Itti-Fayyadama Malleen-Dubbii Walaloo ‘Miila Kaayyoo’fi ‘Maal Kolfa Dhaloonni?’ Keessatti: Ija Yaaxxina Bifiyyeetiin

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa itti-fayyadama malleen-dubbii mataduree walaloo ‘Miila Kaayyoo’fi ‘Maal Kolfa Dhaloonni?’keessatti: Ija yaaxxina bifiyyeetiin qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Akkan ilaaletti, xiyyeeffannoon qorannoo ogbarruu Oromootiifi kanneen biroo yoon walbira qabee ilaalu baay’inaan dhabamuun ammoo, sirna barumsaa ogbarruu Afaan Oromootiif gumaachi inni taasisus xiyyeeffannaa dhabuu nidanda’a. kunis, dhimma fayyadama afaanii waan ta’eef. Keessumaa akkaataan barreessaan tokko malleen-dubbiitti fayyadamu sirna barumsaaf ka’umsa godhachuun kan dhihaatedha. Kanumarraa ka’uun, gaaffilee bu’uuraa qorannoo koo keessatti dhiyaatan deebisuuf yaaleera. Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa keessaa iddattoo akkayyoofi ammargeetti(Convenient sampling) fayyadamuun mala mitcarraatiin filadheera. Iddattoo kanaan funaanufis mala ibsaa fayyadamuun qaaccesseera. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa barreessaan malleen-dubbii inni itti fayyadame gosa gosaan, akkaataa itti-fayyadama agarsiistotaafi ergaa walaloo dabarsuu keessatti qabaniin dhiyeesseera. Itti aansuunis, qabiyyee barnoota Afaan Oromoo keessatti malleen-dubbii walaloo filataman lamaan kana keessatti argaman kanneen walfakkeenya qaban lakkoofsaan sagal(9) akka ta’an addaan baasee qaaccesseera. Malleen-dubbii kunis, qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa nitaasisu. Akka ciminaatti kan dhiyaate, jechoonni bakka barbaachisaatti galuun itti-fayyadama malleen-dubbii sirriitti kan hawaasni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti fayyadamu ta’uu isaati. Akka furmaataatti kan kaa’ame, seenaan, aadaaniifi duudhaan Oromoo, safuun, ilaalchiifi falaasamni gama itti fayyadama agarsiistotaa afaan walootiin waan dhihaataniif osoo gumii dagaagina ogbarruufi Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti barsiisonni barattoota hirmaachisanii barumsa hedduu dabarsuu nidanda’a.

Description

Keywords

Citation