Sakatta’a Firoommii Qabiyyee Qormaata Moodeelaafi Biyyolessaa Kutaa Kudhaniifi Kitaaba Barataa:Xiyyeeffannoo Bara 2010 Irratti

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa (PhD)
dc.contributor.authorOliiqaa, Dirribaa
dc.date.accessioned2020-11-11T07:36:51Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:56Z
dc.date.available2020-11-11T07:36:51Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:56Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa Sakatta’a Firoommii Qabiyyee Qormaata Moodeelaafi Biyyolesaa kan bara 2010 Kutaa Kudhaniifi Kitaaba Barataa irratti xiyyeeffannoo sakatta’udha.Kanaaf meeshaaleen ragaan ittiin sassaabame sakatta’insa dookimantii, afgaaffiifi bargaaffii yoota’u, ragaa kanneeniin sassaabame qaacceessuuf malli makaa (hammamtaafi akkamtaan) faayidaa irra oolanii jiru.Ragaalee gabateen dhiyeessuun dhibbeentaafi lakkoofsaan tarreeffamanii jiru. Akkasumas, mala sakatta’a addeessaa fayyadame jira.Kunis dookimantii argaman bal’inaan addeessuuf gargaara.Malli iddattoo miti carraa hojiirra oolee jira.Akaakuu iddatteessuu miti carraa keessaa ammoo, iddeessuu akkayyoo ykn kaayyeffamaatti fayyadamee jira.Haaluma kanaan, dookumantiin qormaata afaan oramoo moodeelaafi biyyolessaa kan bara 2010 sakatta’ameera.Ragaalee afgaaffii barsiisota shanirraa funaanamefi bargaaffiin kudhan barattootaaf dhihaate qaacceffamee jira.Xiinxaxala taasifameen bu’aan argame akka ibsutti, qabiyyeen kitaaba barataa kutaa 9ffaafi 10ffaa qormaata moodeelaafi biyyolessaa wajjin firoomii isaan qaban gaarii ta’uu isaa adda baheera.Kunis walsimsnnaa qabiyyee kitaaba barataafi qormaata moodeelaa gaarii ta’uufi walsimannaa qabiyyee kitaaba barataafi qormaata biyyolessaa gaarii akka ta’eefi walgiitinsi isaanii darbee darbee walbuusa ta’uun adda baheera.Gaaffileen qormaata biyyolessaaf qophaa’an altokko tokko qabiyyee kitaaba barataan ala ta’uu,kitaaba dhiisanii qormaata bara baraan ba’an bu’uura godhachuu hanqina ta’uu danda’a. Dhumarraattis, qorataan argannoowwan qorannichaa bu’uura godhachuun haala qabiyyeen kitaaba barataafi qabiyyeen qormaata biyyoleessaa firoomii ykn walsimannaa qaban irratti yaadni furmaataa qopheessitoonni kitaaba barataafi qormaataa tokko ta’uun yoo qopheessan gaarummaa qabata.Kunis, warri qormaata moodeelaafi biyyoleessaa qopheessan ykn qaamni dhimmichi ilaalatu hundi qabiyyeen kitaaba barataafi qabiyyeen qormaata moodeelaas ta’e qormaanni biyyoleessaa yeroo qophaa’u firoomii (walsimannaa) akka qabataniifi haala walgitiinsa qabuun akka dhihaataniif yaboon qoratichaan kaa’amee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23158
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleSakatta’a Firoommii Qabiyyee Qormaata Moodeelaafi Biyyolessaa Kutaa Kudhaniifi Kitaaba Barataa:Xiyyeeffannoo Bara 2010 Irrattien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dirribaa Oliiqaa.pdf
Size:
602.21 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: