Qaaccessa Sirna Qulfoo Aadaa Fuudhaafi Heeruma Oromoo Walloo Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Fursii

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata duree “ Qaaccessa sirna qulfoo fuudhaafi heeruma Oromoo Walloo Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Fursiidha.” Kaayyoon qorannoo kanaa Sirna qulfoo fuudhaafi heerumaa Aanaa Arxummaa Fursii qaaccessuudha. Qorannoo kana geggeessuuf waanti qorataa kana kakaase sababa garaagaraan hir‟achaa adeemuu sirna qulfoo fuudhaaf heerumaa aanaa kanaati. Kana bu‟uura godhachuudhaan daangaa qorannoo kanaa qaaccessa Sirna qulfoo aadaa fuudhaaf heeruma Oromoo Walloo Aanaa Arxummaa Fursii irratti xiyyeeffata. Gama kanaan yaaxinni qorannoo, qorannoo walfakkiifi yaadrimeen hayyootaa dhimma aadaa duudhaa hawaasaan waliin walitti dhufeenya qabanis ilaalameera. Madda ragawwan qorannoo kanaaf ta‟us, kan qindaa‟e hawaasa keessaa odeefkennitoota waa‟ee sirnichaa beekan irraa odeeffannoo funaanuun mala iddatteessuu mitcarraa/akkayyoofi darbaa dabarsaa fayyadamuun mala qorannoo akkamtaa (qualitative) dhimma ba‟eera. Ragaa qorannoo kanaaf oolu guurrachuufis, afgaaffiifi daawwannaatti gargaaramee jira. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman qaacceffamanii jiru. Akkasumas, Adeemsa sirna qulfoo, miseensota sirna qulfoofi ga‟ee isaanii, qabiyyee sirni qulfoo qabu, faayidaa sirni qulfoo hawaasa itti fayyadamuuf qabuufi fakkoomiin sirnichaa maal akka fakkaatan kan ka‟aamedha. Argannoon qorannoo kanaa, Sirni qulfoo jalqabamee hanga xumuramuutti adeemsota garaagaraa keessa akka darbu, miseensota sirna qulfoo keessa turaniif maqaan kan mogga‟uufi ga‟een hojii kan kennamuuf akkaata dandeettii, beekumsa dhimma sanaa qabaniin akka ta‟e argameera. Haalli bulchiinsaafi adeemsi sirna qulfoo kan haala bulchiinsa kan Sirna Gadaa waliin akka wal fakkaatu argameera. Haaluma kanaan sirni duudhaa hawaasaa kun adeemsi isaafi qabiyyeen isaa bifa barreeffamaafi viidiyoon waraabamee dhaloota dhufuuf osoo ol kaa‟amee sirnichi akka hin hir‟aaffatamneef gargaara. Walumaa galatti, qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta‟a jedhamee kan kaa‟ame, Hayyoonni dhimma aadaa hawaasaa qoratan, barsiisonni afaanii, geggeessitootni waajjira aadaafi turiizimii, abbootiin amantiifi namoonni dhimma kana irratti qorannoo geggeessan hundi Sirna qulfoo aadaa fuudhaafi heerumaa kana keessatti adeemsi sirnichaa, qabiyyeen sirnichaa, nyaatni aadaa sirnicha waaliin wal qabatan xiyyeeffannoon itti kennamee bifa barreeffamaafi waraabbiin kaa‟amuu qaba.

Description

Keywords

Citation