kanaa akkataa cibra nadheen Booranaa Aanaa Dubuluqii kan ibsuudha. Wanti qorannoon kun barbaachiseef,aadaa cibra nadheen Booranaa dhaloonni dhufu akka dhaalan taasisuudha.Walumaagalatti, qorannoo kana yeroon goolabu akka yaada dhuunfaatti maalummaafi barbaachisummaa fi cibra nadheen Booranaa maliif akka qabatamu irratti qorannoo adeemsisee jira. Akka yaada furmaataattis Yeroo ammaa kana dhiibbaawwan amantaalee garagaraa, ammayyummaa, babaldhachuu teknoolojii fi dhufaati addunyaalessummaa aadaa Oromoo Booranaa kan haala cibrannaa rifeensaa badaa deemaa waan jiruufi, Aadaa kana galmeessanii bifa barreeffamaatiin yoo ol kaawan dhaloota dhufu gargaaruu akka danda'u qorannoo kana keessatti kaasee jira.